Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 4ffaa

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Kutaa 4ffaa


• Hiika Sirna Qiddaasee
• Qoqqoodama Sirna Qiddaasee
• Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?
• Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan
• Sirni Qiddaasee guyyaa kam jalqabame?
• Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee


Qophii dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu;

✓ Qophii Sammuu ykn yaadaa nuti taasisuu qabnu,
✓ Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuu irratti taasisuu qabnu,
✓ Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisuu qabnu
✓ Qiddaaseedhaaf yeroo deemnu wantoota nuti uffachuun nurraa hin eegamne,
✓ Afaa ykn Minxaafii waliin tokko ta'uu irraa of eeggachuu
✓ Yeroo Barteen Ji'aa Dubartoota irratti mudate of eeggachuu fi k.k.f


Sirna Qiddaasee irratti of eeggannoowwan nuti taasisuu qabnu;

→ Sirni Qiddaasee erga jalqabame booda Ba'uu fi seenuu waliin kan wal qabate
→ Sagalee dhageessisuu irratti
→ Meeshaalee Elektirooniksii qabatanii seenuu waliin kan wal qabate
→ Ancufaan sagalee dhageessisuun kan wal qabate
→ Wanta hamaa dubbachuu waliin kan wal qabate
→ Wanta Bilchaataa nyaataa fi dhugaatii qabatanii Mana Kiristaanaa seenuu fi Qurbaana booda nyaata nyaachuun kan wal qabate
→ Xiiqii qabatanii Sirna Qiddaasee irratti hirmaachuu waliin kan wal qabate
→ Waa'ee Haguuggii buufachuu ykn baafachuu waliin kan wal qabate
→ Wal dhageeffachuu waliin kan wal qabate
→ Wuddaasee Kantuu waliin kan wal qabate
→ Kadhannaa dhuunfaa Sirna Qiddaasee irratti gaggeessuu waliin kan wal qabate fi k.k.f ilaalleerra irra deebi'uun dubbisaa!

Kutaa 4ffaa hardhaa keessattis;

✓ Sirni Qiddaasee erga jalqabame booda wantoota nurraa eegaman ilaalla;

• Iddoo tokko dhaabbachuu irratti
• Waaqayyo sodaachuu irratti
• Kadhannaa Gaabbii Kadhachuu irratti fi k.k.f dubbisaa!


Sirni Qiddaasee yeroo eegalu

Sirna Qiddaasee irratti Hirmaannaawwan Afuurawaa nurraa eegaman keessaa muraasa

1. Sorooranii Dhaabbachuu

Gadi of qabiinsa ykn Tihitinnaadhaan Waaqayyo sodaachuu, hunduu tokkoon tokkoon isaa akka isaaf malutti (እንደሚገባው) akka aangoo isaatti Mana Kiristaanaa keessatti callisaa fi sodaadhaan, ciminaan ta'ee laphee qulqulluudhaan arjummaa isaa yaadachaa miila isaa osoo hin sochoosiin ykn osoo miila isaa waliin hin rukutiin fi osoo miila isaa walirra hin kaa'iin sorooree dhaabbachuu qaba. Sababni isaas miila lamaan sorooranii dhaabbachuun Sirna Kadhannaa Qiddaasee sana sirriitti akka hordofnu nu gargaara waan ta'eef. Fitihaa Negest. 14:529.

Read Also :- Qulqulluu Yaareed

Kanas Kadhannaa Qiddaasee irratti kan raawwannu yoo ta'e Kadhannaa Qurbaanaa sanaaf kabaja qabnu ibsuu waliin akka Qulqulluu Abbaa Hiriyaaqoositti Waaqayyo fuulduratti jaalalaan, gadi of qabiinsaan dhaabbachuun akka nurraa eegamu hubanneera jechuudha. «Hardha as Foon fi dhiiga isaa fuulduratti jaalalaa fi gadi of qabiinsaan nan dhabbadha!» (Qiddaasee Maariyaam) jedhee yeroo Kadhannaa Qurbaanaatti jaalalaa fi gadi of qabiinsaan dhaabbachuu nu barsiisa. Qulqulluun Daawwitis Kadhannaadhaan maqaa Waaqayyo Qulqulluu waamuudhaaf yeroo yaadamu miilaan ykn lukaan sorooranii Kadhachuu yeroo nu barsiisu «Ganamaan ka'een fuuldura keetti gadi of qabiinsaan nan dhaabbadha» Faaruu 5:3 jedheera. Kanaanis keessattuu yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti fayyaa kan ta'e humnaa fi jilba isaa waliin kan jiru hundi dhaabbatee malee taa'ee maqaa Waaqayyoo waamuun akka sirrii hin taane ni hubachiisa.

A). Gonka Sodaachuu (ፍጹም ፍርሃት)

Afuurawaa kan ta'e Sodaa gonka ta'e Waaqayyoon kan sodaatu fi Waaqayyoon kan jaallatu fi Kiristaanni Afuura cabaa qabu amala tasgabbaa'aadha. Qulqulluun Daawwit «Afuurri cabe Aarsaa Waaqayyooti. Laphee gara laafaa kan qabu Waaqayyo hin tuffatu» Faaruu. 50:17 jechuudhaan Waaqayyo kan nurraa barbaadu Afuurri cabeen, Sodaa gonkaa waliin taanee galata isaaf dhiyeessinu ta'uu isaa ni hubachiisa. Sodaa fi hollannaa ykn raafamuudhaanis maqaa Waaqayyoo waamuun nurraa eegama. Fitihaa Negest. 14:534.

Kanaafuu namni hundinuu Waaqayyo sodaachuudhaan, Waaqayyo Waaqeffachuudhaan Waaqayyo fuuldura dhaabbachuu qaba. «Waaqayyo sodaachuun Ogummaa isa jalqabaati» Fakk. 1:1 waan ta'eef namni hundinuu Waaqayyo sodaachuudhaan cubbuu fi of jaja ni dhiisa, ajajaa isaas gadi of qabiinsaa fi amanamummaan ni raawwata. Uma. 12:12. Kanaafuu akka Qulqulluu Abbaa Hiriyaaqoositti akka nu jibbanitti isaan jibbina, akka nu qaanessanitti isaan qaanessina kan jedhan yaadota hamoo irraa adda baanee ykn fagaannee bu'uuraa fi baaxii Mana Afuurawaa kan ta'an;

Waaqayyo jaallachuu fi nama jaallachuu
• Gadi of qabiinsa gonkaa
• Waaqayyo sodaachuu mindaa keenya haa taasifannu. Duuka bu'ichi Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaatiin «Wanta Waaqayyo gammachiisu Aarsaa Afuurawaa (Galata) akka dhiyeessitaniif Luboota akka taataniif Mana Afuurawaa ta'uuf ijaaramaa» jechuudhaan nu gorseera. 1. Pheex. 2:5

Kanaafuu Lubni Qaddasus foon kootiin natti dheekkama, lubbuu kootiin natti farada jedhee sodaatee Waaqayyo haa tajaajilu. Fitihaa Negest. 12:476.

B). Kadhannaan Gaabbii yeroo dubbifamu

Sagaduun nurraa eegama :- Lubni tokkoffaan Qiddaasee jalqabaa irratti Kadhannaa Gaabbii nuuf kadhata. Uummannis kufanii sagadanii kadhannicha fudhachuun isaanirraa eegama.

Read Also :- Luboota 24'n Samii

Kadhachuun nurraa eegama :- Seensa Qiddaasee irratti sagaleen Qaacilii ykn Dawulii xiqqoo hanga dhaga'aamutti itti fufuun Lubichi kan nuuf kadhate Kadhannaa Gaabbii deebisnee suuta jechuun kadhachuu qabna. Kadhannaan nuti kadhannu dursee Lubni kan nuuf kadhate sammuu keenyatti qabannee irra deebinee Kadhachuun ykn Kadhannaa Lubni yeroo nuuf kadhatu dhageenye sana irra deebinee sammuu keenyatti komii dhiyeeessuuni.

2. Kadhannaa nuti kadhannu

«Lapheen namaa kan yaade, sammuun xiinxale qorattee fi osoo hin qoratiin kan beektu maaloo! Bultoo kee kan ta'u Mana Qulqullummaa keetti akkan tajaajiluuf osoo naaf hin ta'iin na filatteerta waan ta'eef sin galateeffadha. Iddoo Qulqullummaa keetti akkan dhabbadhuuf osoon hin gahiin akkan gahu na taasisteerta waan ta'eef gargaarsa kees narraa hin deebisiin, narraa hin fageessiin! Cubbuu koo akka naaf dhiistuuf naaf dhiisi jedhee sin kadhadha. Osoo naaf hin ta'iin (gahiin) Foon fi dhiiga kee fudhachuu irraa na oolchi, arjummaa keetiinis na geessisi! humna Afuura Qulqulluu barra bulchi! Foonii fi dhiiga kee fudhadhee Abdii Mootummaa Waaqayyoo nan gala jedhu irraa na hin fageessiin! Yeroo hunda Mana Qulqullummaa keetti tajaajiluun laphee Xiiqii irraa fagaateen ta'een Aarsaa galataa Qulqulluu akkan dhiyeessuuf na taasisi. Ameen!»

3. Sagalee Bilbilaa ykn Dawulii Seensa Qiddaasee

Dawuliin ykn Sagaleen Bilbilaa Seensa Qiddaasee kan nu hubachiisu Dawuliin Qiddaasee, Sagaleen Dawuliin Qaacilii namoonni Sirna Qiddaasee sana gaggeessan ykn Qaddasan Qiddaasee yeroo seenan Diyaaqoniin Beetaliheemitti Habistii fi Wayinii sana Aarsaadhaaf erga dhiyeesse booda Diyaaqoniin inni lammaffaan Habistii sana Masooba Warqiidhaan mataa isaa irratti baatee, Wayinii sana ammoo Diyaaqoniin inni jalqabaa Tsiwwaadhaan qabatee, Qaaciliidhaan Sagalee dhageessisaa Lubni lammaffaan Fannoo fi Ma'ixantii qabatee ulaa duuba duuba isaanii Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti seenuu. Yeroo kanattis ykn yeroo Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti seenan Sagaleen Qaacilii ykn Sagaleen Dawulii xiqqoo dhaga'aamu kun ykn Sagaleen Dawulii xiqqoo rukutamu kun «Kunoo! Cubbuu Addunyaa kan balleessu (የሚያስወግድ) Aarsaa Waaqayyoo ykn Hoolaan Waaqayyoo» jechaa kan dhageessise Lallaba Qulqulluu Yohaannis Cuuphaati. Yoh. 1:14-30. /Sirna Qiddaasee/. Sagaleen Qaacilii ykn Sagaleen Dawulii xiqqoo kun hanga inni dhaga'aamutti wantoota biraa yaaduu fi dubbachuu irraa of qusannee Kadhannaa Gaabbii sana yaaduu akka qabnu dagachuu hin qabnu.

Dubbisaa! Dubbisaa! Dubbisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

3 Comments

  1. Baayee bareeda itti nufufaa waaqayyo sagalee jireenyaa isin haadhageessisu

    ReplyDelete
  2. Waqaayyoon isiin yaa ebbissu Galatooma

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)