Subscribe To Our YouTube Channel

Tsoomii Filsataa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Tsoomii Filsataa




«Filsataa» jechuun maal jechuudha?

Jechi «Filsataa» jedhu kan argame «ፈለሰ» kan jedhu jecha Gi'iizii irraa yoo ta'u, hiikni isaa ifaanis «Adda ba'uu, foo'amuu, gara oliitti ba'uu, ol ba'uu!» kan jedhu of keessatti qabata. Bu'uura kanaanis Tsoomni Filsataa Foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam awwaala irraa adda ba'uu fi ol ba'uu agarsiisa. Tsoomiin Filsataa kunis Tsoomiiwwan akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti beekamoo ta'an torban keessaa isa tokko yoo ta'u, kan Tsoomamus Baatii ykn Ji'a Hagayyaa keessaadha.

Tsoomii Filsataa maalif Tsoomna?

Tsoomiin Filsataa Hagayya 1 irraa kaasee hanga Hagayya 15 tti kan Tsoomamu yoo ta'u, akka barsiisa Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam kan boqotte Amajjii 21 dha. Duuka Bu'oonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis foon ishee awwaaluuf gara Geetesemaaniitti qabatanii yeroo deeman Ayihuudonni «Ilmi ishee du'aa ka'eera, amma ammoo isheen hojii raajii agarsiisuufi mitii?» jedhanii Duuka Bu'oota gar gar bittinsan. Yeroo kanattis Ergamoonni Waaqayyoo foon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Ayihuudota harkaa fuudhanii Jannata keessa ka'aan. Ji'a saddeettaffaa isaattis Baatii Hagayyaa Duuka Bu'oonni Hagayya 1 kaasee hanga Hagayya 14 tti Subaa'ee qabatanii foon ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa fudhatanii kadhannaadhaan ishee awwaalan. Sirna awwaalcha kana irrattis Duuka Bu'oota kudha lamaan keessaa tokko kan ta'e Qulqulluun Toomaas tajaajilaaf ba'ee waan tureef isaan waliin wal hin argine ture.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis erga awwwaalamte booda guyyaa sadaffaa isaatti armaan olitti akkuma caqasame Raajootaan raajiin akkuma dubbatameef akka ilma ishee jaallatamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti kaatee yeroo ol baatu Toomaas biyya lallabaa isaatii Duumessaan fe'amee gara Iyyerusaaleemitti yeroo dhufu ishee arge. Yeroo sanattis ka'umsa ishee Duuka Bu'oonni warreen kaan arganii inni kan itti hafe itti fakkaatee Eebbi natti hafe ykn du'aa ka'umsa Dubroo Maariyaam hin argine jedhee ni gadde. Dursee du'aa ka'umsa ilma kee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos osoo hin argiinin hafe, amma ammoo du'aa ka'umsa ykn ol ba'iinsa kee osoo hin argiin ooluufii jedhee ni gadde, yeroo sanattis Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Toomaas ni jajjabeessite, isaan alas ka'umsa ishee ykn ol ba'uu ishee kan arge akka hin jirre itti himtee uffata ittiin awwaalamtee turte irraa murtee itti kennitee ol baate.

«Duuti Amajjiitti, Awwaalli Hagayyatti!»

Qulqulluun Toomaasis uffata Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam isaaf kennitee turte sana dhoksee qabatee iddoo Duuka Bu'oonni jiran gahe. Duuka Bu'oonnis Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Subaa'ee gallee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Foon ishee Itsa Hiwootiidhaa ykn «ዕፀ ሕይወት» dhaa fidee nuuf kennee kabajaan ishee awwaalle jedhaniin. Toomaasis deebisee «Duuti Amajjiitti, Awwaalli Hagayyatti!» jedheen, Duuka Bu'oonnis isaaf deebisan «Toomaas hin shakkiin! kanaan dura Gooftaan keenya yeroo ibsametti du'aa ka'umsa isaa hamman tuqutti hin amanu jettee waan sirra gahe beekta, ammas Awwaalamuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hin amannee?» jedhaniin. Qulqulluun Toomaas garuu Duuka Bu'oota qabatee gara iddoo awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti isaan geesse. Awwaala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo bananis ni nahan. Yeroo kanattis Qulqulluun Toomaas na hin amantan jedheeni malee Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ol baateerti jedheen, yeroo isheen ol baatus ani biyya lallabaa kootii Duumessaan yeroon dhufu wal argine, mallattoodhaafis kunoo uffata ittiin awwaaltan kunoo jedheen. Duuka Bu'oonnis eebbaaf uffata ishee sana adda hiratanii gara biyya lallabaa isaaniitti deeman.

Waggaa isaattis Duuka Bu'oonni walitti qabamanii du'aa ka'umsa kee Toomaas argee nutis eebbi nutti hin hafiin jedhanii Hagayya 1 irraa kaasanii Subaa'ee galan. Hagayya 14 ttis foon ishee gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isaaniif kennee erga ishee awwaalan booda guyyaa sadaffaatti kaatee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Ergamoota isaa waliin fi Qulqulloota isaa waliin ta'ee Duuka Bu'oota qorrobsiiseera.

Yeroo sana irraa jalqabee barsiisa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosii fi Duuka Bu'ootaa irratti kan hundoofte Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo hojii Duuka Bu'ootaa fakkeenya godhachuu dhaan akka Duuka Bu'ootaatti eebba Duuka Bu'ootaaf mul'ate fi gargaarsi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka nurra buluuf ni tsoomna. Akka Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaattis Tsoomiiwwan gurguddoo keessatti waan argamuuf amantoonni hundi ni Tsoomu. 

Tsoomni kun tsooma eebbaa nuuf haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments