Subscribe To Our YouTube Channel

Gaaffilee Kitaaba Raajii Maariyaam irratti ka'aaniif Deebii isaanii

«Raajii Maariyaam ykn Teamre Maryam»



Kitaabni Raajii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jalqaba irratti jaarraa 12ffaa keessa Biyya Faransaay keessatti, raajiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka walitti qabamee barreeffameefii fi boodarras gara biyyoota Awuroppaa hafaniitti akka tamsa'e Kitaaboleen Seenaa ni hubachiisu. Afaan tokkoo gara Afaan biraatti hiikamaa, Raajiiwwan haaraas itti daddabalamaa tamsa'uu ykn babaldhachuu danda'eera. Bara 1237-1289 A.L.A tti waraana Fannoo (Crusade) tiif gara baha giddu galeessaatti kan dhufan Miisiyoononni gara afaan Arabiffaatti hiikaniiru. Bara Mootii Atsee Daawwititti ammoo Afaan Arabaa irraa gara Afaan Gi'iziitti yeroo hiikamu Raajiiwwan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33 kan qabate ture. Gara kutaalee Addunyaa garaa garaatti yeroo hiikamus, raajiin biyya itti hiikame sana akka caqasamu akkuma taasifame, Itoophiyaatti haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam raajiiwwan isheen raawwatte keessaa muraasa isaanii dabalatee hanga raajiiwwan 316 kan qabate Manneen Kiristaanaa fi Gadaamiiwwanitti ni argama.

Gahiinsi Raajii Raajotaa, ka'umsi Lallaba Duuka Bu'ootaa, Iccitiin Beektota Mana Kiristaanaa Dubbii Maariyaamidha. Dubbii Maariyaamiin ala waa'ee Dubbii Kiristoos dubbachuun hin danda'aamu. Akka Seenaan Mana Kiristaanaa ibsutti Shakkitoonni hedduun kan ka'aanii fi rakkoon isaanii jalqabaa Dubbii Maariyaam beekuu dhiisuudha. Rakkoon isaanii kunis Kiristoos sirriitti akka hin amanne isaan taasiseera. Osoo Dubbii Maariyaam irratti hubannoo fi barumsa qulqulla'aa ykn gahaa qabaatanii Shakkummaadhaaf hin saaxilaman ture. Nisxiroos «Waaqayyo, ilma Waaqayyoo» jedhee Kiristoos akka hin amanneef kan isa rakkise «Deessuu Waaqaa, haadha Waaqayyoo, deessuu jechaa»  jedhee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam amanuudhaaf rakkachuu isaatiini.

Dubbiin Maariyaam Dubbii Kiristoos irraa adda ba'uu hin danda'u. Kan waloomedha. Waa'een haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dubbatamu hundi gaariinis yaraanis Kiristoos ni tuqa. Waa'ee hojii fayyinaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo dubbannu Qulqulleettii Dubroo Maariyaam bukkeetti dhiisuun hin danda'aamu waan ta'eef. Sababni isaas kan isa deesse, kan isa baattee godaante, yeroo inni barsiisuttis biyyaa biyyatti isa waliin deemaa kan turtedha waan ta'eef. Guyyaa itti fannifamettis Fannoo jalaa hin dhabamne.

Barnoota bu'uuraa kana Dubbii Maariyaam (Mariology) Raajii Maariyaam keessatti barreeffamee kan argannu yo ta'u, namoonni tokko tokko Seensa Raajii Maariyaam irratti barreeffamanii kan jiran biraa kan isaanitti galu, kaanis ammoo ganiinsa kan isaanitti fakkaatu jiru. Hangamiyyuu karaa qabiyyeetiin barnoota shakkummaa Haaraa fiduu dhiisaniyyuu yeroo Maqdaniyoos fi Nisxiroos kan ittiin injifataman barnoota shakkii qabachuun;

1. Dubroon Maariyaam Addunyaan osoo hin uumamiin akkamitti beekamte?
2. Raajii ishee kan dhageeffate akka Fooniifi Dhiiga isaa fudhateetti ta'aafii?
3. Uumamni hundinuu Dubroo Maariyaam galateeffachuuf uumamee?

Kanneenii fi kanneen biroo akka dogoggoraatti ni dhiyeessu.

Jalqabe irratti jecha ijoo batreeffama tokkoo baruuf ykn barreeffamicha ibsuuf, wantoota hedduu ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa yoo ta'u, kanneen keessaas eenyummaa Barreessaa (Barumsa) sanaa, jireenya isaa, bartee isaa, hojiiwwan barreessichaa kanneen biroo, yeroo barreeffamichi barreeffametti taateewwan Seenaa garaa garaa turan, akkasumas haala barreeffamaa bara sanaa beekuun barbaachisaadha.

Kitaaba Raajii Maariyaam bannee yeroo ilaallu Seensa ykn Maqdimii lama ni arganna. Seensi inni jalqabaas «Maqdimii guyyaa guyyaanii» yoo ta'u waa'ee isaa kan dubbatu homaa hin qabu. Maqdimii isa lammaffas irratti garuu Maqdimiinumti kun mataan isaa  Mahaalqaa iddoo jedhama Gibtsiidhaa akka ba'e ni dubbata. Kunis hiikoo isaa malee as biyya keenyatti akka hin barreeffamne kan agarsiisudha.

Seensa Raajii Maariyaam yeroo dubbisnu garuu wantoonni hubannu yoo xiqqaate lama jiru. Inni tokkoffaan akkaataa fayyadama Raajii Maariyaam irratti sirna mataa isaa danda'ee  nuuf hiikamee taa'edha. Kanas matumti isaa Seensichi «Kitaabni Sirnaa kun kutaa biyya Gibtsii kan taatu iddoo Mahaalqaadhaa, Duuka Bu'icha Teessoo Maarqoos irraa argamee kan dhufedha» jechuun ni ibsa.

Inni Lammaffaan ammoo :- Seensa kana irratti lakkofsa 6-8 kan barreeffamee jiru wanta inni ibsu ykn ergaa inni dabarsudha. Jechichis «Bara Phaaphaasonni Abbaa Mikaa'eel fi Abbaa Gabri'eel turanitti Abbaa Yohaannisis waqtii itti Ephis Qophoosii ta'ee muudametti Gibtsii dhaa gara Itoophiyaatti kan dhufan waggaa saditti Kitaabolee Sirnaa isaanii Afaan Arabaa irraa namoota Itoophiyaatiif Afaan Gi'izii tti ni hiikame. Qosxanxiinoos kan jedhame Mootiin keenya Bara Zarayaaqoob erga Mootii ta'ee waggaa torbatti Kitaabni sirnaa isaaniis akkas jedha» kan jedhudha. Jechi kun Arabiffa irraa kan hiikame osoo hin taane asuma biyya keenya keessa kan jiran Beektonni Mana Kiristaanaa, Sirna Gibtsiidhaa dhufe yeroo hiikanitti waa'ee Hiikoo isaa kan itti dabalanidha. Kana irraa wanti guddaan nuti hubannu Gibtsiidhaa kan dhufe Kitaabni Sirnaa Arabiffi yeroo hiikamu Itoophiyaanotaaf akka mijatutti fi tajaajilaaf akka mijatutti (Sirna Kadhannaa) akka qophaa'e ni hubanna. Kanaafuu Maqdimii guyyaa guyyaanii kan jedhu yeruma sirreeffama adda ba'ee akka ka'aame ni hubanna.

Matuma isaa dubbisa Maqdimii ykn seensaa irraa wanta hubachuu qabnu erga ilaalleen booda, waa'ee iddoo maqdimiin sun dhufee jedhamuu waa muraasa haa ilaallu, armaan olitti dursinee akkuma ilaalle Maqdimii ykn seensa sanaan dabalataatti Insaaykiloopiidiyaan Mana Kiristaanaa Gibtsii (The Coptic Encyclopedia) bara Zarayaa Yaaqoobitti «Giiftiin keenya Ispeenitti, Faransaayitti, Xaaliyaanitti, Sooriiyaatti, Gibtsiitti kan raawwatte raajiiwwan hedduun afaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa kan ta'e Afaan Gi'iziitti hiikamaniiru, yeroo kanattis Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n kan qabate fi akka kabajamu kan ajaju Kitaabni Sirnaa Mahaalqaa irraa gara Itoophiyaatti akka dhufu taasifameera. » jedha. (The Coptic Encyclopedia page 984.)  Maqdimii ykn seensi isaa Mahaalqaadhaa dhufe taanaan Mahaalqaan eessadha? gaaffiin jedhu ka'uu danda'a. Mahaalqaan iddoo hardhaa Kaayiroo durii (Old Cairo) jedhamutti kan argamtu kan durii fi seena qabeettii ta'uu isheetiin dabalataatti, Beektotaa fi Kitaabolee iddoo baay'inaan itti turanidha. Kaayiroo duriitti ykn Misiritti Manneen Kiristaanaa hedduu argaman keessaa Mahaalqaatti kan argamtu Manni Kiristaanaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Manneen Kiristaanaa yeroo durii ijaaraman keessaa ishee tokkodha. Manni Kiristaanaa kun Manneen Kiristaanaa Addunyaa irratti yeroo jalqabaa ijaaraman keessaa ishee tokko kan taatee fi jaarraa jalqabaa keessa akka ijaaramte ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu.

Kiristaanonni Gibtsii keessa turan warreen jalqabaa kan itti fayyadamaa turanii fi Waaqayyo kan itti Waaqeffachaa turan Mana Kiristaanaa seena qabeettii fi duriiti. (The flight of the holy family to Egypt, page 9). Kuni ammoo matuma isaatti «Teessoo Maarqoos irraa argamte» kan jedhu ibsa Seensichaa ykn Maqdimii sanaa tiif ragaa ykn agarsiistuu dhugaa nuuf ta'a. Mahaalqaan Seenaa Mana Kiristaanaa Gibtsii keessatti iddoowwan yeroo dheeraaf teessoo Paatriyaarkii ta'aanii tajaajilan keessaa ishee tokkodha. Fakkeenyaaf:- bara 1091-1145 Dh.K.B tti, bara 1197- Tewoodiroos lammaffaatti (1494-1300) iddoo teessoo Paatriyaarkii turte.

1. Giiftiin keenya Addunyaan uumamuu isaatiin dura Yaada Waaqayyootin yaadamtee ni jiraatti turte.

→ Waaqayyo Addunyaa uumuu isaatiin dura waa'ee Addunyaa uumuu hin beeku turee? Dhuma Addunyaa hoo hin beekuu?

Namni gonka beekumsa Waaqayyootti (Waaqayyo waa hunda nu beeka) amauu hundi gaaffilee kanaa olii Waaqayyo hin beeku jechuu hin danda'u, gonkumayyuu! Matumti isaa Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra deddeebi'aa turetti, «Yeroo sana Mootichi warra karaa mirgaa jiraniin Abbaan koo kan isin eebbise Addunyaan osoo hin uumamiin dura Mootummaa inni isiniif qopheesse akka dhaaltaniif koottaa!» jechuun barsiiseera. Maat. 25:31.

Barumsa isaa kanaanis Addunyaan osoo hin uumamiin dura giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam yaadamuu ishee, ishee irraa dhalatee Addunyaa akka fayyisuu fi guyyaa dhumaattis bitaa fi mirga isaa kan dhaabbatan beekamuu isaanii ykn Waaqayyo akka isaan beeku ibseera ykn salphaatti hubachuun ni danda'aama. Addunyaan osoo hin uumamiin Sillaasee sadummaa fi tokkummaa isaaniitiin fi ilmi Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka nama ta'u beekamuu isaa qofa osoo hin taane Sillaaseen fayyina namaatiin gammaduu isaanii ibsuudhaaf, Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos, «Yaa Abbaa! Addunyaan osoo hin uumamiin waan na jaalatteef, kan naaf kennite, isaan ammoo ana waliin akka ta'aaniif, nan jaalladha» jechuun ibseera. Yoh. 17:24.

→ Kunis Jechi ykn Sagaleen Tawaahidoodhaan nama ta'uu isaatiin nama jaallachuu isaa ibsuuf kan barreeffame ykn ibsamedha. Giiftiin keenya yaada Waaqayyootiin yaadamtee ni jiraatti turte kan jedhus Addunyaan osoo hin uumamiin dura ni beekama ture. Giiftii keenya Dubroo Maariyaam irraa Foon ishee irraa foon, lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee nama ta'uun isaa waan beekamuufis ykn beekamuu isaatiinis Addunyaan osoo hin uumamiin dura filatamteerti, beekamteerti, kanaanis yaadamtee ykn beekamtee ni jiraatti ture jechuudha. Karaa biraatiin ammoo kuni erga kana ta'ee, giiftiin keenya Dubroon Maariyaam osoo hin dhalatiin dura akkamitti beekamte? kan jedhu gaaffii ka'udha. Qulqulluun Daawwit Faaruu isaa irratti «Qaama koo hin ijaaramne, iji kee na ilaalan, mirgoonni koo uumaman hundi tokkoyyuu osoo hin hafiin Kitaaba irratti barreeffaman» jechuun osoo nuti hin dhalatiin Waaqayyo akka nu beeku nutti himeera. Faar. 139:16.

Raajichi wanta gara fuulduraatti raawwatamu, uumamuu ykn jiraachuu isaatiin durattis wanti tokkoyyuu osoo hin hafiin Kitaaba irratti barreeffamuu isaa erga nutti himee, waa'ee giiftii keenya Dubroo Maariyaamis akkas jedhamuun isaa akka jecha Kitaaba Qulqulluu ta'uu isaa ni hubanna. Namoonni tokko tokko ammoo Waaqayyo waa hunda beeka jedhanii osumaa amanaa jiranii «Giiftiin keenya Dubroon Maariyaam kophaa ishee hin beekamtu!» jecha mormii jedhu kaasu. Jechi isaanii kunis ilaalcha matumti isaanii Dubroo Maariyaamiif qaban, ykn ija dunuunfatanii ganiinsa isaan Dubroo Maariyaam irratti qaban ykn ija dunuunfatanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ganuu barbaaduu isaanii agarsiisa malee beekumsa Kitaaba Qulqulluu irratti qaban hin agarsiisu. Waaqayyo waa hunda ni beeka, garuu waa'een wanta hundaa hin barreeffamnes, hin dubbatamnes. Raajiin kan dubbatameef ykn hojii isaaniitiin hangam Waaqayyo akka gammachiisan kan beeku Waaqayyo qofaadha. Raajicha Ermiyaasiin «Garaa keessatti osoon si hin hojjatiin so beekeera, gadameessa keessatti si eebbiseera» jedheeniira. Erm. 1:5. Kana jechuun garuu Waaqayyo namoota kaan osoo gadameessa keessa jiranii fi guddatanii wanta ta'aan osoo hin ta'iin dura isaan hin beeku jechuu miti.

Qulqulluun Daawwitis «Gadameessa keessa osoon jiruu eegalee sittin of gate, garaa haadha kootii eegaltee ati Waaqa kooti» akkuma jedhe dursee nu beeka. Faar. 21:10. Raajii Ermiyaas irra kan jiru garuu bifa addaatiin raajiin kan dubbatameef, dursanii waan ta'aanii fi Qulqulluummaa isaanii himuufi ykn ibsuufi «Ahizaabotaafis raajii si taasiseera» kan jedhameefis osoo hin dhalatiinidha. Raajii ta'ee dibamee ykn muudamee gara Addunyaa kanatti erga dhufee booda miti garuu dhalatee, guddatee aangoo fi Qulqullummaan isaa inni fuulduratti irra gahu dursee kan beekamu ta'uu isaa ibsuuf ykn dubbachuufi. Qulqulluun Phaawuloosis Ximootiwoosiif yeroo barreessu «Mucaa koo yaa Ximootewoos! dursee waa'ee kee Raajii wanti dubbatame waraana gaarii isaatiin akka loltuuf ajaja kana adaraan sitti kenna» kan jedhe «Ximooteewoos» maqaan caqasamee Raajiin dubbatameefii miti. 2 Xim. 1:18. Garuu waa'ee Duuka Bu'ootaa fi Luboota Kakuu Haaraatiif kan dubbatame isaafis kan dubbatame ta'uun isaa kan beekame waan ta'eefi.

Bifuma kanaanis waa'een Waaqayyoo nama ta'uu dursee yeroo beekamu haati Waqayyoo Dubroon Maariyaamis dursitee ni beekamti jechuudha.

Addunyaan kun osoo hin uumamiin dura Waaqayyo ni beeka, ni yaada (Samii Samii irraa bu'ee Dubroo Maariyaam irraa dhalatee akka nama fayyisu) jechuunis Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam yaadamtee jiraatti turte.

«Addunyaan osoo hin uumamiin fuuldura isaatti Qulqullootaa fi xura'aa kan hin qabne Jaalalaan akka taanuuf Kiristoosiin nu filate» Efe. 1:4-14.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis yaada Waaqayyootiin yaadamtee ni jiraatti turte kan jedhu seensi Raajii Maariyaam dogoggora tokkoyyuu kan hin qabnee, Kitaaba Qulqulluun kan deeggaramudha.

2. Raajii ishee kan dhaga'e akka Fooniifi dhiiga fudhateetti ni ta'aaf

Yaada kana hubachuudhaaf dursinee seensicha irratti kan barreeffame akka jirutti ilaaluun barbaachisaadha «Dursinee akka dubbanne sababni beekamaa cubbuun dhukkubni yoo isa hin dhoowwine (yoo isa hin dhorkine) guyyaa kanatti Raajii ishee dhaga'ee Fooniifi dhiiga isaa haa fudhatu. Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu yoo hin dandeenye raajii ishee dhaga'ee gara mana isaatti haa deemu, Fooniifi dhiiga isaa akka fudhateetti ta'aaf naaf ta'a jedhee yoo dhageeffate» jedha. Ergaa barreeffama ykn keeyyata kana yeroo hiiknu ergaawwan gurguddoo sadi kanatti aananii jiran arganna.

A. Fooniifi Dhiiga isaa fudhadhaa

Keeyyanni kun sadarkaa jalqabaatti qofaa osoo hin taane, irra caalaatti ergaan inni dabarsu Fooniifi dhiiga isaa fudhaa kan jedhudha. Sababni isaas Fitihaa Negest irratti «Qidaamee Shaaramte (Kidame Shuur) tiin alatti Sanbataa fi Dilbata yeroo hundumaa Mana Kiristaanaatti walitti qabamuun Fooniifi Dhiiga isaa fudhadhaatii isinitti haa tolu» jedhamuun ajajameera. Kana qofaas osoo hin taane Abbootii gammoojjii keessa jiraniif Ergamaan Waaqayyoo kan geessu Sanbatadha. Garuu bu'uura Sirna Mana Kiristaanaatiin namni tokko Fooniifi dhiiga Gooftaa akka hin fudhanne wantoonni taasisan jiru isaanis; Sababa beekamaa /da'umsa, gadda, boo'icha...fi k.k.f yoo ta'aan inni lammaffaan ammoo
Cubbuudha ni dhorku jedhamanii wantoota caqasaman keessaa inni dhumaa dhukkubadha. Namni tokko dhukkubsatee sababa dhukkubaatiin dhangala'aan garaagaraa qaama isaa keessaa osoo ba'uu, dhiigni isaa osoo dhangala'uu fi wantoota kana fakkaatan osoo qabuu Fooniifi Dhiiga Gooftaa fudhachuu dhiisuu danda'a. Wantoonni kunneen hundi garuu Mana Kiristaanaatti argamee dubbisoota Kitaabolee Qulqullaa'oo dhageeffachuu irraa isa dhorkuu dhiisuu danda'u. Kanaafuu namni tokko sababoonni kunneen yoo isa dhorkaniin ala Fooniifi dhiiga Gooftaa haa fudhatu jechuun Wangeela Lallaba malee kan Wangeela faallessu miti.

B. Mana Kiristaanaa hin hafiin

Sababoota kanaa olitti caqasamaniin Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu yoo dhiisteyyuu, Fooniifi dhiiga isaa hin fudhadhu jettee Mana Kiristaanaa deemuu hin dhiisiin (Mana Kiristaanaatii hin hafiin) jechuu isaati.  Raajiin Maariyaam Qiddaasee dura kan jiru kutaa kadhannaa Mana Kiristaanaa keessaa isa tokkodha.  Seensi kunis kan jedhu «Fooniifi Dhiiga isaa fudhachuun yoo isaaf hin danda'aamne, Raajii ishee dhaga'ee gara Mana isaatti haa deemu!» dha. Kana jechuunis yoo Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu dhiisteyyuu ykn yoo Qorrobuu dhiisteyyuu Mana Kiristaanaa hin hafiin kan jedhudha, sagantaawwan akka kadhannaa, barumsaa fi k.k.f koottuu hirmaadhu jechuudha. Guyyichi Sanbata (Dilbata) ykn ayyaana yoo ta'e Kiristaanni tokko yoo Mana Kiristaanaa hin deemne, yo achitti argamee hin baranne, yoo hin galateeffanne Kiristaanummaa isaa maaliin ibsa? Akkaataa kanaanis jechi «Raajii ishee dhaga'ee gara Mana isaatti haa deemu» jedhu nama hubatee fi qajeelummaan ilaaleef waa'ee Raajii Maariyaam qofa kan dubbatu miti.

«Raajii ishee hin hambisiinaa» yeroo jedhus gara Mana Kiristaanaatti deemaatii tajaajila garaagaraa irraa hirmaadhaa jechuu isaati. Sababni isaas Raajiin Maariyaam yoomiifi akkamitti akka dubbifamu ni beekna waan ta'eef. Raajii Maariyaam duraa fi booda dubbisaa fi kadhannaawwan garaa garaa jiru waan ta'eef. Tajaajila walii galaa kanas karaa uummanni hubatuu fi ifaa ta'ee hubachiisuun dogoggoras ta'e cubuu hin qabu. Tajaajila kan biraa bifa kanaan maalif ibsan yoo jedhame ammoo Hiikoo Wuddaasee Maariyaam irratti akkuma barreeffame, tajaajila isa kan biraa tuffachuu fi gadi xiqqeessuun osoo hin taane jaalala haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif qabaniifidha.

C. Hin shakkiin

Ergaan sadaffaa fi inni dhumaa keeyyata kanaa «sababa beekamaadhaan, guyyaa kanatti fooniifi dhiiga isaa fudhachuun» yoo siif hin danda'aamneyyuu, namoota kaaniif kan taasifame anaaf hin taasifamu, eebbi guyyichaa namoota kaanirra bule anarra hin bulu jettee hin shakkiin kan jedhudha. Kitaabichi kitaaba Raajii (Dinqii) ta'uu isaa irraan kan ka'e, Raajii ykn Dinqii kan isa jechisiisu jireenya guyyaa guyyaa keessatti hojiiwwan fi taateewwan ta'aaniin alatti, namaaf kan hin danda'amne, Waaqayyoo qofaaf kan danda'aamu kan raawwate ta'uu isaatiin atis «Naaf ta'a» jettee Amantaadhaan, kadhannaa irraa hirmaattee, Raajii ishee dhageessee gara Mana keetti yoo deemte eebba namoota guyyaa sana qorrobanii ni argatta jechuudha. Kuni ammoo Kitaabolee Qulqullaa'oo irratti kan barreeffamedha, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Amantaa amma ija Sanaaficaa yoo qabaattan tulluu diiguu, ..... ni dandeessuu jechuun nu barsiiseera. Kunis amantadhaan eebba Waaqayyoo, humna Waaqayyoo ni argattu jechuudha. Fooniifi dhiiga isaa torbeetti ykn yeroo isaa gadi ta'etti ykn yeroo isaa oli ta'etti kan fudhannu humna Waaqayyo mindaa taasifachuun, cubbuu keenya nuuf dhiisee eebba lubbuu fi eebba foonii argannee jiraachuufi. Guyyaa sanatti siif danda'aamuu didee yoo Fooniifi dhiiga isaa fudhachuu dhiiste amantiidhaan kana ni argatta waan ta'eef hin shakkiin jechuun barsiisu abbootiin.

Ergaan Seensa sanaa kana ta'ee osoo jiruu «Osoo beekuu kan rafe, yoo isa tuqaniyyuu hin dammaqu» akkuma jedhamu namoonni tokko tokko garuu osuma beekanii Shakkuudhaan, akkasumas Eebba Qulqullootaa irraa akka fagaatan Seexanni isaan irra bulee waan Abbootiin hin jennee fi jechuufis kan hin yaadne ni dhiyeessu. Manni Kiristaanaa keenya garuu barnoota «Fooniifi dhiiga isaa hin fudhatiinaa!, Fooniifi dhiiga isaa fudhachuniifi, Fooniifi dhiiga isaa osoo hin fudhatiin Raajii Maariyaam dhageeffachuun walqixadha» jedhu gonkumayyuu barsiistee hin beektu, akkasittis hin amantu. Raajii ishee kan dhaga'aaniifi kan dhageessisanis Fooniifi dhiiga isaa kan fudhatan ykn gara fuulduraatti kan fudhatanidha malee Ahizaabota ykn Fooniifi dhiiga isaa kan shakkan miti. «Naaf ta'a jechuudhaan yoo dhageeffate» kan jedhu yeroon isaa daanga'aadha.

3. Uumamni hundinuu Giiftii keenya Dubroo Maariyaam galatteeffachuuf uumame

Namoonni tokko tokko beekne jechuun ykn ofii isaanii qofa akka beekaniitti lakkaa'uun dubbii ykn nama ibsi akka kanaa  osoo hin beekiin kan jedhame itti fakkaata. Inumaayyuu amma amma «Namoonni kana barreessan osoo Kitaaba Qulqulluu beeku ta'ee akkas hin jedhan ture» hanga jechuutti gahaaniiru. Ofii isa kamidha kan Kitaaba Qulqulluu hin beekne? dursinee seensa isaa irratti Raajiin Maariyaam eessa eessaa akka hiikameefi, beektonni ykn abbootiin akkamii akka isa hiiksisan, beektota Mahaalqaa turan keessaa muraasa isaanii dursinee kan ilaalle, Abbootii Qulqullootaa nuti isaan hin beekne irratti dubbachuun ykn irratti ka'uun hin barbaachisu jechuufi. Kitaabni Qulqulluun «Warreen qajeelotaaf galanni ni ta'a» jedha. Namoonni qajeeltota hin galateeffanne garuu ni jiru. Kunis sababa lamaani, inni tokkoffaan galataafi kabaja qajeeltotaaf ta'u wallaaluu yoo ta'u inni lammaffaan ammoo Qajeeltota wallaaluu irraa kan ka'edha.

Amma kan ilaalaa jirru garuu «Qajeelicha» beekuu wallaaluu qofaa osoo hin taane qajeelummaa ykn wanta qajeelaa nama jechisiisu wallaaluudha. Kuni ammoo wallaaluu qofaa osoo hin taane sadarkaa wallaalummaa isa dhumaarra ykn gonkummaa gahuudhas. Beekumsaa fi Qulqullummaan gara sadarkaa gonkummaatti kan deeman ykn gahan akkuma jiran, ofjajaan xuraa'ummaan, wallalummaadhaan gara sadarkaa gonkummaatti kan deeman jiru jechudha. Waa'ee qajeelummaa wallaaluu tasa miti kan kaasne. Namni qajeelummaan yaadu yoo xiqqaate Kitaaba kana ykn Raajii Maariyaam tajaajilaaf kan itti fayyadaman Ortodoksoonni ykn Mannumti Kiristaanaa mataan ishee waa'ee sirna uumamaa barumsi isheen barsiistu maalidha? ofii uumamtoonni kaayyoowwan akkamiitiif uumaman? jetti jedhee ni gaafata. Gaaffii isaatiifis deebiin inni argatu «Dubroo Maariyaam galateeffachuuf UNIA man kan jedhu yoo ta'e  Doogmaa waliigalaa Mana Kiristaanattiiti jedhee hubachuun Mana Kiristaanaa qeequu danda'a. Yaadni inni Sirna Uumamaa irratti qabu adda kan ta'e yoo ta'e garuu Raajii Maariyaam kana irratti kan argamu akkamitti ibsame ykn maal jechuudha? Sirna Uumamaa irratti beekumsi inni qabu (Maqaa isa galateeffatanii, Qulqulleessanii kan jiraatan, nyaata fooniif kan ta'aan..) barnoota kanneen cinaatti yeroo ilaalamu maal jechuudha? Akkaataan ibsa Sirna barreeffamichaa hoo Tiwuufiitii Sirna barreeffamaa Mana Kiristaanaa sana waliin ergaa akkamii qaba? kan jedhu ni gaafata. Wantoota kana ilaaluuf ammoo nama Amantaa qabu mitiitii sirna barreeffamaatiin dandeettii fi xiinxala ykn hubannoo qabaachuu qofti gahuu danda'a. Nutis deebii gaaffilee kanaa kan isiniif deebisnu qabxiilee kanarraa ka'uun ta'a.

Kaayyoon uumamtoonni itti uumamaniif gubbaatti kan ilaalle sadaniifi. Isaan kan keessaas inni jalqabaa inni jalqabaa maqaa Waaqayyoo galateeffatanii, Qulqulleessanii, Mootummaa isaa dhaaluun akka jiraataniif kan uumaman  ni jiru. Uumamtoonni kunneenis namaa fi ergamootadha. Namaa fi ergamoonni Waaqayyo galateeffachuu isaaniitiif kabajni Waaqayyoof dabalan hin jiru. Garuu kaayyoo itti uumamaniif irratti bu'a qabeessota ta'uun kabaja ykn Mootummaa isaa dhaalu.

Kennamuu Kitaabolee Qulqullaa'oo booda ilmi namaa jechoota Kitaabolee Qulqulluu amanee fudhachuun ykn ittiin fayyadamuun jecha ykn sagalee Kitaabolee sanaanis jiraachuun irraa eegama. Kanaafis waa'ee haadha keenya Dubroo Maariyaamiif kan barreffames raawwachuun irraa eegama. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam mataan ishee Qulqulluum Gabri'eel fi Qulqulleettiin Elsaabeet akkuma ishee galateeffatan «Kana booda dhaloonni hundinuu Qulqulleettii jedhanii na galateeffatu» jetteerti. Luq. 1:48. Jecha kana yeroo dubbattu Qulqulluun Luqaas haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin hin turre. Garuu akka galateeffatamtuuf kennaa kan kenneef Waaqayyo, kennaadhaan ibsameefii bara booda irra Kitaaba irratti barreesse. Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate «Waaqayyo kennaa isaatiinii fi waamuu isaatiin hin gaabbu waan ta'eef» Roomee. 11:29. Kanaafuu Kiristoositti nan amana kan jedhu ykn kan jedhuuf jecha Wangeelaa jedhu mormuu hin danda'u.

«Dhaloonni hundinuu Qulqulleettii naan jedhu» kan jedhu irratti walii galla garuu jechi Seensichaa kan jedhu «Uumamni hundi giiftii keenya Dubroo Maariyaam galateeffachuuf uumame» dha. Kanaafuu kuni akkamitti wal sima jechuu dandeenya. Kanaafis yoo ta'e jechoota ykn akkaataa ibsa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yoo ilaalle ykn yoo hubanne rakkachuu dhiisuu dandeenya. Qulqulluun Luqaasis Wangeela isaa irratti «Ji'oota ykn waqtii sanatti Addunyaan hundi akka lakka'aamuuf Awugusxoos Qeesaar irraa ajajni ni ba'e» jechuun ibseera. Luq. 2:4. Egaa ajajni ykn labsiin Awugusxoos Qeesaar baase dhuguma Addunyaa hundaafii? Lakki! Qulqulluun Luqaas «Addunyaa» kan jedhe bulchiinsa Awugusxoos jalatti biyyoota bulanii fi namoota achi keessa jiraataniif hunda walitti qabee waamuufi malee jecha «Addunyaa» jedhu osoo hin beekiin ykn uumaa Addunyaa kana hundaa kan ta'e Aangoo Waaqayyoo Awugusxoos Qeesaariif kennuu barbaadee miti. Barreessitoonni Seensa Raajii Maariyaamis Seensicha kan barreessan bara Kakuu Haaraa keessadha. Kanaafuu «Uumamni hundi» yeroo jedhamu Amantoota qofa akka ilaallatu ifadha. Sanuma irratti Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam «Dhalootni hundi» kan jette waliin garaagarummaa hin qabu. «Galateeffachuudhaaf uumame» kan jedhus ykn kana jechuunis kana booda ykn haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam erga dubbattee kaasee dhaloonni jiru Wangeelatti kan hin amanneefi jechoota Kitaabolee Qulqullaa'oo kan hin amanne ykn kan hin fudhanne yoo ta'een ala giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam galateeffachuun dirqama isaati!  Wangeela irratti Eelsaabeet, Gubaa'ee Efeesoon irrattis Abbootii ilaaluun «Haadha Gooftaa» ykn «Deessuu Waaqaa» ykn «Theotokos» jechuun ishee galateeffata.

Kanaafuu bifa kanaan osoo jiruu galateeffachuuf uumame yoo jedhame dogoggorri isaa iddoo kamittiree???

Faaruu dhageeffadhaa! Channel keenya YouTube subscribe taasisaa!



Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Kan isa deesse Dubroof haa ta'u!
Ulfaataa Fannoo isaaf haa ta'u!

Post a Comment

2 Comments

  1. Waan gaarii nu barsiisaa jirtu waaqayyo sagalee jireenyaa izin has dhageessisu

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)