Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulluu Aginaatewoos | Qulqulluun Aginaatewoos eenyudha?

Qulqulluu Aginaateewoos

Paatriyaarkonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Antsookiyaa jaalalaa fi kabaja Paatriyaarkii ykn Abbaa Mana Kiristaanaa isaaniitiif qaban irraa kan ka'e, akkasumas hojiin guddaan inni Mana Kiristaanaa isaaniif hojjate dhaloota itti aananiif akka darbuuf yaaduun Paatriyaarkota bara 1293 irraa kaasee muudaman baay'een isaanii maqaa isaatiin akka waamaman taasisaniiru.  Abbaan jabaan Mana Kiristaanaa kun Qulqulluun Aginaatewoos Hangafa Phaaphaasii Mana Kiristaanaa Antsookiyaa sadaffaadha. (lammaffaadha warri jedhanis jiru).


Ibsa Suuraa:- Suuraa armaan ol argitan irratti kan argamu Qulqulluu Aginaatewoosidha.

Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa hangafni Awusaabiyoos akka ibsetti Antsookiyaatti Mana Kiristaanaa kan hundeesse Qulqulluu Pheexiroosidha. Qulqulluun Pheexiroos gara Roomitti hanga deemetti hangafa Phaaphaasii jalqabaa ta'uun /Bara 34-40/ Kiristaanummaa barsiiseera. Bakka isaas Qulqulluu Ewuudiyoosiif aangoo Phaaphaasummaa kennuun erga muude booda Qulqulluun Pheexiroos gara Roomitti deemeera.

Ewuudiyoosis Mana Kiristaanaa Antsookiyaa dursaa tajaajila Afuurawaa isaa raawwachaa osoo jiruu ajaja Neeroon /bara 54-68/ qeesaariin godaansa ka'een Wareegamummaan boqoteera. Sana boodas «Seenaa Mana Kiristaanaa» Kitaaba jedhu irratti «Qulqulluu Pheexiroos irraa aangoo Phaaphasummaa argatee kan ture Qulqulluun Aginaatewoos Phaaphaasii ta'ee muudame.» jedha.

Kitaabni Sinkisaar kan Gi'izii fi Amaariffaa /Fulbaanaa hanga Gurraandhalaatti/ kan ji'a Muddee guyyaa 24ffaa irratti waa'ee Seenaa Qulqulluu Aginaatewoos yeroo ibsu «Qulqulluun kunis duuka bu'aa Wangeelaawwii Yohaannis ture. Lallaba Wangeelaatiinis tajaajiluun isa waliin biyyoota hedduu naanna'uun barsiiseera.  Kana boodas biyya Antsookiyaatti hangafa Phaaphaasummaa isa muude. Keessa isheettis jireenya kan taate barumsa Wangeelaa ni barsiise. Baay'eewwanis gara Waaqayyo beekuutti isaan deebise. Cuuphaa Kiristaanummaas isaan cuuphe. Barumsa isaaniitiinis laphee isaanii ni ibseef.» jechuun kaa'eera.

Magaalaan Antsookiyaa kan hundoofte Dhaloota Kiristoos dura naannoo dhuma Jaarraa Sadaffaatti. Bara sanattis bulchiinsa cimaa ykn Qeesaar Room jalatti Magaalota Roomii fi Iskindiriyaatti aantee magaalaa guddoo sadaffaa kan turte yoo ta'u Sooriyaatti garuu magaalaa guddoo turte. Magaalaan kun hardha maqaan ishee irraanfatamaa deemuyyuu Kitaaba Qulqulluu keessatti inumaayyuu kakuu haaraa keessatti Antsookiyaan iddoo guddaa qabdi. Handhuura Kiristaanotaa turte.

«Gargaartota ykn Abbootii 72'n» /Ardaet/ moggaasa jedhuun waamamaa kan turan Kiristaanonnis yeroo jalqabaatiif «Kiristaana» maqaan jedhu kan ba'eef magaalaa Antsookiyaatti. HDB. 11:26. Duuka bu'oonni gara magaalaa kanaatti dhufuun barnoota Afuurawaa sirriitti keessatti babaldhisanii ture. Qulqulluun Phaawuloos keessumattuu hiyyeessota Iyyerusaaleem jiraataniif yeroo gargaarsa walitti qabu kan keessa deddeebi'u turte. Du'a Wareegamaa Qulqullicha Isxifaanoos boodas isa jalatti hunda'aanii kan turan «Waldaa Iyyerusaaleem Kuma Saddeet» Kiristaanonni Iyyerusaaleem irraa godaananii magaalaan itti dheessan Antsookiyaa turte.


Read Also :- Hiikoo Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti


Waa'ee Phaaphaasii Sadaffaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Antsookiyaa kan turee Qulqulluu Aginaatewoos Seenaa ijoollummaa fi haala guddina isaa baldhinaan wanti barreeffame hin jiru. Seenaa Qulqulluu kanaas kan barreeffame baay'inaan qabsuura Wareegamummaa isaati.

Aginaatewoos Ahizaabota Antsookiyaa jiran maraaf Wangeela sirriitti barsiise. Namoonni biyya isaa Xaa'otii Waaqeffachaa turanis gara Waaqayyootti deebi'aani. Iddodhaa iddootti naanna'uun namoota Xaa'otii Waaqeffatan hundatti hanqina isaanii itti hima ture. Kanaanis kan dheekkaman namoonni Xaa'otii Waaqessan tokko tokko bara 110 Dh.K.B gara Mooticha Xaraabiyoos ykn Tiraayaanoositti /bara 98-117 Dh.K.B/ deemanii « Aginaatewoos Xaa'otii ykn Waaqolii kee akka hin Waaqessineef dhorka, namootaanis (Waaqeffattoota Xaa'otii) barsiisee Kiristaanummaa gara fudhachuutti isaan galche.» jechuun isa himatan.

Aginaatewoos garuu qajeeltuu kan taate Amantaa koo Kiristaanummaa hin ganu jechuudhaan, inumaayyuu namoonni Kiristaanummaan cimanii akka dhaabbatan, Warreen Ahizaabotaas gara Amantaa Kiristaanummaatti akka dhufan cimee fi dhama'ee barsiisuu isaa itti fufe.

Mootichis Loltoota isaa ergee gara isaatti akka fidan taasise. Aginaatewoos Antsookiyaa tii gara Roomitti Loltootaan marfamee osoo deemuu, biyyootaa, magaalotaa fi mandaroota keessa darbu hundumaatti Kiristaanota karaatti isaan argu hundumaatti Sagalee Waaqayyoo barsiisuun, amantaa isaaniitiin akka cimanii dhaabbatanii fi Ahizaabotattis Wangeela lallabuun gara Amantaa Kiristaanummaatti akka dhufan ni taasisa ture.

Izmiirn (Smyrna) yeroo gahu Qulqulluu Poolikaarp fi Phaaphaasiin Efeesoon Abuna Oneezimuuz isa simatanii isa keessummeessaniiru. Imaluma isaa kana irra osoo jiruu Xalayaawwan ykn Ergaawwan Torba barreessee Kiristaanota Efessoon, Maagneeziyaa, Tireelis, Filaadalafiyaa, Izmiir fi Kiristaanota Roomiif akkasumas Phaaphaasii Izmiir Qulqulluu Poolikaarpiif dhuunfaatti ergeera. Xalayaa ykn ergaawwan isaa hunda irratti Aginaatewoos waa'ee tokkummaa Mana Kiristaanaa cimsee hubachiiseera. Xalayaawwan ykn Ergaawwan kunneenis hardha Afaanota Sooriyaatti, Armeeniyaatti, Laatiniitti, Afaan Griikiitti akkasumas afaanota kanneen birootti hiikamuun Duuka Bu'ootatti aananii kan ka'aan Kitaabolee Abbootiin Mana Kiristaanaa barreessan waliin iddoo tokkotti walitti qabamanii argamu.


Read Also :- Qulqulleettii Soofiyaa

Qulqulluun Aginaatewoosis Room gahee Mooticha fuulduratti erga dhiyaate booda, Mootichi «Maalif kana taasiste? Waaqoliin Koo's maalif akka hin Waaqeffamne dhorkite?» jedhee Qulqulluu Aginaatewoos gaafate. Qulqulluun Aginaatewoosis «Yaa Mootii! osoo naaf danda'aamee gara Iyyesuus Kiristoositti osoo si'iis si galchee ture» jedheen. Mootichis «Kana dhiisiitii Waaqolii kootiif aarsaa dhiyeessi, yoo didde ammoo gidiraa guddaadhaanin si gidirsa» jedheen.

Qulqulluun Aginaatewoosis «Ana irratti kan barbaadde raawwadhu, ani garuu Waaqolii kee rakasaniif aarsaa hin dhiyeessu, hin sagadu!, gidiraan ati anarraan geessus Ibiddas yoo ta'e, Leencas yoo ta'e hin sodaadhu, jaalala Waaqayyo jiraataa Iyyesuus Kiristoos irraa adda na baasuu hin dandeessu!  » jechuun murtee isaa itti hime.

Dubbii isaa ogummaan dabaalame kanas kan dhaga'e Mootichi ni dheekkame. Garmalees ni aare. Akka isa gidirsaniifis Loltoota isaa ajaje. Isaanis tokko yeroo dhadhabu inni kam biraa itti darbuudhaan itti baay'atanii dabare dabareen isa gidirsan. Harka isaa keessattis ibidda ka'aanii qabduudhaan qabuun isa guban. Cinaachota isaa dibataa fi ibidda itti dabaluun isa guban. Foon isaas ni babbaqaqsan. Inni garuu Amantaa isaatiin cimee dhaabbate. Gidiraa isa irra gaheef jedhee yaada isaa hin jijjiirre, harkas hin kennanne, hundumayyuu obsaan fudhate. Loltoonni isa gidirsaa turan garuu Qulqulluu Aginaatewoos gidirsuun waan isaan dhadhabsiiseef, boqotanii tooftaa ittiin isa gidirsan kan biraa barbaachuuf gadi ta'aanii marii eegalan. Qulqulluu Aginaatewoosis gara Mana Hidhaatti galchan, guyyoota hedduufis achi keessa ture.

Guyyoota hedduu boodas Mana Hidhaatii isa baasanii irra deebiin Mooticha duratti isa dhiyeessan. Mootichis «Yaa Aginaatewoos! Waaqolii koo osoo argitee miidhagina isaanii ni ajaa'ibsiifatta ture, baay'ee sitti bareedu ture» jedheen, Qulqulluun Aginaatewoos garuu homaa itti hin fakkaanne, «Yaa Mootii! Iyyesuus Kiristoositti osoo amantee warreen du'an kan kaastu, warreen dhukkubsatan kan fayyistu si taasisa ture» jechuun deebiseef.

«Aduudhaaf sagaduu caala wanti gaarii ta'e hin jiru » jedhe Mootichi. Qulqulluun Aginaatewoosis «Mootummaan isaa kan hin dhumne Uumaa dhiistee, Aduu uumameef sagaddaa?» jedhee deebiseef. Mootichis «Ofii keetiif waan gaarii jette, garuu namoota Antsookiyaa fi Sooriyaa harkistee gara Kiristoos Waaqeffachuutti isaan galchite» jedheen. Qulqulluun Aginaatewoosis obsi isaa akkuma jiruttidha. Gidiraa fi rakkoon isa irra gahu isa hin injifanne, achiinis «Yaa Mootii! Kantuu kan ta'e Xaa'otii Waaqeffachuu irraa namoota gara Waaqayyo Samii fi Lafa Uume Iyyesuus Kiristoos amanuutti waanan fideef natti dheekkamtaa? Xaa'otiiwwan kee rakasaniifis akkan sagadu fi akkan aarsaa dhiyeessu na ajajjaa? Ani garuu jedha kee fudhadhee Xaa'otiiwwan keetiif hin sagadu, aarsaas hin dhiyeessu!, Waaqa dhugaa Abbaa, Ilmaa fi Afuurawaa Qulqulluutiifan aarsaa dhiyeessa malee! » jedheen.

Mootichis kanaan ol isa obsuu hin dandeenye. Aarii isaa fi miira isaas to'achuu dhadhabe, foon isaa irraas (kan Qulqulluu Aginaatewoos) osoo homaayyuu hin hambisiin, caccabsanii akka isa nyaataniif Leenconni beela'aan lama akka itti gadhiifaman loltoota isaa ajaje.

Read Also :- Barla'aam fi Yewooseef


Qulqulluun Aginaatewoosis Leenconni gara isaatti dhiyaachaa dhufuu isaanii yeroo argetti sagalee isaa olkaasee uummata achi jiraniin akkas jedhe. «Asitti kan walitti qabamtan isin namoonni Roomee jecha koo dhageeffadhaa, baraas! Ani gidiraa kana kanan obse oftuulummaa fi ofjajaaf miti ( oftuulummaa fi ofjajaan miti). Jaalala Gooftaa fi Uumaa koo Iyyesuus Kiristoosiin malee. Ammas Leenconni kunneen akka Qamadiitti akka na daakan lubbuun koo ni hawwite. Lubbuun koo gara Iyyesuus Kiristoositti deemuuf hawwiteerti waan ta'eef

Mootichis jedha isaa dhaga'ee ni ajaa'ibsiifate. Rifaatuunis irra bulee akka jedhe «Obsi Kiristaanotaa hangam baay'ataa? waa'ee Amantaa isaaniitiif gidiraawwan akkasii Ahizaabota irraa dhufu kan obsu eenyudha?». Leenconni sunneenis gara Qulqulluu Aginaatewoositti dhiyaatan. Isas hin tuqxe, naasuudhaan jeeqamanii fuuldura isaa dhaabbatan. Sana booda Leenci inni tokko morma isaa qabe, yeroo sanattis itti tole Lubbuu isaa Uumaa isaa Iyyesuus Kiristoositti kenne. Kadhannaa isaas ni raawwateef.

Leenconni sunneen Foon isaa nyaachuu mitiitii  tuquudhaafiyyuu isaaniif hin danda'aamneef. Dhuma irrattis Kiristaanonni Room kabajaan magaalaadhaa alatti isa awwaalan. Qulqulluun Aginaatewoosis haala kanaan maqaa Iyyesuus Kiristoosiin qabsuura gaariidhaan wareegame. Qabsuurri isaas dhalootaa dhalootatti darbee amantoota akka barsiisuuf qabsuurri isaa ni barreeffame. Guyyaa ayyaana yaadannoo isaa ni murteessan.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u! Eebbi Qulqullicha kanaa nu waliin haa ta'u!

Post a Comment

3 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)