Subscribe To Our YouTube Channel

Luboota Digdami Arfan Samii

Luboota Digdami Afran Samii

Luboota Digdami Arfan Samii


Kutaalee darbe keessatti Blog ykn Website keenya kana irratti walitti aansinee kutaa lamaan waa'ee «Bineensota Arfanii» ykn «Kiruubeel» ilaalleerra. Kutaalee lamaan kanneen keessattis;

→ Maalummaa Bineensota Arfanii
→ Koochoowwan isaanii
→ Ija isaanii
→ Maqaa isaanii
→ Hojii isaanii
→ Fakkeenyummaa Bineensota Arfanii
→ Manneen Kiristaanaa Maqaa isaaniitiin yeroo duriitii kaasee Itoophiyaa keessatti hunda'aanii fi k.k.f. Ilaalleerra. Isinis yoo hin dubbisne ta'e gara duubaatti deebi'uun blog keenya kana jalaa dubbisaa!

Mata duree «Luboota Digdami Arfan Samii» jedhu jalatti ammoo guyyaa hardhaa waa'ee;

→ Maalummaa Luboota Digdami Arfan Samii
→ Baay'ina Luboota Digdami Arfan Samii
→ Luboonni Digdami Arfan Samii kunneen maalif Digdami Afur akka jedhaman
→ Garaagarummaa fi walitti dhufeenya ykn walfakkeenya Luboota lafa irraa waliin qaban fi k.k.f baldhinaan ni ilaalla. Dubbisaa!

Luboonni Digdami Arfan Samii (Suraafeel) eenyu fa'i?

Luboonni digdami afran Samii Mana Qulqullummaa Tsirha Ariyaam keessatti daqiiqaa, sa'aatiin osoo hin daangeffamiin ergamoota Waaqayyo galateeffatanidha. Namootaaf ni kadhatu, harka isaanii Maa'ixantii Warqee jiruun ixaana urgooftuun kadhannaa Qulqullootaa ol baasu. "Teessoo isaattis marsanii teessoowwan digdami afurtu turan, Teessoowwan kanarras uffata adii kan uffatan, mataa isaanii irratti goonfoo Warqee kan godhatan, maanguddoonni digdami afur ta'aanii turan." Mul. 4:4 Lubootni Samii uffata adii uffatanii mul'achuun isaanii qulqullummaa isaanii kan ibsudha. Mataa isaanii irratti goonfoowwan gonfachuun isaanii ammoo Waaqayyo irraa kabaja argatan kan ibsudha. "Digdami Arfan isaaniis hoolicha fuulduratti kufan, tokkoon tokkoon isaaniis Baganaa fi Kadhannaa Qulqullootaa kan ta'e meeshaa warqee ixaanni itti guute qabatan." Mul. 5:8 . Cubbuu Addunyaa kanaa dhabamsiisuuf hoolicha aarsaa ta'e fuulduratti kufuun isaanii; ulfinni, gooftummaan, kabajni amalummaa isaaf kan ta'e Waaqayyoof sagaduu isaanii, isaaf bitamuu isaanii agarsiisa. Tokkos nu'i ijoollee Addaam Qulqullummaa Lubbuu irraa fagaannee jirruuf Waaqayyo irraa araara kadhachuufi. Lubootni Samii kun Waaqayyo fuulduratti sagaduun sagada, faarfachuun galata nu barsiisaniiru. " Kan galateeffattan ta'aa!" Qol. 3:15 . Lakkoofsa isaanii . Lubootni Samii lakkoofsi isaanii digdami afur akka ta'e Mul'ata Yohaannis irratti barreeffameera. Mul. 4:11. Garuu teessoo gooftaatti naanna'aanii kan dhaabbatanii fi kan galateeffatan luboota samii digdami afran qofa osoo hin taane ilmi namaa lakkaa'uu kan hin dandeenye Ergamoonni hedduun teessoo isaatti naanna'uun akka galateeffatan Raajichi Daani'eel fi Qulqullichi Yohaannis barreessaniiru. Dan. 7:10, Mul. 5:11. Abboota digdami afur jechaa kan isaa ibsu, Fakkeenya Qomoowwan Israa'eel kudha lamaanii fi duuka bu'oota 12'n ti. Isaan kunis abbootii Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa waliin ta'aanii Mana Qulqullummaa tokkotti tajaajiluu isaaniif fakkeenya.

Maalif Digdami Afur ta'an?

Waaqayyo Gooftaa teessoo isaa isa Samiitti kan galateeffatan Qulqulloonni Ergamoonni lakkoofsaan kan hin daangofne yoo ta'an, Luboota Digdami Afran Samii kan jedhu iccitii cimaa qabatee argina. Lubootni Samii Sa'aatii Digdami Afur osoo guutuu osoo adda hin kutiin kadhannaa fi galata dhiyeessuun, akkasumas kadhannaa ilmi namaa sa'aatii digdami afur keessatti kadhatan kan ol baasaniidha. Qulqulluun Yohaannisi Mul'ata isaa irratti "Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu! kan turee fi kan jiru kan dhufu hunda kan bitu Waaqayyo Gooftaa jechaa guyyaa fi halkan hin boqotan" jedha. Mul. 4:9 . Luboonni Samii kun yeroon osoo hin murtaa'iin kadhannaa fi galata dhiyeessu, galanni isaanii boqonnaa isaanii, boqonnaan isaanii galata isaaniiti. Bara Kakuu Moofaatti Dunkaana Oriitii fi Mana Qulqullummaa Oriitiitti tajaajilaa kan turan Luboonni Oriitii yeroo tokkotti gara Mana Qulqulluummaatti seenanii tajaajiluuf hanga isaan rakkisutti garmalee baay'ee turan. Lakkoofsi Lubootaa kunis 288 ture. 1 Sen. 24:1-18. Kunis Lubootni 288 iddoo 24tti qoodamuun Mana Qulqullummaa tajaajilu turan. Yeroo tokko gara Mana Qulqullummaa kan seenanis Luboota 12 isaanis sa'aati tokko tajaajilanii bahu. Isaan kun hundis alaqaa tokko tokko qabu walii gala alaqaa 24 ta'u. Isaan kunis alaqoota ykn hangafoota Lubootaa Mana Waaqayyoo jedhamuun waamamu. 1 Sen. 24:5. Leewwonnis akka Lubootaa iddoo 24tti qoodamuun Mana Qulqullummaa Waaqayyoo; Tsenaatsilii, Kabaroo, Baganaa fi Masiinqoon tajaajilu ture. 1 Sen. 25:6-15.

Kanaafuu Bara Kakuu Moofaatti iddoo 24tti qoodamanii Luboota Oriitii dursaa kan tura, Qulqulluu Yohaannis Mul'ata isaan kan arge fakkeenya Luboota samii 24'n akka ta'an hiiktonni Kakuu Haaraa ni hubachiisu.

Ergama isaanii

Luboonni Samii Mana Qulqullummaa ishee Samii ulu. Mul. 11:19 irrattis Lubootni Samii yeroo galateeffatan "Manni Qulqullummaa inni samii ni baname, Taabotnis Mana Qulqullummaa keessaa ni mul'ate." jedha, kan isaan itti tajaajilanis Mana Qulqullummaa ishee samiitti. "Baganaa fi Kadhannaa Qulqullootaa kan ta'e ixaanni kan itti guutame meeshaa Warqee qabatan." Mul. 5:8. Tsinaa qabatanii kadhannaa Qulqullootaa ixaanaan ol baasu. Kadhannaan ilmaan namaas harka luboota kanaan gara Waaqayyoo gaha.

Wal fakkeenya Luboota Samii fi Lafaa Sirna Tajaajilaa irratti

Lubootni Samii Mana Qulqullummaa isa Samiitti "Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu" jechuun galateeffatu. Akkasumas Lubootni lafa irra jiranis Mana Kiristaanaatti Tsinaa fi Fannoo qabachuun gamtaan "ስብሀት ወክብር ለስሉስ ቅዱስ ይደሉ" jechuun galateeffatu. Lubootni Samii 24'n Teessoo isaa irra kan taa'e fuulduratti kufuun Sagadaa "Gooftaa keenya Waaqa keenya! ati hunda uumteerta, akka fedha kees ta'aaniiru waan ta'eef uumamaniiru, kabaja, galata, fudhachuun siif ni ta'a jechaa goonfoo isaanii teessoo fuuldura kaa'u." Sirni Luboota Samiin raawwatamu kun har'as Luboota lafa irra jiraniin Waaqayyo fuulduratti ni raawwata. Lubootni Samii goonfoo isaanii akkuma teessoo gooftaa fuuldura ka'an, Lubooti lafarraas Wangeela yeroo dubbisanii fi Kakuu /Kidan yadersu/, yeroo Qulqulleessaa raawwatan goonfoo ykn marata mataa isaanii of fuuldura kaa'u. Kunis Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa sirni Samii kan itti raawwatamu Mana Kiristaanaa haadha taate ta'uu nutti mul'isa.
Garaagarummaa isaanii, uumama isaaniitiin . Lubootni Samii uumama isaaniitiin kan hin duunedha. Addunyaa Ergamootaa isaan jiranitti ijoollee Addaam kan argatu duuti hin jiru. Jireenya namaa keessatti dullumni, duuti jiraachuun beekamaadha. Luboota Samii biratti garuu dullumaa fi du'a wanti jedhamu hin jiru. Qulqulluun Yohaannis Mul'ata isaatiin "Maanguddoota Digdami Afur" jedhee kan isaan ibsu. Galmeen jechootaa Giriikii /Maanguddoota < Elder>/ kan jedhu gara Lubootaatti < Presbyter /priest/ jijjiiruun dubbisa. Gama Saalaatiinis kan ilaallu yoo ta'e Addunyaa Ergamootaatti wanti saala jedhamu hin jiru, hin yaadamus. Dhiira, Dubara wanti jedhamu hin jiru. "Du'aa Ka'umsatti Samiitti akka ergamoota Waaqayyoo ta'u malee hin fuudhan" Maat. 21:32. Tajaajila irrattis ergamaan inni tokko ergamaa isa biraa hin ajaju. Akka Luboota lafa irraa inni tokko isa biraa osoo hin ajajiin tajaajilaan cimanii kan dhaabbatanidha.

Jireenya biyya lafaa irratti ajajaa fi ajajamaan jiraachuun beekamaadha. Garuu Addunyaa ergamootaatti kun hin jiru, kan isaan ajaju Waaqayyo qofaadha.

Luboota Samii Mana Kiristaanaatti

Manneen Kiristaanaa Itoophiyaatti yeroo durii ijaaraman keessatti Manneen Kiristaanaa Luboota Digdami Afran Samii ni argamu. Manneen Qulqullummaa Atsee Laalibalaa ijaarsisan keessaa Mana Mikaa'eel /bete Mikael/ keessatti Teessoon Taabotaa Luboota Digdami Afran Samiif hojjetame ykn bocame ni jira, Teessoo Taabotichaa irrattis "ሀያ ወአርባእቱ ካህናተ ሰማይ ከመይስአሉ ሀበ እግዚአብሄር ወያስተስርዩ ሀጢያትየ ወጌጋይየ አሜን ወአሜን" jedha. Kunis Luboota Digdamai Afran Samiif Mana Kiristaanaa ijaaruun, Taabota bocuun dur iyyuu kan jiru ta'uu nutti agarsiisa.

Kadhannaa fi eebbi Luboota Samii hunda keenya waliin haa ta'u. Ameen!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Barreeffamoonni blog kana irraa akka dafanii isin bira gahaaniif email keessan galchuun 'follow' godhaa, share gochuus hin dagatiinaa!

Post a Comment

9 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)