Ibsa Ministeera Barnootaa fi Cufamuu Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa 90
Sababa bu'aa qormaata bahumsaatiin dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa 90 ta'aan cufamaniiru - Ministeera Barnootaa
Ministeerri Barnootaa qormaata bahumsaa dhaabbilee barnoota olaanoo ilaalchisee bu'uura hojimaata baaseetiin, dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa 90 ta'an barattoota isaanii keessaa 75% dabarsuu dhadhabuu isaaniitiin cufamuun isaanii ibsameera.
Deetaan Ministeera Barnootaa Kooraa Tushunee kana kan jedhan, Yuunivarsiitiin Qulqulleettii Maariyaam magaalaa Finfinneetti kan qopheesse waltajjii dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa Afrikaa irratti.
«Hojimaanni erga darbe booda dhaabbileen ofii isaanii irratti tarkaanfii kan fudhatan jiru. Keessattuu warreen dhuunfaa keessaa 90 kan ta'aan cufamaniiru. Baay'een isaan hojimaata erga ilaalanii booda ofii isaaniiyyuu cufaa jiru.» jedhaniiru.
Yuunivarsiitiiwwan Mootummaattis hanga ammaatti kan cufame jiraachuu baatuyyuu dhaabbileen qabxii gadi aanaa fidan akka jiran Ministeer deetaan kun dabbataniiru. Cufamaniiru kan jedhaman dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa kunneen iddoowwan biyyattii ykn guutummaa Itoophiyaatti barsiisaa kan turan ta'us maqaan isaanii hin caqasamne.
«Hojiin keenya deemanii cufuu osoo hin taane, dhaabbileen barnoota olaanoo kunneen haala irra jiran ibsuu fi lammiilee barachuu barbaadaniif murtoodhaaf akka isaan gargaaruuf odeeffannoo sirrii akka argatan taasisuudha.» kan jedhan Ministeer Deetaan kun, qulqullina barnootaa eegsisuuf hojimaatawwan bahan ilaaluun qofaa ofii isaaniitiin gabaa keessaa dhaabbileen bahanis akka jiran ibsaniiru.
Madda :- Reporter
0 Comments