Subscribe To Our YouTube Channel

Itoophiyaa Keessatti Intarneetii Akkamitti bilisaan Fayyadamuu Dandeenya? Kaardii osoo hin guutiin?

Intarneetii Kaardii osoo hin guutiin bilisaan fayyadamuu

Itoophiyaa Keessatti Qarshii Zeeroodhaan akkamitti Intarneetii fayyadamuu dandeenya?


Egaa yeroo ammaa kanatti Intarneetii fayyadamuuf wantoota rakkisan keessaa tokko kaardii guutuudha. Keessattuu namoota WiFi hin qabneef ykn namoota WiFi hin fayyadamneef kaardii guutanii Intarneetii fayyadamuun keessattuu marsaalee hawaasaa kanneen akka Facebook, YouTube, TikTok fi kanneen kana fakkaatan irratti viidiyoo kaardiidhaan ilaaluun baay'ee ulfaataadha. Kana qofaa miti wantoota kaaniyyuu kanneen akka Telegram fi Facebook qofaa fayyadamuuniyyuu yeroo itti cimutu jira.

Har'a wanti isiniif qabannee dhufne wanta baay'ee faayida qabeessa ta'e, tarii kana booda Intarneetii kaardii osoo hin guutiin qarshii zeeroodhaan haala itti fayyadamuu dandeenyu dha. Nutis kunoo dhamaatii meeqa booda barbaadaa turree kan arganne appilikeeshinii ittiin fayyadaman kana haala itti fayyadama isaa guutuu waliin isiniif qabannee dhiyaanneerra, isinis hiriyoota keessaniif share taasisaa.

Jalqaba irratti qarshiin isin qabdan zeeroo ta'uu erga mirkaneeffattan booda gara Appilikeeshinii kanaatti seenaa. Erga appilikeeshinii kana bantaniin booda.


Step 1. Jalqaba irratti Daataan bilbila keessanii akkuma cufaa ta'een gara Appilikeeshinii kanaatti deemuun appilikeeshinii sana bantu. Erga appilikeeshinii kana bantaniin booda «Server name indiction SNI» kan jedhu cinaatti mallattoo irsaasii jirtu sana tuquun «facebook.com» kan jedhu balleessuun «ethiotelecom.et» jettanii erga barreessitan booda «Save» kan jedhu tuquun galmeessitu.


Step 2. Amma ammoo daataa bilbila keenyaa banuudhaan, gara Appilikeeshinii sanaatti deebi'uun «Start» kan jedhu tuqna. Erga start kan jedhu tuqtan booda «SSH Settings» wanti jedhu isiniif dhufa innis wantoota sadi of jalaa qaba isaan keessaa isa jalqaba irra jiru «Choose Server» kan jedhu tuqxu.




Step 3. Erga «Choose Servers» tuqxan booda gara sarvaroota garaa garaatti isin geessa. Isinis sarvaroota isiniif fidu keessaa sirriitti ilaaluun isa sirriitti magariisa ta'eefi parsantii 40 (40%) irraa jalqabee kan jiru tuquun «Connect» kan jedhu erga tuqxan booda ammas «Start» kan jedhu tuqxu. Yeroo kanattis «Connect» ta'uu isaa kan agarsiisu mallattoon vpn neetwoorkii bilbila keessanii cinaatti ni baha. Yeroo kanattis isin Appilikeeshinii sanaan fayyadamuun qarshii tokko malee bilisaan Intarneetii fayyadamuu ni dandeessu.




Wanti isin rakkise yoo jiraate Chaanaalii keenya Teeleegiraamii join taasisuun nu gaafachuu dandeessu akkasumas Appilikeeshinii kana link kanaa gadii download jedhu tuquun install taasifadhaa! Step armaan olitti isinitti himne hunda of eeggannoon itti fayyadamaa yeroo step tokko irra dabartan hin hojjetu!



Yeroo biraa Appilikeeshinii ykn barnoota Teeknooloojii kan biraatiin walitti kan deebinu ta'a Horaa bulaa! waan dubbistaniif Galatoomaa!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)