Subscribe To Our YouTube Channel

Mul'ata Qulqulluu Yohaannis | Seenaa, Qoqqoodama, Hiikoo fi Qo'annaa Kitaaba Mul'ata Qulqulluu Yohaannis

Mul'ata Qulqulluu Yohaannis


Seensa :- Maatiiwwan Waaqayyoo, ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu? yeroo darbe Seenaa fi Qabsuura Qulqulloota Duuka Bu'ootaa yeroo ilaaluu eegaletti Kitaabolee isaan barreessanis ilaalaa turreerra. Qulqulloota Duuka Bu'oota keessaas tokko kan ta'e waa'ee Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis yeroo darbe eegallee turre, kanaanis Seenaa fi Qabsuura isaa, Wangeela isaa ykn Wangeela Qulqulluu Yohaannis, Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa jalqabaa, isa lammaffaa fi isa sadaffaa ilaalleerra. Barumsa keenya hardhaatiin ammoo Kitaaba Raajii Kakuu Haaraa fi Kitaaba Kakuu Haaraa isa dhumaa kan ta'e waa'ee Kitaaba Mul'ata Yohaannis ni ilaalla. Dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa! Dubbisa gaarii!

Ibsa suuraa :- Duuka Bu'icha Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis

Magaalaa Efeesoon fi Qulqulluu Yohaannis


Kitaabni Mul'ata Yohaannis Afaan Giriikii ykn Afaan Tsirii tiin «Abuqalamsiis», Abbootii ykn Beektota Kitaaba Qulqulluu biratti ammoo «Kitaaba Raajii Kakuu Haaraa» jedhama.

Sababa itti barreeffameef


Biyyi Lallabaa Qulqulluu Yohaannis Isiyaa xiqqoo yoo taatu gara iddoo kanaatti kan dhufe haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga boqotte booda jechuunis Bara 49 Dh.K.B dha. Teessoon Qulqulluu Yohaannisis Efeesoon turte.

Magaalaan Efeesoon kutaa Lixaa Isiyaa xiqqootti kan argamtu laga Kaayisteer qarqaratti kan hundoofte turte. Ta'us garuu dalaliin lagichaa Eddoola ishee waan cufeef boodarra Eddoola ta'uun ishee hafee ture. Haa ta'u malee giddu gala daldalaa ta'uun ishee waan ishee fayyadeef buufanni Doonii ishee cufamuun guddina ishee irratti dhiibbaa guddaa hin geessisne.

Hundaa olitti magaalittiin kan ittiin beekamtu Mana Xaa'otii maqaa Xaa'otii Arxeems jedhamtuun yoo ta'u, Manni Xaa'otii kun wantoota ajaa'ibaa Addunyaa kana irra jiran torban keessaa isa tokko ture. Mana Xaa'otii isa guddaa kan ijaaran Mootota Faars yoo ta'aan waggoota 120 keessatti ijaaramee akka xumurame ni himama. Ijaarsa Mana Xaa'otii kanaatiif kan oole guutummaa guutuutti dhagaa kabajamaa yoo ta'u ol ka'iinsi manichaas ol ka'iinsa kophee 400 ture. Utubaawwan 1000 ol kan qabu yoo ta'u tokkoon tokkoon isaanii hanga hojjaa kophee 60 dheeratu ture. Kan hojjetames Dhaloota Kiristoos dura naannoo waggaa 350 tti akka ta'e ni himama.


Namoonni Efeesoon Xaa'otii Arxeems jedhamtu akkamitti Waaqessuu akka jalqaban seenessi seeneffamu kan armaan gadii kanadha;

         «Efeesoon» maqaan jedhu maqaa bulchaa biyya ykn magaalaa sana keessa ture tokkkooti. Namni kunis ilma nama maqaan isaa Yoonaan ykn Yihiiyyaan jedhamuuti.

Efeesoonis hundeessee maqaa isaatiin kan moggaase yoo ta'u innis intala bareedduu Arxeems jedhamtu qaba ture, ta'us garuu namoota qabeenya isaaniitiin, sanyii isaaniitiin, qarshii isaaniitiin, dhaala isaaniitiin sababeeffattee isa tuffatti waan tureef nama ishee fuudhu dhabde. Ulaagaa isheen jettu keessaa tokko yoo guute isa kan biraa hin guutu waan ta'eef. Dhuma irratti garuu namichi Xonqaayiin ykn Falfalaan Qoorneeloos jedhamu ishee fuudhuuf ishee gaafate. Isheenis «Mootota keessaa fira ykn Sanyii hin qabdu? qabeenyota kabajamoo keessaa hin qabdu? maal keetiin na jiraachisuuf na fuuta?» yeroo isaan jettu «Wanti guddaan ati kabajamuu fi sodaatamuu waan ta'eef, akka kabajamtu akka galateeffatamtu akkasumas akka Waaqeffamtu sin taasisa!» jedheen. Isheenis Wuddaasee ykn Galatoo kantuu garmalee waan ishee tuquuf ykn garmalee waan jaallattuuf yaada isaatiin walii galte.

Qoorneeloos uummata iddoo itti walitti qabu Addabaabaayii hojii Xonqolaa isaa itti hojjetu qaba ture. Addabaabaayii kanarraa dhaabbatee Asmaatiidhaan Seexanaa fi raayyaa isaa waamaa hojii dinqii hojjechiisuun baay'eewwan Waaqa isaan hin beekneef ykn Xaa'otii dhaaf akka sagadan isaan taasisa ture. Gaaf tokko akkuma bartee isaatti Seexanaa fi raayyaa isaa (አጋንንት) Asmaatiidhaan waamee «Arxeemsiif sagadaa! kan hin sagadne manni isaa ni saamama, qabeenyi fi qarshiin isaa hundi ni fudhatama ni saamama» jedhee Biraannaa irratti barreessee isaaniif kennee Addabaabaayii inni irratti barsiisu irratti Qilleensa irratti akka bittinsan isaan ajaje. Afuuronni hamoonis ykn (አጋንንት) sunneenis akkuma ajajamanitti sa'aatii inni uummata walitti qabee Asmaatii itti hojjetutti Qilleensa irraa Biraannaa sana gadhiisan ykn darbatan. Uummanni Efeesoon kana arges «Ergaa Qilleensa irraa bu'een!» kan ka'e «Arxeems Samii irraa kan buutedha!» jedhanii isheef sagaduu fi ishee Waaqeffachuu jalqaban.

Erga isheen duute boodas Mana Xaa'otii ishee ijaaranii, Suuraa ishee bocanii Waaqeffachuu isaanii itti fufan. Namoonni ogummaa fakkii kaasuu qabanis suura ishee kaasanii fi bocanii gurguruun sooressoota ta'aan.

Dursee Qulqulluun Phaawuloos naannoo bara 49 Dh.K.B deemsa isaa lammaffaatiin gara Efeesoonitti seenee waggaa sadii fi ji'a sadi kan ta'uuf yeroo barsiisu namichi Fakkii Arxeems bocee fi kaasee gurguru Dimeexiroos rakkoo waan irratti uumeef magaalittii dhiisee ba'ee ture.

Wangeelaawwii Qulqulluun Yohaannisis bara 49 Dh.K.B gara magaalaa Efeesoonitti seenee yeroo barsiisu jalqaba kan inni morme Mana Qulqullummaa ykn Mana Xaa'otii Arxeemsitti Waaqeffannaa Xaa'otii taasifamu ture.

Dimiixiyaanoos Qeesaar (Bara 81-96 Dh.K.B) Roomitti Mootii ta'ee yeroo moo'u waggoota Mootummaa isaa gara jalqabaatti gara laafummaan yeroo bulchu, Walaloo, Ogummaa, Barumsa Mootii jaallatu ta'ee dhiyaachuu isaatiin yeroo muraasaaf ta'us Barsiisonni Kiristaanummaa fi Kiristaanonni godaansa boqonnaa argatanii waan turaniif, Wangeelaawwii Yohaannisis Waaqeffamuu Arxeems mormuun isaa hagas mara rakkoo irratti hin uumne ture.


Dimiixiyaanoos waggoota 13'f gara laafummaan erga bulche booda ajaajaan waraanaa isaa amanamaan Anxooniyoos Saatuurniiw jedhamu waan isa ganeef aarii fi xiiqiidhaan hojii hammeenyummaa isaa jalqabe. Barumsaa fi Ogummaa inni jaallachaa tures balleessuuf kutatee ka'e. 

Yeroo kanattidha Ahizaabonni jibbiinsa isaan Qulqulluu Yohaannis irratti qaban bahaachuuf daandii kan argatan. Barumsa isaa kan ka'e Ahizaabotaan himatamee Dimiixiyaanoos fuulduratti dhiyaate. Innis ykn Dimiixiyaanoosis Barmeelii bishaan ho'aan guutame keessatti erga isaa gidirse booda gara Eddoola Fixmootti isa geesse. Abbaan keenya Qulqulluun Yohaannisis Eddoola Fixmootti holqa dhiphoo keessatti waggoota 8'f ykn Bara 88-96 Dh.K.B achi taa'ee osoo jiruuti mul'ata isaa kan argeefi kan barreesse.

Fixmoon Isiyaa xiqqoo (Turk hardhaa) irraa Maayila 25 fagaattee kan argamtu Eddoola Galaana Ejiyaanidha. Bara Roomaanotaatti Eddoolli kun iddoo itti namoonni Xaa'otii hin Waaqeffannu jedhan itti hidhaman turte. Hardha Eddoola kana keessatti holqi Qulqulluun Yohaannis mul'ata isaa itti argee fi itti barreesse ni argama.

Qulqulluun Yohaannis Eddoola Fixmootti hidhamee osoo jiruu akka obboloota isaa Duuka Bu'ootaatti naanna'ee barsiisuu dhiisuu isaatiin  no gadda waan tureef Waaqayyo iccitii guddaa isaaf ibse.

Abbootii Duuka Bu'ootaa keessaa tokko Heereeniyoos Yohaannis muldhata isaa kan barreesse waggoota gara xumuraa Mootii Dimiixiyaanoos naannoo bara 96 Dh.K.B hidhaa fi godaansa irra osoo jiruu ta'uu ibseera. Namoonni tokko tokko garuu Yohaannis muldhata isaa kan barreesse godaansa ykn hidhaa irraa deebi'ee magaalaa Efeesoonitti ni jedhu. Kuni garuu Kitaaba Mul'ata Yohaannis kana waliin yeroo ilaalamu sirrii waan ta'u miti. Sababni isaas Kitaaba Mul'ata Yohaannis irratti ammoo deebi'ee deddeebisee «Akkas jedhi barreessi naan jedhe!» jechi jedhu ni argama. Kunis hoggasuma mul'ata sana yeroo argetti barreessuu isaa agarsiisa. Gama biraatiin ammoo Wangeelaawwiin Qulqulluun Yohaannis muldhata isaa kan barreesse osoo magaalaan Iyyerusaaleem hin badiin bara 70 dura akka ta'es kan tilmaaman jiru.

Abbaa Jeroom Qulqulluun Yohaannis umurii isaa lafa kana irraa isa dhumaa kan jiraate magaalaa Efeesoonitti akka ta'e barreesseera. Yeroo kanattis garmalee dulloomuu isaa irraan kan ka'e «Walii waliin keessan wal jaalladhaa! kuni ajaja Gooftaa keenyaati waan ta'eef! kana yoo eegdan isin gaha!» jecha jettu qofa Duuka Bu'oota isaatti hima ture.


Sa'aatii dhumaattis Duuka Bu'oota isaa irraa adda ba'uun yeroo isa rakkisu isa duukaa bu'aa kan turan gara alaatti ergee ofii ol ba'e ykn dhokate. Yeroo deebi'an Kitaaba isaa, Maqoomaa isaa fi uffata isaatiin ala homaa hin arganne.

Muldhanni Yohaannis kan barreeffame bara sanatti Yoonaanota jedhamanii kan waamaman magaalota Isiyaa xiqqoo torba irratti kan muudaman Hangafoota Phaaphaasotaaf ture.

Kitaabni Mul'ata Yohaannis kun walumaa galatti fakkeenyota 300 siqan kan qabu yoo ta'u Jireenya Samii irraa Kiristaanotaa, Kabajaa fi Yaadannoo Qulqullootaa, Wareegamtootaa Kitaaba agarsiisudha.

1. Akkaataa Barreeffama Mul'ata Yohaannis


Kitaabolee Kakuu Haaraa kanneen biroo irraa adda ta'ee Kitaabolee Raajii Hizqi'eel, Daani'eel fi Zakkaariyaas hubachiisa. Lakkoofsota 404 Kitaabichi qabu keessaa lakkoofsonni 278 yaadota Kakuu Moofaa agarsiisu. Kitaabicha yeroo dubbifamu yaadota kanatti aananii jiran ni argina;

• Dhiyeessa isaa walii galaa :- Haalli dhiyeessa isaa akkaataa hojii Afuurawaa guddaati. Mul'atichi jalqaba irratti Manneen Kiristaanaa Isiyaatti yeroo dubbifamu dhageeffattoonni kan dhageeffatan, ija yaadaatiin isaanitti muldhachaa taatee isa itti aanu abdii dhaan eeggachuu hin oolan. Taateen tokkoon tokkoon isaa taatee sadarkaa guddaa irra gaheen irra deebi'ama, taateewwan kunneen miira dhageeffattoota sanaa caalaatti dabalaa deemu.

• Yeroo baay'ee waa'ee Eed, waa'ee Gibtsii dhaa ba'uu, waa'een Eliyaas fi Seenaan Booji'amiinsaa ibsuuf ykn ibsaaf bu'uuradha, «Raajiin Isaayyaasis» yeroo hedduu caqasameera.

• Duraa duuba Raajii Kiristoos kenne irratti akkuma bu'uureffame (keessattuu Boq. 6 Wangeela Maatewoos Boq. 24 waliin wal bira qabaa ilaalaa), akkasumas 2 Tas. 1:3-2:2, 12 waliin akka ta'u ni muldhata.

• Lakkoofsonni yeroo hedduu kan agarsiisan baay'ina osoo hin taane yaadadha. Fakkeenyaaf :- Lakkoofsi 7 yeroo hedduu «Gonkummaa» agarsiisuun yeroo 52 hojiirra oolera. 

• Tokkoon tokkoon taateewwaniitiif jecha, fakkeenya fi k.k.f hiika kennuu baatuyyuu hojiin isaa walii galaa ergaa isaa ni kenna.

2. Ergaa Kitaaba Mul'ata Yohaannis


Walumaa galatti muldhatichi qabxiilee kanatti aananii jiraniif iddoo guddaa ni kenna;

→ Ol aantummaa Waaqayyoo
→ Humni Seexanaa jibbiinsaa fi kan itti faradamu ta'uu isaa
→ Gidiraa fi rakkoo Manni Kiristaanaa simattu
→ Murteen dhumaa dhiyaachuu
→ Injifannoo Kiristoos fi Kiristaanonni obsuu isaanii, eeguu isaanii fi qulqullummaa isaanii.

3. Akkaataa Hiikoo Kitaabichaa


Waa'ee Kitaaba kanaa akkaataan hiikoo hedduun akka jiru ni beekama. Namoonni tokko tokko yaada Kitaabichaa seenaa Addunyaa waliin walitti firoomsuu yeroo yaalan, Bara Yohaannis ykn bara dhuma Addunyaa ykn bara walii galaa Mana Kiristaanaa waliin wal qabsiisu. Warreen kaan garuu duraa duuba yaada Afuurawaa Kitaabichaa irratti malee duraa duuba Seenaa Addunyaa irratti hin xiyyeeffatan. Kana yeroo taasisanis yaadichi caalaatti cimaa yeroo deemuu fi gara xumuraatti yeroo deemu isa argu. Warreen hafan ammoo waa'ee mormitoota Kiristoos, waa'ee gidiraa isa guddaa, waa'ee abdii lafa irraa saba Israa'eel fi waa'ee waggaa kuma tokkoo yaada hiikoo qabaniif iddoo guddaa ni kennu. Ta'us Amantiin dhageeffattoota jalqabaa dhiibbaa sana irratti injifataa akka ta'a, Murteen ykn Firdiin turuyyuu akka hin hafnee fi Seenaa Addunyaa irratti ilaalcha Kiristaanni qabu akka sirraa'u hubatanii gammaduu akkuma danda'aan hunda nutis gammaduu qabna.


4. Qoqqoodama Kitaaba Mul'ata Yohaannis


Akka hiikoo isaatti akkaataa qoqqoodamaa hedduu qaba, qoqqoodiinsi gabaabaa kanatti aanee jiru «Yeroo Hunda Waaqayyo waliin» kan jedhu Kitaaba waggaa 4ffaa fuula 222-223 irratti haala qoqqoodiinsaa baldhaa jiru irraa kan fudhatamedha. 


1. Seensa :- Nagaa Manneen Kiristaanaa torbaniif :- 1:1-8

2. Ergaawwan Torban Manneen Kiristaanaatiif :- 1:9-3:22

3. Mallattoowwan hiikaman Torban, Gidiraa Mana Kiristaanaa :- 4:1-8:1

4. Malakatiiwwan 7'n, Akeekkachiisa Addunyaadhaaf :- 8:2-11:18

5. Mul'ata Torban, Hojii Seenaa Addunyaa (Diraamaa) :- 11:19-15:4

6. Dheekkamsoota Torban, Adabbii Addunyaa :- 15:5-16:21

7. Murteewwan sirrii Torban Baabiloon irratti :- 17:1-19:10

8. Mul'ata Torban, Seenaa Addunyaa duuba morkii jiru :- 19:11-21:8

9. Ibsa dhumaa Torban :- 21:9-22:19

10. Guduunfaa :- 22:20-21




Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu
                 «á‰¤á‰°áŠ­áˆ­áˆµá‰µá‹«áŠ•áˆ…ን እወቅ» Waldaa  Qulqullootaatiin

Post a Comment

0 Comments