Subscribe To Our YouTube Channel

«Room Akkan Daawwadhetti» Kaataakoomb jechuun maal jechuudha? Eessatti argama? Maal maaltu keessatti argama?

«Room akkan Daawwadhetti»

B/saa Biraanuu Goobanaatiin



Roomuloos hundeessaa Room durii. Tiwuufiitii garaa garaa bu'uura kan godhatan barreessitoonni Seenaa Room durii akka seenesanitti barichi, ykn barri magaalaan Room kun itti hundoofte Dhaloota Kiristoos dura bara 753 dha, gama biraatiinis magaalaan Room durii kun obboleewwan lakkuu lamaan Roomuloos fi Raamusiin hundoofte kan jedhanis jiru .Magaalaa Room ishee hardhaatiif, hambaawwan seenaa ishee durii Diinagdeedhaaf lafee dugdaa ta'uu isaaniitiin kabajjee fi kunuunsitee isaan qabatteerti. Isaanis Seenaa durii dhaloota ammaatiif ibsaa fi himaa akkasumas agarsiisaa jiru. Hangamiyyuu ciminnii fi miidhaginni durii waggoota hedduu lakkoofsisuu ykn dulloomuu isaatiin moofa'uyyuu, hardhas garuu laphee daawwattootaa kan booji'u, fuulli ykn bifti isaanii isaan waliin jira. Ogeessi Mahaandisii bifa sirna ijaarsa gamoo isaaniitiin harkifamuyyuu, ogeessi ykn beekaan seenaa sanaa ammoo gurmii qubeewwaniitiin waraqaa irratti, qaama tolchee, sammuu ykn yaada isaatiin seenaan durii sun keessatti bocame yaadan wantoota durii sana yeroo ilaalu booji'amuun galaana seenee ni daaka. Afaanii fi barreeffamaan ykn Kitaabaan kan isaaf seeneffamaa ture cimina Amantaa Kiristaanota durii sana  qabsuura sana irratti qaama fooniitiin dhiyaatee jechaan kan dhaga'e, Kitaaba irratti barreeffamee kan dubbise ija fooniitiin yeroo ilaalu Manni Kiristaanaa godaansaan ykn godaansa irra yeroo turte, gara bara durii sanatti yaadaan ni deema. Ija yaadaa isaatiin Kiristaanonni yeroo durii morkii isaan Mootota Ahizaabotaa waliin taasisan ni ilaala.

Wangeelli akka salphaatti kan itti hin lallabamne, Kiristaanummaanis qabsuuraa fi wareegamummaa malee (Qabsuuraa fi Wareegamummaadhaan) kan keessatti babaldhate Magaalaan Room, bobaa isheetti hammattee kan qabatte, Kaataakoomb (holqa lafa jalaa), Kooloosiyam (Filaaviyaan Amfiiteyaatir), Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluun Phaawuloos iddoo itti wareegaamummaa fudhatan ragaawwan jiraatoodha.

Room akka Qubeelaatti kan itti marse ijaarsa ykn dallaa ishee durii irraa kaasee keessa isheetti kan argamanii fi miira dhalootaa ajaa'ibsiifannaan kan guutan iddoowwan Qulqullaa'oon, akkasumas Kiristaanummaa lafa irraa balleessuuf humna isaanii qaban hunda tooftaawwan garaagaraa waliin Qeesaaronni Room kan yoomiyyuu seenaa keesatti dagataman miti.

Neeroon Qeesaar (Bara 54-68 Dh.K.B

Neeroon Qeesaar Roomitti Mootii jalqabaa miti, garuu gidiraa fi godaansa isa jalqabaa Kiristaanota irraan gahuun ykn labsuun fi ergamtoota Wangeelaa gidirsuun warreen kaan ni dursa. Kanaafis sababa ka'umsaa kan taasifate gartokkee (2/3) magaalaa Room ibiddaan gubuun ture. Kiristaanota ni jibba waan tureef, gubiinsa Magaalaa Room sana akka Kiristaanonni raawwataniitti fakkeessee uummatatti dhiyeessuun, uummanni Kiristaanota irratti jibbiinsaan akka kaka'aan taasise.

Luboonni Xaa'otii Roomis Waaqoliin isaaniitiif kan hin ajajamne Kiristaanonni jiraachuu isaanitiin Waaqoliin isaanii kanaan dheekkamanii, dheekkamsi kun akka gahe fakkeessanii uummatatti himuu isaaniitiin jibbi uummanni Kiristaanota irraa qabu jabaachaa dhufe. Yeroo kanattis Neeroon Qeesaar Kiristaanota akka balleessuuf haalli mijataan ni uumameef. Kiristaanonni hedduunis murtee ykn firdii malee hammenyaan ni ajjefaman. Ifoota Addunyaa kan jedhaman Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluun Phaawuloosis xoofoo isaanii wareegamummaa kan dhugan bara mootii kanatti.

Room kutaa ykn biyya lallabaa Qulqulluu Pheexiroosidha. Waggoota 25'f Roomitti barsiiseera. Lallaba Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloosiin Roomitti Kiristaanonni baay'achaa dhufan. Kiristaanummaanis hanga mana Aanga'oota Roomiitti ni seene. Mootii Neerooniif aanga'oota dhiyoo kan ta'aan Agibiinoos fi Niitiiwwan Agriiphaa dabalatee gara Kiristaanummaatti harkifaman.

Jalqaba irratti Addabaabaayii Room irratti Kiristaanummaan Lallabamuuf wareegamaa kan ta'e Qulqulluu Phaawuloosodha. Qulqulluun Phaawuloos mormi isaa Sayifiin yeroo muramu Mataan isaa iddoo saditti akka kubbaatti utaaltee boqottee waan turteef iddoowwan sanatti bishaan burqeera. Hardha iddoowwan kanatti Manni Kiristaanaa ijaarameera. Iddoowwan kunneenis Turistootaa akka daawwatamaniif daangeffamaniiru.

Hidhaa irra kan tute Qulqulluu Phaawuloos mormi isaa muramuu kan dhaga'aan Niitiiwwan Agibinoos fi Agriiphaa Qulqulluun Pheexiroos akka Qulqulluu Phaawuloositti yoo kan du'u ta'e nama Wangeela isaan barsiisu akka dhaban amansiisanii, dallaa ykn  gamoo Magaalaa Roomitti (Gamoon kun magaalaa Roomitti kan marsee argamu yoo ta'u, hambaawwan durii Turistootaan daawwataman keessaa isaa tokkodha) funyoon hidhanii, Qircaatiidhaan buusuun magaalaa Room akka gadhiisee bahu taasisan.

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Pheexiroos Room gadhiisee Daandii Oopiyam irra deemsa isaa itti fufe. Gamoo dallaa magaalaa Room akkuma ba'een namni diimaan tokko gara isaatti yeroo dhufu fageenya irraa arge, gara isaatti dhiyaachaa yeroo dhufus Gooftaa keenya Qoricha keenya
Iyyesuus Kiristoos ta'uu isaa hubate. Achumaan adda isaatiin gadi gombifamee sagadee «Yaa Gooftaa koo! garam deemaa jirta?» jedhee gaafate. «Irra deebiin Roomitti fannifamuufi» deebii jedhu Gooftaa irraa yeroo dhaga'us Qulqulluun Pheexiroos gaddee Wareegamummaan akka boqotuuf fedha Gooftaa ta'uu isaa hubatee gara Roomitti deebi'e. Gooftaa fi Qulqulluun Pheexiroos iddoo itti waliin haasa'aan hin hardha Manni Kiristaanaa irratti ijaarameera. Iddoo kanattis Ashaaraa miilaa kan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hafee waan tureef iddoon sun bifa addaatiin daangeffamee argama.

Loltoonni Neeroon Qulqulluu Pheexiroos barbaadaa waan turaniif gara Roomitti yeroo seenu isa qaban. Waan fedhan akka isa godhaniifis ofii isaa dabarsee kenne. Muka irratti fannifamu yeroo dhiyeessanittis «Ani akka Gooftaa kootti fannifamuu hin qabu, kanan fannifamuu qabu gadi garagaleeni» jechuun gadi garagalchanii akka isa fannisan kadhate. Isaanis akkuma inni jedhe taasisan. Gadi garagalchanii isa fannisan. Adoolessa 5, Bara 67 Dh.K.B wareegamummaan boqote. Iddoo itti Wareegamummaan boqotettis Manni Kiristaanaa maqaa isaatiin ijaarameera. Reenfi isaas bara boodaa irra iddoo itti awwalamee ba'ee iddoo maqaa isaatiin moggaafame Vaatikaan hardhaatti ka'aameera.

Dhumaatii fi ajjeechaan suukanneessaa Qulqulluu Phaawuloos fa'aa irratti qofaa miti kan gaggeeffame ykn raawwatame, Kiristaanota bara sana turan hunda irratti malee. Kiristaanonni magaalaa Roomiin ala jiranillee osoo hin hafiin obboloota isaanii waliin Xoofoo wareegamummaa isaanii fudhachuuf, iddoo jiranii walitti qabamanii jaalala Amantaa isaaniitiif qaban Wareegamummaa isaaniitiin agarsiisaniiru. Du'a irraa kan hafanis «kan isaan argate nu argata» jedhanii osoo hin sodaatiin reenfa obboloota isaanii Wareegamtootaa walitti qabuun holqa dhokataa /Kaataakoomb/ keessa ni kaa'u ture.

Kaataakoomb

Waa'een Seenaa Mana Kiristaanaa ishee durii yeroo ka'u Kaataakoomb ykn Holqi lafa jalaa waliin ka'uun isaa waan hin ooledha. Maalif yoo jedhame yeroowwan durii keessatti Manni Kiristaanaa Kaataakoomb seentee turte waan ta'eef. Waggoota kuma lama (2000) dura Roomaanota turaniif maqaan ykn moggaasni «Kaataakoomb» jedhu iddoowwan ykn bakkeewwan Sulalawaa ta'aaniin kan walqabatu ture. Boodarra garuu   Mana Kiristaanaa ykn Kiristaanota lafa jalatti hunda'aaniif moggaasa iddoo awwaalaa ta'eera.

Kiristaanota yeroo duriitiif holqa keessa galuuf maaltu isaan dirqamsiise? gaaffii jedhuuf deebiin isaa ifaa fi kan wal nama hin mormisiisnedha. Kunis mirga lafa irra jiraachuu  waan dhorkamaniifidha. Lafa awwaalaa adda ta'e qabaachuu mitiitii, reenfi isaaniiyyuu iddoo awwaala uummataatti akka awwaalamu kan eyyamamuuf muraasota turan. Qeesaaronni Room yeroo Mana Kiristaanaa gidirsanitti hanga gara Addunyaa alaatti baatutti Manni Kiristaanaa Kaataakoomb galteerti.

Kaataakoombonni Room durii irratti qofaa hin turre kan ijaaraman, biyyoota ollaa kan biroottis malee. Yeroo ammaa kanatti Kaataakoombonni 60 ol akka jiran ni tilmaamama. Kiristaanota hedduudhaaf iddoo awwaalaa fi iddoo jireenyaa kan ture garuu Room hardhaatti kan argamu dheerinni isaas 20 K.m kan ta'udha.

Qaama ykn kutaa lafaa isa gubbaa irraa baay'ee gadi fagaatee kan qotame Kaataakoombiin kun cimina Afuurawaa fi dandeettii ogummaa Kiristaanota durii kan ittiin hubannudha. Kiristaanonni hojii kanaaf foo'amanis Foosris (Fossores) maqaa jedhamuun beekamu. Akka Mahaandisotaa hardhaa jechuudha.

Kaataakoomb keessatti gosoota awwaalaa garaagaraa, Manneen Kadhannnaa, Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa irraa walitti ba'aan Seenaawwanii fi Fakkiiwwan ykn Mallattoo fi k.k.f ni argamu. Mahaandisootaa hardhaa illee osoo hin hafiin kan ajaa'ibsiisan haala ijaarsa isaatiin adda kan ta'e Kaataakoombiin kun ogummaa fi cimina ykn dhamaatii Kiristaanota durii akka ajaa'ibsiifannu nu dirqisiisa.

Gosoota Awwaalaa

Bocaa fi haala ijaarsaa ykn haala itti hojjataman garaa garaa kan qaban awwaalonni garaagaraa Kaataakoomb keessatti ni argamu.

♦ Luuklii (Loculi)

Girgiddaan isaa keessaa borobboramee boca rog-arfee ykn Reektaangilii qabatee kan  hojjatame, nama tokko qofa ittiin awwaalamuuf kan tajaajilu yoo ta'u, namni du'e sun carqiidhaan gannazamee saaxinii ykn saanduqa reenfaatiin ala kan ittiin awwaalamudha. Erga awwalame boodas afaan awwaalichaa Shaklaa (Suphee) dhaan ykn ammoo dhagaa Ibna  Baradiidhaan ni cufama. Awwaalli gosa kanaa baay'inaan ijoollee daa'imummaatti ykn ijoollummaatti du'aaniif kan qophaa'edha. Baay'inaanis gosoota awwaalaa kanneen kaan irra ni caala. Yeroo sanatti daa'imman baay'inaan du'aa akka turan baay'ina gosa awwaalota kanaa irraa ka'uun tilmaamuun ni danda'aama.

♦ Arkoosooliyam (Arcosolium)

Bareedinaa fi boca addaa ta'e akka qabaatu taasifamee gosa awwalaa hojjatamedha. Gubbaa irraa boca «ቅስት ወይም ደጋን» qaba, nama tokkoof ykn maatii hundaaf akka ta'utti ykn akka ga'utti taasifamee ijaarama ykn hojjatama.

♦ Saarkoofaagas (Sarcophagus)

Dhagaa ykn Ibna Baradii irraa kan hojjataman Awwaalota akka Saanduqaa ykn Saaxinii yoo ta'aan gatiin isaanii qaalii ykn wuddii ta'uu isaa irraan kan ka'e awwaalonni gosa kanaa Kaataakoomb keessatti baay'inaan hin argaman.

♦ Kaabiikuulam (Cabiculum)

Kutaawwan xiqqoo boca ykn bifa Iskuweerii ykn Pooliigonaalii qabanidha.

♦ Kiriipt (Crypt)

Kutaawwaan babaldhoo Kaataakoomb keessatti argamanidha. Kadhannaaf, walitti qabamuuf fi tajaajiloota Afuurawaa garaa garaatiif itti fayyadamaa akka turan ragaaleen tokko tokko ni agarsiisu. Fakkiiwwan Qulqullaa'oon,  Moozaayikii fi hojiiwwan Arkiteekcharii garaagaraatiin kan faayamanidha. Kutaalee kana keessatti awwaalli Qulqulloota Wareegamummaan darbanii tokko ykn isaa ol ni argama.

Fakkiiwwan Kaataakoomb

Kiristaanonni durii barnoota isaanii kan babaldhisan Kaataakoomb keessattidha. Achittis namoonni haaraa amanan baay'ee gara Kiristaanotaatti dhufaa miseensota Waldaa isaanii ta'uu jalqaban. Yeroo kanattis barumsa Kiristaanummaa babaldhisanii kennuuf Kitaabolee gahaan hin turre. Akka fedha ofiitti bahaanii barbaaduu fi qopheessuuf bilisummaa waan hin qabneef Kitaaba Qulqulluu keessaa fakkeenyota tokko tokko Si'ilii ykn fakkii irratti kaasuun barsiisuu jalqaban. Si'ilii fi fakkiiwwan kunneenis kan kaafaman fakkeenyummaaf «symbol» yoo ta'u kan irraa kaafamanis daaraa fi cilee irraa yoo ta'u kan kaafamanis afaan ykn nannawaa holqichaatti.

Fakkeenyaan barsiisuun iccitii hin muldhanne, iccitii Waaqummaa sammuun namaa akka hubatuufi gabatee sammuu irratti akka maxxanfamu taasisuuf faayida-qabeessa ta'uu isaatiin Kiristaanota duriitiin itti amanamee ture. Barnoota Amantaa fakkeenyaan akkamitti ibsaa akka turan kanatti aananii kan jiran fakkeenyaaf haa ilaallu;

♦ Tikseen Gateettii isaa irratti Hoolaa kan qabate (Good Shepherd)

Balbala seensaa,  holqichaa fuulduratti kaafamee kan argamu yoo ta'u, tikseen sun «Tikseen gaariin ana» kan jedhe fakkeenya Gooftaa yoo ta'u, Hoolichi ammoo badee osoo jiruu kan argame fakkeenya Ilma namaati.

♦ Qurxummii (Asaa)

Giriikonni durii Qurxummii yeroo jedhan «Ihtes ኢኽቴስ» jedhu. Qubeewwan jecha kana irra jiran tokko tokkoo yeroo hiikaman ammoo ;

I (ኢ) - Iyyesuus
H (ኽ) - Kiristoos
Te (ቴ) -Tewu'idoos (Ilma Waaqayyoo)
S (ስ) - Sooteer (Fayyina)
Iddoo tokkotti walitti yeroo dubbifamus «Iyyesuus Kiristoos Ilmi Waaqayyoo Fayyina» jechuudha.

♦ Moonoogram of Kiraayist (Monogram of Christ)

Qubeewwan Giriikii lama walitti dhufanii kan uuman yoo ta'u, Qubeewwan kunneenis «X» fi «P» dha. Qubeewwan kunneenis inni tokko isa tokko irratti hirkatanii bocamaniiru ykn kaafamaniiru. Qubeen «X» jedhuufi qubeen «P» jedhu wakitti dhufanii ykn walitti yeroo dubbifaman hiika Kiristoos jedhu kennu.

♦Gugee baala Wayiraa baatte

Gugeen Kiristaanota biratti qofaa osoo hin taane uummata Addunyaa guutuu ykn hunda biratti fakkeenya nagaa ykn nageenyaa ta'uun ishee ni beekama. Kiristaanonni durii nageenyaa fi jaalala akkasumas jireenya barabaraa Kiristoosiin argame Gugee baala Wayiraa baatteen fakkeessanii barsiisu ture. Kunis bara bishaan badiinsaa Noohitti bishaan hirdhachuu isaa Noohiif missiraachoo himuuf yoo dhuftutti baala Wayiraa qabachuun ture kan isa beeksiste ykn kan itti himte. Kiristaanonnis bishaan cubbuu hirdhachuu isaa fi Kiristoosiin nageenya akka arganne ibsuuf Gugee Nooh fakkeenyummaan ishee kaasu ture.

♦ Alfaa fi Omeegaa - Kan jalqabaafi kan xumuraa qubeewwan Giriikii ykn Qubeewwan Giriikii jalqabaa fi xumuraa yoo ta'aan, Gooftaan kan duraafi kan boodaa, kan jalqabaafi kan xumuraa, hundeen ykn bu'uurri isaas hawaanis kan isaa ta'uu isaa ibsuuf mallattoo itti fayyadaman ture.

♦ Malhiq - Abdii jireenya gara fuulduraa kan agarsiisudha.

♦ Piikook - Bifa ykn haalluu garaagaraa kan qabdu simbirroon Piikook, Fakkeenya lubbuu jiraattuu hin duune, hin diigamnee taatee fudhatamti.

♦ Fooniiks (Phoenix) - Bara sanatti baay'eewwan biratti akka amanamutti Simbirroon Fooniiks jedhamuun beekamtu harkisummaa ykn hawwatummaa kan qabu haalluu ykn bifa isheetiin dabalataatti waggoota kuma kumaan haareffamtee ykn haaromtee kan jiraattu ta'uun ishee ni himamaaf. Waggaa kuma tokko yeroo guuttu qaama ishee ibidda keessa galchiti. Sana boodas qaama ishee daaraa ta'e irraa irra deebiin qaama haaraa qabattee kaati, Simbirroon kun du'aa ka'umsaaf fakkeenya taatee ni caqasamti ture.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Karaa Telegram nu argadhaa!

Post a Comment

0 Comments