Subscribe To Our YouTube Channel

Tsooma Tsiggee | Kutaa 3ffaa

Tsooma Tsiggee | Kutaa 3ffaa

«Mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhe!! Raajii Hoose'i 11:1


Gara dubbisaa kutaa 3ffaa kanaatti osoo hin darbiin dura Kutaa 1ffaa fi Kutaa 2ffaa dubbisaa!

Alka Sirnaa fi seera Mana Kiristaaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Fulbaana 26 - Sadaasa 5 tti guyyoonni jiran Afurtamni godaansi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin taasiste yeroo itti yaadatamanidha. Guyyoonni kunneen Afurtamni Godaansi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos yeroo itti yaadatamudha. Waqtiin kunis waqtii Abaaboofi firii ta'uu isaatiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abaaboodhaan ilma ishee Iyyesuus Kiristoos ammoo Firiidhaan fakkeessuun Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqessuu fi haadha isaa ammoo haadha uumaa ta'uu isheetiin galatoo addaatiin ni galateeffatu.

Jaarraa jahaffaa keessa kan ka'e Beekaan hangafni Qulqulluun Yaareed zeemaawwan yeroo barreessu, jaarraa 14ffaa keessa kan ka'e Abbaa Giyoorgis inni Gaasiccaa ammoo Sa'aataatii barreessaniiru. Baruma kanattis Abbaa Giyoorgis waliin jaalala Afuurawaa gadi fagoo kan qabu Abbaa Tsiggee Dingil Kitaaba ykn Barreeffama «Maahileeta Tsiggee» jedhu barreesseera. Maahileeta Tsiggee deemsa bifa walaloo kan qabu Barreeffama ajaa'ibaa kan Itoophiyaa yoo ta'u, kitaabni ykn barreeffamni kun yeroo kamittiyyyuu kan kadhatamu ta'uyyuu bifa addaatiin waqtiin ba'eefii tajaajila Mana Kiristaaanaa keesatti hojiirra kan oolu garuu bara ykn waqtii Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos jechuunis Fulbaana 26 - Sadaasa 5tti bara ykn waqtii jiru keessattidha. Waqtii ykn yeroo kanatti torban torbaniin Sanbata ykn Qidaamee galgala halkan guutuu haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin gara Gibtsiitti godaanuun ishee yaadatamaa galatoo fi kadhannaa abbootiidhaan dhiyaatudha. Kitaabni kun bifa Walalootiin kan barreeffame yoo ta'u baay'inaan sarara shan kan qabu yoo ta'u, baay'inni isaas 158 dha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam jaalala ishee akkasumas galata ishee hawwaa kan turan Qulqulluun Efreemii fi Abbaan Hiriyaaqoos Wuddaasee fi Qiddaasee ishee akkuma ibsiteef, Abbaa Tsiggee Dingiliif ammoo Kitaaba Maahileeta Tsiggee kana akka barreessuuf iccitii ibsiteefiirti.

Biyya Qulqulleettii, biyya Waaqayyoo Itoophiyaatti baatiiwwan Fulbaanaa fi Onkoloolessaa waqtiiwwan Abaabooti (Zemene Tsiggee) dha. Waqtiin kunis tulluuwwan Abaaboodhaan kan itti faayamaniifi ijaaf hawwatoo yeroo itti ta'anidha. Bara kanattis Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos «Maalif waa'ee Uffataatiif dhiphattu? Abaaboowwan dirree irra jiran akkamitti akka guddatan ilaalaa, hin dhama'aan, hin hojjetan, ani garuu isiniin jedha Solomooniyyuu kabaja isaa hundaan akka isaan kanaa keessaa akka isa tokkoottiyyuu hin uffanne. Waaqayyo, hardha kan jiru, borus gara Ibiddaatti kan darbatamu Abaaboo ykn marga dirree irraa akkasitti kan uffisu yoo ta'e, isin Amantiin kan isinitti hirdhate, isinimmaa akkamitti?. Egaa maal nyaanna, maalis dhugna, maalif uffanna jettanii hin dhiphatiinaa.» Maat. 5:28-33 jechuudhaan jecha dubbate yaadachuudhaan dhiphachuun kan nurraa eegamu Mootummaa Waaqayyoo galuufi malee wanta Addunyaa kana irra jiruuf akka hin taane, Waaqni Tulluuwwan Abaaboodhaan uffise, bifaa fi fakkii isaatiin kan nu uume nu'i jireenyaaf kan nu barbaachisu Nyaataa fi dhugaatii akka nu hin dhoowwanne yaadachaa waqtii itti yaadannudha.

Kitaabni hayyichaas (Abbaa Tsiggee Dingil) Firiin Abaaboo irraa, Abaaboonis Firii irraa akkuma argamu Maahileeta Tsiggeenis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam fi Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos Abaaboo fi Firiidhaan fakkeessee Kitaaba ykn barreeffama barsiisudha. Ishee Abaaboodhaan yeroo fakkeessu, ilma ishee Iyyesuus Kiristoos ammoo Firiidhaan fakkeessee barsiisa. Raajichi Isaayyaas «Hundee Iseey irraa Uleen ni ba'a, achii jalaas firii ni buufata» Isa. 1:1 jedhee hundee ykn Sanyii Iseeyii kan argamtu haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam uleedhaan, ilma ishee Iyyesuus Kiristoos ammoo Firiidhaan fakkeessee raajii dubbateera. Abbaa Tsiggee Dingilis Kitaaba isaa bifuma kanaan herreeguun Malki'i tokkoon tokkoon isaa irratti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos Abaaboo fi Firiidhaan fakkeessuun, sana boodas wal qabsiisuun hojii ajaa'ibaa Waaqayyoo iccitiidhaan, seenaadhaan, kadhannaadhaan fi bifoota kana fakkaataniin walitti fidee barreesseera. 

Hayyichi Abbaan Tsiggee Dingil Kitaaba isaa Maahileeta Tsiggeetiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abaaboodhaan fakkeessee barreeffamoota isaa keessaa tokko «Yeroo makaraatti Abaaboon, yeroo Abaabootti ammoo makara oomisha haamuu fi walitti qabuun hin jiru, sababni isaas yeroon isaanii gargar waan ta'eef, fakkeenyaaf ji'a Fulbaanaatti waqtii ykn yeroo Abaaboo ta'uu isaatiin oomisha walitti qabuun hin jiru. Makarri raajiiwwanii (Raajiiwwan dubbataman) waliitti qabamni isaanii si'i kan taate akka bara Tsiggeetti bara beelaa kan dabarsite yaa Maariyaam! Raajiin Eeldaa Iyyu'eel Tulluuwwan Yihudaa irraa Dammi mi'aawaa fi Aannan Adiin ni dhangala'a jedhee raajiin dubbatame siin beekame, raawwatame. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam raajiin sanyii raajonni dubbatan irratti ni raawwatame. Jechuunis raajonni waa'ee Waaqayyo nama ta'uu haalota garaa garaatiin dubbataniiru. Gooftaan keenya raajii raajonni dubbatan raawwatamuu isaafi xumura kana arguuf kan carrooman Duuka Bu'oota ta'uu isaanii «Tokko ni facaasa, tokkos ni haama» jecha jedhuun dhugaa ta'eera ykn raawwateera. Anis isin kan itti hin dhadhabne akka haamtaniif isiniin erge. Isaan kaan ni dhadhaban, isinis dhadhabbii isaaniitiin galtan jechuun dubbateera. (Yoh. 4:37-38). Kunis Raajonni kan facaasan Raagni isaanii bara Duuka Bu'ootaatti firiidhaa, haamaadhaaf gahuu isaa dubbachuu isaati. Waan ta'eefis «áˆ›á‹•áˆ¨áˆ¨ ትንቢት» ykn «Walitti qaba ykn galma ykn kuufama Raajiiwwanii Maariyaam» jedheen. Gama biraatiin ammoo Firii kan jedhame Kiristoos kan argamsiiste ykn deesse fi Hidda ykn hundee Iseey jalaa uleen ni baati jedhamee kan dubbatameef ta'uu isheetiin Dubroon Maariyaam Abaaboodhaan ni fakkeeffamti. 

Kanaafuu haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Abaaboo waqtii makaraatti argamtudha. Yeroo makaraatti argamuun Abaaboo baramaa waan hin taaneef «Abaaboo Keessummaa ta'e» jedheen. Kana booda raaga Raajichi Iyyu'eel dubbate akkaataa inni itti raawwate ni dubbata. Raajichi Iyyu'eel bara isaatti beela cimaatu ture. Waaqayyo uummata araaraan akka isaan ilaaluufi beelichi akka badu itti hima ture. «Nyaata hedduu ni nyaattu, ni quuftus, kana booda akkas ta'a, Tulluuwwan dhaadhii ni cobsu, lafoonni ol ka'oonis Aannan ni dhangalaasu, finca'aawwaan Yihudaa keessa jiran hundis bishaan ni lolaasu» Iyyu'eel. 3:8, 2:26.

Bara ykn waqtii Tsiggee kanatti Kiristaanonni Tsooman kan jiran yoo ta'u, kan tsomanis Abbootii Amantaatiin osoo hin ajajamiin fedhii mataa isaaniitiini. 

Tsiggee jechuun Abaaboo jechuu yoo ta'u dacheen Abaaboodhaan waqtii itti guutamtu waan ta'eef Abbootiin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam bifoota garaagaraatiin fakkeessaniiru. Abaaboodhaan, Hidda Wayiniitiin, firii Wayinii isa gaarii waan argamsiisteef Abaaboon firii akkuma argamsiisu Dubroon Maariyaamis namaaf kan hin danda'aamneefi al-tokko qofa kan ta'e Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos gadameessa isheetti baatteerti. 

Gubbaa ykn seensa irraa akkuma ilaalletti jechi raajii «Mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhe» Hoose'i 11:1. jedhu kan dubbatame Dhaloota Kiristoos dura naannoo walakkeessa jaarraa 8ffaatti Raajicha Hoosee'iini. Hoosee'i jechuun Waaqayyo ni fayyisa jechuudha. Kitaaba Qulqulluu irratti biyyoota maqaan isaanii baay'inaan caqasame keessaa tokko Gibtsii yoo taatu, Gibtsi yeroo beelki turetti Abrahaam itti baqate, Yooseef garbummaaf biyya itti gurgurame, Israa'eeloonni waggoota hedduudhaaf garbummaan kan keessa jiraatan, boodarras fayyisaan Addunyaa gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin biyya itti godaane yoo taatu, Mootonnii ishee Ahizaabota, Waaqoliin isaaniis Xaa'otiiwwan turan. Raajichi Hoose'i godaansa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dursanii raajiidhan kan dubbatan keessaa tokko yoo ta'u mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhee jechuudhaan gahumsa godaansichaa dubbateera. Akka bu'uura raajii kanaatti godaanuu isaa hin raagne, ta'us garuu godaansa irraa deebi'uu isaa dubbachuun isaa osoo hin godaaniin deebi'uun hin jiru waan ta'eef deebi'uu isaatiin godaanuu isaa dubbate.


Jireenya Gooftaa kan Dubroo Maariyaam irraa, kan Dubroo Maariyaamis kan Gooftaa irraa adds baasanii ilaaluun hin danda'aamu, hojiiwwan Waaqummaa fi hojii fayyisummaa yoo ta'een ala, sababni isaas isa qofaaf kan murtaa'e fi inni qofti raawwachuun kan ta'uuf ergama Abbaa isaa ture waan ta'eef Yoh. 6:38, 5:30. Raajonnis raajiin isaan dubbatan yeroon isaa gahee akkuma raajichi Hoose'i jedheefi Ergamaan Qulqulluun Gabri'eel Yooseefiif abjuudhaan muldhatee akkuma itti himetti ilma ishee tokkicha qabattee gara Gibtsiitti baqatte ykn godaante.

Sababa Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Ilma ishee Iyyesuus Kiristoos gara Dachee Gibtsiitti

Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jennee yeroo dubbannu ilma ishee waliin ta'uu isaa namni hundinuu hubachuu qaba. Waa'ee sababa godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbootiin kan nu barsiisan, Kitaabolee irratti kan nuuf galmeessan muraaasa isaanii ni tarreessina. Waaqayyo waa'ee wanta gara fuul duraatti dhufuu raajotaaf ibsuun, Raajota irra bulee dubbachuun, wanta yaade fedhii isaa hunda ilma namaaf ibsaa Raajotatti muldhata agarsiisaa, barsiisota ergee Kitaabolee barreessisaa turuu isaa hubachuu qabna. «Waaqayyo saba isaatiif kitaabaan itti dubbata» akkuma jedhame, «Guyyaa fi galgalaan garboota koo Raajota hunda isinitti ergeen ture, eeyyeen ergeera» Erm. 7:25. jechuun ibseera. Raajichi Simi'oon «Lubbuu kee irratti Sayifiitu darba» jedheen. Luq. 2:34. Simi'oon yeroo Mootii Baxilimoos Kitaabolee Kakuu Moofaa Afaan Ibraayisxii irraa gara Afaan Giriikiitti hiiksisuuf Abbootii ykn beektota 70 yeroo filatetti Kitaabni raajii Isaayyaas carraadhaan akka Simi'oon hiiku isa qaqqabe. Simi'oonis osoo hiikaa jiruu «Kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas Anaanu'eel jettee moggaafti» jedhurra gahe. Isa. 7:14. Dubbii Raajii Isaayyaas kanas yeroo hiiku itti cime, yeroo kanas akkamitti Durbi ni ulfoofti jedheen hiika jedhee yaadeetu Dubartiin ni ulfoofti jechuudhaan yeroo barreessee, rafee yeroo ka'u Dubartiin ni ulfoofti jedhee kan barreesse haqamee Durbi ni ulfoofti jedhamee barreeffameetu arga. Kun ta'uun isaa isa ajaa'ibee osoo jiruu Ergamaan Waaqayyoo dhufee kana osoo hin argiin hin duutu jedheenii bira sokke. Simi'oonis garmalee Dulloomee osoo jiruu Mana Qulqullummaatti siqee dhuma raajichaa ykn raawwatamuu raajichaa eeguu jalqabe. Yooseefiifi Dubroon Maariyaam akka bartee Ayihuudotaatti Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa saddeettaffaatti gara Mana Qulqullummaatti yeroo geessan Raajicha eegaa kan ture Jaarsichi Simi'oon fayyisuu Gooftaa arge «Kunoo yaadni Laphee hedduuwwanii akka ibsamuuf kun Israa'eel kan jiraniif baay'eewwaniif kufuu isaanii fi ka'uu isaaniitiif, warra isa mormaniifis mallattoon muudamteerta. Ati garuu lubbuu kee irratti Sayifiitu darba » jedheen. Luq. 2:34. jechuudhaan raajichi raawwatamuu isaa yeroo argu kana ergan argee garbicha kee nagaadhaan gaggeessi jedhee yeroo kadhatu, gara fuulduraatti kan ta'u godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sababa ilma isheetiin gara fuulduraatti gidiraa irra gahu ni raaje. Sayifiin wanta irra bu'e iddoo lamatti akkuma gargar baasu, gaddi laphee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamis raajiin ishee irratti dubbatame gaddii fi gidiraa hadha'aa sanaan akka miidhamtu raajiin dubbatame akka raawwatuuf ilma ishee waliin gara Gibtsiitti godaante.

Jaarsichi Simi'oon raajiin inni dubbate jireenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keessattiyyuu sababa ilma isheetiin Sayifii kan jedhame Gidiraan irra gaheera. Kanaanis hayyichi Abbaan Hiriyaaqoos araarsummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo gaafatu «Yaa Dubroo ilma kee duratti kan bu'e, ija kee irraa kan dhangala'e imimmaan keetiin ilma kee nuuf kadhadhu» jechuun nuyi ijoollee ishee cubbamootaaf kan nuuf kadhattu waa'ee imimmaan isheef akka nuuf dhiisudha kan dubbate.


1. Godaansa Qulqullootaa Eebbisuuf gara Dachee Gibtsiitti Godaanan

Jireenyi Kiristaanummaa deemsa Fannoo irraaa ta'uu isaatiin, Kiristoositti amananii warra isa duukaa bu'an hundaaf godaansaa fi Gidiraan akka isaanirra gahu gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka yeroo barsiisu «Ana duukaa bu'uu kan barbaadu yoo jiraate ofii isaa haa ganu, Fannoos baatee ana duukaa haa bu'u» jechuun dubbate. Maat. 16:24. Bu'uura jecha kanaatiinis Qulqulloota Duuka Bu'oota irraa eegalee Kiristaanonni ka'an gidiraa hedduu keessa darban, gammoojjii keessa ni godaanan, Sayifiidhaan ni mummuraman, dhagaadhaan ni rukutaman. Hardhas yoo ta'e Amantiidhaan kan godaannee dhiphannee kadhannu nu dura daa'imummaa isaatti Waaqa godaansa godaane biratti ykn fuuldurattidha.

2. Xaa'otiiwwan Gibtsii balleessuudhaaf gara Dachee Gibtsiitti Godaanan

Gibtsi Mootota ishee irraa eegalee uummata Ahizaabota Xaa'otii Waaqessaa turanidha. Xaa'otiiwwan kunneen ammoo bifa Sangaa, bifa Sa'aa, bifa Leencaa, bifa Simbirrootiin erga bocamanii booda Waaqessaa waan turaniif kanaafis Kadhannaa Musee fi Aroon irraan kan ka'e Hojiin harkaa Gibtsootaa baduu isaa, Waaqayyo Naabukadanatsoor irra bulee gara Gibtsii dhufuu isaa, Xaa'otiiwwan balleessuu isaa kan itti raaje ta'uu isaatiin olitti akkuma Raajichi Isaayyaas raaje duumessa saffisaatiin kan fakkeeffamte dugda haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irratti baatamee gara Gibtsiitti godaananiiru. Abbootiin Mana Kiristaaanaas yeroo ishee fakkeessan «Duumessa Isaayyaas» Isa 19:1 kan jedhaniif kanaafi. Raajii kana irratti akkuma ibsame Gibtsi Xaa'otiiwwaniin kan guutamte ta'uu isheetiin Godaansi Gooftaa keenyaa Xaa'otiiwwan Gibtsii jiran balleessuuf ta'uu caqasameera. Gibtsoonni durii kaasee fakkeessuudhaan dhagaa xarabanii, muka soqanii, albuuda baqsanii fakkii bineeldotaa kan Sa'aa kan Re'ee, kan Leencaa fi Simbirrootaa bocuun ni Waaqessu waan tureef magaalittiin Xaa'otiiwwaniin kan guutamte turte. Isaan kanneen balleessuuf Godaansi Gooftaa gara Gibtsii ta'uu raajiin dubbatame. Gooftaan keenya Xaa'otiiwwan diddiiguuf gara Gibtsiitti godaane, ganaa magaalitti akkuma seeneen Afuuronni hamoon Xaa'otiiwwan sana irra bulan iyyuu fi Xaa'otiiwwanis caccabuu jalqaban. Qulqulluun Daawwit Faaruu 83:3 irratti «Simbirroon ofii isheetiif mana argatte, Allaattinis cuuciiwwan ishee kan keessa jiraachistu mana argatte» jechuudhaan yeroo raaju, Simbirroonb ofii isheetiif mana argatte yeroo jedhu raajonni raajii kan dubbatan dhumni isaa ykn dhuma isaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin argachuu isaa tokkos haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam godaansaan Gibtsi Mana ishee ykn iddoo jireenya ishee taasifachuu ishee, Allaattinis cuuciiwwan ishee iddoo itti jiraachistu yeroo jedhu Yooseefiifi Soloomeen iddoo itti jiraatan argachuu isaanii dubbate. Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif bultoon dhabamee bultoo ishee Gibtsi taasifachuu ishee raaganiru, «Israa'eel daa'ima yeroo turetti isan jaalladhe, mucaa koos Gibtsiidhaan waammadhee» (Hoose'i 11:1) Israa'eeloonni Gibtsi osoo jiranii akka filatamanitti biyya sanaas baasee mootummaa akka ta'aaniif akkuma isaan qaqqabsiise ta'uu isaaniitiif raajii dubbatame ta'uu isaa waliin gara Gibtsiitti godaanuun Gooftaa keenya hanga Heeroods du'utti achi turuu isaa m, achiis deebi'uu isaa kan agarsiisu ta'uu isaa Qulqulluun Maatewoos jecha raajichaa goolaba ykn xumura taasisee dubbateera. Maat. 2:15.

3. Nama ta'uu isaa ibsuuf gara Dachee Gibtsiitti godaane

Iyyesuus Kiristoos biyya isaa osoo hin gadhiisiin ija Heeroods jalaa dhokachuu ni danda'a ture. Ta'us garuu Ogummaa Waaqummaa isaatiin ija Heeroods jalaa dhokateera osoo ta'ee foon uffachuun isaa, nama ta'uun isaa hin ibsamu ture. Ija Heeroodsiin kan hin muldhanne yoo ta'e foon kan uffate fakkaate malee lafee fi foon hin qabu jedhama ture. Qaama Addaam irraa kan ka'e Addaam lammaffaa ta'uu isaa fi foon inni uffate kan dhiigu, kan waraanamu Sayifiidhaanis ta'e Eeboodhaan yoo waraaname miidhaan kan irra gahu amala namummaa kan qabu ta'uu isaa ibsuuf ni godaane. Foon kan uffate hundi diina isaa jalaa bahuu kan danda'u baqachuudhaani waan ta'eef diina isaa Heeroods jalaa bahuuf foon waan uffateef gara Gibtsiitti baqate.

4. Daabiloos Ari'uuf gara Dachee Gibtsiitti godaane

Addaam firii muka balasii nyaatee uumaa isaa waliin wallolee Jannataa erga bahe booda walitti dhufeenyi namaa fi Waaqayyoo fagaachaa dhufe. Gargar fagaachuun namaa fi Waaqayyoo kunis kan dhufe Daabiloosiin yoo ta'u, Waaqayyo yeroo fagaatu inni ammoo dhiyaachuu barbaada ture. Kana waan ta'eefis uumaan isaa ijoollee namaa barbaacha dhufe. Daabiloosis ijoollee Addaam ni to'ate. Laphee isaaniis jaalala Xaa'otiitiin guutee Waaqessummaa Waaqayyoo ykn Waaqayyo Waaqessuu akka hin argine isaan taasisee ijoolleen Addaam hedduun fedhii Waaqayyoo osoo hin taane fedhii Daabiloos raawwachaa turaniiru. Gooftaanis «Amma bulchaan Addunyaa kanaa garaa alaatti gatama» Yoh. 12:31 jechuudhaan Seexanni Addunyaa to'atee akka ture ibseera. Waaqayyo ilmi foon namaa yeroo uffate walitti dhufeenyi namaa fi Waaqayyoo irra deebiin hundeeffame. Iyyesuus Kiristoos biyya isaa dhiisee ba'uu isaatiin Daabiloos kan to'ate laphee namaa keessaa ni baase. Gooftaan fuula Heeroodsii fagaachaa yeroo deemu Daabiloosis laphee namaa keessaa fagaachaa deeme. Godaansi gooftaa karaa biraatiin Seexanni akka baqatu ni taasise. Dhuma irrattis Fannoo irratti du'uun Gooftaan keenyaa Daabiloosis akka du'u taasise.

Kutaa 4ffaa fi inni dhumaa itti fufa!

Barreeffamoonni keenya akkuma asii gadhiisneen akka isin bira gahaaniif Pop up blog kana irratti isiniif dhufu irratti Email keessan galchuun Subscribe taasisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
 






Post a Comment

0 Comments