Subscribe To Our YouTube Channel

Ayyaanota Yaadannoo Qulqullootaa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Kabaja Ayyaana Yaadannoo Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti


«Ayyaanota Dhaabbatoo» Mana Kiristaanaa

Ayyaanota Yaadannoo Qulqullootaa


Ayyaanota Dhabbataa ta'aan

Barnoonni «Baahire Hasab» ayyaanni dhaabbatoo hin taane guyyaa itti oolan, guyyoota itti Tsoomiiwwan seenan ittiin baruuf ykn ittiin beekuuf yoo ta'e malee, ji'aanis ta'e waggaadhaan guyyuma darbe ykn ji'a darbe irra oolanii kan kabajaman ykn ayyaanota ji'a ji'aan fi waggaa waggaan guyyaa dhaabbataa irratti kabajaman hin ilaallatu. Ayyaanota dhaabbatoo ta'aaniif kan fayyadu guyyoota isaan irra oolan sammuudhaan qabachuu ykn yaadannoo irratti qabachuudha. Kitaaba «Sinkisaar» ykn Kitaaba Qabsuura, Seenaa Jireenyaa, Raajii fi dinqiiwwan Qulqulloonni hojjatan kan irratti galmaa'e yoo bannee ilaallu guyyoota Fulbaana 1 hanga Qaammee 6tti jiran guyyootni 366 Qulqulloonni, Ergamoonni, Waaqayyo fi k.k.f guyyaa itti yaadataman ta'ee argina. Ayyaanonni kunneenis Kiristaanotaan kan kabajaman fi waggaatti yeroo tokko yookaanis ammoo ji'aa ji'aan kan kabajamanidha.

1. Ayyaanota Waggaa

→ Jijjiirraa Bara Haaraa (Inquxaaxaashii) - Fulbaana 1
→ Fannoo (Bara Atsee Daawwititti guyyaa itti Fannoon gara Itoophiyaatti dhufe) - Fulbaana 10
→ Fannoo (Masqala) - Guyyaa itti Fannoon Awwalamee ture Barbaachisummaa Mootittii Illeeniin itti argame - Fulbaana 17
→ Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel - Guyyaa itti Qulqulluun Mikaa'eel saba Israa'eel Gibtsiidhaa itti baase - Sadaasa 12
→ Jalqabbii Tsooma Raajotaa (Tsooma Lallabaa) - Sadaasa 15
→ Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel - Guyyaa itti ijoollee sadan ibiddaa baase - Mudde 19
→ Dhaloota Gooftaa - Mudde 28/29
→ Gizrat - Amajjii 6
→ Qulqulleettii Sillaasee - Amajjii 7 (guyyaa itti gara Mana Abrahaa seenan),
→ Cuuphaa (Ximqata) - Amajjii 11
→ Qaanaa ZaGaliilaa - Amajjii 12 (Guyyaa itti Gooftaan keenya mandara Qaanaa ZaGaliilaa jedhamtutti Mana Cidhaatti bishaan gara Wayiniitti jiijjiire. Raajii jalqabaa)
→ Simi'oon - Gurraandhala 8
→ Ayyaana Fannoo - Bitootessa 10 (Fannoon badee irra deebiin guyyaa itti argame)
→ Madaanaalamii (Fayyisaa Addunyaa) - Bitootessa 27 (Guyyaa itti gooftaan keenya, qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti fannifame garuu amma guyyaan isaa dhaabbataa ta'uu baatuyyuu yeroo durii Bitootessa 27 kabajama.)
→ Beale Wold - Bitootessa 29 (Guyyaa itti Gooftaan keenya garaatti baatame)
→ Qulqulluu Giyoorgiis - Ebla 23 (Guyyaa itti wareegamummaan boqote)
→ Hiikkaa Tsooma Duuka Bu'ootaa - Adoolessa 5
→ Dabra Taaboor (Buhee) - Hagayya 13 (Guyyaa itti Iyyesuus Kiristoos Waaqummaa isaa Duuka Bu'ootaaf Tulluu Taaboor irratti ibse)
→ Filsataa - Hagayya 16 (Guyyaa itti Foon Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara Samiitti ol bahe)

2. Ayyaanota Ji'aan kabajaman

Ji'i seenee gaafa guyyaa;

1. Lidataa (Dhaloota Dubroo Maariyaam, Caamsaa 1 kan itti dhalatte)

5. Aabboo ykn Abuna Gabra Manfas Qidduus (Bitootessa 5 guyyaa itti boqotan)

7. Sillaasee (Amajjii 7 guyyaa itti Abrahaamiif ibsaman)

12. Mikaa'eel (Ka'umsi isaa Sadaasa 12 ta'uyyuu jiinni seenee guyyaa 12ffaa isaatti Qulqulluun Mikaa'eel raajii hojjateera)

16. Kidaane  Mihirat ykn Kakuu Araaraa (Gurraandhala 16 guyyaa itti Waaqayyo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif waadaa itti gale)

19. Gabri'eel (Guyyaa itti Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel haadha Waaqayyootti Missiraachoo himeefi guyyaa itti ijoollee sadan ibiddaa itti baase Bitootessa 19 fi Mudde 19)

21. Maariyaam (Guyyaa itti boqotte Amajjii 21)

23. Giyoorgisii (Eebla 23 guyyaa itti wareegamummaa fudhate.)

24. Takla Haymaanoot (Mudde 24 guyyaa itti dhalatanii fi Hagayya 24 guyyaa itti boqotan.)

27. Madaanaalamii ykn Fayyisaa Addunyaa (Iyyesuus Kiristoos Bitootessa 27 guyyaa itti Fannifame)

29. Dhaloota Gooftaa (Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Iyyesuus Kiristoos kan itti deesse Mudde 29).

3. Ayyaanota Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Isaan kun Ayyaanota Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n yoo ta'an akka kabajaman kan ajajes Mooticha Atsee Zarayaqoobidha. Isaanis;

→ Fulbaana 10 - Tsedeniyaa (Si'ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Qulqulluun Luqaas kaase Tsedeniyaa Damaasqoo iddoo jedhamutti guyyaa itti kabajaan ka'amte.)

→ Fulbaana 21

→ Onkoloolessa 21

→ Sadaasa 6 (Dabra Qusquwaam)

→ Sadaasa 21

→ Mudde 3 Ba'aataa Maariyaam (Guyyaa itti gara Mana Qulqullummaa seente)

→ Mudde 21

→ Mudde 22 (Phaaphaasiin Xilxiliyaa ykn Toledo Abbaa Daksiyoos ykn Hiildafoons guyyaa itti kabaja ayyaana ishee labse)

→ Mudde 28 (Gannaa)

→ Mudde 29 (Dhaloota ykn guyyaa itti Iyyesuus Kiristoos dhalate)

→ Amajjii 21 (Guyyaa itti boqotte)

→ Gurraandhala 16 (Guyyaa itti Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos waadaa itti galeef)

→ Gurraandhala 21

→ Bitootessa 21

→ Bitootessa 29 (Guyyaa itti Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos garaatti baatte)

→ Eebla 21

→ Caamsaa 1 (Guyyaa itti haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam itti dhalatte)

→ Caamsaa 21

→ Caamsaan 21-25 Dabra Mixmaaq Gibtsi keessatti guyyoota itti ibsamtedha ykn guyyaa itti muldhattedha.

→ Caamsaa 24 (Godaansa, Mootichi Heeroods Ilma ishee Iyyesuus Kiristoos akka jalaa hin ajjeesneef Yooseefifi Solomee waliin baqattee guyyaa itti gara Gibtsiitti seente)

→ Caamsaa 25 (Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos daa'imummaa isaatti guyyaa itti ulee dhaabee mukkeen itti taasise)

→ Waxabajjii 8 (Guyyaa itti Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos dhagaa irraa bishaan tsabalaa itti burqisiise)

→ Waxabajjii 20 (Guyyaa itti ajaja Waaqayyoon Duuka Bu'oonni Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif Mana Qulqullummaa itti ijaaran)

→ Waxabajjii 21 (Guyyaa itti Mana Kiristaanaa jalqabaatti Qaddasame, kan Waxabajjii 20 ijaarame jechuudha)

→ Adoolessa 21

Walitti qabama Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif Faarfataman kana dhageeffadhaa!



→ Hagayya 7 (Guyyaa itti garaatti baatamte)

→ Hagayya 16 (Filsataa, guyyaa itti Foon ishee gara Samiitti deeme)

→ Akkasumas guyyoota jahaan (6) Hagayya 16-21 jiran akka ka'umsa Ilma isheetti ni kabajna ykn ni yaadanna

Tsoomni Filsataa Hagayya tokko (1) jalqabee hanga Hagayya 15tti Tsoomama.

4. Guyyaa itti Wangeelaawwiwwanii fi Duuka Bu'oonni itti yaadataman

Bartalamewoos - Fulbaana 1
Maatewoos - Onkoloolessa 13
→ Isxifaanoos - Onkoloolessa 27
Luqaas - Onkoloolessa 22
Filiiphoos - Sadaasa 18
Indiriyaas - Mudde 4
Yohaannis - Amajjii 4
→ Yaa'iqoob ilma Ilfiyoos - Gurraandhala 10
→ Maatiyaas - Bitootessa 8
Yaa'iqoob ilma Zabdewoos - Eebla 17
Maarqoos - Eebla 30
Toomaas - Caamsaa 26
→ Taadewoos - Adoolessa 2
Pheexiroos fi Phaawuloos (Hiikkaa Tsooma Duuka Bu'ootaa) - Adoolessa 5
→ Naatnaa'eel - Adoolessa 10
→ Yaa'iqoob obboleessa Gooftaa - Adoolessa 18
→ Ximootewoos - Amajjii 23
→ Barnaabaas - Mudde 21
→ Tiitoo - Qaammee 2
→ Yooseef Fi Niqoodimoos - Hagayya 1
→ Qulqulluu Pheexiroos - Hagayya 7
→ Hanaaniyaa - Onkoloolessa 4
→ Diyoonaasiyoos - Onkoloolessa 6
→ Alaazaar - Bitootessa 17
→ Filimoonaa - Sadaasa 27

5. Guyyootii Hangafoonni Ergamootaa itti yaadataman

→ Raagu'eel - Fulbaana 1
→ Afniin - Sadaasa 8
Mikaa'eel - Sadaasa 12
Gabri'eel - Mudde 19
→ Suuriyaal - Amajjii 27
→ Saaqu'eel - Adooleessa 5
→ Uraa'eel - Adoolessa 21
→ Rufaa'eel - Qaammee 3
Bineensota Arfan (Kiruubeel) h - Sadaasa 8
Luboota Digdami Arfan Samii (Suraafeel) - Sadaasa 24

6. Bara Mootummaa Aksumitti Gibtsii fi Sooriyaa irraa dhufanii jireenya Kawaalaa fi Kawaalota kan babaldhisan guyyoota itti yaadataman

→ Phaanxaleewoos - Onkoloolessa 6
Aragaawwii (Zamikaa'eel) - Onkoloolessa 14
→ Yim'aataa - Onkoloolessa 28
→ Liqaanoos - Sadaasa 25
→ Ootsi - Mudde 4
→ Libaanoos (Maxaa'i) - Amajjii 3
→ Tsihimaa - Amajjii 16
→ Aleef - Bitootessa 11
→ Afitsee - Caamsaa 29
→ Gubaa - Caamsaa 29
→ Garimaa (Yisihaaq) - Waxabajjii 17

As irratti Libaanoos (Maxaa'ii) n ala warreen kaan Qulqulloota Sagalani, Aleef fi Ootsi maqaa nama tokkoo ta'uu hin oolan.

7. Ayyaanota Tsoomii Guddaa Waliin walqabatan

→ Zeweredee - Torbee jalqabaa Tsooma guddaa
→ Qiddist (Qulqulleettii) - Torbee lammaffaa Tsooma guddaa
→ Mikuraab - Torbee sadaffaa Tsooma guddaa
→ Matsaaguu - Torbee Arfaffaa Tsooma guddaa
→ Dabra Zayit (Tulluu Ejersaa) - Torbee Shanaffaa Tsooma guddaa
→ Gabriheer (Tajaajilaa Amanamaa) - Torbee Jahaffaa Tsooma guddaa
→ Niqoodimoos - Torbee Torbaffaa Tsooma guddaa
→ Hoosaa'inaa - Torbee Saddeettaffaa Tsooma guddaa

Ayyaana Du'aa Ka'umsa gooftaatiin dura Dilbata Hoosaa'inaa irraa kaasee hanga Sanbata (Qidaamee) guyyoonni jiran Torbee dhukkubbii jedhamuun beekamu. Isaanis;

→ Wiixata - Guyyaa itti Balasiin Abaaramte
→ Kibxata - Gooftaa fi Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa itti gaaffi gaafatame.
→ Roobii - Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa itti dabarsanii kennuuf murteessan.
→ Kamisa - Kadhannaa Kamisaa
- Kamisa ajajaa
- Kamisa miila dhiqaa
- Kamisa Magariisa
- Kamisa Kakuu Haaraa
- Kamisa Bilisummaa

→ Jimaata - Fannoo (Siqlatii) guyyaa itti fannifame.
→ Sanbata (Qidaamee) - Sanbata Shaaramte (Qidaamee Shuur)

→ Dilbata - Du'aa Ka'umsa Gooftaa

Ayyaana Du'aa Ka'umsa Gooftaa booda guyyoota jiran

→ Wiixata - Maa'idoot (Cee'umsa)
→ Kibxata - Toomaas
→ Roobii - Alaazaar
→ Kamisa - Addaam
→ Jimaata - Mana Kiristaanaa
→ Sanbata - Dubartoota /Anist/ (Dubartoota Awwaala isaa ilaaluuf ganamaan deemaniif)
→ Dilbata - Du'aa Ka'umsa Lammaffaa (Dagme Tinsae)

8. Abbootiin, Raajonni fi Mootonni Bara Kakuu Moofaa keessaa turan guyyaan yaadannoo isaaniis;

→ Raajicha Amoots - Qaammee 5
→ Raajicha Miikiyaas - Hagayya 22
→ Raajicha Saamu'eel - Hagayya 27, Waxabajjii 9
→ Raajicha Milkiyaas - Hagayya 30, Amajjii 8
→ Izraa Raajicha - Adoolessa 6
→ Iyyaasuu - Fulbaana 4, Waxabajjii 26
Raajicha Isaayyaas - Fulbaana 6
→ Musee - Fulbaana 8
→ Luba Aaroon - Fulbaana 8, Ebla 1
→ Raajicha Yoonaas - Fulbaana 25, Adoolessa 17
→ Raajicha Daani'eel - Bitootessa 23
→ Raajicha Hizqi'eel - Ebla 5, Adoolessa 27
→ Raajicha Ermiyaas - Ebla 12, Caamsaa 5
→ Iyyoob - Caamsaa 2, Fulbaana 1
→ Raajicha Eelsaa - Waxabajjii 4
→ Heenook - Adoolessa 25, Amajjii 26
→ Yoodiit - Fulbaana 10
→ Soosinnaa - Fulbaana 29
→ Raajicha Hoosee'i - Onkoloolessa 20
→ Raajicha Iyyu'eel - Onkoloolessa 21
→ Raajicha Abdiyuu - Sadaasa 23
Raajicha Eeliyaas - Mudde 1, Amajjii 6
→ Naabutee - Mudde 1
→ Raajicha Naahoom - Mudde 5
→ Geedeewoon - Mudde 16
→ Asteer - Mudde 24
→ Maqaabiyaan - Mudde 25
→ Abeel - Amajjii 1
→ Nooh - Amajjii 6
→ Raajicha Zakkaariyaas - Gurraandhala 15
→ Mootii Hizqiyaas - Hagayya 4
Mootii Daawwit -  Onkoloolessa 12, Ebla 6, Mudde 23.
Mootii Solomoon - Waxabajjii 23
→ Addaam fi Heewaan - Ebla 6
→ Luba Zakkaariyaas - 8

9. Akkasumas Beektonni Mana Kiristaanaa keenya (Kakuu Haaraa) guyyoota itti yaadataman

→ Ille Iskindiroos - Hagayya 18
→ Diyoosqooroos - Fulbaana 7
→ Baasiliyoos isa Qisaariyaa - Fulbaana 13, Amajjii 6
→ Gorgooriyoos Armaniyaa - Fulbaana 19
→ Atinaateewoos -  Fulbaana 30
→ Abbaa Hiriyaaqoos - Onkoloolessa 2
→ Abbaa Giyoorgisi Gaasiccaa - Onkoloolessa 3
Yohaannis Afaan Warqee - Onkoloolessa 13, Caamsaa 12
→ Yaa'iqoob isa Siruug - Waxabajjii 7
→ Qeerloos - Adoolessa 3
→ Eefreem Sooriyaawwii - Adoolessa 15
→ Dimeexiroos Hangafa Phaaphaasii - Onkoloolessa 13
→ Goorgooriyoos - Amajjii 21
Qulqulluu Yaareed - Caamsaa 11

Mooticha Qosxanxiinoos - Hagayya 12, Bitootessa 28
Mootittii Illeenii - Hagayya 21

10. Qulqulloonni Dubartoonni 36'n guyyoota isaan itti yaadataman

1. Eelsabeet - Gurraandhala 16
2. Haannaa -  Fulbaana 7
3. Beerzeedaan ykn Beersit - Mudde 10
4. Maltiidaan ykn Maarnaa - Amajjii 4
5. Saloomee - Caamsaa 25
6. Maariyaam Magdalaawwit - Hagayya 6
7. Maariyaam obboleettii Alaazaar  - Gurraandhala 6
8. Haannaa Raajittii - Gurraandhala 20 fi Onkoloolessa 6
9. Maariyaam haadha Yohaannisii fi Yaa'iqoob ykn haadha manaa Zabdiwoos - Amajjii 18
10. Soofiyaa (Barbaraa) - Amajjii 30
11. Yooliyaanaa ykn Yoonaa - Sadaasa 18
12. Soofiyaa ykn Markeezaa - Amajjii 30
13. Awugaaniyaan ykn Philaagiyaa - Onkoloolessa 11
14. Arseemaa - Caamsaa 11
15. Yoostiinaa - Amajjii 30
16. Xeeglaa - Hagayya 6
17. Arnii ykn Soofiyaa - Sadaasa 10
18. Illeenii - Amajjii 29
19. Iyyoopharaaqiliyaa - Bitootessa 26 fi Hagayya 2
20. Teewooklaa ykn Tee'oodraa -  Amajjii 4
21. Kiristiyaanaa ykn Axiruuniis - Sadaasa 18
22. Xiqmoolaa ykn Amoonaa - Amajjii 30
23. Phiisxiis - Amajjii 30
24. Alaaphiis - Amajjii 30
25. Agaappiis - Amajjii 30
26. Irsooniyaa ykn Arnii - Amajjii 30
27. Philaagiyaa - Amajjii 30 fi Onkoloolessa 11
28. Anxooliyaa ykn Luukiyaa - Gurraandhala 25
29. Amoon ykn Soofiyaa - Amajjii 15 fi Hagayya 3
30. Iyyaluxaa - Hagayya 6
31. Mariinaa - Adoolessa 27
32. Maartaa obboleettii Alaazaar - Amajjii 18  fi Caamsaa 27
33. Maariyaam haadha Maarqoos - Amajjii 30
34. Saaraa ykn Soofiyaa haadha Yihudaa - Amajjii 30
35. Yohaanaa ykn Yoolaanaa niitii Kuuzaa - Mudde 26
36. Soosinnaa - Caamsaa 12

Ayyaanota Gurguddoo fi Xixiqqoo Gooftaa Saglan

Ayyaanota Gurguddoo Gooftaa Saglan

1. Missiraachoo
2. Dhaloota - Mudde 29
3. Cuuphaa - Amajjii 11
4. Dabra Taaboor - Hagayyaa 13
5. Hoosaa'inaa
6. Fannoo (Siqlat)
7. Du'aa Ka'umsa
8. Olba'iinsa (Irget)
9. Paaraaqilixoos (Ayyaana Guyyaa Shantammaffaa)

Ayyaanota Xixiqqoo Gooftaa Saglan

1. Fannoo (kan ji'a Fulbaanaa) - Fulbaana17
2. Lallaba - Mudde 7-13 Bara Lallabaa
3. Ifa - Mudde 14-20
4. Noolaawwii - Mudde 21-27
5. Gizrat - Amajjii 6
6. Dhaloota Simi'oon  - Gurraandhala 8
7. Qaanaa ZaGaliilaa - Amajjii 12
8. Dabra Zayit
9. Fannoo (kan ji'a Bitootessa) - Bitootessa 10

Ayyaanonni Gurguddoo Haadha Keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Shanan ammoo;

1. Dhaloota - Caamsaa 1
2. Ba'aataa (Guyyaa itti Mana Qulqullummaa seente) - Mudde 3
3. Kidaane Mihirat - Gurraandhala 16
4. Boqonnaa ykn Asteri'oo - Amajjii 21
5. Filsataa - Hagayya 16

Akkasumas Dabalataan Guyyoota ji'aa 1-30 jiran keessatti Qulqulloonni yaadataman

1. Dhaloota Maariyaam, Raajicha Eeliyaas (dhaloota isaa), Duuka Bu'aa Bartalameewoos
2. Yohaannis Cuuphaa, Duuka Bu'aa Taadewoos
3. Ba'aataa Maariyaam, Abuna Zeenaa Maarqoos
4. Yohaannis Duuka Bu'aa, Indiriyaas Duuka Bu'aa
5. Aabboo, Pheexiroos fi Phaawuloos
6. Raajicha Eeliyaas, Arseemaa
7. Sillaasee
8. Kiruubeel, Maatiyaas Duuka Bu'aa, Kiiroos
9. Gubaa'ee Niqiyaa
10. Fannoo, Naatnaa'eel Duuka Bu'aa
11. Iyyaaqeem fi Haannaa, Qulqulluu Yaareed
12. Ququlluu Mikaa'eel, Maatewoos Duuka Bu'aa
13. Qulqulluu Rufaa'eel, Zara'aa Bruuk
14. Qulqulluu Filiiphoos (Abbootii 72 keessaa), Abuna Aragaawwii, Gabra Kiristoos
15. Qulqulluu Qiirqoos
16. Kidaane Mihirat
17. Qulqulluu Isxiifaanoos, Abbaa Gariimaa
18. Yaa'iqoob Duuka Bu'aa, Filiiphoos Duuka Bu'aa, Abuna Ewoosxaaxeewoos
19. Qulqulluu Gabri'eel
20. Gamoo Mana Kiristaanaa
21. Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Abuna Qaawusxoos
22. Luqaas Wangeelaawwii, Qulqulluu Daksiyoos, Qulqulluu Uraa'eel
23. Hangafa Wareegamtootaa Qulqulluu Giyoorgiis
24. Qulqulluu Toomaas isa Maraa'aas, Abuna Takla Haymaanoot, Luboota 24'n Samii (Suraafeel)
25. Qulqulluu Marqooriyoos Wareegamaa
26. Qulqulluu Yooseef
27. Fayyisaa Addunyaa
28. Amaanu'eel, Abrahaam, Yisihaaq fi Yaa'iqoob
29. Abuna Taadewoos
30. Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa (dhaloota isaa), Qulqulluu Maarqoos Wangeelaawwii.

Kanneen armaan olitti ilaalle kunneen baay'inaan kan kabajaman jedhuudha malee guyyoota sanarra isaan qofaatu oola jechuu miti, isinis guutummaa isaa argachuuf «Kitaaba Sinkisaar» dubbisaa.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Hub:- Barreeffama kana qopheessuuf Kitaabolee garaagaraa fayyadamneerra, tarii guyyaan kabaja ayyaana Qulqullootaa iddoo garaagaraatti gargar ta'uu danda'a Kitaabolee irratti jechuu keenya, nutis kana hanga danda'aame of-eeggannoon ilaallee isiniif barreessineera isinis dubbisaa, dogoggora yoo argitan ammoo nu beeksisuu gonkuma hin dagatiinaa comment box irratti nuuf barreessaa ni sirreessina ykn karaa Email keenya danilive2018@gmail.com nuuf barreessaa!

Eebbii fi sugni Qulqulloota kanneenii nurra haa bulu!

Post a Comment

3 Comments

  1. Amajjii gaafa 7......guyyaan baabiloon(afaan itti gargarbahe mitimo Dani!)

    ReplyDelete
  2. Waaqayyoo isin haa Eebbisuu Haala kamiin bufaadha?

    ReplyDelete
  3. Waaqayyoon baraa jireenya kee sifhaa eebbisuu,Lafarratti Tajajjilaa Manasaa Samiirratti dhaltuu Mootummaasaa si haa taasisu!

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)