Subscribe To Our YouTube Channel

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge | Seensa /1/

Ergaa Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos gara Ibrootaatti erge 

Seensa /1/

Kitaabolee Kakuu Haaraa keessa jiran keessaa Kitaabni Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge ykn barreesse isa tokkodha. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Kitaabolee Kakuu Haaraa keessaa 14 barreesseera. Kitaaboleen Kakuu Haaraa walumaa galatti Qulqulloota 8'n barreeffaman. Isaan kanneen keessaa Qulqulluun Phaawuloos Kitaabolee ergaa 14 barreessuun Duuka Bu'oota kaan caalaatti Kitaabolee hedduu barreesseera, itti aansuudhaanis Duuka Bu'aa Gooftaa kan ta'e Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin Kitaabolee Kakuu Haaraa keessaa Kitaabolee shan barreesseera kana jechuunis Wangeela tokko, Ergaawwan sadii fi Mul'ata tokkodha.

Barreeffama keenya hardhaatiin ykn mata duree Kitaaba «Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge» jedhu jalatti waa'ee Kitaaba ergaa Qulqulluun Phaawuloos gara Ibrootaatti erge ni ilaalla. Ibsa Kitaaba kanaas kutaa kutaan qoodnee kan isiniif maxxansinu yoo ta'u isinis dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa.

Kutaa kana keessatti qabxiiwwan gurguddoon nuti seensa ykn kutaa kana keessatti ilaallus;

Seenaa Kitaaba kanaa
♦ Kitaabni kun eenyuuf akka barreeffame
♦ Kaayyoo Ergaan kun itti barreeffameef
♦ Murtee Qannoonaa Kitaaba gara  Ibrootaa
♦ Qabiyyee walii galaa Kitaaba kanaa fi k.k.f dha.

Seensa

Yeroo garaagaraatti abbootiin Amantaa ka'an, Beektonni, qorattoonni seenaa, Ergaa gara warra Ibrootaa irratti ibsa barreessaniiru. Isaan kanneen keessaas Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee (Bara 380- 398 tti Kitaabolee ykn Barreeffamoota 34'n), Tiwoodooreet (Bara 450 keessa), Koominiyas (jaarraa 10 ffaa keessa), Tiwoofilikat ( Jaarraa 11ffaa keessa), Toomaas Akuwiinas (Bara 1250 keessa), Iraasumas (Bara 1520 keessa), Kaard Kajootaanas (Bara 1520 keessa), Joon Kaalviin (Bara 1539), Deev Paariwoos (Bara 1600), Koorn Saapeed (Bara 1630 keessa), Joon Jeeraard (Bara 1630 keessa), Girooteewoos (Bara 1640), Joon Awun (Bara 1670) ni caqasamu. Bara 1800 booda namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne hedduun Kitaaba ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaa kana irratti ibsa (commentary) kennaniiru. Haalli kunis ulfaatina Kitaabichaa fi fayyadamummaa isaa agarsiisa.

Kitaabni kun barsiisota Ortodoksii ta'aan keessaa tokko kan ta'an Abbaan lammii Gibtsii kan ta'an Taadroos Yaa'iqoob Maalaatii ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaa kana Kitaabolee Qulqullaa'oo kanneen biroo waliin wal bira qabuun bifa ajaa'ibaatiin ibsaniiru, kitaabni kunis Afaan Ingiliffaan kan qophaa'e yoo ta'u gara Afaan Amaariffaatti Waldaa Qulqullootaatiin hiikameera. 

Ergichi kan barreeffameef Ibrootni eenyu fa'i?

Kitaabichi kan barreeffame eenyuufi?

Ofitti amanamummaa guutuun dhubbachuun kan danda'amu jalqaba sanyii Ayihuudotaa kan ta'aan Kiristoositti amananii Kiristaanummaa kan fudhataniif ergaa barreeffame ta'uu isaati. Jiraachaa kan turanis iddoo murta'aatti ture. Kanaafuu Manneen Kiristaaanaa Ibrootaa hundaaf kan barreeffame miti. Ta'us garuu Ibroota irra darbee Kiristaanonni hundi fayyadamtoota Ergichaa ta'aaniiru. Moggaasni Ibroota jedhu Kakuu Haaraatti kan ibsame Afaan Ibrootaa kan dubbatan, aadaa isaanii fi Tiwuufiitiin isaanii wal fakkaataa kan ta'e Ayihuudota warra Bahaa (Hellenizing Jews) irraa adda kan ta'aanidha. Maddeen Seenaa Giriikota durii ergaa Mana Kiristaaanaa Filisxeemiif barreeffame jedhanii amanu ture ykn ergaa Mana Kiristaaanaa Filisxeemiif barreeffame akkam ta'etti amanu. 

Ergaan kun kan isaaniif barreeffame Kiristaanonni Ibrootaa (Yoh. 6:1, 9:25) dursanii Filisxeem keessa kan turan yoo ta'u, Iyyerusaaleemitti lakkoofsi isaanii baay'ee ture. Tajaajiltoota Mana Qulqullummaa sanaa turan. Alaqoota Ayihuudii, Kiristaanummaa fudhachuu isaaniitiin gidiraan kan isaanirra gahe, Mana Qulqullummaa dhaas kan ar'aman turan. Ergaan kun kan barreeffameef isaan kun Kiristaanota Ayihuudaawwii ta'uu isaaniitiin qormaata isaanirra gahaa jiru obsaan akka danda'aan ni gorsa. Kunis Kiristaanummaan Amantaa Ayihuud irra caalmaa inni qabu agarsiisuudhaani. Nageenya kanas fudhachuu irraa suuta jechuun adabbiin inni geessisuu danda'u dabalataatti agarsiisuudhaan isaan kakaasa. Seenaa jaarraa gara jalqabaa irraa yeroo qorannu keessattuu keessattuu bara 60-70 tti Kiristaanummaa irratti barnoota Shakkummaa facaasuuf Ayihuudonni seera cimsitoonni (ወግ አጥባቂዎች) yeroo itti hojjechaa turanidha. Iyyerusaaleem kan turan Ayihuud irraa gara Kiristaanummaatti kan deebi'an seera cimsitoonni (ወግ አጥባቂዎች) hedduun seeraa fi sirna akkasumas bartee Abbootii isaaniitiif namoota of eeggatan turan.

Murtee Qannoonaa Kitaaba Ibrootaa (Ergaa gara Ibrootaa)


Ergaan Ibrootaa tarree Kitaabolee dursanii Qannoonaadhaan Mana Kiristaaanaa keessatti lakka'aaman keessatti hin hammatamne. Hangamiyyuu barreessaa isaa irratti durii kaasee mormiin jiraatuyyuu, Kitaabichi Kitaaba durii ta'uu isaa namni shakku ykn mormu hin jiru. Manni Kiristaaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti garuu Barreessaan Kitaaba erga gara Ibrootaa  Qulqulluu Phaawuloos ta'uu isaa ni fudhatti. Kitaabichi Mootiin Xixoos Iyyerusaaleem bara 70 tti yeroo balleessee booda akka kan barreeffame akka ta'e, barreessitoonni Seenaa walii galu.

Barreessaan Kitaaba ergaa gara Ibrootaa maqaan isaa caqasaman. Ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kaanirraa kan adda isa taasisus ergaawwan kaan ykn ergaawwan kanneen biroo irratti maqaa isaa yeroo caqasu Kitaaba isaa kana irratti garuu maqaa isaa caqasuu dhiisuu isaati. Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos ta'uu isaatiif Tiwuufiitiiwwan Mana Kiristaaanaa kanneen durii isuma kana dhugoomsu. Kanaan kan wal qabateen Barreessaan Kitaaba kanaa gara fuula duraatti Kitaaba Ibrootaa kan ilaallateen barreeffamoota barreeffaman qorachuun gara guduunfaa amansiisaa tokkorra akka gahamu ni amana. Ergaan Ibrootaa kan Qulqulluu Phaawuloos ta'uu isaatiif ragaawwan Gibtsii durii Qulqulluu Qaaleminxoos fi Diyoonaasiyoos akkasumas isa booda Phaaphaasonni bakka bu'an dhimma walii galtee irra ittiin gahaan ture. Mootummaa Kiristoosiin faallaatti kan hojjatu tajaajilaa Afuura hamaa kan ta'e Ariyoos osoo hin hafiin Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos ta'uu walii galu. Warreen Bahaa barreessaa Kitaabichaa irratti ilaalchi isaan qaban baay'inaan walitti siqa ykn baay'inaan wal fakkaata. Warreen Lixaa biratti garuu barootaaf eenyummaa barreessaa Kitaabichaa irratti walii galteen hin turre. Qulqulluun Awugisxiinoos Barreessaan Kitaaba ergaa gara Ibrootaa Qulqulluu Phaawuloos ta'uu ni fudhatu. Xumura Jaarraa 4ffaa tiin dursee warreen Lixaa biratti Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloosidha guduunfaan jedhu fudhatama argate. Qulqulluun Atinaatewoos, Qeerloos inni Iyyerusaaleem, Goorgooriyoos inni Inzinaazuu Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos ta'uutti walii galu. Gubaa'ee Loodooqiyaatti Kitaaba kudha arfaffaa Qulqulluu Phaawuloos taasisuun fudhataniiru. Dursinee ibsuuf akkuma yaalle hangamiyyuu barreessaan Kitaabichaa irratti walii galteen dhabamuyyuu, bara Duuka Bu'ootaatii kaasee (Jaarraa 1ffaa) Manni Kiristaaanaa Kitaabolee Qannoonaa keessaa tokko taasistee fudhattee itti fayyadamaa turteerti. Warra Bahaa kan ilaallateen yaadni kun shakkii keessa wanta galu miti. Barreeffama Qulqulluu Qaaleminxoosiin akkuma ergaawwan kaanii yaadni inni Kitaaba ergaa gara Ibrootaa irraa fudhate hojiiwwan isaa keessatti muldhateera. Jaarraa 2ffaa keessa Wareegamummaa kan fudhate Wareegamtichi Yoosxiinoos barreeffama ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaa boqonnaa sadi irratti ibsame «Duuka Bu'aa Amantaa keenyaafi Hangafa Lubootaa» kan jedhu barreeffamoota isaa keessatti yeroo afurii ol fayyadameera.

Kaayyoo Ergaan kun itti barreeffameef

Iyyerusaaleem kan turan Kiristaanonni Mana Kiristaaanaa ishee jalqabaa Mana Qulqullummaaf kan dhama'u, bartee isaaniif of eeggatu, Sirnoota Abbootii isaaniis Kiristaanummaa bukkeetti ni raawwatu ture. Qulqulluun Pheexiroosiyyuu hanga mul'ata argutti Qoorneelewoos Mana Kiristaaanaatti simachuuf rakkatee akka ture ni argina. «Pheexiroos sa'aatii jahatti kadhachuuf gara gubbaatti bahe,  osoo qopheessaafii jiraniis afuuraan fudhatamuun (ተመስጦ) itti dhufe. Samiin banamee roga afuriin kan qabame Shaamaa guddaa qodaan fakkaatu gara lafaatti yeroo bu'u arge, achumaanis miila afur kan qaban bineensonni lafa irra kan socho'an Simbirroowwan samiis keessa turan. Yaa Pheexiroos ka'iitii qalii nyaadhu! sagaleen jedhus gara isaatti dhufe, Pheexiroosis yaa Gooftaa! hin ta'u wanta xura'aa nyaadhee hin beeku waan ta'eef jedhe. Wanta Waaqayyo qulqulleesse ati hin xureessiin sagaleen jedhu gara isaatti dhufe.» HDB. 10:9-16. Dhumni mul'ata kanaa Duuka Bu'ooni illee osoo hin hafiin Wangeelli kan kenname Israa'eelotaafi jedhanii Amanaa akka turaniifi uummannii fi Ahizaabonni Kiristoosiin tokko ta'uu isaaniitiin Waaqayyo saba isaa taasisee kan fudhate Ahizaabota hin dhiibiinaa yeroo jedhuunidha. Bartoonni isaa du'a Qulqulluu Isxifaanoos booda biyyoota garaagaraatti faca'an. Waa'ee fayyisaa keenyaa hunda dursee Ayihuudotaaf ciminaan ni lallabu ture. (HDB. 11:19). Kanaafuu Waaqayyo Waaqa Israa'eel qofa osoo hin taane, Kiristoosiin Waaqa Ahizaabotaa ta'uu isaa hubannoon ni ibsame. Kaayyoo itti barreeffameef keessaa tokko kanadha.

Qabiyyee walii galaa Ergaa gara Ibrootaa

Ahizaabonni akkuma Israa'eelotaa Kakuu Haaraatti ijoollee Waaqayyoo ta'uu isaanii agarsiisa. Dursee bara dhaloota Kiristaanummaatti fudhannaa Ahizaabotaa irratti mormii cimaatu ture. Lallaba Qulqulluu Phaawuloos fi Barnaabaasiin kan akka ibsametti Ahizaabonni sirna Ayihuudotaa eeguun osoo isaan hin barbaachifne qaama Mana Kiristaaanaa ta'aanii lakka'aaman. Cimoo kan turan, seera isaaniif of eeggatan Ayihuudonni, Ahizaabonni  dhaqna qabaa fudhachuu isaaniitiin  dursee seera Musees osoo hin raawwatiin qaama Mana Kiristaaanaa Kakuu Haaraa ta'aanii lakka'aamuu hin qaban qabxii mormii jedhu kaasan. 

Karaa Qulqulluu Yaa'iqoobiin Iyyerusaaleemitti Gubaa'een ni waamame. Ahizaabota irratti ba'aa dabalataa irra kaa'uun akka hin barbaachifne Duuka Bu'oota gidduutti walii galtee irra gahame. Ta'us garuu haalli kun Ayihuudota hin amansiifne. (Gal. 2:12). Qulqulluun Phaawuloos garuu Kiristaanummaan dhiibbaa Ayihuudotaa jalaa bilisa bahuu akka qabu xiyyeeffannoo itti kennee barsiise. (1 Qor. 9:20). Ta'us garuu dubbichi akka hin cimne yaaduudhaan al-tokko tokko sirna Ayihuud yeroo eegu ni muldhata ture. (HDB. 17:3). Innumtuu mataa isaan qulqullaa'eera. (HDB. 21:29).


Ergaa gara Ibrootaa yeroo barreessu Manni Qulqullummaa Iyyerusaaleem sababa weerara Xixoosiin diigameera. Isa waliin raawwatamaa kan ture hafteen Aarsaa Kakuu Moofaa waliin raawwatameera. Dursee kan ture kabajni Kakuu Moofaa gochaan darbee, kabajni Kiristoos gara Laphee Amantootaatti bakka bu'aa jira ture. 

Keessattuu ergichi yeroo barreeffamu Kiristaanonni Ayihuud irraa deebi'an akeekkachiisni isaan barbaachisa ture. Wanta hundaan guddachuu osoo qabanii gara duubaatti harkifataniiru. Sababa uumanii dhugaa kan ta'e hiikoo Wangeelaa hin hubanne. Hawwiin gara haala dura keessa turaniitti deebi'uus isaan keessa ture. Lallaba Qulqulluu Phaawuloosiin Manni Kiristaaanaa Ayihuudummaa irraa gara Mana Kiristaaanaa Addunyaalessaatti jijjiiramteerti. Ayihuudonni Kiristaanota turan baay'achaa yeroo dhufanitti qomoo isaaniirraa keessattuu Lubootaan gidiraan irra gahu dabalaa dhufe. Kanaafuu Kiristoositti akka ciman, gara duubaatti akka hin deebine ergaa barreessuufiin barbaachisaa ta'e. 
Duuka bu'ichi ergaa isaa irratti tokkummaa Wangeelaa fi seerichaa, hojii hangafa Lubummaa Kiristoos barreesseef. Ergaa gara Ibrootaa irratti walitti dhufeenya ajaa'ibaa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kan irratti arginudha. Kakuuwwan lamaan irrattiyyuu Raajota dursee kan dubbise, boodas Tsirhaa Tsiyoonitti, bu'uu Afuura Qulqulluu boodas Abbootii keenya Duuka Bu'ootaan, sana boodas yeroodhaa yerootti Abbootii Duuka Bu'ootaa ka'aaniifi Abbootii eegdota Mana Kiristaaanaatti kan dubbate, kan erge, raajii kan ibse, raajiin kan dubbatameef, dhumni raajichaas ykn dhumni raagichaas Waaqayyo tokkichadha.

Kakuu Haaraatti Kitaabolee ergaa barreeffaman keessaa kitaabni ergaa gara Ibrootaa Kitaaba iddoo faayidaa addaa qabudha. Kakuu Moofaa Kakuu Haaraa waliin wal qunnamsiisa ykn wal qabsiisa. Kiristaaanota qomoo Ayihuud turaniif hangamiyyuu Mana Qulqullummaa isaaniitii ari'amaniyyuu, tajaajila Mana Qulqullummaa isaanii Iyyerusaaleemitti yoo isaan dhaabsisaniyyuu Iyyerusaaleemiin ala ta'aanii waa'ee Kiristoosiif gidiraa fudhataniiru. Kanaafis gara Mana Qulqullummaa Samiitti akka seenaniif balballi isaa banameefiira. Tajaajila Mana Kiristaaanaa isa guddaa tajaajiluufis filatamaniiru. Aarsaa dhugaa fi adda ta'ettis ni deemu. Qooddattoota tajaajilichaatis. Kitaabni ergaa gara Ibrootaa Ahizaabota jibbamaniif, warreen tuffatamaniifis banamuu Samii, gara Waaqayyootti dhiyaachuu warreen danda'aaniif Kitaaba Abdii guddaa galaa godhatedha.

Itti fufa!

Kutaa itti aanutti :- Barreessaan Kitaaba kanaa eenyu kan jedhuufii qoqqoodama isaa ilaalla

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)