Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 1ffaa

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Kutaa 1ffaa

Hubachiisa :- Barreeffamni kun Afaan Amaariffaa irraa kan hiikame waan ta'eef, akkasumas jechoota Gi'iizii hedduu waan of keessaa qabuuf yeroo dubbistan wal bira qabdanii dubbisuun hubachuuf yaalaa!

Kutaa kana keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

• Hiika Sirna Qiddaasee
• Qoqqoodama Sirna Qiddaasee
• Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?
• Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan
• Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee fi k.k.f dha. Dubbisaa!


1. Hiika Sirna Qiddaasee

• Jechi «Sirna» ykn «ሥርዓት» jedhu ykn kana jechuun jecha Gi'iizii «ሠርዐ ሠራ» jedhu irraa kan dhufe dha. Hiikni jechichaas seera, dambii, hojimaata..., jechuudha.


• Qiddaasee jechuun ammoo «Qulqulleesse, eebbise, galateeffate, qulleesse, foo'e, Waaqayyoof adda baasee kenne» kan jedhu irraa kan ba'e yoo ta'u, hiikni jechichaas :- eebbisuu, Qulqulleessuu, galateeffachuu jechuudha. Sirna Qiddaasee kan jedhus al tokkoon ykn walitti qabnee dubbisnee yeroo hiiknus sagantaa galateeffannaa, ykn sirna galateeffannaa kan jedhu ta'a.

• Sirni Qiddaasee Sirna Kadhannaa Qurbaanaa ni jedhama.

1.1. Qoqqoodama Sirna Qiddaasee

Walumaa galatti sirni Qiddaasee (Sirni Kadhannaa Qurbaanaa) iddoo saditti qoodama;

♦ Kutaan inni jalqabaa kutaa qophii Qiddaasee ykn Gibi'aate Menxolaa'it ykn Sir'aate Gibts jedhama. Kunis «O! ihuhiyee bezintu libbuna» ykn «Yaa obboleessa koo laphee walitti qabameen cimi! ykn dhaabbadhu!» kan jedhu irraa kaasee «Mi maxan zatti ilet girmit» ykn «Guyyaan kun hangam kan nama sodaachistudha!» hanga jedhuutti kan jirudha.

♦ Kutaan Qiddaasee inni lammaffaan ammoo kutaa barumsa Wangeelaa, gorsaa fi galataa yoo ta'u, maqaa baramaadhaan sirna Qiddaasee jedhama. Yeroo Kutaa Sirna Qiddaasee kana keessatti Wangeela Qulqulluu irraa, Raajii Raajota Qulqullootaa irraa, Ergaawwan Duuka Bu'ootaa keessaa akkasumas Wangeelli Gooftaa Qulqulluun ni dubbifama, ni hiikama. 

♦ Kutaan inni sadaffaan ammoo Habistiin gara foon Waaqaatti, Wayiniin ammoo gara dhiiga Waaqummaatti kan itti jijjiiramu, yeroo Kadhannaa fi galataati. Keessattuu yeroo kadhannaa kanatti galata hunda keessaa galanni addaa filatame «Habena ni'ibber bezazi'ake Menfes Kidus» «Jireenya kee Amalummaa Afuura Qulqulluu ergitee, Habistii kana, Wayinii kana jijjiirtee, foon kee fi dhiiga kee taasistee si waliin tokko akka taanuuf tokko ta'uu nuuf kenni!» jedhee Lubichi yeroo galateeffatu, bu'iinsa Afuura Qulqulluu ta'a. Habistiin jijjiiramee Foon Waaqayyoo, Wayiniin jijjiiramee dhiiga Waaqayyoo ykn dhiiga Waaqummaa ta'a. Dimshaashumatti kutaan Kadhannaa Qiddaasee kun «Firee Qiddaasee» jedhamuun beekama. Kutaan ykn yeroon Kadhannaa kun kan itti gaggeeffamu akka Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Qiddaaseewwan 14 qabna.

1.2. Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?

♦ Sirna Qiddaasee (Sirna Kadhannaa Qurbaanaa) kan hundeesse ykn jalqabe Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoosidha. Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Kadhannaa Kamisaa galgala sirna Kakuu Moofaatiin Duuka Bu'oota waliin maaddii Ayyaana Faasikaa irra taa'ee, Duuka Bu'oota Isaatiin foon koo fi dhiigni koo kunooti jedhee Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa kenneefiira. Akkasis taasisaa jedhee Sirna Qiddaasee hundeesse. Sirnichas gochaan fi barumsaan isaan barsiiseera. Kadhannaa Qurbaanaas ni taasise (Maat. 26:26-28, Marq. 14:17-25, Luq. 22:14-38, Yoh. 6:56-59, 1 Qor. 11:23-26)

♦Kunis Sirni Qiddaasee yeroo jalqabaaf kan raawwate Bara Wangeelaa Mana Qulqullummaa kan ture mana nama Alaazaar jedhamutti ture.

♦ Hardhas duraa duuba sirna Qiddaasee hardha gaggeessinuu kan walitti qabe Qulqulluu Baasiliyoos isa Qisaariyaati.

1.3. Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan

Sirna Qiddaasee jalqabaa irratti kan hirmaatan ykn sirna Qiddaasee jalqabaa kana kan asqaddasiisaniifi 
kan qorroban Qulqulloota Duuka Bu'oota turan. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroon ykn sa'aatiin Kadhannaa Qurbaanaa yeroo gahetti Kadhannaa Qiddaasee raawwadhuuf Duuka Bu'oota kudha lamaan waliin maaddii irra taa'e. Luq. 22:14. Duuka bu'oonnis Sirna Qiddaasee hirmaatanii ykn asqaddasiisanii Qulqulluu Qurbaana erga fudhataniin booda ni galateeffatan. Erga galateeffatan, erga faarfatan booda gara Dabra Zayit ykn Tulluu Ejersaatti ba'an. (Maat. 26:30) Mana Kiristaanaa keenya ishee hardhaa keessattis Kadhannaa Qiddaaseetiif kan walitti qabamnu ykn Kadhannaa Qiddaaseetiif Mana Kiristaanaatti kan walitti qabamnu kanarraa kaaneetu waan ta'eef Kadhannaa Qurbaanaatiin isa galateeffanna, Foon kee Qulqulluu fi dhiiga kee kabajamaa nyaachuu fi dhuguuf arjummaa keetiin waan kanaaf nu qaqqabsiisteef jennees ni kabajna, ni galateeffanna. Kanaafidha namoonni Foonii fi dhiiga isaatiif gahan yeroo foon isaa fi dhiiga isaa fudhatan «Isime hayal lante, ikut wesibbuh weleke sibhat le alem alem» ykn «Qulqulluu foon kee fi kabajamaa dhiiga kee nuuf kennitee jireenya bara baraa akja argannuuf, waan nuuf kenniteef ykn kan nuuf kennite ati jabaadha dha waan taateef, kabajamaa jedhamuun, galateeffamaa jedhamuun siif ni ta'a,» jennee kan faarfannuuf. Faaruun kunis yeroo sanatti Duuka bu'oonni Qulqulluu Qurbaana erga fudhatan booda faaruu akka isaan faarfataniiti.

1.4. Kaayyoo guddaa Sirnichaa

Soorri Aarsaa Oriitii raawwachuu isaa, bakka isaa ammoo sirni bara baraa Kakuu Haaraa Aarsaa Wangeelaa kan ta'e haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa kan dhalate, Qulqulluu Foon isaa fi kabajamaa dhiiga isaa arjummaa isaatiin kan isatti amananiifi akkasumas jireenya bara baraa kan hawwan hundaaf fudhadhaa jedhee kennuu isaa waliin Abbootii Duuka Bu'ootaatiif, Duuka Bu'oota isaaniitiif Sirnicha barsiisuu fi raawwachuufidha. 1 Qor. 1:25-26, Akkasis jedhee «Namni asii biddeen yoo nyaate bara baraaf ni jiraata, foon koo kan nyaatus, dhiiga koo kan dhugus jireenya bara baraa qaba» Yoh. 6:51-59.

Galanniifi ulfinni isaaf haa ta'uutii jireenyi bara baraa kan itti argamu Sirna Kadhannaa Qurbaanaa hirmaachuuf (Qiddaasee hirmaachuuf ykn Qiddaasee qadasiisuuf) gara Mana Kiristaanaatti yeroo deemnutti Duuka Bu'oota keessaa akka Duuka bu'a isa tokkootti ykn akka bartuu isa tokkotti Hangafni Lubootaa Iyyesuus Kiristoos akka nu filatee fi akka nu waame osoo hin dagatiin ykn osoo hin irraanfatiin «Mana Bultoo Waaqayyootti jiraachuun akkamitti akka nuuf ta'u ykn akkamitti akka siif ta'u akka beeknuuf ykn akkamitti akka beektuuf siin barreessa» 1 Xim. 3:15 jedhee Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos ilma ykn mucaa isaa Afuuraa Ximootewoos akkuma gorse, nutis akkuma kanatti Sirna Sirna Qiddaasee sanaa beeknee, Mana Waaqayyootti akkamitti jiraachuu akka qabnu ni baranna. Sirna malee kan deeman isaanitti dheekkaman jedheera waan ta'eef. 2 Tas. 5:14

Kutaa itti aanutti ykn Kutaa 2ffaa keessatti;

Qophii dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu

✓ Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisnu
✓ Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna
✓ Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f ni ilaalla! Link kana tuquun dubbisaa - Kutaa 2ffaa

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa! 

Post a Comment

6 Comments

  1. Waaqayyo isin haa eebbisu! Yoo fedha keessan ta'e gaaffilee kitaaba qulqulluu baayyee isin gaafachuun barbaada. Dn Daawwit wallgga lixaa.....

    ReplyDelete
    Replies
    1. Tolee Gaafii isa namatti ta'ee waaqayyootu namaf deebisa gargaarsa waaqayyoo ttiin waaliin ilaala mee gaafii keessaan dhiyeessa utuun dubanuu garuu waangeela keessa waantii gaafii namatti ta'uu Ammayyu dhagaa'ama jiraachuunsaa Ajaa'iba Anni garuu isiin hin barre mee wal haa barruEnyuu jedham

      Delete
  2. AnaefiQversu-1982 Liz Rogers click
    sincpidestagc

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)