Komii Barattoota Yuunivarsiitii Jigjigaa Ministeera Barnootaatiif
«Nuufis gaaffii keenya jalqabaati. Irratti wal falmaa jirra.» Gamtaa Barattoota Itoophiyaa
«Dhimmichi 'qormaata yeroo lammaffaa barattoota ta'aaniif bu'aan isaanii rakkoo qaba' jedhamuu isaatiin Ministeerri Barnootaa qabxii isaanii qabateera.» Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa.
Yuunivarsiitii Jigjigaatti «Nuti 3000 olidha» kan jedhan barattoonni eebbifamtoonni qormaata darbanii, yeroo Teempoo fudhachuuf eegaa jiranitti Teempoo dhorkamanii 'irra deebiin qoromtu' jedhamuu isaaniitiin komii guddaa akka qaban Tikvah Ethiopia tti himaniiru.
Eebbifamtoonni bal'inaan maal jedhan;
«Qormaata irra deebii qoromnee darbineerra. Ji'oota lama erga turre booda wanta nuti hin beekneen 'Teempoon keessan dhorkameera!, haqameera irra deebiin qormaata fudhattu' jedhamne.
Ji'oota lama guutuu deebii hin arganne turre. 'barattoonni eebbifamtan mooraadhaa bahaa' jechaa dhiibbaa yeroo nurraan gahan walitti qabamnee yeroo gaafannu 'irra deebiin qormaata fudhattu' nuun jedhan. 'qormaata walirraa hattaniirtu , qabxiin olaanaan dhufeera' kan jedhudha dubbichi.
Gaafachuuf biiroo yeroo deemnus Poolisootaan haala reebichi itti taasifametu jira. Barataan rukutame jira. Kan deemne gaafachuufi, wanta hin taane hin gaafanne.
Koolleejjiiwwan mooraa keenyatti nu waliin Amajjii irratti nu waliin isaan fudhataniir. Yuunivarsiitii Haramaayaa irraa dhufaniis Teempoo fudhataniiru kan asitti qoroman. Walakkaa dhaaf kennamee walakkaadhaaf ammoo ni dhorkame.
Barataan rakkateera. Mana kireeffatee, hojii guyyaa hojjechaa kan jiraatu jira. Maatiidhaan darbineerra jennee dubbanneerra. Qormaata darbinee Teempoo eegaa yeroo jirutti Waxabajjii qoromtu jedhamne hiriira nagaadhaan yeroo gaafannu.» jedhaniiru.
«Barattoonni Fayyaa fi Niwutireeshinii Teempoo fudhataniiru, kan qoromne garuu waliini. Wanti wal irraa hojjettaniirtu ykn walirraa hattaniirtu jedhamu yoo jiraate walakkaadhaaf kennamee walakkaa dhaaf maalif hin kennamu?» jedhanii gaafataniyyuu deebii quubsaan akka isaaniif hin kennamne ibsuun, ammas furmaanni ariifachiisaa akka isaaniif kennamu hubachiisaniiru.
Gamtaan Barattoota Itoophiyaa maal jedhe?
Waa'ee dhimma kanaa gamtaan ykn Waldaan Barattoota Itoophiyaa « 'wal irraa hattaniirtu' kan jedhuunidha. Kan Jigjigaa qofaa osoo hin taane kan Yuunivarsiitiiwwan sadii qabameera. Gondar, Wallaggaa, Jigjigaa.»
«Barattoota Fayyaatiif Teempoo gadhiisiifneerra. Kan biroos adeemsa irra jiru» kan jedhe Waldichi «Qorannoo komi dhageeffataa eegaa jirra. Sababni isaas nutis gaaffiin kaafnu waan jiruuf» jedheera itti dabaluun.
Waldichi, «Yuunivarsiitiiwwan hatan (qormaata) jedhamuunidha kan qabaman» kan jedhe yoo ta'u, jalqaba irratti barattoonni walirraa hataniiru yoo ta'e maalif jalqaba itti hin himamne? qabxii isaanii erga ilaalan booda maalif kuni ta'e? jedhamee gaaffii ka'eefis «Nuufis gaaffii keenya jalqabaati, irratti wal falmaa jirra» jedhaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jigjigaa maal jedhan?
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jigjigaa Dr. Bashir Abdullahi yaada Tikvah Ethiopia dhaaf kennaniin «Ani amma Finfinneen jira, hordofaan jira. Dhimmichi barattoonni qormaata yeroo lammaffaa qoroman mallattoo 'cheating' qaba jedhamuu isaatiin Ministeerri Barnootaa waan qabateefidha.
Ministeera Barnootaa waliin haasofneerra barattoonni guutummaa guutuutti qabxiin isaanii ilaalamee rakkoo yoo qabaate ilaalamee barattoonni muraasni yoo rakkoo qabu ta'e adda baafamee ni gadhiifama kan jedhudha yaadni keenya» deebii jedhu kennaniiru.
Barattoonni qormaata bahumsaa akka darbaniifi qabxii isaanis akka ilaalan, Teempoo fudhachuuf yeroo eegaa jiranitti irra deebiin qoromaa akka jedhamanidha komii kan kaasan kuni sirriidhaa? gaaffiin jedhu Pireezidaantichaaf yeroo ka'ettis;
«Nutis report kana qabannee Ministeera Barnootaaf dhiyeessuun wal ga'ii seenuun dubbanneerra. Ministeera Barnootaa waliin garuu wanta kana ilaallee booda murtee kennina jechuuni kan gar gar baane» jechuun deebii kennaniiru Pireezidaantichi.
Itti dabaluunis «Garuu dhuma irratti irra deebiin 'Waxabajjii haa qoroman!' kan jedhudha Ministeera Barnootaa irraa kan dhufe. Nutis mormii qabna. Rakkoo kan qaban barattoonni muraasni jiraachuu danda'u garuu qabxiin isaanii gadhiifamuu qaba kan jedhudha ejjennoon keenya» jedhan.
«Dhimmicha Ministeera Barnootaa waliin irratti dubbachaa jirra, Ministeerri Barnootaa ammuma wantoonni inni irratti murteesse jira. Akka Maanejimentii Yuunivarsiitichaattis qabxiin barattoota kanaa sirriitti adda baafamee isaaniif haa gadhiifamu kan jedhudha yaadni keenya» jedhaniiru.
Wanti haaraa yoo jiraate fuulduratti kan hordofnee isin biraan geenyu ta'a. Isinis akkuma wanta haaraa gadhiifneen akka isin bira gahuuf Channel keenya Telegram Qubee Media join taasisaa.
0 Comments