Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel eenyudha?

Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel



Qulqulluun Mikaa'eel hangafa ergamootaati. Akka Mana Kiristaanaa keenyatti hangafoota ergamootaa jedhamuun kan beekaman ergamoota torba /7/ tu jiru. Isaanis;

1. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel
2. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel
3. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Rufaa'eel
4. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Raagu'eel
5. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Uraa'eel
6. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Faanu'eel
7. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Suuriyaal

Akkasumas as irratti Qulqulluu Uraa'eel keessaa hambisuun Qulqulluu Afniin kan itti dabalanii fi yeroo tokko tokko ammoo Qulqulluu Suuriyaal keessaa hambisuun Qulqulluu Afniin bakka buusanii hangafoota Ergamootaa torban kan jedhaman isaan kanadha kan jedhan jiru, maalis ta'e maal hangafoota ergamootaa kan jedhaman torbadha. Tarii iddoodhaa iddootti maqaan isaanii gargar ta'uun akka amantaalee garaa garaatti waan ilaalamaniif ta'uu danda'a, sababni isaas akka ragaan Wikipedia ibsutti akka Manneen Amantaa araarsummaa Qulqulluu Mikaa'eel amananiitti fi akka Amantaawwan akka Kiristaanummaa, Islaamummaa fi Yihuudiiziimiitti hangafni Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel dha.

Read also

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel eenyudha?

Hangafoonni ergamootaa ykn hangafoota Ergamootaa kan jedhaman torba jiraataniyyuu hangafni isaan hundaa ykn hangafni isaanii hundumaa garuu Qulqulluu Mikaa'eelidha. Hangafoonni Ergamootaa warreen kaan hangafoota jedhamaniyyuu aangoon ykn hangafummaan isaanii Qomoo tokko irrattidha malee akka Qulqulluu Mikaa'eel miti, Dirsaana Qulqulluu Rufaa'eel irrattis akkuma ibsame hangafoonni Ergamootaa torba jiraataniyyuu hangafni isaanii hundaayyuu Qulqulluu Mikaa'eel dha.

Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel afaan Ibraayisxii yoo ta'u hiikni isaas «Kan akka Waaqayyoo eenyu?» kan jedhudha. Akkasumas maqaan Ergamootaa dhuma irratti «-Eel» kan jedhu maxxanfata, «-Eel» jechuunis Waaqayyo jechuudha, kunis tajaajiltoota Waaqayyoo ta'uu isaanii ibsuufi.

Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel kunis;

Afaan Ibraayisxii dhaan yeroo barreeffamu « מִיכָאֵל, »  yeroo dubbifamus «Mikaa'eel»

Afaan Giriikiitiinis yeroo barreeffamu « Μιχαήλ,» yeroo dubbifamu ammoo «Mikhaḗl»

Afaan Laatiniitiin ammoo yeroo barreeffamu «Michahel» yeroo dubbifamu ammoo «Mikaa'eel»

Afaan Arabiffaan ammoo yeroo barreeffamu « ﻣﻴﺨﺎﺋﻴﻞ ,» yeroo dubbifamu ammoo «Mikaa'eel» dha. Akka amantaawwan Kiristaanummaa, Islaamummaa, Yihuudiiziimii fi amantawwan araarsummaa Ergamootaatti amanan kanneen birootti hangafa Ergamootaa hundaa ta'uun beekama.

Maqaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel Kitaaba Qulqulluu keessatti

Maqaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel Kitaaba Qulqulluu abbaa 66 keessatti yeroo shan (5) barreeffamee ykn caqasamee argama, garuu akka Kitaaba Qulqulluu manni Kiristaanaa keenya fudhattu abbaa 81tti yeroo digdama (20) ol caqasamee argama. Isaanis;

1. K. Heenook 2:27 «Yeroo sana Mikaa'eel fi Gabri'eel,  Suuri'eel fi Suuriyaan Samii irraa gadi ilaalan»

2. K. Heenook 3:14 «Waaqayyos Mikaa'eeliin 'deemiitii Simiyaazaatti himi, isa waliin kan jiran cubbuu isaanii hundaa waliin akka badaniif, dubartoota waliinis kan namoota ta'aaniif itti himi', jedheen.»

3. K. Heenook 6:5 «Gaarummaa namaaf hojjate irratti uummataaf ajajamaadha waan ta'eef, Ergamoota turan ykn jiran keessaa tokko Mikaa'eel dha»

4. K. Heenook 7:12 «Yeroo sanatti ana waliin kan jiru isaan irratti kan muudame, daran kan kabajaman Ergamoota keessaa tokko Mikaa'eel naaf deebise»

5. K. Heenook 10:12 «Innis jechi  jalqabaa haa hafu kan jedhu, dheekkamsa irraas kan fagaate Qulqulluu Mikaa'eelidha naan jedhe»

6. K. Heenook 14:28 «Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eel fi Rufaa'eelis isaan guddoo kan taate guyyaa sanatti cimsanii ykn jabeessanii ni kuffisuun»

7. K. Heenook 16:6 «Qulqulluun Mikaa'eelis ergamoota kabajamoo keessaa tokko ergamaa biraa ergee na kaasise»

8. K. Heenook 16:8 «Qulqulluun Mikaa'eelis muldhata akkamii argitee akkasitti dhiphatte naan jedhe»

9. K. Heenook 19:1 «Guyyaa sanattis Qulqulluun Mikaa'eel beekumsi Afuura Qulqulluu isaa gara gaddaatti na geessa na cinqisiisa jedhee Qulqulluu Rufaa'eeliif deebise»

10. K. Heenook 19:4 «Lammaffaas Qulqulluun Mikaa'eel, Rufaa'eeliidhaan wanta kanaan lapheen isaa kan hin laafne, jecha kanarraa kan ka'es Kaleen isaa kan hin dhiphanne eenyudha jedhee deebiseef»

11. K. Heenook 19:6 «Kadhachuudhaafis Gooftaa ykn Waaqa Ergamootaa fuuldura yeroo dhabbatetti akkas ta'e, Qulqulluun Mikaa'eel  Qulqulluu Rufaa'eel dhaan akkas jedhe 'Gooftaan ergamootaa isaanitti dheekkameera waan ta'eef, Gooftaa fuulduratti dhiifamni isaaniif hin taasifamu' jedheen»

K. Heenook 20:5 «Maqaa kanas jabaa kan ta'e Waaqni Qulqulluu Mikaa'eel harka kaa'e, maqaan kunis iccitiiwwan dhokatoo isaa isaan kana, uumamtoonni hundi mihillaa ykn Kakuu isaatiin cime»

12. K. Heenook 20:32 «Hangafoota Ergamootaa keessaa ergamaan inni tokko Mikaa'eel harka koo mirgaa qabee na kaase, iddoo dhiifamni isaa dhokate hundaa na baasee gara iddoo araarri isaa dhokateetti na fide.»

13. K. Heenook 20:40 «Kan lakka'aamuu hin dandeenye Ergamoota baay'ee baay'een arge. Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eel fi Rufaa'eel, mana sanatti ni marsu Samii irra kan jiran Ergamoonni kabajamoonis ana sanaa n ba'u, ni seenu»

14. K. Heenook 20:41 «Mana sana keessaas Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eeliifi Rufaa'eelis baay'ee kan ta'an lakkoofsa kan hin qabne eegamoonni kabajamoon  kanneen biroo ni ba'an.»

15. K. Heenook 20:46  «... Gooftaan sunis Gabri'eel fi Mikaa'eel, Faanu'eel fi Rufaa'eel ergamoota hedduu hedduu lakkoofsa hin qabne waliin gara koo dhufe.»

16. K. Heenook 33:4 «Nama irraa adda kan ta'e Mikaa'eelis ni waame, erga ajajamanii gonka ba'aanii isaan keessaa ni balleessu waan ta'eef, Israa'eeloota kana irratti balleessaa barsiisonni taasisan hunda argitee hubadhu qabadhu jedheen»

17. K Heenook 33:18 «Akkuma kana muldhataan wanta kana barreessu Qulqulluu Mikaa'eeliin guyyuma hundatti barsiisota kanneen keessaa kan baduuf isa tokkof isa tokkoofis akka barreessuuf nan arge »

18. K. Heenook 33:28 «Kitaabicha kan barreessu kunis Qulqulluun Mikaa'eel baasee gooftaatti agarsiise, Gooftaa Israa'eel bultoo Waaqayyoottis ni dubbise, waa'ee isaaniifis ni kadhataan»

19. K Heenook 33:51 «Maqaa Moototaa kan barreesse Qulqulluu Mikaa'eel kunis hamma dhufutti gaheen ilaale»

20. K. Heenook 33:55 «Jecha gooftaatiin kitaabicha kan barreessu kana Qulqulluu Mikaa'eelis, boodarra kan ka'aan Mootonni kudha lamaan kun nama kan itti balleessan Kitaaba kana hamma banutti gaheen ilaale»

21. K. Heenook 34:5 «Sammuu kan qaban hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta'u, isa fuulduratti cubbuu moototaa kan barreessu Qulqulluu Mikaa'eel...»

22. K. Maqaabiyaan 1ffaa 9:8 «Du'oonni itti ka'uudhaaf afaan hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eeliin Malakatiin yeroo afuufamutti osoo hin ka'iin awwaala keessatti hin haftu waan ta'eef wanta akkasii hin yaadiin»

23. Tarafa Baarook 5:38  «.....Waa'ee Qomoo keetiif, waa'ee Israa'eeliifis nan kadhadha, waa'ee kadhannaa Suraafeeliif, waa'ee ixaana jaalatamaa foolii gaarii qabuu Kiruubeeliis si kadhadha, wanta dhugaaf kan ergamu Mikaa'eelis dhugumatti  kan galateeffatudha, beekumsa isaa kan naaf ibsu hanga iddoo toloonni ykn qajeelonni seenaniitti dhugumatti balbala isaa kan naaf banu isadha.»

24. Dan. 10:13 «Hangafni Mootii Faars guyyoota 21 na dhaabe, kunoo hangafoota gurguddoo keessaa tokko Mikaa'eel na gargaaruu dhufe. Anis Mootota Faars waliin achittin isa dhiise»

25. Dan. 10:21 «Garuu, dhugumatti kan barreeffame sittin hima wanta kanaanis hangafa isaanii Mikaa'eeliin ala kan na tasgabbeessu eenyuyyuu hin jiru»

26. Dan. 12:1 «Yeroo sanattis waa'ee ijoollee namaaf kan dhaabbatu hangafichi Mikaa'eel ni ka'a, uummannis erga ta'ee kaasee hanga bara sanaatti akka sanatti kan hin taane barri rakkoo ni ta'a. Bara sanattis kitaaba irratti barreeffamee kan argame uummanni kee hundi tokkoon tokkoon isaa ni fayya»

27. Yihuudaa :9 «Hangafni Ergamootaa Mikaa'eel garuu waa'ee foon Musee yeroo dubbatu Seexana waliin yeroo wal mormetti, gooftaan si haa ifatu jedhe malee jecha arrabsoo itti dubbachuuf hin barbaanne»

28. Mul. 12:7 «Samii irrattis lolatu ta'e, Mikaa'eel fi ergamoonni Jawwicha ni waraanan, Jawwichis Ergamoota isaa waliin ni lole isaafis hin danda'aamne»

Aangoowwan gurguddoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel

1. Dhiifama kan kennisiisudha

→ Dhiifama Waaqayyoo gara ilmaan namootaatti kan fidu ergamaa garraamiidha.

→ Sabni Israa'eel jabina laphee isaaniirraa kan ka'een akka isaan hin balleessineef kadhannaa isaatiini dhiifama waan gochiisiiseefi biyya abdii godhatanii turan kan isaaniin gahe Qulqulluu Mikaa'eelidha. Seera Ba'uu 33:1-3. Kanaafidha sirna Qiddaasee irratti «Qulqulluu Mikaa'eeliif aangoo dhiifamaatu isaaf kenname» kan jedhamuuf.

Ilmaan namaa hundaaf Waaqayyo dhiifama isaa akka kennuuf ergamaa ilma namaaf dhaabbatu ta'uu isaa ibsa.

2. Gorsaa Qulqullootaa

Qulqulluun Mikaa'eel gorsaa Qulqullootaa jedhama. Uummata jireenyi milkaa'uufii didee hundi itti dukkanaa'e gorsa isaatiin kan isaaniif sirreessu Qulqulluu Mikaa'eelidha.

Biyyi Baabiloon dhiiga Raajotaa yeroo dhangalaasaa turtetti Qulqulloonni biyya sana keessa jiraatan akka hojii isaanii keessatti hin hirmaanneef kan isaan gorsaa ture Qulqulluu Mikaa'eelidha. Mul. 18:1-10.

Kanaafidha Raajichi Daani'eel bara koolu-galtummaa biyya Baabiloon keessa yeroo turetti Amantii isaafi Qulqullummaa isaatti akka cimuuf kan isa gorsaa ture Qulqulluu Mikaa'eelidha. Dan. 10:21.

3. Kan Waaqayyo Gorsudha

Waaqayyo Waaqa hunda danda'u Waaqa hundumaa beekudha. Amalummaa isaa keessatti nama isa gorsu hin barbaadu. Garuu kennaan Waaqayyoo daangaa waan hin qabneef jaalala Qulqullootaaf qabu yeroo ibsu yaada isaaniifi kadhannaa isaanii simachuun ni raawwata ykn hojiirra ni oolcha. Faar. 88:6-7 Waaqayyo kan samii irratti isa gitu eenyu? Ijoollee Waaqolii keessaas kan Waaqayyo fakkaatu eenyu? Gorsa Qulqullootaatiin Waaqayyo ulfaataadha.

Akkuma Gorsa Qulqullootaatiin Waaqayyo ulfaataadha jedhame Qulqulloota hunda keessaa inni hangafa ta'ee muudame ammoo Qulqulluu Mikaa'eelidha.

Kan Waaqayyoon gorsudha yeroo jennu ulfina Waaqayyoo wanta gadi qabne kan isaanitti fakkaatu namoonni tokko tokko ni jiru, Waaqayyo garuu hojii isaa hundi gonkumaa mudaa tokkoyyuu kan hin qabne Gooftaa waa hundaa yoo ta'u yaada Qulqulloota isaa fudhachuun isaa ammoo gadi of qabuu isaa nu barsiisuufidha.

4. Kan nama gargaarudha

Yeroo Mootiin biyya Asoor Seenaakireem kan jedhamu aangoo Lubummaa fi mootummaa lamaanuu kan qabu Hizqiyaas nama Waaqayyoo irratti ka'etti Qulqullichi Mikaa'eel ergamoota Waaqayyoo baay'ee qabatee dhufee isa baraaree jira. 2 Moot. 19:35-39

Ergamaan nu fayyisuuf kan ergaman, ergamaa Qulqullootaa hin muldhannedha. Ibr. 1:14 Amantiidhaan isaan fudhachuun nurraa eegama. Ergamoonni Waaqayyoo naannoo namoota Waaqayyo sodaatanii ni buufatu, isaan ni fayyisus Faar. 33:7 akkuma jedhame ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Mikaa'eel Iyyaasuutti muldhachuun gargaareera. Kanaafuu namoota Waaqayyo sodaataniifi ergamoota Waaqayyoo jaallatan hundaa akka gargaaruuf Waaqayyo birraa kennaan kennameefiira hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eeliif.

5. Sooraa Kakuu Moofaati

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel saba Israa'eeliif gaggeessaa isaanii ta'ee Kitaaba Seeraa Kakuu Moofaa keessatti Sooraadh hanga gargaarsaatti ergamaa isaan tajaajiledha. Akka nyaataniifis Mannaa isaaniif roobsee Samii irraa biddeen kenneefii Biddeen Egamootaas namni ni nyaate. Ergamoonni akka namaatti biddeen kan nyaatan ta'aanii osoo hin taane harka ergamootatiin Samii irraa bu'e namoonni waan nyaataniifi biddeen Ergamootaa namni nyaate kan jedhame. Ergamaan Soore kunis Sooraa Kakuu kan ta'e Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eelidha.

6. Seexana kan Ifatudha

Seexanni uummata Israa'eeliin dammaqsee ykn kakaasee awwaala Musee itti agarsiisuufi Waaqayyo waliin wal isaan lolchiisuuf ni ka'e. Hangafa Ergamootaa kan ta'e Qulqulluun Mikaa'eel Waaqayyo kan dhokse ati muldhisuu hin dandeessu jechuudhaan kan Seexana ifatu waan ta'eef Seexana ifate. Yih. :9.

7. Aarsaa gara Waaqayyootti kan ol baasudha

Ergamichi Waaqayyoo ulee harka isaa jiruun Fooniifi maxinoo sana tuqe, yeroo sanas abiddi kattaa keessaa jiru gadi ba'ee Fooniifi Maxinoo sana nyaate. Kitaaba Abbootii Firdii 6:11-12.

Aarsaan Geedewoon sababa ergamaa sanaatiin gara Waaqayyootti ol ba'e. Ergamaan kunis Qulqulluu Mikaa'eel aarsaa Geedeewoon kan olbaase nuufis kadhannaa keenya, galatoo keenya, faarfannaa keenya, tajaajila aarsaa keenya hunda kan Waaqayyo biraan nuuf gahu Ergamaa ajaa'ibaa kan ta'e Qulqulluu Mikaa'eelidha.

Fakkeenyummaa fi iccitii isaa;

→ Geedeewoon Kiristoosiin fakkeeffama. Geedeewoon aarsaa qopheessee diina isaa akkuma mo'atee Israa'eel akkuma garbummaa jalaa baase, Kiristoos ammoo ofii aarsaa ta'ee uummata isa gabrummaa Seexanaa jalaa baaseera waan ta'eef Geedeewoon fakkeenya Kiristoosidha.

→ Uleen Ergamichi qabate ammoo fakkeenya Fallaana Fannoo «Irfe Mesqeliiti». Ergamichi harkaan osoo hin tuqiin uleedhaan tuqee akkuma aarsaa ol baase, hardhas Daaqoniin ykn Lubni dhiiga Waaqummaa harkaan osoo hin taane Fallaana Fannoo ykn Irfe Mesqelii kanaan kennuu isaaniif fakkeenya.

→ Foon sun ammoo Foon ilma Waaqayyooti, akkasumas dhangala'aan sunis dhiiga ilma Waaqayyoo dhangala'een fakkeeffama.

Guyyoota Yaadannoo Ayyaana hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel

Read also

Ayyaanota Yaadannoo Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa keenyatti

Akka Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaan yaadannoo kan ji'a kan Qulqulluu Mikaa'eel ji'i seenee gaafa guyyaa 12ffaa yoo ta'u, akka waggaatti ykn waggaa waggaadhaan kan kabajaman gurguddoon ammoo Sadaasa 12 fi Waxabajjii 12

Sadaasa 12

Guyyaa kanatti ayyaanni kabajamu Israa'eel warri Foonii waggoota 430'f Gibtsii erga jiraatanii booda, guyyaa kanatti Gibtsii guyyaan itti ba'an ni yaadatama. Israa'eeloonni gara Gibtsiitti Kana'aanii ba'aanii kan galan sababa beelaatiin yoo ta'u, obboleessa isaanii Yooseefis dursanii gurguranii ture.

Kana'aanii godaananii sababa beelaatiin gara Gibtsii maatii 70 ta'aanii galan. Baroota edduu boodas Faari'oonni Yooseef hin beekne ni ka'e. Israa'eeloonni nu caalaa baay'ataniiru, diinni yoo nurratti ka'e gara diinaatti dabalamanii nu balleessu jedhee gidiraa fi rakkoo itti cimse, isaanis gidiraa isaanirra gahe hunda simachaa dhama'aa jiraatan, ijoolleen dhiiraa yeroo dhalatan deessistoota isaaniitiin akka ajjeefaman ajajni ni kenname. Raaheel kan jedhamtu dubartiin  Israa'eel ykn Ibruu abbaan manaa ishee Roobeel jedhamu jalaa du'e, hojii abbaa manaa ishees kan keetti dabaliitii hojjedhu jedhamtee dhoqqee yeroo dhiittu ykn yeroo bukeessitu ciniinsuun ishee qabe, yeroo kanas xiqqoon boqodha jette yeroo kanas namichi ishee hojjachiisu namni Gibtsii dhiiti jedhee ishee dirqamsiise, gadameessa ishee keessa kan turan daa'imman lakkuunis miila ishee jalatti kufan, dhiigni daa'imaa gamoo cimsa jedhee dhoqqee waliin dhiiti jedheen, isheenis imimmaan ishee  gara Samiitti facaaste. Erm. 31:15, Maat. 2:17.

Kana boodas Waaqayyo Musee dhaan Faara'ooniin saba koo gadhiisi siin jedha Waaqayyo jedhiin jedheen. Faara'oonis deebisee Israa'eeloota akka gadhiisuuf ykn Israa'eeloota kanan gadhiisuuf Waaqayyo eenyudha? jechuudhaan hin dhaga'u jedhee dide, dheekkamsoota sagaliin, dheekkamsa kudhanaffaa irratti du'a ijoollee hangafaatiin Gibtsoota rukute, Waaqayyos Museedhaan akkas jedhe kophee keessan miila keessanitti, ulee keessan harka keessanitti qabattanii ykn godhattanii akkas jedhaa innis Faasikaa Waaqayyooti. Anis halkan sanatti biyya Gibtsiitti namaa hanga bineeldotaatti hangafoota hunda nan ajjeesa, Waaqolii Gibtsii hundumaatti nan farada ani Waaqayyodha dhiigichis mallattoo isiniif ta'a. Seera Ba'uu 11:11.

Waaqayyos Museedhaan «Uummata garbumma jalaa Gibtsii dhaa kan itti baatan guyyaa kana yaadadhaa» jedheen. Ba'uu 13:1.

Akkasis ta'e halkan qixxee yeroo ta'etti Waaqayyo Teessoo isaa irra kan taa'ee jiru ilma hangafaa Fara'oonii kaasee hanga hangafoota ijoollee Gibtsootaa rukute, sabni Israa'eelis bilisa ba'e.

Waxabajjii 12

Qulqulleettii Afoomiyaa

Guyyaa kanatti ykn Waxabajjii 12 Qulqulluun Mikaa'eel gara Keelqiyaatti dubartii gaarii Afoomiyaa jedhamtu kan abbaan manaa ishee ammoo Astaraaniiqoos jedhamu turee dhaqe. Qabeenya qabdu irraa kennaa garaa garaa hiyyesotaa fi mana Waaqayyootiif kennaa, kadhannaa fi tsoomiidhaan murtooftee jiraatti turte. Seexannis waan gaarii hin jaalatu waan ta'eef Manaksee gaarii fakkaatee, Monokseewwan dubartootaa fakkeessee raayyaa Seexanaa of duuba hiriirsisee gara mana ishee deemee ishee waamsise, isheenis mana seenaatii Si'ilii Qulqulluu Mikaa'eel fuulduratti naaf kadhadhaa jetteen. «Nutimmaa ganama kadhanneerra, siif garuu kadhannaa fi tsoomiin kuni hundi maal siif godha? Yoo baay'ate yeroo malee akka nama miidhu hin beektuu? Qabeenya kee kennitee maalif fixxe, yeroo dhadhabdu kan si gargaaru, kan si sooru mucaa hoo hin qabdu, lammaffaa heerumuun cubbuu sitti fakkaatee? Abirahaam fa'a. Daawwit fa'a, dubartoota hedduu irraa ijoollee hedduu horaniiru, amma heerumi waanan ani siin jedhu tole jedhi» jedheen. Isheenis «Oooo! Yaa Abbaa Qoobiin kee gaarii, dubbiin kee ammoo badaa» jetteenii abbaan manaa ishee lubbuudhaan yeroo jiru Si'ilii Qulqulluu Mikaa'eel inni hojjechiiseefii ture iddoo jiruu kaastee yeroo itti agarsiistu «Waxabajjii 12 dhufeen kan ittiin of jajje ykn dhaadatte Si'ilii kana waliin sin balleessa» jedheenii achii bade. Waxabajjii 12 ergamaa ifaa fakkaatee dhufee Tsoomii fi kadhannaan, sagadni, kennaan kee ol ba'eera si fayyisuun dhufe naaf sagadi jedheen. Isheens ati eenyu? jetteen innis hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel dha jedheen. Isheenis ergamaan Mootii ykn Gooftaa akkamitti Fannoo malee deema, uleen Fannoo kee eessa? jetteen innis Fannoo qabsiisanii ykk fannoo waliin kaasuun barteedha malee nuti ergamoonni hin qabannu jedheen. Isheenis turi ykn na eegi Si'iilicha siin fida jettee gara mana isheetti yeroo garagaltu bifa isaa jijjiiree dukkana fakkaatee isheetti mul'atee Qulqulluun Mikaa'eelis libsuu ijaa keessatti dhufee Afoomiyaa gargaaree, Kadhannaan kee, Tsoomni kee, sagadni kee, kennaan kee dura Waaqayyoo gaheera boqonnaan kee hardhadha, jedheenii ishee duraa dhokate, isheenis gara Mana Kiristaanaa deemtee Fooniifi dhiiga isaa fudhattee qabeenya ishee hunda kennitee guyyaa kanatti kabajaan boqoteerti.

Baahiraan

Biyyi isaa Iskindiriyaa dha, abbaa fi haati isaa ayyaana Qulqulluu Mikaa'eel kabajaa jiraatu ture. Baahiraan garaatti baatamee osoo jiruu abbaan isaa ni du'e, Baahiraanis yeroo dhalatetti hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel isa eebbisee qabeenya sooressoota ollaa keetii ni dhaala yeroo jedhuunis ollaawwan ishee dhaga'aanii dubbicha olii fi gadi buusanii erga ilaalaa turanii Baahiraan yeroo umuriin isaa waggaa kudhan yeroo guutu haati isaa waan isa nyaachiftee guddiftu dhabdee garmalee waan rakkatteef warri ollaa sun nuti fudhannee haa guddifnu jedhanii isheedhaaf Warqee waqeetii digdama kennanii Baahiraan fudhatan. Sana boodas hoggasuma Saanduqa ykn Saaxinii hojjachiisee Saaxinii sana keessatti galchee galaana keessatti isa darbate, dambaliinis isa dhiibaa, isa oofaa qarqara galaanaatti isa gate. Tiksee Hoolota eegu tokkos isa argatee qodaa ykn qarshii daldalaa jalaa badedha ykn dambaliin nyaatedha jedhee mana geessee yeroo banee ilaalu mucaa bareedaa arge innis mucaa barbaada waan tureef gammadee fudhatee maqaa isaas «Baahiraan» jedhee moggaase
Galaana keessaa kan argame jechuudha. Namichi tiksee kunis waan qabubirraa nyaachisaa, obaasaa isa guddise.

Waggoota hedduu boodas abbaan qabeenyaa Baahiraan galaana keessatti gate sun daldalaa gara biyya fagoo yeroo deemu itti dhiyee mana nama Baahiraan guddisaa jiru biratti goree bule. Namichi Baahiraan bira jiru sunis «Baahiraan, Baahiraan» jedhee yeroo Baahiraan waamu abbaan qabeenyaa sun dhaga'ee «Baahiraan jechuun maal jechuudha? Maalif akkas jedhame?» jedhee gaafate, namichi sunis Baahiraan jechuun kan Galaana keessaa argame jechuudha jedhee deebiseef, abbaan qabeenyaa sunis «Yoomidha kan argatte?» jedhee gaafate, namichi sunis yeroo isaa caqasee wanta hunda itti hime, abbaan qabeenyaa sunis laphee isaatti «Edaa hin duunee» jedhee ganama yeroo bari'u «mana kootti qodaan ani irraanfadhee dhufe jira waan ta'eef maaloo naaf eyyamiitii mucaa kee Baahiraan nan ergadha, gatii dhadhabbii isaas siin kaffala» jedheen. Namichi tole jedhe. Abbaan qabeenyaa sunis «Akkuma gaheen ajjeesaa!» jedhee xalayaa barreessee, irratti mallatteessee galaa kenneefii erge. Baahiraanis deemsa guyyaa sagalii deemee daandiin guyyaa tokkoo yeroo isa hafu Qulqulluun Mikaa'eel bifa namaatiin farda irra taa'ee raayyaa isaa waliin daandii irratti itti dhufe, «Yaa mucaa garam deemta?»  jedhee isa gaafate Baahiraanis «Ergaa ergame isa geessuufan deemaa jira» jedhee deebiseef. Qulqulluun Mikaa'eelis «Ergicha natti agarsiisimee» jedheen yeroo kanattis ergamaan Qulqulluun Mikaa'eel ergaa sana gara gammachuutti jijjireef. Baahiraanis xalayaa sana mana gahee itti kenne, mucaan abbaa qabeenyaa sanaas xalayicha banee yeroo ilaalu «Mucaa kana fuusisaa, qabeenya koo hunda dhaalchisaa, garboonni koos haa bitamaniif» jedha. Innis akkuma ajajametti Baahiraan intala abbaa qabeenyichaa fuudhe, abbaan qabeenyaa sunis yeroo daldalaa deebi'u, sagalee wacaa fi gammachuu mana isaatii dhaga'ee «Sagaleen ani dhaga'u kun kan maaliitii? Maaltu argame?» jedhee yeroo gaafatu, namichi ati ergite intala kee fuudhee, qabeenya kee dhaalee kunoo guyyaa afurtama guutuu gammachuu ta'e jedheen, Abbaan qabeenyaa sunis nahee hoggasuma farda isaa irraa kufee du'eera. Baahiraanis qabeenyaa namichaa dhaalee Waaqayyo galateeffachaa, Qulqulluu Mikaa'eelis kabajaa jiraate.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!


Faaruu kana dhageeffadhaa!!!



Post a Comment

3 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)