Subscribe To Our YouTube Channel

Ol Ba'iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus

Ol Ba'iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos



Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos samii samii irraa gadi bu'ee, Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalatee, fakkeenya fakkeeffameefi raajii raajame
waadaa Addaamiidhaaf seename hundumaa gara biyya lafaa dhufee
barsiisee, fannoo irratti fannifamee, du'ee awwaalamee, du'a isaatiin du'a keenya balleessee, du'aa ka'ee du'aa ka'umsa nuuf labse. Hanga guyyaa 40tti bartoota isaatti mul'atee iccitii mootummaa Waaqayyo ittiin galan barsiisaa tureera. HDB 1:3 Guyyaa guyyaatti yeroo hundumaa tokkoo tokkoo isaaniitti mul'achaa kan ture yoo ta'ellee guyyaa sadiif garuu gubaa'ee guddaa hojjetee isaan barsiisaa tureera. Yeroo ol
ba'uudhaaf jedhu immoo qajeelfama Iyyerusaaleem keessaa hin deeminaa, Mana Qulqullummaa keessa jiraadhaa jajjabeessa afuura qulqulluu Abbaakoo biraa hangan isiniif eergutti kan jedhu laateeraaf.
Lug 24:44-50.

Yeroo gooftaan ol ba'es ajaa'iba adda ta'een ol ba'e. Yeroo ol ba'ees barattoota isaa eebbisee Ergamoonni samii irraa wayyaa adii uffachuudhaan hiriira samii iraa hanga lafaatti hiriiranii faaruudhaan isa simatan. Yeroo bartoonni isaa fajajanii gara samii ilaalan Qulqulluun Mikaa'eel fi Qulqulluun Gabri'eel barattoota isaatti mul'achuudhaan maalif fajajjanii gara samii ilaaltu utuu isin ilaaltanii inni ol ba'e kun utuu isin ilaaltanii ni dhufa iechuudhaan isaan jajjabeessan HDB. 1:9-11.

Waa'ee Ol Ba'uu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Raajiiwwan Dubbataman


  • • Faar 17: 9-10 «Samiiwwan gadi qabee gadi bu'e, dukkanni miila isaa jala jira ture. Dugda Kiruubeel irra taa'ee balali'e, koochoo qilleensaanis ni balali'e» jechuudhaan Daawit raajii raajeera.
  • • Faar 24:7 «Mootichi inni guddaan akka ol seenuuf isin qondaaltonni
  • karra isaa dur durii banaafii, mootichi guddichi kun eenyu? Waaqayyo isa cimaafi isa humna qabeessa isa ta'eedha. Waaqayyo lolatti ba'ee isa injifateedha» kan jedhu raajameera.
  • • Faar 67:18 «Waaqayyo akka inni boojuu Daabiloos harkaa booji'ee
  • akka ol ba'e kan ibsu (boojuu boojitee ol baate kennaas ilma
  • namootaaf ni laatte)» kan jedhu ture.
  • • Faar 46/47:5 «Waaqayyo ililleedhaan kabajaan ol ba'e Waaqayyoon faarfannaadhaan galateeffadhaa»
  • Yohaannis abbaan Wangeelaa ammoo samii irraa kan gadi bu'e malee gara samiitti kan deebi'ee ol ba'e hin jiru jechuudhaa waa'ee ol ba'uu isaati barrreesseera. Yoh 3:13 egaa walumaa gala raajii dubbatame kana raawwateera.


Gooftaan keenya Maaliif guyyaa 40'f lafa irra ture 


Sababni isaa guyyaan 40 iccitii guddaa ta'e baayyee qaba. Keessaa garuu Addaam dargaggeessa waggaa 30 ta'ee uumamee gaafa guyyaa 40 mucummaa fi ayyaana Waaqayyoo uffatee jennata seenee dogoggora seexanaadhaan goyyomee dhabee ture haa ta'u malee gooftaan keenya immoo mucummaa kana deebisuuf akka dhufe ibsuuf jedheeti. Macaafa Kufaalee 4:8

Humna Hanga Argattanitti Iyyerusaaleem keessaa hin Deemiinaa Mana Qulqullummaa keessa turaa maalif jedhe?


Sababni isaa qarqara biyya lafaa deemaa barsiisaa jechuudhaan dursa ajaja laateefii ture Maat 28:19. Gara daarii biyya lafaa deemudhaaf immoo humni Afuura Qulqulluu isaan barbaachisa. Mootota dura dhaabbatanii dhugaa Afuura Qulqulluu sodaa tokko malee dhaabbachuudhaan akka dubbataniif.

TOKKOS Iccitii dhoksaa dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan
hubatanii akka barsiisaniif akkuma jedhame barattoonni duraan
sodaatoo turan erga humna Afuura Qulqulluu hidhatanii booda
hanga du'aatti dhaabbatanii dhugaa baatuu Kiristoos ta'aniiru. HDB
5,6,12 kkf

  • • Mana cufamaa humna ittin ol seenan
  • • Iddoo ol ka'aa irra dhaabbatanii humna ittin dhugaa ba'an.
  • • Humna humna qabeessa akka Leencaa ittin cabsan akka
  • Soomson. M/Abboota Firdii 14
  • • Seexana baasuudhaan humna ittin dhukkubsataas ittiin fayyisan.
  • • Humna ittiin du'oota du'a keessaa kaasan. HDB 9
  • • Humna kanaaf kana fakkaatan mana qulqullummaa keessa
  • turuudhaan hanga argatanitti mana qulqullummaa keessa
  • turaa jedhee isaan Abboome. Akkuma jedhes turanii
  • argataniiru. HDB 2:1.

Raajiiwwan Gooftaan keenya yeroo ol ba'u Hojjetaman


  • ✓ Utubaan ykn yaabbannoon ifaa Ariyaamii irraa hanga lafaatti
  • diriireera.
  • ✓ Akkuma Daawwit raajee ture faaruun ergamootaa wayyaa adii
  • uffachuudhaan dhagaa'ameera. Faar 46:5
  • ✓ Karri cufamee ture banameera. Far 24:7-10
  • ✓ Ijoolleen Addaam harka Daabiloos jala boojuudhaan kan turan bahaniiru. Faar 67:18
  • ✓ Harka isaa Addaamii fi Hewaanin umeen barattoota isaa, maatiwwan isaa eebbiseera Uma 1:26.
  • ✓ Harka isaa Abiraamiin eebbiseen Uma 12:1, Galaana Yaaboq
  • cinatti harka isaa Yaa'iqobiin eebbiseen Uma 32:26-30.
  • ✓ Akkasumas qurxummii lamaa fi buddeena garbuu shan eebbisee
  • namoota 5000 kan ittin quubseen Maat 14: 20 ol kaasee isaan
  • eebbisaa Beeteniyaa iddoo jedhamutti ol ba'e.
  • ✓ Guyyuma kana Yihudaan inni gooftaa keenya qarshii 30n
  • gurguree ture gaafa Jimaataa muka irratti of rarraasee of ajjeesuu
  • yoo barbaade illee mukattiin afaan namaan haasoftee «Qalbii ke
  • jijjiirradhu akka Pheexiroos» ittiin jettee funyicha of irraa kunnaan
  • duugdi isaa cite garaan isaa bokokee guyyaa 40f ciisaa erga turee booda guyyaa gooftaan ol ba'u ykn gaafa guyyaa 40ffaa kana marrummaan isaa tarsa'ee jigee du'e. HDB 1:18

Ol Ba'iinsi Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos Ol Ba'iinsa Henook fa'a
irraa adda


Henook irraa jalqabee qulqulloonni hedduun biyya jiraattotaatti «Biheera Hiyyewaan» iddoo jedhamutti ol ba'aniiru. Hanga har'aattis ol ba'aa jiru.
Fknf:- Henook, Eliyaas, Iziraa Suutu'eel, qulqulloota salgan keessaa immoo
Abbaa Aregaawwii, Abbaa Gariimaa, Melke Tseediq, Yaareed abbaa qooqa biyya Itoophiyaa, Yohaannis abbaa wangeelaa keessumatti immoo bara
1972 keessa abbaa Balayii namni jedhamu gadaamii Asaboot keessaa ol fudhatameera.

✓ Isaan kun hundi isaanii iddoo isaan itti ol ba'an samii kanaa gadi cina Jannataatti kan argamu magaalaa biyya jiraattotaatti ol ba'an gooftaan keenya garuu Tseraariyaamitti ol ba'e.
✓ Iddoo isaan itti ol ba'an guyyaa deebii gooftaa keenyaa kan
darbudha, iddoo gooftaan itti ol ba'e garuu bara baraan kan
jiraatuudha.
✓ Isaan kun hundi isaanii deebi'anii dhufanii ni du'u, gooftaan keenya
Iyyesuus kiristoos garuu murtoo isa dhumaa kennuudhaaf ni dhufa.
✓ Isaan kun gaafa ol ba'an gargaarsa ergamootaan ol ba'an gooftaan keenya garuu humna Waaqummaa isaatiin ol ba'e.
✓ Qulqulloonni gaafa isaan ol ba'an sanyiin kabaja gooftaa keenyaa hin
godhamneef.
✓ Akka gooftaa keenyaa raajiin hin raajamneef sababa kanaaf kana
fakkaataniif ol ba'iinsi qulqullootaaf kan gooftaa keenyaa garaa garummaa guddaa qaba jechaadha.

Galannii Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments