Subscribe To Our YouTube Channel

Bineensota Arfan (Arbaetu Ensisa) | Kutaa 1ffaa


Bineensota Arfan (Arbaetu Ensisa)

Kutaa 1ffaa

Kitaaboleen Kakuu Haaraa baay'inni isaanii 35 dha. Kitaabolee Qannoonaa dabalatee. Akkasumas lakki 27 qofa warreen jedhanis ni jiru. Kitaabolee Kakuu Haaraa kana keessaa kitaabolee hedduu barreessuun kan dursu Qulqulluu Phaawuloos yoo ta'u Kitaabolee ergaa 14 barreesseera, Duuka Bu'aan Qulqullichi Yohaannis ammoo Kitaabolee 5 jechuunis;

→ Wangeela Tokko (Wangeela Yohaannis)
→ Ergaawwan Sadi (Ergaa 1ffaa, Ergaa 2ffaa fi Ergaa 3ffaa)
→Akkasumas Kitaabolee Kakuu Haaraa keessaa qabiyyee isaattiin adda kan ta'e, kitaabolee Kakuu Haaraa irraa addatti Kitaaba Raajii kan ta'e «Muldhata Yohaannis » barreesseera.

Walumaa galatti barressitoonni Kitaabolee Kakuu Haaraa lakkoofsaan 8 dha. Isaanis;

→ Qulqulluu Maatewoos
→ Qulqulluu Maarqoos
→ Qulqulluu Luqaaas
→ Qulqulluu Yohaannis
→ Qulqulluu Phaawuloos
→ Qulqulluu Pheexiros
→ Qulqulluu Yaa'iqoob fi
→ Qulqulluu Yihudaa dha.

Isaan kanneen keessaa Qulqulluun Phaawuloosiifi Qulqulluun Yohaannis wal duraa duubaan Kitaabolee 14 fi 5 barressuun kan dursan yoo ta'u, Qulqulluun Luqaasiifi Qulqulluun Pheexiroos ammoo Kitaabolee lama lama barreessaniiru. Warreen hafan Arfan ykn «Qulqulluu Maatewoos, Qulqulluu Maarqoos, Qulqulluu Yaa'iqoob fi Qulqulluu Yihudaa» ammoo Kitaabolee tokko tokko qofa barressaniiru.

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Muldhatni Yohaannis Kitaaba Raajii Kakuu Haaraa keessatti ramadama; kitaaba Raajii kan isa jechisiises;

Wanta gara fuulduraatti dhufuuf jedhu waan barreesseef ykn argeef.

Kitaabni Kakuu Haaraa dhuma irra jiru Muldhatni Yohaannis kun boqonnaawwan 22 kan qabu yoo ta'u. Iccitiiwwan gurguddoo, wantoota gara fuulduraatti ta'aan, waa'ee dhufaatii Kiristoos isa lammaffaa, waa'ee iccitii Samii keessaa fi k.k.f kan qabatedha.

Nutis hardha mata duree kana jalatti waa'ee iccitii Bineensota arfanii «Arbaetu Ensisa» kan Muldhata Yohaannis boqonnaa 4:6-9 irratti caqasamanii baldhinaan akka barsiisa Mana Kiristaanaa keenyaatti ni ilaalla, hanga dhumaatti dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa!

Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa durii kaasee hanga ammaatti Qulqullummaa Lubbuu barbaadanii Addunyaa buburree fi gowwoomsituu kanaan osoo hin booji'amiin daandii Waaqayyoo duukaa bu'anii, of gadi qabee dhiphinaa fi dhukkubbii Fannoo kan fudhate fi Fannoo irratti fannifame nun ammoo oolmaa sana irraanfachuu hin qabnu jechuudhaan hojii foonawaaatiif kab hin tolle garuu Qulqullummaa Lubbuutiif kan wal simatu kan ta'e Daandii Fannootiin kan deeman namoota Qulqullootafi kan hin jiraanne irraa gara jiraachuutti fidee maqaa isaa akka Qulqulleesssanii fi namoota akka tajaajilan kan uume Qulqulloota Ergamoota ni kabajji. Maqaa isaaniitiin Tsillaatii boccee, Mana Qulqullummaa ijaartee maqaa isaanii kan yaadattuu fi kabajjuuf akkasumas Qabsuura isaan raawwatan Sinkisaara irratti barreessitee, eebba isaanii kan akka qoodan taasistu Qulqullootni Ergamoonnii fi Namoonni Qulqulloonni jiru.

Akka Kitaaba Qulqulluutti tajaajilli isaanii ibsamee fi Manni Qulqullummaa ijaarameefii kitaabni barreeffameefii, kabajni isaanii kan yaadatamuuf Qulqulloota Ergamoota keessaa Sadaasa 8 fi Sadaasa 24 kan yaadatamanii oolan keessaa Bineensonni ykn uumamni lubbuu qaban arfanii fi Luboonni Digdami Afran Samii  ni caqasamu.

Bineensonni Afran (Arbaetu Ensisa) Ergamoota ta'aanii osoo jiranii sababni isaan «Bineensota» itti jedhamaniif Qulqullootni Raajotaafi Qulqulloonni Duuka Bu'oonni fakkii ykn bifa Bineensotaatiin waan ibsamaniifi. Akka barsiisa Mana Kiristaanaa keenyaatti «Bineensota Afran Kiruubeel» jedhamuun ni beekamu. Tajaajilli isaaniis Teessoo Waaqayyoo ykn Sillaasee baachuudha. Tajaajilli ykn hojiin Luboota 24'n samiis teessoo Qulqulleettii Sillaasee uluu waan ta'eef moggaasa ykn maqaa kana argataniiru ykn maqaan kun kennameefiira. «Suraafeelis  isaa ol dhaabbatanii ture. Tokkoon tokkoon isaaniitiifis koochoo jaha jaba qabu ture, inni tokkos isa tokkoon Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Waaqayyo gooftaan raayyaa lafti hundi kabaja isaatiin guutamteerti jechaa ni iyyu ture. Waltajjichis sagalee iyyaa irraa kan ka'e ni raafame, manichas aarri ni guute. » Isa. 6:3-5. Barreeffama gabaabaa kanaan waa'ee Bineensota Arfanii teessoo Qulqulleettii Sillaasee baatanii ni ilaalla.

1. Bineensota Afran

Bifa Bineensotaatiin ibsamanii kan muldhatanii fi Teessoo Qulqulleettii Sillaasee kan baatan Ergamoonni Kitaabolee Raajii Raajotaatiin fi tooftaa Beektotaa(kan Mana Kiristaanaa) bu'uura kanaatiin Bineensota Afran jedhamuun ni waamamu. Kiruubeel jechi isaa afaan Akaad (Afaan warreen Baabiloon durii) irraa kan argame yoo ta'u hiikni isaas araarsaa (intercessor), humna qabeessa, guddaa jechuudha. Kiruuubeel lakkoofsa baay'ee kan ibsu ykn muldhisu yoo ta'u qeenxee ykn tokkoon yeroo waamamu 'Kiruub' jedhama. "Teessicha gidduudhaan, teessicha naannoodhaan ykn itti marsee fuulduraa fi duubaanis iji kan itti guutame bineensota afurtu ture. Bineensi inni duraa ykn fuulduraa Leenca fakkaata, Bineensi inni lammaffaan Jabbii fakkaata, Bineensi inni sadaffaan akka fuula namaa fakkaata ture, Bineensi inni Afraffaan ammoo Risaa balali'u fakkaata. Bineensonni Afranuu tokkoon tokkoon isaanii koochoowwan jaha, jaha qabu, naannawaa fi keessa isaaniittis iji kan itti guutamedha. » Mul. 4:8.

1. Bifa Isaanii

Bineensonni Afran maqaan isaanii akka nutti himutti bifa Bineensota afuriitti qoodamaniiru. Inni jalqabaa namaan, inni lammaffaa Leencaan, inni sadaffaa Sa'aan, inni afraffaa bifa Risaatiin ibsamanii ykn muldhatanii Abbootii Kakuu Moofaa fi Abbootii Kakuu Haaraatiif ibsananiiru. Hizq. 1:6-13, Mul. 4:7-8.

Hangamiyyuu bineensonni kun afran qaama ijaan ilaalamuu fi harkaan qabatamu kan hin qabne afuurawoo ta'aaniyyuu, Waaqayyo hunda danda'aan akka eyyametti bifa ykn fakkeenya Namaa, Leencaa, Sa'aa fi Risaatiin bara duriitti Raajota Kakuu Moofaa keessa turanii fi bara boodaa ammoo Duuka Bu'ootaaf ibsamaniiru ykn muldhataniiru.

Addunyaa sirna Uumamaatti ijaan kan muldhatanii fi kan hin muldhanne bineensonni manaa fi ala galan hedduun osoo jiranii bifti ykn fakkeenyi Bineensota kanaa olitti caqasamanii maalif filatame? ykn Bineensonni kunneen arfan maalif Bineensota kaan irraa adda ba'aanii filataman? Kanaanis filannoo Waaqayyootiin hojii isaanii bifa isaaniin ibsuuf barbaadameetu Waaqayyo Bineensota kaanirraa addatti kan isaan filate. Soortota (Sooraa) Bineeldota mana galanii, Sooraa ykn Soortota Bineensota ala galanii, Sooraa ykn Soortota uumamtoota Samiirra balali'anii, Sooraa ykn Soortota namaati. Sooraa ykn Soortota (Megabi, Megabiwoch) yeroo jennu ykn yeroo jedhamu nyaata isaan nyaatan isaaniif dhiyeessu jechuu miti ykn jechuuf miti. Armaan olitti akka ibsamuuf yaalametti eegumsa isaanii ibsuuf barbaadameetu. «Fuulli namaa waa'ee ijoollee namaaf ni kadhata, fuulli Leencaa Bineensota alaaf ni kadhata, fuulli Sa'aa bineeldota manaaf ni kadhata akkasumas fuulli Risaa umamtoota ykn Simbirrootaa fi Allaattiiwwaniif ni kadhata.» Sinkisaara, Sadaasa 8.

Bineensonni Afran bifa ykn fuula isaan bakka bu'aniifiif dura Waaqayyootti kadhannaa ni taasisu. Kiruubiin bifa ykn fuula namaa qabu ijoollee namaaf araara kadhachaa jiraata, Kiruubiin bifa Leencaa qabu ammoo Bineensota Bosonaa ykn alaa irraa dhumaatii gahu irraa akka hafaniif isaaniif kadhachaa jiraata, Kiruubiin bifa ykn fuula Sa'aa qabu ammoo Bineeldonni ykn Bineensota manaa gogiinsii fi dhukkubni garaagaraa akka isaan hin qabne ykn irra hin geenye isaaniif ni kadhata. Kiruubiin Bifa ykn fuula Risaa qabu ammoo Allaattiiwwanii fi Simbirrootaaf kadhachaa jiraata.

2. Ija isaanii

Bineensonni Afran fuulduraanis, duubaanis iji kan itti guutamedha ykn ijaan kan guutamanidha. Kunis Bineensota Afraniif kan darbaniifi kan dhufan baruuf beekumsi ykn dandeettiin Waaqayyo irraa akka kennameef ifa taasisee ykn ibsee kan nutti agarsiisudha, kunis daangaa kan hin qabne hojiin Arjummaa Waaqayyo kan itti muldhatudha ykn hojiin arjummaa Waqayyoo daangaan ykn dhorkaan kan itti hin godhamne ta'uu kan agarsiisudha. «Waaqayyo Qulqulloota isaa irratti dinqiidha.» Faar. 67:35 kan jedhe Raajichi Waaqayyo Qulqullichi Daawwit kanaafi. Arjummaa isaa daangaan irra hin ka'aamne irraa ka'ee Qulqullootaaf wanta darbee fi gara fuulduraatti dhufu akka beekaniif kan ibse Waaqayyo, isaaniifis ija kenneefiin akkuma beekaniin. Wanti Waaqayyo jalaa homtuu wanti dhokatu ykn wanti Waaqayyo hin beekne akka hin jirre nu hubachiisa.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa!

Post a Comment

3 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)