Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulloota | Kutaa 1ffaa Qulqulloota jechuun maal jechuudha? Qulqulloonni eenyu fa'i? Manni Kiristaanaa keenya Qulqulloota kan jettuun eenyu fa'iini? Qulqullummaa gosa meeqatu jira?


Qulqulloota
jechuun maal jechuudha?

Mata duree kana jalatti waa'ee kabaja Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti bal'inaan kutaa kutaan qooduun ni ilaalla. Isinis dubbisuun share godhaa, blogichas follow godhaa!

Jalqaba hiika jecha Qulqulloota jedhuu ilaalla, jechi Qulqulloota jecha 'Qulqulluu' jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u, hiikni isaas; kan kabajame, kan qulqullaa'e, kan adda ta'e, kan filatame jechuudha. Qulqulluun Phaawuloosis ergaa isaa gara warra Roomee 8:33 irratti "Waaqayyo kan filate eenyutu morma?" jedha, kanaaf kan filataman Qulqulloota, kan filate ammoo Waaqayyoodha. Akkasumas Seera Leewwotaa 19:2 irratti Waaqayyo "Ani Waaqayyo akkuman Qulqulluu ta'e isinis Qulqulloota ta'aa!" jedha akkasumas Qulqulluun Pheexiroos jecha kana fayyadamuun lallabeera. 1 Phex.1: 16. Waaqayyo Amalummaa isaatiin Qulqulluudha, Uumamtoonni isaas seera isaa eeguun ulaagaa guutuun Qulqulloota ni jedhamu.

Qulqullummaanis gosoota lamatu jiru isaanis;

1. Qulqullummaa Amalummaa

Qulqullummaan Amalummaa Waaqayyo qofaaf kan ta'udha. Waaqayyo Amalummaa isaatiin Qulqulluudha ykn Qulqullummaan Amalummaa isaati. Qulqullummaan Amalummaa kunis eenyu iyyuu kan irraa hin fudhanne, itti hin daballeef, kan irraa hin hir'isne, kan dorgomaa hin qabne, cubbuun kan wal hin simne Waaqayyoof qofa kan ta'udha.

2. Qulqullummaa Kennaa

Qulqullummaan Kennaa Waaqayyo irraa namoota ulaagaa isaa guutaniif kan kennamudha. Kunis Qulqullummaa guutuu, hir'achuu danda'u, kan dorgomaa qabu. Hojii gaabbii fi qulqullummaa cimaan kan argamudha.

Akka Mana Kiristaanaa keenyatti sadarkaan Qulqullummaa akkamidha? ykn Qulqulluu maqaa jedhuun kan Waamaman eenyu fa'a? kan jedhu haa ilaallu.

1. Waaqayyoo Amalummaa isaatiin Qulqulluu waan ta'eef Qulqulluu ni jedhama. Isa. 6:3, Mul. 4:8

2. Qulqulleettii Dubroo Maariyaam
Dubroon Maariyaam kabajni ykn Qulqullummaa ishee Qulqullummaa kennaa yoo ta'u, kabajni ishees Waaqayyootii gadi uumamtoota hundumaa olittidha. Kanaafi Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Qulqulleettii Qulqullootaa kan jedhamtu. Uumamtoota hundaa ol kan ishee taasisu ykn uumamtoota hunda irraa Qulqullummaa Kennaa isheetiin kan adda ishee taasisu keessaa muraasni;

[1] Cubbuu ykn Abaarsi Addaamii fi Heewaan ( Original Sin ) kan ishee hin tuqnedha.

Kanas Raajichi Isaayyaas akkas jedhee barreesseera "Waaqayyo Gooftaan osoo sanyii nuuf hambisuu baatee akka Sodomii fi Gomoraa taana ture...." Isa. 1:9
Abbaan ishee Mootichi Daawwitis " Yaa Mucaa koo dhaga'i! Gurra kees as qabi, Fira kee mana abbaa kee irraanfadhu, Mootiin Miidhagina kee jaalateera hoo inni gooftaa keeti..." jedha. Faar. 44:10-11 kana hiikoo isaa gabaabbinaan yeroo ilaallu;

- Yaa mucaa koo kan jedheef sanyii isaa irraa waan dhalatteefi, akkasumas raajonni "yaa mucaa koo" jecha jedhu baay'inaan ni fayyadamu waan ta'eef.

- Firoota kee mana abbaa kee irraanfadhu jechuun isaa firoota fi abbaa kan jedhaman Addaam fi ijoollee isaati, mana isaanii irraanfadhu jechuu isaa abaarsi Addaam irra gahe si hin tuqu kanaaf isa hirraanfadhu jechuu yoo ta'u;

- Mootiin miidhagina kee jaalateera kan jedhe ammoo Mootii kan jedhame Iyyesuus Kiristoosidha, kanaaf gooftaan miidhagina kee ykn qulqullummaa kee jaalateera, sirra buluuf qulqullummaa kee filateera, inni gooftaa keeti jechuu isaati. Faar. 131:13-14

[2] Surraa ykn kennaan kan guutamte waan taateef.

Kanas Ergamichi Qulqulluun Gabri'eel akkas jechuun ragaa baheera "Kennaan kan guutamte gammadi!" Luq. 1:28

[3] Garaa haadha isheetii kaasee Qulqullummaa foonii, lubbuu fi yaadaa waan qabduufi.

Kanas Abbaan ishee Mootichi Solomoon akkas jedheera "Yaa Misirroo koo iddoo hundumti keeyyuu miidhagaadha, mudoos hin qabdu" WWC. 4:7
Qulqullichi Daawwitis "Gooftaan Bultoo isaa qulqulleesse" jedhee faarfateera. Faar. 45:4
Waa'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waa muraasa kaasne malee kana qofa miti, kabajni ishee himamee hin dhumu.

3. Qulqulloota Ergamoota
Ergamootni ifaa ergamoota xuraa'oo ykn ergamoota dukkanaa irraa adda waan ta'aaniif Qulqulloota ni jedhamu. Akkasumas tajaajiltoota Waaqayyoo waan ta'aaniif tokkos Maqaan Waaqayyoo waan irra jiruuf Qulqulloota ni jedhamu. Maat. 25:31, Yih. .14, Henok 1:9, Mul. 4:8

4. Namootni jireenya Qulqullummaan jiraatan, gammoojjii keessatti kadhannaa fi sagadaan kan murtaa'anii jiraatan, kennaa raajummaa dhugaa kan qaban, mootonni jireenya qulqullummaan jiraatan, kanneen kitaaba qulqulluutiin shakkitoota mormuun injifatanii amantaa eegsisan fi k.k.f Qulqulloota ni jedhamu. Fknf, Abrahaam, Iyyoob, Abbaa Inxoons, Abbaa Paawulii, Raajicha Isaayyaas, Raajicha Ermiyaas, Mooticha Daawwit, Mooticha Solomoon, Yohaannis Afaan Warqee, Qeerloos fi k.k.f

Akkasumas gama biraatiin wantootni ykn meeshaalee tajaajila Mana Waaqayyoof ta'an, bultoo Waaqayyoo ta'aan Qulqulluu ni jedhamu. Fknf, Taabota, Fannoo, Meeshaalee Qulqullaa'oo, Fakkiiwwan Qulqullaa'oo, Kitaabolee Qulqullaa'oo fi k.k.f

Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffame kan waamaman baay'eedha, kan filatan xiqqoodha. Maat. 22:14. Qulqulloonni Waaqayyoon kan filatamanidha. Akkasumas Qulqullichi Phaawuloos ergaa isaa gara warra Roomee 8:33 irrattis "Kan Waaqayyo filate eenyutu morma?" jechuun caalaatti ibsa, kan filatu Waaqayyoodha.

Qulqulloonni kana raawwatan, kan godhan yeroo jedhamu maqaan Waaqayyoo akka isaanirra jiru ykn Waaqayyo akka isaanirra bulee kana hojjetu hubachuun barbaachisaadha, dirqamadhas. Kitaabni Qulqulluus kan jedhuu fi kan deeggaru kanumadha. mee muraasa haa kaasnu;

"Waaqayyo Qulqulloota isaa irratti akka ibsame hubadhaa! ykn baraa!" jedha Qulqullichi Daawwit. Faar. 4:3 Akkasumas irra deebi'uun Qulqulluun Daawwit akkas jedha, "Waaqayyo Qulqulloota isaa irratti dinqiidha" Faar. 67/68:35.

Nu'i warra Iyyesuus Kiristoos waaqessinuuf nuuf bu'uura amantii fi fakkeenya kan nuuf ta'aan Raajotaa fi Duuka Bu'ootadha. Efe. 2:20 "Bu'uura Duuka Bu'ootaa fi Raajotaa irratti bocamtaniirtu ykn hundooftaniirtu. Dhagaan /rogaa/ bu'uuraas Iyyesuus Kiristoosidha." jedha.

Qulqulloota simachuu, maqaa isaaniin yaadannoo taasisuun gatii namaaf kennisiisa, Kitaabni Qulqulluun kan deeggarudhas.

"Isin kan simatu ana simata, ana kan simatu isa na erge simata. Raajii maqaa raajiitiin kan simatu gatii raajii sanaa argata, Qulqulluu maqaa Qulqulluutiin kan simatu gatii Qulqulluu sanaa fudhata....." Maat. 10:40-12 "Anis isiniinan jedha, .... akka isin simataniif..... jaalattoota keessaniif taasisaa" Luq. 16:9 As irratti jaalattoota kan jedhaman Qulqulloota " Kana booda garboota isiniin hin jedhu .... isiniin garuu jaalattoota koo isiinan jedha" Yoh. 15:15 . Qulqulloota mormuun, arrabsuun, isa ykn Iyyesuus Kiristoos mormuu, arrabsuu, isa dhaga'u dhiisuudha, Waaqayyos kana hin jaalatu. Akkamitti? nama ajaa'iba mee haa ilaallu!

Kanaaf nuti ijoolleen Ortodoksii Tawaahidoo dhugumaan Kiristoos waan lallabnuuf, waan beeknuuf Qulqulloota kabajna, Kitaaba Qulqulluutu nu deeggara waan ta'eef. Fknf;

1. Seera Lakkoofsaa 12:1 kaasee maal jedha? Musee dubartii Itoophiyaa waan fuudheef Aroonii fi Maariyaam isa morman jedha. Mormaniis hin hafne Waaqayyo isaanitti dheekkame dhukkubaanis ni rukutaman; maalif? Qulqulluu Musee Qulqullicha Waaqayyoo irratti waan dubbataniif. Kitaabuma sana Boq. 17:1 kaasee kan jiru waa'ee Qoree, Daataan fi Abeeroonis achumaan dubbisaa!

2. Gara kakuu haaraatti yeroo dhufnu seenaa nama ajaa'ibu tokko arganna. Kunis HDB. 9:1 kaasee kan argannudha, Kunis waa'ee Saawulidha, boodarra Qulqulluu Phaawuloos. Saawul Duuka Bu'oota gidirsuuf, ajjeessuuf xalayaa fudhachuuf gara Hangafa Lubootaa deemee yeroo gara Damaasqootti deemu tasa daandii irratti tasa sagaleen Qaqawweessaa dhaga'ame innis lafa irratti kufe yeroo kanas sagalee "Saawul Saawul maalif na ari'atta?" jedhu dhaga'e. Nama ajaa'iba kan kana jedhe Iyyesuus Kiristoosidha. Kan gidirfaman garuu Qulqulloota ykn Duuka Bu'oota kanaaf Qulqulloota ari'uun, gidirsuun Waaqayyo ari'uu waan ta'eef "Maalif na ari'atta?" jedhe. Kanaaf Qulqulloota ari'uun, jibbuun Waaqayyo jibbuudha. HDB. 9:1-9, 22:6-16, 26:12-18 . Kanaaf har'a Shakkitootni Qulqulloota akkasitti kabaja qaban, Kitaabni Qulqulluu kan akkasitti ragaa ba'uuf kana arrabsaa Kiristoos lallabna jechuun wanta hin fakkaannedha. Dhuguma Kiristoos kan lallaban daandii akka Saawul durii amma irra jiran kana dhiisanii akka Phaawuloos boodarraa yeroo ta'an qofadha.

Qulqulloota Waaqayyo kabaje, filate tuffachuun nama adabsiisa.

"Tuffachuu fi of-tuulummaan arraboonni Qulqulloota ykn toloota irraatti dubbatan isaaniif wayyoo ykn haa cufaman ykn didaa haa ta'an" Faar. 30/31:18

"Cubbamaan duuti isaa kan hammaatedha, Qulqullootaa ykn toloota kan jibban ni gaabbu." Faar. 33/34:21 . "Raajota koo irratti wanta hamaa hin godhiinaa!" Faar. 104/5:15 .

"Museenis, Waaqayyoon kan filatame ykn qulqullaa'e Aroonis naannootti isaan irratti dubbatan ykn mufatan, Laftis ni banamte Daataan ni liqimsite, Warra Abeeroonis ni ukkaamsite" Faar. 105/6:16-17.

Dabalataanis Uma. 20:18, Mul. 16:6 dubbisuun ni danda'ama.

Walumaa galatti gabaabinaan kutaan Tokkoffaan kana fakkaata

kutaa 2ffaan itti fufa kutaa itti aanutti waa'ee Araarsummaa Qulqullootaa ilaalla, isinis osoo hin nuffiin dubbisaa! dubbisaa! dubbisaa! share godhaa! blogicha hordofaa! .

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)