Subscribe To Our YouTube Channel

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge | Seensa /2/ Barreessaan Kitaaba Ergaa gara Ibrootaa eenyudha?

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge

Seensa /2/

Kutaa kanatti osoo hin darbiin dura Seensa /1/ dubbisaa! Akkasumas kutaan itti aanu dafee akka isin bira gahuuf Popup isiniif dhufu irratti Email keessan galchuun Subscribe tuqaa!

Barreessaa Kitaaba Ergaa gara Ibrootaa


Barreessaan Kitaaba kanaa ergaa ykn kitaaba ergaa gara warra Ibrootaa sana irratti hin caqasamne. Kanaafuu barsiisota fi beektota kitaabolee hafuurawaa gidduutti mormiin eenyutu barreessee? jedhu ni ka'a. Jaarraa 2ffaa keessa Lixaa kan ka'ee ture Xarxuulas barreessaan kitaabichaa Barnaabaasidha jedha. Garuu Barnaabaas kan inni barreesse ergaawwan wal bukkee qabuudhaan Hiikoo Ibrootaa fi barreeffamoota kaan gidduutti garaagarummaan guddaan jiraachuu isaa ilaaluun ni danda'aama. Kanaafuu namni tokko barreeffamoota garaagaraa lama barreessuu hin danda'u. Gama biraatiin barreessaa Kitaabichaatiin wal qabatee yaadni ykn ilaalchi Lixa irraa ka'u barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Qaaleminxoos isa Roomidha kan jedhudha. Garuu Jaarraa 4ffaa booda barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloos akka ta'e walii galtee irra gahameera.

Gama warra Bahaatiin garuu durii kaasee barreessaan Kitaaba kanaa Qulqulluu Phaawuloos akka ta'e walii galteedhaan jira. Manneen Kiristaanaa Ortodoksii bahaa keessattuu, Abbootii fi Beektonni Mana Kiristaanaa Gibtsii fi Itoophiyaa amantaadhaan dursanii kan ibsanidha. Barreessaan Seenaa beekamaan Awusaabiyoos akka ibsetti Qulqulluun Qaaleminxoos inni Room barsiisaa isaa Daanteeniyoos caqasee barreessaan erga gara warra Ibrootaa Qulqulluu Phaawuloos ta'uu isaa dubbateera.

Kanaafuu waa'ee eessaa dhufee Kitaaba ergaa gara Ibrootaa irratti yaadota dhiyaatan gabaabsinee kanaa gaditti isiniif dhiyeessineerra

1. Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Phaawuloosidha

Kuni jalqabuma irraa kaasee Manneen Kiristaanaa warra bahaa biratti yaada amanamaa ture dha. Boodarras yaadichi warreen Lixaa birattis fudhatama argateera. Beektotaa fi Abbootii Mana Kiristaanaa yaada kana fudhatan keessaas Qulqulluu Daanteeniwoos, Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee fi Qulqulluun Awugisxiinoos keessatti argamu. Abbootii hedduu biratti yaadni walii galteen irra gahame dursinee Kan ibsinedha.

2. Barreessaan Kitaabichaa Qulqulluu Barnaabaasidha

Beektota ykn Abbootii yaada kana deeggaranii fi kaasan keessaa Xarxulas Weeslar akkasumas Ulmaan keessatti argamu.

3. Qulqulluu Qaaleminxoos isa Room

Kuni dursee warra Lixaa biratti kan turedha yaadni kun jechuudha, boodarra garuu yaada fudhatama dhabedha. Fakkeenyummaafis Leez Muyer fi Iraasumas keessatti argamu. 


Dhiyeessaan yaada kanaa Argeens dha. Yaada kana Eebraabid fi Joon Kaalviin ni qooddatu.

5. Siilaas

Hiikoo gara warra Ibrootaa Siilaas barrresseera namoota jedhan keessaa Roohli Ministar keessatti argamu.

6. Aphooloos

Barreessaan Hiikoo ergaa gara Ibrootaa Aphooloosidha kan jedhan keessatti Lutiyaa fi Amblar keessatti argamu.

Duuka Bu'ichi maalif maqaa isaa hin caqasne?

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos ergaawwan isaa kanneen biroo jalqaba irratti maqaa isaa yeroo caqasu, ergaa kana ykn ergaa gara warra Ibrootaa kana irratti garuu maqaa isaa hin caqasne, maalifi? Mana Kiristaanaa ishee duriitti Duuka Bu'ichi Duuka Bu'aa Ahizaabotaa ta'uun isaa ni beekama. Duuka bu'oonni, Qulqulluu Pheexiroos, Qulqulluu Yohaannis fi Qulqulluu Yaa'iqoob fi Duuka bu'oonni kanneen biroo ammoo Yihuudota gidduutti deddeebi'anii, naanna'anii waan barsiisaniif, waan lallabaniif Duuka Bu'oota Ayihuudotaa ta'uu isaaniitiin beekamu. Duuka Bu'aa Ahizaabotaa ta'uu isaatiin seeraa, aadaa fi bartee Ayihudotaa yeroo of eeggatu hin muldhatu ture. Kana irraa kan ka'es Amantaa Ibrootaa ykn Yihuudotaa irraa gara Kiristaanummaatti namoonni deebi'an isa irratti jibbiinsa qabu turan.Waa'ee kanaas akkas jedhamee barreeffameera «Yaa Obboleessaa! Ayihuud gidduutti Amananii kan turan kuma hedduu akka ta'an ni argitaa? hundi isaaniiyyuu seeraan kan qajeelanidha. Ijoollee isaanii akka dhaqna hin qabne, seeraanis akka hin deemne jettee Ahizaabota gidduutti kan jiran Ayihuudonni hundi Musee akka gananiif akka barsiistu waa'een kee itti himaniiru.»  Kanaafuu ergaan kun kallattiidhaan kan barreeffame namoota Ibrootaatiif /jechuunis Kiristaanota Ibrootaatiif/ ta'uu isaatiin maqaa isaatiin isaaniif osoo barreesseera ta'uu dubbisuu dhiisuu danda'u waan tureef, isaanis fayyaduuf jedhee maqaa isaa hin caqasne.


Kaayyoo Kitaabichi itti Barreeffameef

1. Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos hangamiyyuu Duuka Bu'aa Ahizaabotaa ta'uun isaa beekamuyyuu lammilee isaa akka hin tajaajille seerri fooniis ta'e afuurawaa isa daangessu ykn dhorku hin jiru. Keessattuu lammiilee isaa Ahizaabota gidduutti jiraatan waa'ee jaalala lammiilee isaatiin Kiristoos irraa adda ba'ee inumti matumti isaa kan abaarame akkan ta'e nan kadhadha ture nuun jedha. (Room. 9:3). Kanaafuu Waaqayyo Ibroota akka tajaajiluuf isa hin dhorkine. Garuu addatti Ahizaabota akka tajaajiluuf isa ergeera.

Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cuuphuudhaaf naan hin jenne /1 Qor. 1:17/ akkuma jedhe. Kana jechuunis Qulqulluun Phaawuloos cuuphuu dhorkameera jechuu miti. Akka Waaqa isaatti jaalalli ilma namaaf qabu Uummatas, Ahizaabotas (Ayihuudii fi Ahizaabota) akka tajaajilu dirqama itti ta'eera. Kanaafuu gara Ibrootaatti barbaachisaa ta'ee yeroo itti muldhatetti barreessuudhaaf duubatti hin jenne. Inumaayyuu namoota kaanirraa caalaatti Seera Musee fi sirna Ayihuudotaa kan ilaallateen inaafaa ture waan ta'eef.

2. Bifa Sirrii Mana Kiristaaanaa ishee durii yeroo hubannu, kaayyoo ergichi itti barreeffameef ni hubanna. Duuka Bu'ootaa fi Ayihuudonni amanan guyyaa guyyaadhaan Mana Kiristaaanaatti walitti qabamuun Waaqayyo Waaqessaa Abdii Ayihuudiif kennamee fi seera isaa hordofu ture. Ta'us garuu Abdiin Afuurawaa haaraan Iyyesuus Kiristoosiin kan taasifamedha. Ayihuudota deebi'an keessaa baay'eewwan isaanii ofii isaan bartee fi aadaa Ayihudootaa irraa of gadhisiisuun isaan rakkisee ture.  Qulqulleettiin Manni Kiristaaanaa dursummaa Kiristoosiin Uummataa fi Ahizaabota tokko taasistee gaaddisa koochoowwan isheetti qabachuu ishee ni mormu ture. Ayihuudonnis, Ahizaabonnis yoo ta'aan Kiristoosiin tokkodha. «Wangeelatti hin leeyya'u, dursee Ayihuudaawwiif akkasumas nama Giriikiif, kan amanan hundaaf humni Waaqayyoo fayyisuufi waan ta'eef» jedhamee barreeffameera. Ibr. 1:16. tajaajilaa mana namaas yoo ta'e, Gooftaas (hojjettoota of jalatti qacaree kan hojjachiisu) yoo ta'e, dhiiras yoo ta'e, dubaras yoo taate garaagarummaa hin qabu. Kanaafuu yeroowwan dhiphinaa Mana Kiristaaanaatti Gubaa'een Ayihuud Kiristaanota Ibraawwiiwwan kuffisuuf, iddoo Qulqulluutiis yeroo isaa ari'an namoonni amantaan hin bilchaanne ni miidhamu. Kiristoosiif jedhanii saba Waaqayyoo irraa mataa isaanii akka adda baasan yaaduu danda'u, kunis isaan biratti cabiinsa suphamuu hin dandeenye ture. Kan ari'amanis Mana Qulqullummaa mataa isaanii keessaatti. Kanaafuu Duuka bu'ichi ergaa kana kan barreesseef wanta dhaban caalaa Abdiin akka isaan eeggatudha. «Nuuf» jechi jedhu iddoo baay'eetti irra deddeebi'ameera. 


Addunyaa kana irratti kan dhaabbame fakkeenya Mana Qulqullummaa Samii kan ta'e bakka Mana Qulqullummaa, Abdii isaaniif eegame itti agarsiise. Hangafoota Lubootaa Ayihuud keessaa gara Hangafa Lubootaa Samii gara Kiristoositti darbuu isaaniis ni ibseef. Lamummaan isaaniis Ayihuudaawwii osoo hin taane miseensa Mana Kiristaaanaa ishee 
Samii fi ijoollummaa Afuurawaa akkasumas lamummaa isa Samii irraa kan qaban ta'uu isaanii barreesseef.

Yaaduu kan qabanis warri Foonawaa kan keessa jiran Iyyerusaaleem ishee lafarraa osoo hin taane, injifattoonni tokkummaan kan keessa jiraatan, Taaboti Door kan gidduu isaaniitti kan argamtu Iyyerusaaleem ishee Samii akka ta'e amanamuun barreesseefiira. Kaayyoon Kitaaba kanaa Kiristaanummaan Amantaa Waaqayyo waliin tokkummaa uumuu dha malee, Amantaa gargar ba'iinsaa ta'uu dhiisuu isaa, Waaqayyo waliin tokkummaa Kiristaana uumu yaada Foonii isa lafa irraa garbummaa kanarraa bilisa ba'uun akka irraa eegamu kan barsiistu ta'uu ishee ergaa isaatiin agarsiisuudha. Kana taasisuu jechuunis Iyyerusaaleem ishee lafarraa dhabuun gara Iyyerusaaleem ishee Samiitti hawwuu fida. Magaalaan kun injifattoonni Samii magaalaa keessa ta'aanidha.

3. Manni Qulqullummaa Ayihuud waan badeef (waan gubateef), sirni fi barteen Ayihuud Amantaa karaa Kiristoos jiruun waan bakka bu'eef aarsaan isaas, Lubummaan isaas waan shaarameef Iyyerusaaleemitti Lubummaan Leewwii raawwateera, ittti fufiinsa hin qabaatu. Duuka bu'ichi Mana Qulqullummaa dhugaa Kiristaanotaa ibseera, aarsaa ta'uu Kiristoosiin kan hundeeffame Lubummaa haaraa beeksiseera.

Amala Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaa

Ergaan kun amaloota Kitaabolee Kakuu Haaraa kaanirraa adda isa taasisu qaba. Kunis barnoonni isaa fi odeeffannoowwawwan isaa Ayihuudotaaf beekamoo kan ta'aaniifi kan baraman Kitaabolee Kakuu Moofaa wabii taasifachuu isaati. Odeeffannoowwan kunneen hawaasa Ayihuudotaa biratti Kitaabolee baramanidha. Keessa isaatti Fannoo irratti foon muramee fi dhiiga dhangala'een kan fakkaatuun kan raawwatamaa ture sirni akka jiru ni hubachiisa.


1. Qulqulluun Phaawuloos Afuura Qulqulluun hubatee iccitii garmalee ajaa'iba ta'een Galatoo Samii kan ta'e isaaniif beeksiseera. Kaayyoon isaa Ayihuudonni Kiristaanummaa fudhataan gara Amanaatti, gara iccitii dhugaatti akka dhiyaatan dandeessisuudha. Kan ala jiru tajaajila biraa dhiisee innis gara Kiristoositti deebi'uudha. Ergaan kun walii galtee ajaa'ibaa Kakuuwwan lamaanii agarsiisa.

2. Duuka Bu'ichi Ayihuudota biratti bartee ta'aanii kan jiran sirnoota akka dhaqna qabaa, namoota Galaatiyaa fi Qolasiyaasiif ergaa barreesseen akkuma ibse, dhimmoota dhuunfaa kanneen jechuunis namni yoo barbaade fudhachuu ykn dhiisuu kan danda'udha jedha.

Ta'us garuu ergaa isaa kana irratti mata duree hawaasa hunda kan hirmaachisu kaasuun sirriitti tarreessa. Waa'ee Mana Qulqullummaa cufamee ni kaasa. Ayihuudonni fedhii isaanii malee waa'ee kabaja Ayihuudummaa dhabanii ni haasa'a.

3. Duuka Bu'ichi boqonnaawwan xumuraa ergaa isaa akkuma ergaawwan kaan irratti taasisu ajajamuu hojiidhaanii irratti xiyyeeffata, fknf; ajajamuu Jaalalaa irratti xiyyeeffata. Yeroo wal fakkaataati dubbii isaa, ergaa guduunfaa ergaa isaa gara Kiristaanummaa hojii irratti hundaa'eetti akka xiyyeeffatu taasiseera. Kanaafuu Doogmaawwan keenya Amantaa gara jireenya Kiristaanummaa hojiidhaaniitti akka xiyyeeffatan ni gorsa. Namoonni wanta jechaan hubatan irratti akka rarra'aan osoo hin taane, keessawaa kan ta'e miira gadi fagoo hojiiwwan Afuurawaa isaanii akka taasisan, amala isaaniitiin wanta gaarii ta'e akka qabatan, Kiristoosiinis uumamtoota haaraa akka ta'aan ni gorsa. 

4. Ergichi ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kaan irraa addadha. Ergaa kana irratti Manni Kiristaanaa barreeffame:- qaama Kiristoos ta'uu ishee, Gooftaan mataa ishee waan ta'eef ykn sababa ilma isaatiin Abbaa waliin waan jirruuf tokkummaa fi k.k.f. dha. Afuura Qulqulluun waan ibsamtuuf tokkummaa Kiristaanotaas ni dubbata yookaanis ammoo waa'ee gidiraa Kiristoos waliin qooddannu fi kabaja argannuu ni seenessa. 

Dabalataanis mata duree adda ta'e innis Ayihuudota Kiristaanummaa fudhataniin sirna Mana Qulqullummaa isaanii fi aarsaa isaanii irraa adda ba'uu isaanii ni haasa'a. Akkasumas Lubummaa bara baraa Kiristoos irratti ni xiyyeeffata. Sababa tokkummaa isa waliin qabnuutiin Mana Qulqullummaa isa Samii innis kan harkaan hin ijaaramne kan ta'etti akkamitti gahuu akka dandeenyu ni hubachiisa.

Qabiyyee fi Qoqqoodama Ergichaa

Kiristoos Iyyesuus gooftaa keenyaan kennaawwan Afuurawaa arganne ni tarreessa. Tajaajila Lubummaa Kakuu Haaraa Ayihuudonni bara Kakuu Moofaa keessatti tajaajila wal fakkaataa fudhatan waliin wal madaalchisa. Ergaan kunis qabxiiwwan armaan gadii kana ni hubachiisa;

1. Kiristoos fi Raajota - Boq. 1:1-3
2. Kiristoos fi Ergamoota - Boq. 1:4-14
3. Kiristoos fi Musee - Boq. 3
4. Kiristoos fi Iyyaasuu - Boq. 4
5. Kiristoos fi Aaroon - Boq. 5
6. Waa'ee Amantaa - Boq. 6
7. Kiristoos fi Malke-tsedeq - Boq. 7
8. Waa'ee Hangafa Lubootaa Samii Kiristoos - Boq. 8
9. Tajaajila Samii - Boq. 9
10. Gara Qulqulleettii Qulqullootaa Samiitti galuu - Boq. 10
11. Amantii - Boq. 11
12. Qabsuura - Boq. 12
13. Ajajoota Guduunfaa - Boq. 13

Boqonnaan tokko itti fufa!

Kadhannaa keessaniin nu yaadadhaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Adaraa dubbisaa! hiriyoota keessaniif Qoodaa!

Post a Comment

0 Comments