Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel eenyudha?

Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel



"Gabri'eel" jechuun «Waaqaa fi Nama» ykn «Waaqni nama ta'e, Namni Waaqa ta'e» jechuudha. Akkasumas dabalataan «Tajaajilaa Waaqayyoo» jechuudha. Waaqayyo gooftaan uumamtoota isaa uumuu kan jalqabe guyyaa Dilbataati, guyyaa jalqabaa ykn guyyaa Dilbataa kanattis Waaqayyo uumamtoota 8 uumeera. Uumamtoonni guyyaa jalqabaa ykn guyyaa Dilbataa uumamanis;

1. Biyyoo
2. Bishaan
3. Ibidda
4. Qilleensa
5. Dukkana
6. Ifa
7. Samiiwwan Torban
8. Ergamootadha.

Kana irratti kanneen tarred lakkoofsaa 1-4 irra jiran amaloota foonii arfan jedhamuun beekamu.

Samiiwwan torban kanneen jedhamanis;

1. Tsirhaa Ariyaam
2. Manbara Mangist
3. Samaay Wudud
4. Iyyerusaaleem ishee Samii
5. Iyyoor
6. Raamaa fi
7. Ereridha.

Isaan kanneen keessaas 1-3 kan jiran «Teessoo Waaqayyoo» jedhamuun yoo beekaman, Iyyerusaaleem isheen Samii ammoo jalqaba Hangafa Ergamootaa kan ture Saaxinaa'eel qomoo kurnan waliin irra jiraata ture. Oftuulummaa isaa irraan kan ka'es keessaa ari'amee ijoollee Addaam waan gaggaarii hojjataniif iddoo boqonnaa ta'ee kenname. Samii ishee haaraa jedhamuunis ni waamamti. Isa. 65:7, 66:22. Samiiwwan hafan sadan ammoo (Iyyoor, Raamaa fi Erer) magaalaa ergamootaa jedhamuun beekamu.

Gama biraatiin guyyaa Dilbataa kan uumaman Ergamootadha. Ergamoonni kanarraa uumaman, sanarraa uumaman jechuun hin danda'aamu. Garuu iddoo tokko tokkotti Ibiddaa fi Qilleensa irraa uumaman kan jedhu jira. Kunis namni xiqqoo hubannoo akka argatuu fi fakkeenyaan ibsuufi.

Fakkeenyaaf Qilleensi ariifataadha, kan hin qabamne, kan hin tuqamnedha, akkuma kana Ergamoonni Waaqayyoos hojii ykn ergama isaaniitti ariifatoodha, ija fooniitiin hin muldhatan, akkasumas harkaan qabamuu hin danda'aan. Akkasumas Ibiddi cimaa fi humna qabeessa akkuma ta'e Ergamoonnis cimoodha, kana ibsuuf jedha Qilleensaa fi Ibiddaan fakkeeffamu.

Baay'inni Ergamoota Waaqayyoos hangana jedhamee kan dubbatamu miti, baay'inni isaanii hin beekamu, garmalee baay'ee dha, namni isaan lakkaa'uu hin danda'u.

Akkasumas Ergamoota iddoo lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis;

1. Ergamoota Qulqullaa'oo (Ifaa) fi
2. Ergamoota Xuraa'oo (Dukkanaa) dha.

Hangafoota Ergamootaa jedhamuun kan beekaman Ergamoota 7 yoo ta'aan isaanis;

1. Qulqulluu Mikaa'eel
2. Qulqulluu Gabri'eel
3. Qulqulluu Rufaa'eel
4. Qulqulluu Raagu'eel
5. Qulqulluu Uraa'eel
6. Qulqulluu Faanu'eel fi
7. Qulqulluu Saaqu'eelidha.

Gara Mata duree keenyaatti yeroo deebinu Guyyaa Dilbataatti Waaqayyo Ergamoota erga uume booda duraa dhokate. Yeroo kanattis Ergamoota gidduutti gaaffiin «Eenyutu nu uume?» jedhu ni ka'e. Yeroo kanattis Hangafa Ergamootaa kan ture Saaxinaa'eel gara gubbaattis, gara jalaattis yeroo ilaalu sagalee anatu isin uume jedhu waan dhabeef, «Anatu isin uume» jedheen Ergamootaan. Yeroo kanattis Qulqulluun Gabri'eel «Waaqa nu uume hanga barrutti cimnee haa dhaabbannu!» jechuun ergamoota tasgabbeesseera.

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel akka Amantaawwan Gurguddoo Sadanii ykn Abrahaamaawwii kan jedhaman Kiristaanummaa, Amantaa Ayihuudotaa fi Islaamummaatti beekamaadha. Akka Amantaa Islaamaatti «Jibriil» jedhamuun beekama. Akka Amantaawwan kanneeniittis Ergamoota Gurguddoo jedhaman sadan (Qulqulluu Mikaa'eel, Qulqulluu Gabri'eel, Qulqulluu Rufaa'eel) keessaa tokko Qulqulluu Gabri'eelidha. Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoottis hangafoota ergamootaa turban ykn Ergamoota Waaqayyo fuuldura dhaabbatan keessaa tokko Qulqulluu Gabri'eelidha.

Kitaaba Qulqulluu irratti Yeroo jalqabaaf maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel kan caqasame Kitaaba Raajicha Daani'eel irratti yoo ta'u, akka Kitaaba Qulqulluu Manni Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoon fudhattu Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81 tti maqaan Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel iddoo hedduutti barreeffamee argama. Akka Kitaaba Qulqulluu abbaa 66 tti Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel iddoo Afur (4) qofaatti barreeffamee argama. Kakuu Moofaa keessatti iddoo lama jechuunis lamaanuu Kitaaba Raajicha Daani'eel keessa (Dan. 8:16 fi 9:21) akka Kakuu Haaraatti iddoo lamatti barreeffamee argama lamaanuu Wangeela Luqaas keessa (Luq. 1:19 fi 1:26).

Akka Kitaaba Qulqulluu abbaa 81 tti ammoo Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel iddoo kudhan (10) olitti barreeffamee argama. Tokko tokkoon haa ilaallu.

1. K.Heenook 2:27 «.... Yeroo sana Mikaa'eel fi Gabri'eel, Suuri'eel fi Suuriyaal Samii irraa gadi ilaalani.»

2. K.Heenook 3:11 «Gabri'eeliinis Waaqayyo gara nanmoota tuffatamanii fi gara ejjitootaa gara ijoollee warra ejjaniis deemi, ijoollee ejjitootaas cubbuudhaaf kan dhama'aan, ijoollee Seetis nama irraa adda baasiitii balleessi! jedheen»

3. K. Heenook 6:7 «Bofoota irratti, Qulqulloota ykn toloota Jannata jiran irratti, Kiruubeel irrattis kan muudame ergamoota kabajamoo keessaa tokko Gabri'eelidha

4. K.Heenook 10:14 «Inni sadaffaanis Ergamoota irratti kan muudame Qulqulluu Gabri'eelidha naan jedhe.»

5. K. Heenook 14:28

6. K. Heenook 20:40 «Kan lakka'aamuu hin dandeenye Ergamoota baay'ee baay'een arge. Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eel fi Rufaa'eel, mana sanatti ni marsu Samii irra kan jiran Ergamoonni kabajamoonis ana sanaa n ba'u, ni seenu turan

7. K.Heenook 20:41 «Mana sana keessaas Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eeliifi Rufaa'eelis baay'ee kan ta'an lakkoofsa kan hin qabne eegamoonni kabajamoon  kanneen biroo ni ba'an.»

8. K.Heenook 20:46 «.... Gooftaan sunis Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eel fi Rufaa'eel ergamoota hedduu hedduu lakkoofsa hin qabne waliin gara koo dhufe

9. K.Daani'eel 8:16 «Laga Ubaalim gidduudhaanis:- Yaa Gabri'eel! muldhaticha nama kanaaf muldhisi ykn ibsi jedhee sagalee namaa iyyuun dhaga'e»

10. K. Daani'eel 9:21 «Kadhannaa irra osoon jiruus, dursee muldhataan namnin argee ture Gabri'eel, kunoo balali'aa dhufe, yeroo aarsaa galgalaattis na kaase ykn na tuqe.»

11. Wangeela Luqaas 1:19 «Ergamichis deebisee:- Ani fuuldura Waaqayyoo kanan dhaabbadhu Gabri'eelidha.....»

12. Wangeela Luqaas 1:26 «Ji'a Jahaaffaattis Gabri'eel ergamaan gara ganda Naazireet Galiilaa jedhamtuu...»

Ergamoonni Waaqayyoo hundi aangoo mata mataattii isaaniif kenname qabu, isaanis wantoota irratti muudaman garaagaraa qabu jechuudha.

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel wantoonni inni irratti muudame ykn kennaan isaaf kenname;

1. Ergamaa Missiraachoo (Missiraachoo himuu)

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel Kakuu Moofaa keessattis ta'e Kakuu Haaraatti Missiraachoo garaagaraa himuun beekama. Kanneen keessaas muraasa ilaaluuf;

→ Waaqayyo Ergamoota uumee erga dura dhokateen booda Addunyaa Ergamootaatti gaaffii eenyutu nu uume jedhu yeroo ka'ee turetti fi Saaxinaa'eel oftuulummaan anatu isin uume yeroo jedhee turetti «Waaqa nu uume hanga barrutti cimnee haa dhaabbannu» jechuun Ergamoota kan jajjabeessee fi missiraachoo cimina ykn jabina Amantii kan itti hime hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha.

→ Addaam fi Heewaan Seexanaan gowwomfamanii  ajaja Waaqayyoo diiganii, bakkee boqonnaa Jannata keessaa yeroo ari'amanitti Waaqayyo dhala dhala keessan irraa dhaladheen isin fayyisa jedhee yeroo waadaa galeefitti Missiraachoo kana Addaam fi Heewaanitti kan hime Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha.

→ Maanuhee fi haati warraa isaa yeroo hedduuf dhala dhabanii turan ilma Soomsoon jedhamu akka argatan Missiraachoo kan itti hime Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha. K.Abbootii Firdii 13:3-24.

→ Haati manaa Luba Zakkaariyaas Elsaabeet, dhala osoo hin argatiin osoo dulloomtee jirtuu garuu akka ilma «Yohaannis» jedhamu deessu Mana Qulqullummaatti osoo tajaajila irra jiruu Luba Zakkaariyaasitti muldhatee Missiraachoo kana kan itti hime Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha. Luq. 1:11-20.

→ Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos ulfooftee, Tawaahidoodhaan jechi ykn sagaleen foon uffachuun isheerraa dhalatee Addunyaa kana akka fayyisu gara Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamuun Missiraachoo guddaa kana kan itti hime Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha. Luq. 1:26-38

→ Addunyaa kana dhiiga isaatiin kan fayyisu Iyyesuus Kiristoos Beetaliheem mooraa loonii keessatti dhalachuu isaa Tiksootaaf Missiraachoo kan dubbate hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha. Luq. 2:10.

2. Sooraa Kakuu Haaraa

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel Sooraa Kakuu Haaraa jedhamuun ni beekama. Kunis nyaata jireenyaa samii irraa bu'e, aarsaa Kakuu Haaraa kan ta'e Iyyesuus Kiristoos Beetaliheemitti akka dhalate Missiraachoo waan himeefi. Akkasumas Sooraan Kakuu Moofaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eelidha.

3. Kadhannaa fi Aarsaa kan olbaasuudha

Kadhannaa fiaarsaa bakka hundatti jechuunis Gammoojjii keessatti (Gadaamii), holqa keessatti, mana keenyatti, Manneen Kiristaanaa keessatti kan gaggeeffaman aarsaa fi kadhannaa taasifaman walitti qabee iddoo tokkotti Ixaana Urgooftuudhaan Tsinaa Warqeetiin gara Waaqayyootti kan dhiyeessu Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eelidha. Mul. 8:3-5, Luq. 1:10

4. Ogummaa kan barsiisu ykn kan ibsudha

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel ogummaa kan barsiisuu fi iccitii ogummaa kan ibsuu ta'ee muudameera.
«Gabri'eel gara kootti balali'aa dhufee, yeroo aarsaa galgalaattis qaama koo na tuttuqe, na barsiises, natti dubbates akkasis naan jedhe 'Yaa Daani'eel! Ogummaa fi hubannoo siif laachuuf gara kee dhufeera' naan jedhe.» Daan. 9:20-22.

5. Eegaa Jannataati

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel eegduu jannataa ta'ee muudameera. Balbala Jannataa sadaniif Qulqulloonni Ergamoonni ramadamaniiru isaanis;

Balbala karaa Baha Jannataa - Qulqulluu Gabri'eel
Balbala karaa Kaaba Jannataa - Qulqulluu Zuuxu'eel
Balbala karaa Kibba Jannataa - Qulqulluu Iyrumaa'eel

→ Jannata eeguudhaaf Ergamoota ajajaman keessaa tokko Qulqulluu Gabri'eel yoo ta'u, Balbala Jannataa karaa  bahaa jiru Sayifii ibiddaa gaggaragaltu qabachuun kan dhaabbatu isadha. Innis eegduu Jannataati. Uma. 3:24.

Hub:- Seera Uumamaa 3:24 irratti «Addaamis ni baase, daandii gara muka jireenyaa geessu eeguuf Kiruubeel fi Sayifii ibiddaa gaggaragaltu karaa Baha Jannata Eden ni kaa'e». Kana irratti eegumsaaf achi taa'e kan jedhame hoo Kiruubeel jedha, akkamitti Qulqulluu Gabri'eel jedhame? gaaffiin jedhu ni ka'a. Kanaafis deebiin isaa Suraafeel Qomoo Mikaa'eel, Kiruubeel ammoo Qomoo Gabri'eelidha. Mul. 4:6-9. Akkasumas Kitaaba Heenook 6:7 irratti «...Ergamoota kabajamoo keessaa Kiruubeel irratti kan muudame tokko Gabri'eelidha» jedha. Kanaafuu Suraafeel irratti kan muudame Qulqulluu Mikaa'eel, Kiruubeel irratti kan muudame ammoo Qulqulluu Gabri'eelidha.

Guyyoota Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa tti

Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaan hangafni ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel itti yaadatamu ji'a ji'aan ykn jiinni seenee gaafa guyyaa 19 ti. Kuni kan ji'a ji'aanii yoo ta'u waggaatti kan kabajamanis jiru. Isaan keessaas gurguddoon;

1. Mudde 19

Guyyaa kanaatti kan yaadatamee oolu Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel biyya Israa'eelii gara Baabiloonitti booji'amanii kan turan fi fakkii Mootichi Naabukadanatsoor dhaabeef sagaduu diduu isaaniitiin kanneen ibiddatti darbataman daa'imman sadan Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'eel Kan itti ibidda boba'u keessaa itti baasedha.

→ Mootichi Naabukadanatsoor hojjaa ciqilee 60 kan qabu fakkii Warqee irraa hojjachiisee dirree guddaa irratti dhaabsisuun fakkii kanaaf  sagadaa, namni fakkii kanaaf kufee hin sagadne ni adabama jedhee labsii labse. Hundinuu sagalee Malakatii, Imbiltaa, Masiinqoo, Kiraaraa, Baganaa, ulullee akkasumas sagalee sirbaa yeroo dhageessan Fakkii Warqee Mootichi Naabukadanatsoor dhaabeef akka kuftanii sagaddan ajajamtaniirtu, kufee kan hin sagannes ibidda boba'u keessatti ni darbatama jedhe, hundinuu ni sagadan.

→ Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'eel garuu fakkii ati dhaabdeef hin sagannu jedhan.  Mootichis ibidda boba'aa jirutti dachaa torba taasisanii akka bobeessan hojjettoota isaa ajaje. Ijoollee kana sadanis gara ibidda boba'aa jiru kanaatti yeroo darbatan. Kana boodas mootichi namoota sadi ibidda keessatti darbannee hin turree? jedhe gorsitoota isaatiin, isaanis  eeyyeen yaa Mootii jedhanii deebisaniif, Mootichis kunoo harki isaanii hiikamee, osoo homaa hin ta'iin ibidda gidduu kan deddeebi'an namoota afurin  argaa jira, bifti nama isa arfaffaas «Ijoollee Waaqolii» fakkaata jedheen.

Guyyaa kanatti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel gara daa'imman ibiddatti darbataman sadan kanaatti ergamuun daa'imman ana sadan oolcheera, Qulqulluun Gabri'eelis ibidda kana keessaa yeroo isaan baasu Mooticha Naabukadanatsooritti jalqaba akka nama arfaffaatti boodarras ammoo akka ilma Waaqaa ykn ilma Waaqoliitti itti muldhateera. Daa'imman kunis erga ibiddaa ba'aan booda maqaan isaanii Sidraaq, Misaaq fi Abdinaagootti jijjiirameera.

Guutummaa isaa Kitaaba Sinkisaaraa Mudde 19 dubbifamuu fi Kitaaba Raajicha Daani'eel, akkasumas Kitaaba Faaruu Daa'imman sadanii irraa dubbisuu dandeessu.

2. Mudde 22 ykn Bitootessa 29

Guyyaa kanatti ammoo Qulqulluun Gabri'eel gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamuun akka Iyyesuus Kiristoos deessu Missiraachoo itti himeera.

→ Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam umurii ishee waggaa 3tti Mana Qulqullummaa seenuun waggoota 12'f Mana Qulqullummaa keessa turteerti. Haa ta'u malee garuu umuriin ishee waggaa 15 yeroo guutu Ayihuudonni Mana Qulqullummaa keenya balleessiti jedhanii itti inaafuun, Hangafa Lubootaa kan ture Luba Zakkaariyaasiin «Mucaan kun bareedduu waan taateef dargaggoonni ishee arganii dhufanii Mana Qulqullummaa keenya balleessu waan ta'eef nuuf haa baatu!» jedhaniin. Zakkaariyaasis seenee «Akkam wayya?» jedhee ishee gaafate, isheenis «Waaqayyoo gaditti kan jirtu abbaa koos, haati koos si'idha. Ati gara Waaqayyootti naaf beeksisi!» jetteen. Innis gara Waaqayyootti yeroo agarsiisu, Qomoo Yihudaa keessaa jaarsolii niitiiwwan isaanii jalaa du'an ulee isaanii walitti qabiitii Mana Qulqullummaa galchuun guyyaa baasi mallattoo sittin agarsiisa jedheen. Innis akkuma ajajametti uleewwan 1985 walitti qabee akkuma jedhametti Mana Qulqullummaa galchee yeroo baasu uleen Yooseef lalistee argamte, ulee kana irrattis «Yaa Yooseef kaadhima kee Maariyaam eegi!» barreeffamni jedhu argameera. Carraa yeroo buusanis Yooseefiif gahe Gugeenis dhuftee mataa isaarra qubatte, gara mana isaattis fudhatee gale.

→ Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis bishaan waraabuuf yeroo gara lagaatti deemte. Yeroo waraabdee deebituttis Saree bishaan dheebotee gorora isaa coccobsu argitee Dubartoonni ishee waliin turan kanneen biroo yeroo Saricha ari'an isheen garuu «Maali Uumama Waaqayyoo mitii? » jechuun bishaan obaaste. Dubartoonni sunis «Ati kan hojii hin qabnedha» jechuun itti qoosuu eegalan. Isheen garuu Bishaan waraabdee Saree obaaste sana Waaqayyo raajidhaan guuteefiira. Yeroo deebituttis Qulqulluun Gabri'eel «Ni ulfoofta!» jedheen, isheenis of-duuba garagaltee yeroo ilaaltu homaayyuu arguu dhabde, Abbaa koo Addaam fi Heewaan kan gowwoomse Seexana ta'uu danda'a jettee calliste. Mana geesse Hubboo ishee akkuma buufatteen ammas «Ni ulfoofta» jedheen, isheenis wanti kun natti deddeebi'e dhaqee Mana Qulqullummaatti hubachuun qaba jettee yeroo Mana Qulqullummaa deemtee Warqii fi Harrii dhooftu Qulqulluun Gabri'eel isheef ibsamuudhaan «Kennaan kan guutamte Gammadi! Waaqayyo fuulduratti ayyaana argatteertahoo, hin sodaatiin ni ulfoofta, ni deessas maqaa isaas Iyyesuus ni jettaan» Luq. 1:31 Jedheen. Maariyaamis ergamichaan «Dhiira waanan hin beekneef kuni akkamitti ta'a?» jetteen Ergamichis «Afuurri Qulqulluu sirra bula, humni Waaqayyoos si golga, kan sirraa dhalatu kunis ilma Waaqayyo Qulqulluu ni jedhama........» jedheen haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis «Akka jecha kee naaf haa ta'u, ani Waaqayyoof garbittii isaati » jetteen. Kana boodas Ilmi ykn Iyyesuus Kiristoos gadameessa ishee keessa bule.

Hub:- Ergamaan Qulqullichi Gabri'eel Missiraachoo kana haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti kan hime Bitootessa 29 dha. Sababni itti Mudde 22 akka kabajamu itti taasifameefis Ephiis Qophoosii Xilxiliyaa kan ture Qulqulluun Daksiyoos waan ajajeefi. Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam garmalee jaallata waan tureef, baay'ee ishee jaallachuu isaa irraan kan ka'e Biirii kaasee, Qalama bulbulee, Biraannaa tolchee ykn duugee guyyaa guyyaatti Raajii ishee barreessa ture, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis itti muldhattee ykn ibsamteefii guyyaa hardhaa kana ayyaana kana kabajuu keetiif, raajii koos barreessuu keetiif jettee uffata inni uffatuu fi teessoo Warqee inni irra taa'u eenyuyyuu akka irra hin teenye kenniteertiifi sababa kanaan guyyaa kana ykn Mudde 22 kabajama ayyaanni kun.

3. Adoolessa 19

Guyyaa kanatti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel ibidda boba'aa keessaa Qulqulleettii Iyyaluxaa fi ilma ishee Qulqullicha Qiirqoos baaseera.

→ Qulqulluun Qiirqoos fi haati isaa Qulqulleettiin Iyyaluxaa biyyi isaanii Room (Xaaliyaanii) Angeebeenidha. Abbaan Qulqulluu Qiirqoosis Qoosmiiz jedhama. Isaanis kan turan bara Wareegamtootaa Jaarraa 4ffas keessa yoo ta'u, bara sanattis Mootichi hamaan fi Ahizaabii ta'e Diyooqilixiyaanoos labsii labsee ture.Labsiin isaas «Manneen Kiristaanaa has cufaman, Manneen Xaa'otii haa banaman» kan jedhuufi bara 303 Dh.K.B kan labsamee turedha. Sababa kanaanis Kiristaanonni hedduun ni godaanan, Qulqulleettiin Iyyaluxaas daa'ima ishee waggaa sadii Qiirqoos qabattee gara Iqooniyoonitti baqatte.

→ Mootichi Ala'iskindiroos ishee waamsisee «Kiristoos gani! Xaa'otiif sagadi!» jedheen. Isheenis «Harka keetiin hojjattee fakkiiwwan ati dhaabdeef hin sagadu!» jettee. Innis «yoo ati didde Sayifiidhaan ajjefamta!» jedhee ishee sodaachise, isheen garuu homaayyuu hin sodaaanne amantii isheen cimtuu waan turteef. Mootichi Hubboo Sibiilaatti bishaan danfistanii sana boodas achi keessatti isaan galchaa jedhee ajaje. Danfinni bishaanichaas akka bakakkaa gannaa hanga ciqilee 15 gara oliitti ni danfa ture. Gara bishaan danfeettis galchuuf yeroo isaan geessan Iyyaluxaan garaa ishee keessatti xiqqoo  ni sodaatte, ilma ishee Qiirqoos irra garuu Afuurri Qulqulluu buluun sodaa haadha isaa irraa fageesse. «Haadha koo! jabaadhu! Cimi! Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'eel ibidda keessaa baase nus nu fayyisa» jechuun ishee jajjabeessuun uffata ishee harkisaa gara ibiddichaatti dhiyaatan, isheenis cimuudhaan laphee ishee guutuudhaan walqabatanii gara bishaan danfeetti seenan. Waaqayyos kanneen isa amanan kan hin irraanfanne Ergamaa isaa Qulqulluu Gabri'eel erguun ulee Fannoo isaa qabatee bishaan danfaa sana dhaamsuun isaan oolcheera.

Egaa akka fedha Waaqayyootti waa'ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel hardhaaf kan isiniif barreessine kana fakkaata ture. Yaada keessan nuuf barreessuu hin dagatiinaa!

Eegumsi fi kadhannaan Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

  1. Waaqayyo sagalee jireenyaa isin haa dhagessisu! bara tajaajila keessan isiniif haa dheeressu!

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)