Subscribe To Our YouTube Channel

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Takla Haymaanoot eenyudha?

Abuna Takla Haymaanoot

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot Qulqulloota dhalootaan Itoophiyaa ta'aanii Manneen Kiristaanaa Gibtsii keessatti kabajaman keessaa isaan tokko yoo ta'aan Mana Kiristaanaa Gibtsii ykn Koophxitti «Saint Takla Haymanot of Ethiopia» jedhamuun ni beekamu. Akka ragaan Wikipedia ibsutti Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot kan dhalatan bara bara Mootii ykn bulchiinsa Zaaguweetti, Shawaa iddoo Bulgaa jedhamutti. 

Akkasumas Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot Manneen Kiristaanaa kanneen akka;

• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa
• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Gibtsii
• Mana Kiristaanaa Ortodoksii Ertiraa
• Mana Kiristaanaa Kaatolikii Gibtsii 
• Mana Kiristaanaa Kaatolikii Itoophiyaa fi
• Mana Kiristaanaa Kaatolikii Ertiraatti akka yaadataman fi kabaja guddaa akka qaban Wikipedia irratti barreeffamee argama.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot eenyudha?


Ibsa suuraa :- Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot

Takla Haymaanoot jechuun «የሃይማኖት ተክል፣ ተክለ አብ ተክለ ወልድ ተክለ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Biqiltuu Amantaa, Biqiltuu Abbaa, Biqiltuu Ilmaa, Biqiltuu Afuura Qulqulluu» jechuudha.

Waaqayyo Gooftaan keenya biyya keenya Itoophiyaadhaaf Duuka Bu'aa haaraa taasisee kan isaan filate abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot Missiraachoo Ergamaa Qulqulluu Mikaa'eeliitiin Abbaa isaanii Luba Tseggaa Ze Aab fi haadha isaanii Qulqulleettii Igzi'a Harayaa irraa Bitootessa 24 garaatti baatamanii Mudde 24 bara 1197 tti dhalatan. Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot dhalatanii guyyaa sadaffaatti haadha isaanii harkaa bu'anii «አሐዱ አብ ቅዱስ አሐዱ ወልድ ቅዱስ አሐዱ ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha! Ilmi tokkichi Qulqulluudha! Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha!» jechuudhaan Waaqayyo uumaa isaanii galateeffataniiru. Abbaa fi haati isaaniis maqaa isaanii «ፍሥሐ ጽዮን» ykn «Fisihaa Tsiyoon» jedhaniin. Kunis gammachuu Tsiyoon jechuudha. Maqaan durii Abbaa fi haadha Abuna Takla Haymaanoot Zarayaa Yohaannis fi Saaraa jedhama ture. 

Read Also :- Abuna Aragaawwii

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot ijoollummaa isaanii irraa eegalee Abbaa isaanii Luba Tseggaa Ze Aab irraa Diqunnaa fi Sirna Mana Kiristaanaa qo'achaa turanii Hangafa Phaaphaasii Iskindiriyaa Abuna Qeerloos (Geerloos) irraa Diqunnaa fi Lubummaa argataniiru. Eebbifamoon Abbaan keenya Qulqulleettii Mana Kiristaanaa umurii isaanii dargaggummaatti tajaajilaa akka turan kanaan ni beekama.

Gaaf tokko Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot Adamoodhaaf gara bosonaatti deemanii osoo jiranii Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel isaaniif ibsamee isaanitti muldhate. Abbaan keenyas «Ol ka'iinsa akka kanaatiin kanan si ilaalu Gooftaa koo ati eenyu?» yeroo isaan jedhanitti Qulqulluun Mikaa'eel «Yeroo hunda kanan si eegu, sirraa kanan addaa hin baane Abbaa kee fi haadha kee waa'ee keetiif bishaaniin fudhatamuu ykn bishaanitti dhidhimuu irraa kanan oolche ani Mikaa'eelidha! kana booda bineensa hin adamsiin, nama gara Waaqayyootti deebisuuf, nama barumsaan kan fayyisu ta'i malee, kunoo Waaqayyo aangoo guddaa siif kenneera waan ta'eef, kan du'e ni kaasta, dhukkubsattoota ni fayyista, afuuronni hamoonis si sodaachuun ni baqatu, maqaan kee Fisihaa Tsiyoon hin ta'iin Takla Haymaanoot haa ta'u malee, hiikni isaas 'የሃይማኖት ተክል፣ ተክለ አብ ተክለ ወልድ ተክለ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Biqiltuu Amantaa, Biqiltuu Abbaa, Biqiltuu Ilmaa, Biqiltuu Afuura Qulqulluu' jechuudha» jedheen.

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Mikaa'eel kana yeroo isaanitti himu akkuma Gooftaan keenya yeroo Duuka Bu'oota isaa waliin tureetti maanguddoo fakkaateetu ture kan Abuna Takla Haymaanootitti muldhate. Gooftaan keenyas «Akkam jirta?» isaan jedhe Abuna Takla Haymaanootis «Yaa Gooftaa koo ati eenyu?» jedhanii yeroo isa gaafatan Gooftaan keenyas «Ani fayyisaa Addunyaa Iyyesuusidha. Dhalattee guyyaa sadaffaatti 'አሐዱ አብ ቅዱስ አሐዱ ወልድ ቅዱስ አሐዱ ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha! Ilmi tokkichi Qulqulluudha! Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha!' jettee akka na galateeffattuuf kennaa galateeffannaa kan sirra bulche anadha. Bara beelaatti manatti nyaanni barbaachisaan hundi Dhadhaan, Daakuun Qamadii, mana Abbaa fi haadha keetti akka guutuuf harka keetiin kennaa Eebbaa kanan sirra bulche anadha. ........... ijoollummaa kee irraa kaasee raajii hedduu taasisaa harka keetiin kan dhukkubsatan kan fayyise anadha. Gara fuulduraatttis siif nan taasisa!» jedheen. Kanas jedhee harka isaatiin isaan eebbisee «ንሣእ መንፈስ ቅዱስ» jedhee kennaa muudamuu isaanirra bulche, lammaffaas «Lafa irratti kan hiite, Samii irrattis kan hidhame haa ta'u, Lafa irratti kan hiiktes Samii irratti kan hiikame haa ta'u!, si kan dhaga'e ana dhaga'uu isaati, kan na erge Abbaa koos dhaga'uu isaati, si kan dhaga'uu dide anas diduu isaati, kan na erge Abbaa koos diduu isaati, aangoo kana Duuka Bu'ootaaf kenneen ture, Duuka Bu'oota irraa aangoo kan fudhate Phaaphaasii muuduu fi aangoo isaa haquuf, dhaabuu fi buqqisuuf aangoo siif kenne. Kanas kanan siif taasise jecha Phaaphaasii sanaa cabsuun miti, Jaalalli koo so irratti hangam akka ta'e akka ibsamuufi malee. Gara Uummata Duuka Bu'oonni bira hin geenyeetti barsiisummaan akkan si erguuf jecha Mikaa'eeliitiin maqaa haaraa siifin baase. Atis hojii kamiiniyyuu isaanii gadi hin taatu. Duuka bu'aa haaraa si taasiseera waan ta'eef, nama hunda maqaa kootiin barsiistee akka amansiistuuf, Mikaa'eelis hojii yaadde hundaaf gargaaraa siif haa ta'u, yeroo hunda sirraa adda hin ba'u, daandii deemtu hunda irrattiyyuu inni dursaa siif haa ta'u! ani bara jireenya kee hundumaatti sirraa adda hin ba'u!» erga isaaniin jedhe booda nagaa isaaniif kennee ol ba'e.


Abbaan keenyas harka fuudhanii «Ana cubbamaadhaaf kan hin taane ykn ana cubbamaadhaaf kan naaf hin malle kennaa kana hunda kan naaf kennite maqaan kee Samii fi lafa irratti kan galateeffame haa ta'u!» jedhan. Guyyaa sana irraa eegalee kennaa humnaa kan guutaman ta'aan. Gara mana isaaniittis deebi'anii qabeenyaa fi qarshii qaban hunda Mana Kiristaanaatiif, hiyyeessotaaf kennanii fixan. Sana boodas «Maaloo Yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos! balbala Mootummaa Waaqayyoo akka naaf bantuuf kunoo manni koo akka banametti siif dhiise!» jedhanii Mana isaanii akka banametti dhiisanii Wangeela barsiisuuf ba'aan.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot biyya keenya Itoophiyaa keessa naanna'aanii uummata Cubbuu irraa gara hojii qajeelaatti, ganiinsa irraa gara Amanuutti ykn gara Amantaatti waan deebisaniif kanarraa kan ka'es Itoophiyaanotaaf ifa ykn ibsaa jedhaniiru. Bu'uura kanaanis bara 1219-1222 Dh.K.B waggoota sadiif Katataatti Wangeela barsiisan. Itti aansaniis ji'oota sagaliif Wiifaatitti tajaajila isaanii raawwatan. Bara 1223-1234 Dh.K.B tti iddoo Daamoot jedhamutti ykn kutaa biyya Walaayittaatti waggoota kudha lamaaf uummata barsiisuudhaan uummata naannoo sanaa Xaa'otii ykn Waaqolii Tolfamoo Waaqessuu irraa gara Waaqayyo Waaqessuutti, Cubbuu hojjechuu irraa hara waan gaarii ykn waan qajeelaa hojjechuutti deebisaniiru. Manneen Kiristaanaas achitti ijaaramiiru. Kutaa biyya kanaa ykn Walaayittaatti Diyaabiloos muka irra bulee «Ani Waaqadha!» jedhee baroota hedduudhaaf uummata dogoggorsiisuun muka itti fayyadamaa ture raajii Waaqayyootiin Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot buqqisaniiru.

Bara 1234 irraa kaasee hanga bara 1244 Dh.K.B tti yeroo jirutti ammoo ajajaa fi eeyyema Waaqayyootiin gara Amaaraa Saayint Wallootti deemuun Gadaamii Abbaa BeTseloote Mikaa'eel seenanii waggoota 10'f Sirna Minkusinnaa barachaa, Raajiiwwan garaa garaa hojjechaa hojii humnaatiinis tajaajilaa achi turan. Bara 1244-1254 Dh.K.B tti ammoo gara Gadaamii Abbaan keenya Abuna Iyyesuus Mohaan itti argaman Hayq Isxifaanoos Gadaam dursummaa Qulqulluu Mikaa'eeliin seenuun Gary ykn hara sana akka bishaan irra hin jirree ykn akka lafa gogaatti irra ejjechuun gara Eddoola sanaatti seenuun hojii tajaajilaa fi Eebbaa baay'isuun hojii Minkusinnaa isaanii itti fufanii xumura irraan gahaaniiru. Harka Abbaa Iyyesuus Mohaatiinis fakkeenya Qulqullummaa kan ta'e Minkusinnaa fudhataniiru.

Bara 1254-1266 Dh.K.B tti gara Tigraayitti deemanii Gadaamii Abuna Aragaawwii kan ta'e Gadamii Dabra Daamoo seenanii Aba Mineetii yeroo sana turan Abbaa Yohaanii irraa Qoobii fi Askeemaa fudhatanii waggoota kudha lamaaf Gadaamii sana keessatti Qabsuuraa fi eebbaan qabsuura isaanii Afuurawaa itti fufan. Hangafa ykn duree Monoksootaa kan ta'aan Abuna Inxoons eeyyemaa fi ajaja Waaqayyootiin Minkusinnaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel harkaa fudhatan. Inxoonsis Maqaars guddichaaf aangoo Minkusinnaa kennan, Maqaars guddichis Phaakumiisiif Aangoo Minkusinnaa kenne, akkas akkas jedhee Minkusinnaan Abbootii keenya irraa gara dhalootaatti darbaa hanga Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanootitti kan gahe yoo ta'u isaanis Abbootii hedduuf aangoo Minkusinnaa kennanii turan. 

Read Also :- Qulqulluu Yaareed

Isaan kanneen keessaas Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot harka irra kaa'uudhaan «በአንብሮተ እድ» kan isaan muudan urjiiwwan Kudha lamaan;

• Anoorewoos isa Wereb
• Zeenaa Maarqoos isa Mooratu
• Taadewoos isa Tsilaallish
• Gabra Kiristoos isa Dimbee
• Saamu'eel isa Wagag
• Yooseef isa Innaaryaa
• Adhaanii isa Daamoot
• Isaayyaas isa Waajjuu
• Marqooriyoos isa Manz Marraabetee fi Walaqaa
• Qaawusxoos isa Mahaaggal
• Maatiyaas isa Faxagar
• Tsafaa Hitsaan isa Dawaaroo
• Daawwit isa Insaaroo
• Naataan isa Zal'aatuu fa'i.

Akkasumas harka irra kaa'uudhaan kan isaan muudan ija Arfan kan jedhaman Urjiiwwan Kudha lamaan:

→ Imbaaqoom
→ Yaa'iqoob
→ Maatiyaas
→ Wareegamaa Yohaannis
→ Yohaannis Maxihaar
→ Zatira ZeWangeel
→ Abrahaam isa nagaa «አብርሃም ሰላማዊ»
→ Qomoos hidhama ZeWangeel «እስረኛው ቆሞስ ዘወንጌል»
→ ZeKiristoos fa'i

Akkasumas Bullaallaa Adii kan jedhaman fi Abuna Takla Haymaanootitti aanee Dabra Libaanoositti kan muudaman;

° Elsaa
° Filiiphoos
° Hizqiyaas
° Tewoodiroos
° Yohaannis dhokataa «ዮሐንስ ስውር፣»
° Yohaannis Kamaa «ዮሐንስ ከማ»
° Indiriyaas
° Yimirihanne Kiristoos
° Pheexiroos fa'i.

Abbaan keenya Eebbifamoon Abuna Takla Haymaanoot ajaja Ergamaatiin Gadaamii Dabra Daamoo irraa gara Gadaamii biraatti deemuudhaan yeroo ka'aan Aba Mineetiin Abbaa Yohaanii fi Monoksoonni yeroo isaan gaggeessan Abuna Takla Haymaanoot funyoo dheerina ciqilee afurtama qabuun hallayyaa sana bu'uufi akkuma jalqabaniin Seexanni funyoo sana jalaa kute. Abbaan keenya garuu yeroo kanatti koochoowwan ifaa jaha kennamaniifi balali'aa koochoowwan isaanii waliin rukutaa boqonnaa sadi deemanii yeroo boqotan Aba Mineetii fi Monoksoonni arganii garmalee gammadaniiru. Abbaan keenya gara Tigraayitti deemanii Gadaamii Abuna Aragaawwii kan ta'e Dabra Daamoo seenanii Aba Mineetii yeroo sana turan Abbaa Yohaanii irraa Qoobii fi Askeemaa erga fudhatan booda deebi'anii gas Gadaamii Hayq Isxifaanoositti deemuun Abuna Iyyesuus Mohaatiif Qoobii fi Askeemaa kennaniiru. Sana boodas gara Gadaamii Waaliitti seenuun Qulqulloota waliin wal arguun eebba irratti eebba, Qabsuura irratti Qabsuura dabalaniiru.

Bara 1266 irraa kaasee hanga bara 1267 tti waggaa tokkoof Gadaamiiwwan Tigraay hunda daawwachuudhaan gara Iyyerusaaleem fi Gibtsiitti deemuun iddoowwan Qulqullaa'oo achi jiran daawwatanii deebi'aniiru. Sana boodas iddoo «Daadaa» jedhamutti Waaqeffamaa kan ture Jawwee ciqilee 75 dheeratu humna kadhannaatiin mallattoo Fannootiin itti mallatteeffatanii raajiidhaan isa ajjeesaniiru. Iddoo sanatti maqaa Bineensota ykn Kiruubeeliin Mana Kiristaanaa ijaaranii Taabota Waaqayyoo keessa galchaniiru. Dubartootaa fi daa'immaniin ala Dhiirota Xaa'otii Waaqessaa turan barsiisanii deebisanii cuuphuudhaan qorrobsiisaniiru.

Yeroo bara 1267 hanga 1289 jiru gidduutti ammoo Dabra Libaanoositti kan argamtu Gadaamii Asbootti holqa keessa seenuudhaan eeboowwan 8 (lamaan isaanii fuulduraan, lamaan isaanii dubaaan, lamaan isaanii Mirgaan lamaan isaanii ammoo bitaadhaan) dhaabsisanii harka isaanii bifa mallattoo Fannootiin diriirsuun Dhukkubbii fi du'a Kiristoos, Dubbii Fannoo isaa yaadachuudhaan halkanii fi guyyaa osoo adda hin kutiin Tsoomii fi Kadhannaadhaan callisuun murta'aanii yeroo qabsuura'aan baay'inaan dhaabbachuu isaanii irraa kan ka'e Amajjii 4 bara 1289 tti miilli isaanii tokko ni muramte ykn ni cabde. Qulqulluun Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot halkanii fi guyyaa dhaabbachuudhaan, qabsuuraan, cimuudhaan miilli isaanii jallatte tokko yeroo cabdu umuriin isaanii waggaa 92 ture. Bara 1289-1296 tti waggoota torbaaf miila isaanii tokkoon dhaabbatanii nyaataa fi dhugaatii malee, hirribas dhabuudhaan akka utubaatti cimanii ijoollee namaa hundaaf kadhachaa turaniiru. Waggoota torba sana keessaa bishaan xiqqoo kan dhugan waggaa isa arfaffaa irratti qofa ture. Yeroo sana keessatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isaaniif ibsamee sammuu namaatiin yaadamuu fi safaramuu kan hin dandeenye gadi fagoo fi adda kan ta'e Galmi Mootummaa erga isaaniif kenname booda waa'ee Waaqummaa kan dubbatu Arraba ykn Afaan ibiddaa kan qaban uffata Mootummaa isaan uffise. Fakkeenya ykn mallattoo Fannootiin kan faayaman Goonfoowwan jireenyaa torba isaaniif kenneera. Kunis;


• Waa'ee Amantaa qajeeltuu keetiif,
• Amantaa barsiisuuf guutummaa Itoophiyaa keessa naanna'uu keetiif,
• Namoota Ahizaabota waliin waa'ee Amantaatiif yeroo morkattu dhiiga kee dhangalaasuu keetiif,
• Gara Iyyerusaaleemitti deemtee iddoowwan Qulqullaa'oo garaa garaa ilaaluu keetiif,
• Waggaa torba dhaabbattee miilli kee tokkichi cabuu isaatiif,
• Waa'ee baay'ina Tsoomii, Kadhannaa fi Sagada keetiif,
• Waa'ee Qulqullummaa laphee keetiif jechuudhaan Goonfoo jireenyaa erga isaaniif kenneen booda Yaadannoo isaanii taasisuun, guyyaa Kabaja Ayyaana isaanii kan yaadatan hundi Addunyaa kana irrattis ta'e Addunyaa isa sanatti kabajaa fi gatii akka isaaniif kennu waadaa isaaniif Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waadaa guddaa isaaniif galeera. Foon isaaniis eessatti akka awwaalamu yeroo isaanitti himu «Hanga waggaa 57 tti foon kee asitti ni awwaalama, waggaa 57 booda garuu holqi kun ni diigamti, Gadaamii kana keessattis maqaa keetiin ijoolleen kee Mana Kiristaanaa guddaa hojjetanii Foon kee keessa ni kaa'u» jedheen.

Dhuma irrattis Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot guyyoota kudhaniif dhukkuba irra turanii waadaa Waaqayyo isaaniif galeen ijoollee isaanii Afuuraa Monoksootaaf erga himan booda Hagayya 24 kabaja guddaadhaan boqotaniiru. Abuna Takla Haymaanoot Qulqulleettii Lubbuun isaanii Foon isaanii irraa adda baatee ba'uu isheetiin dura ijoollee isaanii hunda eebbisanii yeroo isaan gaggeessan isaan keessaa Dubartiin isheen tokko «Yaa Abbaa keenya! Jecha keessaniin kan hidhaman yoo jiraatan nuuf hiikaa!» yeroo jettuun «Nama irraa kaasee hanga bineensotaatti kan hidhaman Bineensonni bosonaa hundi kan hiikaman haa ta'aan!» jedhan. Yeroo kanattis Bineensonni bosonaa fi Allaattiiwwan ykn Simbirroonni jecha Abbaa keenyaatiin waggoota 18'f hidhamanii turan waggaa 18 booda ni hiikaman. Dubartiin sunis kana dubbattee bineensota bosonaa sana yeroo hidhaa irraa hiiksiiftu achi kan turan hundumtuu naasuudhaan, sodaa irraa kan ka'e gara alaatti ba'a.

Dursee Bineensonni bosonaa sababni isaan Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanootiin itti hidhamaniif Duuka Bu'oonni isaanii nyaataaf kan ta'u hojii qonnaa xiqqoo hojjechuun Atara facaasanii, Raafuu dhabanii osoo jiranii yeroo sanatti Dabra Asboon lafa onaa waan turteef Bineensonni bosonaa kanneen akka Osolee, Qamalee, Jaldeessa, Xaddee fi kanneen biroos biqiltuu isaan dhabanii turan waan balleessanii isaan rakkisan. Duuka Bu'oonni Abuna Takla Haymaanootiinis gara Abuna Takla Haymaanootitti dhufanii «Biqiltuuwwan keenya nu jalaa balleessan!» yeroo jedhaniin, Abuna Takla Haymaanoot ammoo «Nuti gara mana isaaniitti dhufne malee isaan gara keenyatti hin dhufne waan ta'eef dhiisaa!, akkuma keenya lubbuu kan qaban waan ta'aaniif dhiisaa!» jedhaniin. Turanii garuu Bineensonni bosonaa sunneen garmalee hammaatanii ykn biqiltuuwwan sana garmalee balleessuu jalqaban. Guyyaa tokko Abbaan keenya yeroo ilaalan Jaldeessi tokko dhufee harka dubartii tokkoo qabatee, kan isheen qabattee turte harkaa fudhate, garmalees ishee reebee ykn rukutee waan tureef iyyitee Monoksoonni gahaanii irraa rukutan ykn ari'an.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanootis badii hamaa Jaldeessa kanaa erga argan booda «Bineensonni bosonaa lafa onaa kana keessa jirtan hundi Qulqulloonni kan itti dhadhaban qarshii isaanii tuqxanii, iddoo keessan darbitaniirtu waan ta'eef Ani kanan tajaajilu jecha Waaqayyootiin kan hidhamtan ta'aa!» jedhanii isaan gazzatan. Guyyaa sana irraa eegalees Simbirroonni fi Bineensonni bosonaa kan hidhaman ta'aanii Harroonni Waraabessoota waliin Bineensota bosonaa waliin ooluu buluu eegalan. Ooyiruu isaaniis kan eegu hin jiru ture. Guyyaa boqonnaa isaaniitti garuu Monokseen ariifattuun sun «Yaa Abbaa keenya! Jecha keessaniin kan hidhaman yoo jiraatan nuuf hiikaa!» yeroo isaaniin jettetti Abbaan keenyas gizzitii ykn hidhaa isaanii kan bineensota bosonaa fi Allaattiiwwan ykn Simbirroota hidhanii ture kaasuu ykn hiikuu isaaniitiin erga isaan boqotan booda ganama isaa ka'aanii yeroo Oyiruu isaanii ilaalan Bineensonni bosonaa fi Simbirroonni wantoota Monoksoonni sun facaasanii turan hunda nyaatanii fixanii waan tureef wanti argatan tokkoyyuu hin jiru ture. Harroonni fi Saawwanis guyyaadhaan Waraabessootaan nyaatamanii argaman.

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanootis dursanii Duuka Bu'oota isaaniitiin «Yaa ijoollee koo! kan Monokkose hundi Mootummaa Waaqayyoo ni gala jechuu miti, Addunyaa kan tuffate kan dhiise qofti ni gala malee! jalqaba Qulqullummaa Waaqayyoo qofaa barbaadaa! Tsoomii fi Kadhannaa baay'isaa, wal walii keessan jaalladhaa! ajajaa fi abboommiiwwan isaas cimsaatii eegaa!» jedhanii erga isaan gorsan booda waa'ee mataa isaanii yeroo dubbatan «Addunyaaf Ashaboo ofii koof ammoo kan Ashaboo hin qabnen (አልጫ) ta'e, Abbaa Murtii dhugaa Gooftaa koo! fuuldura yeroon dhaabbadhu maalin deebisa?» jedhanii gadi of qabiinsa guddaadhaan ni kadhatu waan tureef ammas Abbaan keenya kabajamtuun lubbuun isaanii Foon isaanii irraa osoo adda hin ba'iin fi Addunyaa kana waliin fooniin adda ba'uu isaaniitiin dura jecha gorsaa ykn abboommii Amantaa kanaa gadii nuuf dhaamaniiru;

         «Ijoollee koo hin boo'iinaa! ta'us garuu jecha Jaarsicha Abbaa keessanii dhageeffadhaa! jalqaba Amantiin keessan Waaqayyo irratti haa ta'u! Addunyaa kana irratti akka namoota qabamanii akka namoota Addunyaa waa'ee Uffatas fi nyaataa hin yaadiinaa! yeroo hunda Kadhannaa adda hin kutiinaa! Mana Kiristaanaatiif halkaniifi guyyaa tajaajilaa! Waaqayyo kan jaallatuun Qulqullummaa fi Tsoomii jaalladhaa! Wuddaasee kantuun kan itti baay'atu Addunyaa kana hin jaallatiinaa! isin akka Abbootiin keessan darbaniitti warreen gidiraa fi dhadhabbii guddaadhaan Addunyaa kana injifatanii yaada hamaa gatanii kanneen injifatan isaan fakkaadhaa! daandii isaanii yoo hin hordofnes ijoollee isaanii hin jedhamtan waan ta'eef, gidiraa keessan irratti yoo isaan hin fakkaanne gammachuu isaanii irratti isaan hin fakkaattan waan ta'eef, yeroo dhadhabbii isaanii yoo isaan waliin hin taane gara mana isaaniitti hin seentan. Abbootii keessan Qulqulloota darban fakkaattanii Abbaa keessan cubbumaa ammoo ana fakkaadhaa! Nyaataa fi dhugaatiidhaan lapheen keessan akka hin ulfaanne, Foon nyaachuu fi dhaadhii dhuguu irraa of qusadhaa! of jajuufis uffata Addunyaawaatiin of hin miidhagsiinaa! Askeemaan Ergamootaa hojii Addunyaawaa waliin walitti dhufeenya hin qabu waan ta'eef. Addunyaas, kan Addunyaa irra jiru hundas hin jaalatiinaa! Addunyaanis, fedhiin isaas kan darbudha waan ta'eef, fedhii Waaqayyoo kan taasisu garuu bara baraan ni jiraata. Ijoollee koo! Lubbuu keessaniif malee garaa keessaniif hin bitamiinaa! hundumti keessan waliif obboleewwan ta'aa! wal walii keessanis wal jaalladhaa! Jaalalli Afuura Qulqulluu irraa argamu Cubbuu ni balleessa waan ta'eef, Xuraa'aa Fooniifi Lubbuus ni qulqulleessa waan ta'eef. Kana yoo eegdanis dhugumatti ijoollee kooti. Firii jireenyaa kan buufattan taatu. Gara fuuldura Waaqayyootti kabajaan ni dhiyaattu. Ijoollee koo! nagaan isiniif haa ta'u!»

Abbaan keenya Abuna Takla Haymaanoot gorsa Afuurawaa jireenya Afuurawaaf galaa ta'aan kanneen erga ijoollee isaanii gorsan booda Lubbuun isaanii Foon isaanii irraa adda baate. Fayyisaan Addunyaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Ergamoota Qulqullaa'oo isaa waliin ibsameefi Qulqulleettii Lubbuu isaanii «Yaa Lubbuu Qulqulleettii gara kootti koottu!» jechuudhaan harka isaa kabajamoo dhaan fudhateera. Qulqulloonni Ergamoonnis «Duuti nama qajeelaa Waaqayyo biratti kabajamaadha!» jechaa faaruudhaan erga ol baasan booda Teessoo Sillaasee fuulduratti sagadde. Lubbuun kunis Abbaan keenya osoo lubbuun jiruu gara argee ture dhaala isaa bara baraatti ishee geessanii galchan. Gooftaan keenyas ija kan hin argamne, sammuu namaatiinis qoratamuu kan hin dandeenye gara galma Mootummaa isaatti isaa galchee Amalummaa Waaqayyoo kan dubbatu Arraba ykn Afaan ibiddaa kan qabu Uffata Mootummaa isaan uffise. Mootummaa Waaqayyoo ykn Mootummaa Samii Shananiitti, Ardiiwwan Jannataa 15 irratti isaan muude. Lubbuuwwan maqaa isaa waaman keessaas Qulqulluus ta'u cubbamaa gara Abbaa keenya kabajamaa Takla Haymaanootitti osoo hin geessisiin gara dhaala isaa bara baraattis ta'e gara Si'oolitti isa hin geessan. Lubbuun kunis kana yeroo argitetti «Abbaa koo! Abbaa koo! Yaa Takla Haymaanoot!» jettee ni iyyiti. Qulqulluun Abbaan keenyas gara Lubbuu sanaatti ilaalee hojii gaariin yoo irraa argame, maqaa isaa waamuudhaan araarsummaa isaatiinis kan amanamte yoo taate «Ani Abbaan kee kunoo!» jedhaan. Gara uumaa isaattis kadhatee waadaa isaaf kennameen gara jireenya bara baraatti ishee geessisa.


Guyyoota Yaadannoo Ayyaana Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanoot akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot isaan armaan gadiiti;

• Bitootessa 24 :- Guyyaa itti garaatti baataman (Mudde 24 bara 1196 Dh.K.B)

• Mudde 24 :- Guyyaa itti dhalatan (Mudde 24 bara 1197 Dh.K.B.)

• Sadaasa 24 :- Luboota Digdami Arfan Samii ykn Suraafeel waliin fooniin osoo jiranii Teessoo Sillaasee kan itti ulan

• Amajjii 4 :- Guyyaa itti miilli isaanii baay'isanii dhaabbachuu irraa kan ka'e guyyaa itti cite (Amajjii 4 bara 1289 Dh.K.B) ta'us garuu guyyaa boqonnaa isaanii waliin wal qabatee Ji'uma Amajjii gaafa guyyaa 24 ni kabajama.

• Hagayya 24 :- Guyyaa itti boqotan (Hagayya 24 bara 1296 Dh.K.B)

• Caamsaa 12 :- Guyyaa Filsataa Foon ykn Ekeraa isaanii (Caamsaa 12 bara 1353 Dh.K.B)

Akkasumas akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ji'a ji'aan gaafa guyyaa 24 guyyaa yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot ta'ee ni yaadatama, ni kabajama.




Eebbii fi Araarsummaan Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!


Post a Comment

0 Comments