Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafa Diyaaqonootaa Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos

Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos


Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos eenyudha?


Ibsa suuraa :- Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Isxifaanoos

Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta'u, Afaan Giriikiitiin yeroo barreeffamu «Î£Ï„έφανος» ta'a, yeroo dubbifamu ammoo «Isteefaanoos» jedhama, akkasumas Afaan Ibraayisxiin ammoo «×”קדוש סטפנוס» ta'a, gama biraatiin Afaan Ingiliffaan ammoo «Stephen» ykn yeroo dubbifamu «Isteefan» ta'a.

Isxifaanoos jechi jedhu jecha Giriikii yoo ta'u, hiikni isaas «Goonfoo» jechuudha. Qulqulluun Isxifaanoos Seera Wangeelaa keessatti Hangafa Diyaaqonootaa isa jalqabaa fi Wareegamaa isa jalqabaati. Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhamuu isaatiin dura jalqaba irrattis Duuka Bu'aa ture. Sana boodas Diyaaqonii ta'uun muudameera (Kuni Onkoloolessa 12 dha).

Akka ragaaleen garaa garaa agarsiisanitti Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos kan dhalate Abbaa isaa Simi'oon fi haadha isaa Maariyaam irraadha. 

Akkuma Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa irratti caqasame Qulqulluun kun jalqaba Gamaaliyaal kan jedhamu barsiisaa Oriitii irraa Tiwuufiitii, Oriitii fi Kitaabolee Raajota barateera. Yeroo lallabaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos iddoo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus oole oolee, iddoo inni bule bulee Wangeela barateera, Duuka Bu'aa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosis ta'e, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Abbootii Qulqulloota Duuka Bu'oota 72'n keessaa tokko isa taasise. HDB. 5:34 - 6:5-10.

Ayyaana guyyaa Shantammaffaatti Afuurri Qulqulluu yeroo bu'etti Abbootii 72'n keessaa hanga Qulqulluu Isxifaanoos iccitiin kan ifeef hin turre. Dursummaa Afuura Qulqulluutiinis Wangeela lallabeera. Yeroo qormaata Mana Kiristaanaattis dursummaa Afuura Qulqulluutiin Diyaaqonoonni torba yeroo filataman Qulqulluun Isxifaanoos isa tokko ture. Qulqulluun Isxifaanoosis dursaa ykn Alaqaa Diyaaqonoota Jahanii fi dursaa Waldaa kuma saddeetii ta'eera. Kana boodas Qulqulluun Isxifaanoos ol ba'iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos booda waggaa tokkoof Waldaa kuma saddeet sana dursaa, Wangeela lallabaa, qabsuura'aa Wangeelli akka babaldhatu taasise. HDB. 6:4.

Qulqulluun Isxifaanoosis kennaa fi humni Waaqayyoo kan irra bule waan tureefi hojiiwwan raajii hedduu kan taasisu waan tureef yeroo sanatti Ayihuudonni inaaffaadhaan irratti ka'aan, isa waliinis falmii keessa galan, ta'us garuu isa injifachuu hin dandeenye sababni isaas afuurri Waaqayyoo fi humni Waaqayyoo isarra buleera waan ta'eef.

Kana boodas ragaa sobaatiin «Namni kun Musee fi Waaqayyo irratti jecha arrabsoo yeroo dubbatu dhageenyeerra!» jechuudhaan isa himatan, inni garuu waa'ee dhugaa ragaa ba'e malee isaan hin sodaanne, Hangafoonni Lubootaas yeroo isa gaafatanitti waa'ee Waaqayyo uumaa isaa ragaa ba'e, dhuma irrattis akkas isaaniin jedhe «Isin lapheen keessan kan cufame, gurri keessan kan duude, akka Abbootii keessanii yeroo hunda Afuura Qulqulluu mormitu. Abbootiin keessan raajota keessaa kan hin gidirsine eenyutu jira? har'as isin dabarsitanii kan kennitan fi kan isa ajjeestan dhufaatii Qulqullichaa dursanii kan dubbatan isaan isin ni ajjeestan. Ergamootaanis sirna Oriitii fudhattanii hin eegne.» kanaanis baay'ee aaranii dhagaadhaan isa rukutuun isa ajjeesan. Ragaa ba'umsa isaas kanaan raawwatee goonfoo Wareegamummaa Amajjii 1 fudhateera. Kanaanis dursaa Wareegamootaa jedhama. (HDB. 7:51-53)

Qulqulluun Isxifaanoos Erga Boqote Booda

Qulqulluun Isxifaanoos erga boqote waggaa 300 booda Iyyerusaaleem kan jiraatan nama qajeelaa tokkotu ture maqaan isaas Lukiyaanoos jedhama. Yeroo baay'ee irra deddeebiin Qulqulluun Isxifaanoos mul'ataan isaaf ibsamee «Foon koo baasi!» jedhaan waan tureef deeme Phaaphaasiitti hime. Phaaphaasichis gammadee Lubootaa fi Kiristaanota walitti qabee gara iddoo Gamaaliyaal ykn gara barsiisaa isaatti deeme. Iddoo sanas yeroo qotanitti sochii guddaatu ta'e, Ergamoonni yeroo ulanis fooliin gaarii ni urgaa'e, faaruun ergamootaas ni dhaga'aame. Uummataa fi Phaaphaasiinis Qulqulluu Isxifaanoos fuulduratti kufanii Sagaduun gammachuu guddaadhaan fi faaruudhaan foon isaa achii baasanii Tsirhaa Tsiyoon ykn mana eebbifamtuu keessa ka'aan. Namni qajeelaa Ille Iskindiroos jedhamus Mana Kiristaanaa ijaareef, gara Mana Qulqullummaa ykn Mana Kiristaanaa sanaattis ni galchan.

Waggoota shan boodas Iskindiroos yeroo boqotu saanduqa keessa ka'aanii Qulqullicha cinaa ka'aan. Haati manaa Iskindiroos garuu gara biyya ishee Qusxanxiiniyaatti yeroo deebitu foon Abbaa manaa ishee itti fakkaatee Foon Qulqulluu Isxifaanoos doonii dhaan feesistee fudhattee deemte. Daandii irrattis saanduqa sana keessaa Faaruu dhageessee yeroo ilaaltu Foon Qulqulluu Isxifaanoosidha. Isheenis baay'ee gammadde, isheenis Foon Qulqulluu sana geessitee Qulqulluu Qosxanxiinoosiif kennite. Magaalaa sana keessattis gammachuu guddaatu ta'e.

Eebbi fi araarsummaan Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments