Subscribe To Our YouTube Channel

Barla'aamii fi Yewooseef Kitaaba Ajaa'baa Mana Kiristaanaa Hindii

Barla'aamii fi Yewooseef

Barla'aam fi Yewooseef


Hindi biyyoota hordoftoonni Amantaa Kirstaanummaa Ortodoksii keessatti argaman keessaa ishee tokkodha hangamiyyuu lakkoofsi isaanii haa xiqqaatu malee, Hindi ykn Indiyaan baay'ina uummataa isheetiin ni beekamti, baay'ina uummataa gara Biiliyoona 1.4 tti siqu qabdi kanaanis Addunyaa irraa baay'ina uummataatiin Chaayinaatti aanuun sadarkaa lammaffaa irratti argamti.

Akka ragaaleen garaa garaa agarsiisanitti Uummata Hindi kana keessaa garri caalaan hordoftoota Amantaa Hinduyiziimiiti. Kanas parsantiidhaan yeroo ilaallu;

Hinduyiizimii - 79.8 %
Islaamummaa - 14.2 %
Kiristaanummaa - 2.3 % isaan kun sadarkaa 1-3 jiru ni dursu.
Akkasumas dabalataan amantaawwan biroo kanneen akka Budihiizimii fi k.k.f ni jiru, lakkoofsi hordoftoota isaanii haa xiqqaatuyyuu malee.

Kiristaanummaan yeroo jalqabaatiif dachee Hindiyaa irratti kan lallabame Duuka bu'oota 12'n Gooftaa keessaa tokko kan ta'e Qulqulluu Toomaasiini, kunis naannoo bara 52 Dh.K.B dha. Damee Amantaa Kiristaanummaa keessaa biyya Hindiitti kan argamanii fi hordoftoota hedduu qaban Ortodoksii Oriyeentaalii fi Kaatolikii Roomaati. Akka ragaaleen garaagaraa agarsiisanitti baay'inni namoota Amantaa Kiristaanummaa hordofanii Hindi keessatti Miiliyoona 27 olidha.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Hindiyaa Manneen Kiristaanaa obboleewwan Oriyeentaalii shanan keessaa ishee tokkodha. Moggaasni maqaa Mana Kiristaanaa Hindiyaa kanaas «Malankara Orthodox Church» kan jedhamudha, yeroo dheeraafis Mana Kiristaanaa Ortodoksii Sooriyaa jalatti bulaa kan turtedha.

Kitaabolee Ogummaa akka Mana Kiristaanaa keenyaatti beekamoo ta'aan keessaa tokko Kitaaba «Barla'aamii fi Yewooseef» jedhamuun beekama. Akkasumas Kitaabniu kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti ykn akka biyya keenyaatti «Kitaaba Faaruu Kiristoos» jedhamuunis ni beekama.

Kitaabni kun ykn Barla'aam fi Yewooseef fakkeenyotaa fi oduuwwan durii garaa garaa kan qabate Kitaaba Hindiiti. Kan fudhatames Seenaa jireenyaa Tiwuufiitaawwichaa Guutamaa Budihaa irraati. Seenaa kitaabichaa seenaa jaalalaati. Waraabbiiwwan Kitaabichaa Ayihuudota, Miniyaawwiyaanota, Muslimotaa fi Kiristaanota biratti ni argamu.

Mootiin Hindii sooressaa fi cimaan Waadaagoos jedhamu Kiristaanota Hindii keessa jiran ni ajjeese. Waadaagoos kunis ilma dhiiraa Yewooseef jedhamu dhalche. Urjii lakkooftonniifi falfaltoonnis waa'ee hiree ykn carraa gara fuulduraa mucichaa yeroo gaafataman; Mucichi gara fuulduraatti Kiristaanummaa akka fudhatuu fi Amantaa Kiristaanaas akka cimsu itti himu. Kana sodaachuudhaanis Mootichi mucaa isaa Mana Mootummaa tokko keessa isa teessise wantoota akka gadda, dhadhabbii, du'a akka hin barre isas wanti gammachuu isa dhabsiisu akka isa hin mudanne taasise.

Guddachaa yeroo deemu garuu mucichi Addunyaa Mana Mootummaatiin ala jiru beekuu barbaade. Mana Mootummaatiin alattis gaddi, boo'ichi, duuti, gidiraan akka jiru hubate. Barsiisaa fi Mannaanyiin hangafni Barla'aamis mucicha ykn Yewooseef arge. Waa'ee Waaqayyoo, waa'ee Kiristaanummaas isa barsiise. Kana kan isa barsiises jechamootaa fi fakkeenyota garaa garaa fayyadamuuni ture.

Yewooseefis Addunyaa ganuuf, walitti dhufeenya Barla'aam waliin qabus osoo abbaan isaa hin dhaga'iin adda kutuu barbaade. Abbaan isaa dhimmicha baruu isaatiin durattis Barla'aam isarraa adda ba'e. Mootichis dhimmicha yeroo dhaga'u baay'ee aare. Ilma isaa Yewooseef gara amantaa isaa duriitti deebisuufis baay'ee ifaaje. Tokko Sadaffaa Mootummaa isaa kennuudhaaf hamma waadaa galuuttis ni gahe, Yewooseef garuu eyyamamaa hin taane. Dhuma irrattis Mootichi matumti isaa dogoggorri isaa ni galeef. Gorsitoonni isaa hundi erga Kiristaana ta'aaniin booda innis Kiristaanummaa ni fudhate.

Abbaan isaa erga du'e booda Yewooseef Mootummaa isaa ni dhiise. Duuka bu'aa isaa garmalee amanuufis teessicha gadhiisuun barsiisaa isaa Barla'aam barbaaduuf gara Gammoojjiitti deeme. Achittis Barla'aam waliin wal arguun jireenya Minkusinnaa (Minnaanee) tiin hanga guyyaa du'a isaaniitti itti fufan.

Fakkeenyota Kitaaba «Barla'aam fi Yewooseef» kana irra jiran keessaa tokko itti aansinee ilaalla:-

«Osoo Arraabanii Du'uu»

Nama tokkotti ykn nama wayiitti tasa Bineensi dhufa. Sagaleen ykn iyyiifi haalli bineensichaas namichi miila koo na baasi jedhee akka fiigu isa taasisa. Bineensicha jalaan baha jedhee yeroo baqatu boolla gadi fagoo ta'ee keessatti kufa. Gara jala boollichaattis osoo darbatamaa jiru keenyaa ykn girgiddaa boollichaa irratti kan biqile muka damee lama qabu harka isaa lamaaniin qabatee xiqqoo afuura galfata. Miilla isaan ammoo jirma ykn hidda mukichaa irra dhaabbata. Carraa kana yeroo argatus lubbuun isaa hanga yeroo isheetti ooluu ishee, suuta suutaanis boollicha keessaa akka ba'u yaaduu jalqabe. Du'a ooluu isaas ni mirkaneeffate.

Damee mukichaa akkuma qabateen, miilla isaatiinis akkuma jirmicha irra ejjeteen morma isaan gadi jedhee boolla itti kufuuf ture sana ilaale boollicha keessattis ykn jalattis Jawwee guddaan tokko IJA isaa babaasee, afaan isaa banee arge haala kanaanis lubbuun isaa isarraa ba'uuf kaatee hanga xiqqoitti deebise. Afaan bineensa tokkoo jalaa bahe jedhee gara afaan bineensa isa biraatti darbaa akka jiru yeroo yaaduu dhahaannaan laphee isaa garmalee rukutuu eegalte.

Ija isaas Jawwicha irraa buqqisee ol jedhee yeroo ilaalu damee muka inni harka isaatiin qabatee Awwanisoonni lama Adii fi Gurraachi osoo adda hin kutiin kukkutanii yeroo darbatan arge. Harki isaa lamaanuu waan qabataniif maal haa godhu? Awwanisoonni kunneen lamaan cimoo fi hamoodha; adda hin kutan ni nyaatu, ni nyaatu, ni nyaatu. Damee inni itti amanee cimsee qabate isaan yeroo nyaatan mukichi xiqqaachaa deema. Kana yeroo yaadus Abdiin isaa xiqqaachaa deemte. Dameen sun muramee harki isaa wanta qabatu dhabee  yoo kufu irbaata Jawwee sanaa  akka ta'u yeroo yaadu itti ulfaate.

Waa'een harka isaa akkas ta'uu isaa yeroo argu, humna isaa hunda walitti qabuun jirma miilli isaa irra ejjetee ture ilaale. Bofti afur baqaqaa hundee mukichaa jalaa bahaa jiru ture. Manni Bofoota sanaa baqaqaa muka sanaati. Bofoonni sun arfan hundee muka sanaa keessaa yoo bahan gara iddoo miilli isaa ejjetetti dhufu. Inni ammoo arfan isaanii mitiitii tokkoon isaayyuu akkamitti ofirraa dhoowwa??? Arfanuu kallattii arfaniin yoo itti dhufan ammoo iddoo itti miila isaan ejjetu gonkumaa hin argamu. Gaaraa ykn gubbaadhaa Awwaanisoonni iddoo harki isaa qabate ni nyaatu, jalaa bofti baqaqaa mukaa keessaa itti dhufaa jiru. Boollicha jalatti ammoo Jawween guddaan afaan isaa banee isa eeggata.

Namichi sadarkaa abdii kutuu irra gahee dhuma ykn xumura Awwaanisootaa sanaa ilaaluuf yeroo ol jedhu tasa wanti mi'aan tokko afaan isaa keessa buute. Qarqara gubbaa damee sanaa irratti Kanniisonni damma dammeessaa jiru ture. Namichis afuura dheeraa fudhate dhandhama dammichaa dhandhamaa. Dhandhama dammichaa ykn walalaa sana yeroo dhandhamus Afaan boollaa irratti Waraabessi akka isa eegu, damee muka inni qabatee Awwanisoonni akka kukkutaa jiran, Bofti Afur hundee muka inni miila isaatiin irra ejjetee jalaa akka ba'aa jiran, boollicha jalas Jawween Afaan isaa banee jiru akka jiru ni irraanfate. Lubbuun isaas dhandhama dammichaatiin boollaa baate. Dhugaa naannawaa isaa jiru irraanfatee  gamnachuu taatee tasaatiin ni fudhatame.

Barla'aam akkasitti hiika:-

→ Waraabessa kan jedhame du'aa fi badiidha. Namni wanti ittiin badu yeroo isa ari'uu fi duuti yeroo itti dhufu waan jalaa bahu itti fakkaatee ni baqata. Yeroo baqatus boolla rakkinaa hin yaadne keessatti kufa. Ifatti loluu malee baqachuun injifannoof nama hin geessisu. Boollichi rakkoon gosti hundi iddoo itti walitti qabamedha. Rakkoo isa tokko gamnummaan gowwoomsee nan darba yoo jette rakkoo cimaatti seenta.

→ Muktii abbaa damee lamaa namichi itti rarra'e umurii bara jireenyaa keenya dha. Barri yoo itti hojjette malee yoo itti rarraate rakkoo harkisa.

→ Dameewwan lamaan Awwannisoonni lama Adii fi gurraachi osoo adda hin kutiin ni nyaatu ture. Kunis guyyaa fi halkani. Ati kan itti rarraate yeroo kan jedhamu muka guyyaa fi halkan kan jedhaman Awwaannisoonni guyyaa guyyaan nyaachaa gadi xiqqeessu. Kan qabatte sitti fakkaata malee kan qabatte hanga yeroo isaatti.

→ Baqaqaa jirma muka sana keessaa ba'aa kan turan bofti arfan amaloota namaa ykn amaloota lubbuu arfani. Isaanis Qilleensa, Ibidda, Bishaan fi Biyyoodha. Isaan kun dabareedhaan yeroo keessatti dhufanii ijoollummaa kee, dargagummaa kee, maanguddummaa kee fi dullooma kee nyaatanii ni fixu. Arfanu boolla tokko keessa jiraatu. Arfanuu boqonnaa bara jireenyaa kee keessa jiru. Ibiddichi bishaan waliin, Qilleensichis Biyyoo waliin siif kennamaniiru. Baroota keessatti yoo ati ittiin hin hojjanne garuu boolla keessaa bahanii dhufuun isaanii hin oolu.

→ Jawween dhuma jala boollichaa irra ture ammoo badii ykn du'adha. Dhuma irratti wanti nu eeggatu kanadha. Kan dagannus kanadha. Namichi Jawween guddaan amma sana gahu jalaa osoo akkasitti afaan isaa banee isa eegaa jiruu inni garuu dhandhama copha tokkoo kan damma sanaatiin waa hunda irraanfate. Waraabessichi, Awwaannisoonni, Bofti mukaa jalaa ba'aa jiran, Jawween boolla jala afaan banee eeggatu hundinuu jiru iddoo isaaniittii, namichi garuu sababa dhandhama copha tokkittii damma sanaatiin waa hunda irraanfateera, namichi kunis sababa mi'aa dhandhama sanaatiin waan balaa sana hunda oole ykn jalaa ba'e itti fakkaate garuu hin baane sababni isaas inni yaada isaatu jijjiirame malee dhugaa sana miti kan jijjiirame.

Hiriyoota keessaniif qoodaa!

Post a Comment

0 Comments