Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 2ffaa

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Kutaa 2ffaa

Hubachiisa:- gara kutaa 2ffaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaa 1ffaa hin dubbisne yoo ta'e jalqaba kutaa 1ffaa dubbistanii erga xumurtan booda gara kutaa kanatti darbaa! akkasumas dubbistanii erga xumurtan booda, hiriyoota keessaniif qoodaa, yaada keessanis nuuf barreessaa!

Kutaa 1ffaa keessatti qabxiiwwan nuti ilaalle;

• Hiika Sirna Qiddaasee
• Qoqqoodama Sirna Qiddaasee
• Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?
• Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan
• Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee fi k.k.f yoo ta'u, 

Kutaa kana keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

Qophii dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu

✓ Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisnu
✓ Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna
✓ Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f ni ilaalla, dubbisaa!


2. Gara Sirna Qiddaaseetti hirmaachuuf deemuun dura qophii taasifamu (ለማስቀደስ ከመሄድ በፊት አስቀድሞ የሚደረግ ዝግጅት)

Ifa Addunyaa kan jedhame Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos «Wanti hundinuu akkaataa isaaf ta'utti fi sirnaan haa ta'u» 1 Qor. 14:40 jedhee akkuma nu gorse, sirnas barachuuniifi sirnaanis gaggeeffamuun nurraa eegama.

Kana waan ta'eefis Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keessattuu guyyaa Sanbataatti, guyyaa Ayyaanota gurguddootti, guyyaa kabaja Ayyaana Qulqullootaatti fi waqtii ykn yeroo Tsoomiitti:-


✓ Qiddaasee Hirmaachuuf (ቅዳሴ ለማስቀደስ)
✓ Qurbaana Qorrobuuf
✓ Kadhannaa Qiddaasee irraa eebba argachuuf gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti yeroo dhufnu:-

2.1. Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisuu qabna;

Gara dura Waaqayyootti yeroo dhiyaannu yaada gaarii akka qabaannu nu barbaachisa. HDB. 23:1, Roomee 13:5. Waaqni keenya «Yaa mucaa koo laphee kee naaf kenni!» nuun jedha waan ta'eef. Fakk. 23:26.

Kanaafuu gara Mana Kiristaanaatti dhufuu keenyaan ykn deemuu keenyaan dura jala bultii Sanbataatti qophii laphee ykn sammuu taasisuun Kadhannaa Qiddaasee hordofuuf ykn hirmaachuuf nu gargaara. Kana yeroo jennu guyyoota jahanitti hojiidhaan kan qabame laphee keenya walitti qabnee boqochiisuu fi gara Mana Qulqullummaatti akkamittin seenuu qaba jedhee yaaduudha. Gara Mana Qulqullummaatti of eeggannoodhaan taanee seenuu qabna. Of eeggannoodhaan seenuu akka qabnu «Gara Mana Waaqayyootti yeroo seentutti miila kee eeggadhu!» jedhee namni Ogummaa Solomoon nutti himeera. K. Lallabaa 5:1.

Yaada keenya walitti qabuufi hojii gaariidhaaf akka qophoofnu wantoota nu gargaaran keessaa muraasa yoo caqasnu:- Duuka bu'ichi «Namni Waaqayyoo gonka fi hojii gaariidhaaf qopha'aa akka ta'uuf Kitaabni Afuura Waaqayyoo qabu hundiyyuu barumsaafi ajajaaf, laphee qajeelchuuf, gorsa qajeelummaatiifi ni fayyada» 2 Xim. 3:12-16 jedhee akkuma nu gorse:-

→ Kitaabolee Qulqullaa'oo dubbisuu (Roomee. 15:6-5)
→ Sagaleedhaan kan waraabaman qabiyyee fi ergaa Afuurawaa kan qaban Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo dhageeffachuu, Amantiin gonka ka'e kan argamu Waaqayyoo dhageeffachuun waan ta'eef, Roomee 10:17.
→ Agarsiisota Ortodoksaawaa ta'aan (Fiilmiiwwan Afuurawaa Ortodoksii Tawaahidoo ta'aa ergaa fi Qabiyyee Afuurawaa qaban) ilaaluu fa'i. Namni Ogummaa Solomoon «Iji kee wanta qajeelaa haa ilaalan!» jedheera waan ta'eef. Fakk. 4:25.

2.2. Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuu

Uumamaan qaamni keenya foolii gaarii akka qabaatu, qaama keenya jala bultii Sanbataatti dhiqachuun qoophaa'uu, qulqullina qaama keenyaa eeguu irra darbee Waaqayyo Qulqulluu Amalummaa isaatiin waan ta'eef gara isaatti kabajaan dhiyaachuuf qophii taasisneen gatii itti arganna. Uumaa isaanii waliin wal arguuf kan hawwan Mana Israa'eeliin Museen akkas jedhee akka qopha'aan isaan ajaje «Qaama isaanii Qulqulleeffatan, uummannis uffata isaanii miiccan» Ba'uu 19:15.

Keessattuu umurii dargagummaa irra namoonni jirru qulqullina qaama keenyaa eeggachuu qabna. Akkasumas qulqullina kophee keenyaa, qulqullina kaalsii ykn shurraaba miilaa keenya eeguu akka dirqamaatti fudhachuu qabna. Namoonni obbooloonni keenya Sirna Qiddaasee hirmaatan hedduun foolii badaa irraa kan ka'e Mana Kiristaanaa keessatti Sirna Qiddaasee hirmaachuuf ykn Qaddasiisuuf fayyaa keenya irratti rakkoo geessisuu isaatiin, keessattuu Kaalsiin hin miiccamneefi fooliin kophee qulqullinni itti hirdhate gufuu itti ta'ee akka jiru dagachuu hin qabnu. Namaaf danqaa ta'uun Qulqulluu Wangeela irratti sagalee Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin «Danqaa kan fiduuf nama sanaaf isaaf Wayyoo!» Maat. 18:7 jedhamee akeekkachiisni cimaan waan itti kennameef jireenya ilma namaaf danqaa akka hin taane haa hubannu, namaaf danqaa ta'uu irraa of haa qusannu.

2.3. Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguu

Qulqullina qaama keenyaa eeggachuu waliin Sirna uffannaa eeguun nurraa eegama. Qulqulluun Yaa'iqoob fakkeenya Mana Kiristaanaa kan taatu gara Beetelitti Aarsaa aarsuuf ajajni yeroo isa gahetti maatii isaatiin «Qulqulluu ta'aa! uffata keessanis jijjiiraa!» jedhee isaan ajajeera waan ta'eef. Uma. 35:2. Kanaafuu «Kanaafuu Abbaa kee gaafadhu sitti himu» SKD. 32:7 akkuma jedhe Hangafni Raajota Museen qaroomina jireenya Afuurawaatiif kan ta'aan Abbootii gaafachuun, haala uffannaa isaanii gaafachuun, beekuun isaan fakkeenya taasifachuun Mana Waaqayyootti kan uffatamu uffata Mana Kiristaanaatiif ta'u kan adda ta'e akka qabaannu ni barbaadama ykn osoo qabaannee ni filatama, uffata addaa kan Sanbataa yoo hin qabaanne kan qabnu miiccannee, qulqulleeffannee uffannee yoo deemne gaariidha. Dabalataanis keessattuu guyyaa Sanbataatti akka tasaa yoo ta'een ala Jaakkettii qofa, Shamizii qofa uffatanii gara Mana Kiristaanaatti deemuun baay'ees bayeessa miti. Sababni isaas gara Mana cidhaa isa dachee kan irraatti ykn Cidha Addunyaa kanaatti waamamnee yeroo deemnu illee Misirroo fi Miizeewwan sana fakkaachuuf uffata gaarii hin taane akkuma uffannee himln deemne beekamaadha. Uffata hin taane uffannee yoo deemne illee Kabaja hin argannu sababni isaas maatii kabajee nu waame hin fakkaanne waan ta'eef. (Maat. 22:12)


Akkuma kana Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa ammoo gammachuu Afuurawaa kan itti argannu ykn qoodannu waan ta'eef, wanta badaa kan hin qabne Misirroon Mootichi Kiristoos kan ta'e Mana Cidhaa Qulqulleettii waan taateef Abbootii fi Dhiironni uffata isaanii, Gaabii isaanii bifa Fannootiin uffatanii, akkasumas haadholii fi shamarran ykn obbooloonni keenya akkasuma uffata aadaa isaanii uffatanii, uumaa isaanii fuulduratti bifa ykn fakkeenya Ergamoota Samiitiin galataaf yeroo dhaabbatan, Kabaja Waaqayyootiifi, isaaniifis miidhagina isaaniiti.

2.4. Qiddaaseedhaaf yeroo deemnu wantoota nuti uffachuun nurraa hin eegamne

✓ Uffata halkanii kamiyyuu uffatanii deemuun nurraa hin eegamu
✓ Uffata Mana Cidhaa fi waamicha garaa garaatiif uffannu uffannee deemuu irraa of qusachuu
✓ Boca qaama keenya garmalee kan agarsiisan uffannaawwan akkasii uffachuun guyyoota Sirna Qiddaasee Mana Kiristaanaa gara Mana Kiristaanaatti uffannee Sirna Qiddaasee hirmaachuun nurraa hin eegamu.

2.5. Afaa ykn Minxaafii waliin tokko ta'uu irraa of eeggachuu (Abbaa manaa ykn Haadha manaa waliin rafuu)

Gara Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti Qiddaasee dhaaf, Wuddaasee dhaaf deemuu yeroo yaadnetti ykn deemuudhaaf guyyaa yaadnetti Minxaafii irratti tokko ta'uu irraa of eeggachuun nurraa eegama. Sababni isaas halkan sanatti foon keenya fedhii lubbuutiif bichisiisuun ni barbaachisa waan ta'eef. Namaaf qabeenyi isaa guddaan dhamaatii isaa waan ta'eef (Fakk. 12:13) fedhii fooniitiin kan dhadhabe yaada keenya ykn sammuu keenya qabannee gara Mana Qulqullummaatti deemuu irra guyyaa kanatti fakkeenya Ergamoota Samiitiin yaada ykn sammuu qajeelaatiin ta'uun galatoon Amalummaa isaa kan ta'e Waaqayyo galateeffachuuf yoo deeman eebba Abbaa firii soddomaa, jaatamaa fi dhibbaa ni buufatu. Ifa Addunyaa kan jedhame Qulqulluun Phaawuloosis kanaafidha waa'ee Qulqullummaa Cidhaa yeroo dubbachaa dhufee ta'us garuu «Kadhannaadhaaf akka cimtaniif, walii galtanii yeroodhaaf yoo ta'een ala walii walii keessan wal hin dhorkiinaa» 1 Qor. 7:5 jedhee Waaqayyo tajaajiluuf yoo ta'e garuu Minxaafii, siree irratti tokko ta'uu irraa (Qaamaan tokko ta'uu) raawwachuu irraa of eeggachuu akka qabnu kan nu barsiisan. Fitihaa Negest, Keeyyata 24, Kutaa 7.

2.6. Yeroo Barteen Ji'aa Dubartoota irratti mudate of eeggachuu

Hawwoonni keenya, obboloonni keenya Shamarrannii bartee ji'aa yeroo isaan irratti muldhatetti gara Mana Kiristaanaatti seenuu, Qulqulluu Qurbaanaaf of qopheessuufi Kadhannaaf, Qiddaaseef akkasumas Sirna Waaqessummaa raawwachuuf of qopheessuun sirrii miti. Fitihaa Negest Keeyyata, 14:5631.

Sababni isaas qulqullina Mana Kiristaanaa keenya eeguuf jedhameetu. Akkuma beekamu Manni Kiristaanaa iddoo Waaqessummaa Qulqulleettii waan taateef iddoo itti dhaabbannee kaasee laficha dhungannee, mallatteeffannee ykn nagaa gaafannee jaalala uumaa keenyaaf qabnu ibsuu waliin eebba gonka ta'e ni arganna jennee itti ni amanna. Kana waan ta'eefis yeroo tokko tokko barteen ji'aa haadholii ykn obboloota keenya Shamarranii tokko tokko irratti kan eegamuu olitti ta'ee to'achuuf waan rakkataniif kanarraa kan ka'e miira Amantaa Kiristaana isa kan biraa kabajuu fi sammuu isaa irratti dhiibbaan akka hin geenyeef yeroo jedhamudha ykn jedhameetu malee, akka Sirna Kakuu Moofaatti ykn akka Sirna Kakuu Moofaa sanatti barteen ji'aa kun akka Abaarsaatti lakka'aamee miti.

Akkas jedhanii yaaduuniyyuu ofii isaatti cubbuudhas, ganiinsadhas. Akkas jedhee kan yaadu yoo jiraate illee Qulqulluun Efreem «Daabiloos kan ishii dogoggorsiise Heewaan bilisa ishee taasise» Heewaan Abaarsa Foonii, Abaarsa lubbuu irraa bilisa erga ishee taasisee, mucaan ishee haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam kennaan isaa, kabaja isaa akka nu hin dhoowwanne, nuuf kadhadhu! jedhee osoo ishee hin galateeffannee ture. Galata isaa kanaan Heewaan sababbii dogoggoraa waan taateef, gonkumaa ishee hin fayyisne Shakkitoota jedhaniif balbala isaanii itti cufeera. Wuddaasee Maariyaam kan Wiixataa.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

2 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)