Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulluu Maatewoos | Duuka Bu'aa, Wangeelaawwiin Qulqulluun Maatewoos eenyudha? Wangeela Maatewoos

Duuka Bu'aa Qulqulluu Maatewoos

Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti Abbaan Qulqulluu Maatewoos Diquu, haati isaa ammoo Kiruutisiyaa jedhamu. Wangeela Maarqoos irratti garuu maqaan Abbaa isaa Ilfiyoos jedhamee waamameera ykn barreeffameera. Marq. 2:14. Kunis maqaa biraa Diquuti jechuudha.

Ibsa suuraa :- Duuka bu'aa fi Wangeelaawwii Qulqulluu Maatewoos

Maqaan Qulqulluu Maatewoos jalqabaa Leewwii yoo ta'u, maqaa Maatewoos jedhu kan baaseef Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha, hiikni isaas «Kan filatame» jechuudha. Tarree Duuka Bu'ootaa keessatti Wangeela isaa ykn Wangeela Maatewoos fi Hojii Duuka Bu'ootaa keessatti tarree lakkoofsaa 8ffaa irratti, akkasumas Wangeela Maarqoos fi Wangeela Luqaas irratti ammoo tarree lakkoofsaa 7ffaa irratti ka'aameera ykn barreeffameera.

Qulqulluun Maatewoos hojiin isaa jalqabaa Qaraxxuu ykn Gibira sassaabuu yoo ta'u bakki inni itti hojjechaa tures galaana Galiilaa qarqaratti kan argamtu Magaalaa Qifrinnaahoomitti ture. Daandii guddaa Gabaa Qifrinnaahoomii gara galaana Galiilaatti geessu qarqara suuqii banee daldaltoota Gibira kaffalchiisa ture. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo naannoo sanatti barsiisu gara iddoo hojii isaatti siqee «Na duuka bu'i» jedheen. Qulqulluun Maatewoosis hiyyeessota tolaan kan nyaachisu, dhukkubsattoota tolaan kan fayyisu yeroo argatu ajaa'ibsiifatamee hojii isaa hunda dhiisee Gooftaa duuka bu'e.

Abbootiin keenya Qulqulluun Maatewoos Duuka bu'aa dhaabbiitti Tazkaara isaa baasee Gooftaa keenya Duuka bu'e jedhuun. Sababni isaas Duuka bu'ummaaf yeroo filatametti Mana isaatti nyaata qopheessee ykn daggasee Gooftaa affeereera waan ta'eefidha. Maat. 9:10-13.

Duuka bu'ichi Qulqulluun Maatewoos Filisxeemitti, Faarsitti, Baabiloonitti, Itoophiyaatti fi naannoo Arabiyaatti akka lallabe ykn barsiise ni himama. Beektonni Bahaa fi Lixaa baay'een isaanii inumaayyuu ilaalcha Qulqulluun Maatewoos Itoophiyaatti Wareegamummaan boqote jedhu qabu. 


Ilaalchi kun garuu dhugaa ta'uu dhiisuu ykn soba ta'uu isaatiif;

1. Itoophiyaatti Tiwuufiitiin ykn sirni barreeffamaa ykn wanti waa'ee kanaa barreeffame hin argamne ykn argamuu dhabuu isaa
2. Ekeraa ykn Atsimiin Minilik 1ffaa fi Mootittii Saabaa yeroo argamu, kan Qulqulluu Maatewoos garuu argamuu dhabuun isa ragaalee gurguddoo ni ta'u.

Inumaayyuu Seenaa Mana Kiristaanaa irratti akka ibsamutti Itoophiyaatti Wangeela dursanii kan lallaban Ayyaana guyyaa shantammaffaa kabajuuf gara Iyyerusaaleemitti deemanii yeroo turetti Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin kan amanan namoota 3000 keessa kan turan Itoophiyaanotaan (Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqeen Kitaaba ykn barreeffama isaa irratti akka ibsetti), itti aansees Jaandarabaa Itoophiyaa Baakoosiini.

Gara Itoophiyaatti dhufuun Qulqulluu Maatewoos isaan kana booda. Biyyoota birootti Kiristaanummaa dursanii kan fudhatan hiyyeessotaa fi namoota sadarkaa gadii (low class) irra jiran yoo ta'aan, Itoophiyaatti garuu dursee raajii Kakuu Moofaatti ture ni beekus, ni eegus waan tureef, Kiristaanummaan dursee kan lallabame naannoo Moototaatti (upper class) dha. Jaandarabaan Itoophiyaas ajajaa ykn to'ataa maallaqaa Mootittii Hindaakee ta'uun isaatiin inni kan fudhate amantii isaa dhiitee Maatewoos Wareegamummaaf geessisuu hin danda'u. Inumaayyuu Itoophiyaanota Saba Kiristaanaa Addunyaa kaanirraa kan adda isa taasisu dhiigni Duuka bu'aa tokkoyyuu osoo keessatti hin dhangala'iin amanuu isaaniiti.

Qulqulluun Maatewoos Itoophiyaatti Wangeela barsiiseera. Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa Ruufiyaanoos kana dhugoomseera. Beektonni biyya keenyaas kan barsiise naannoo Lixa Tigiraay iddoo Adwaa jedhamu  maqaan isaa addaa Naa'itseer iddoo jedhamutti ta'uu ni barsiisu. Kitaabni Sinkisaaraa Afaan Arabiffaan barreeffame tokko fuula 76 irratti Wangeelaawwiin Qulqulluun Maatewoos Tigiraayitti akka lallabe ni ibsa.

Beektonni Mana Kiristaanaa kanaaf ragaan isaan dhiyeessan kan biraa Wangeela Maatewoosidha. Qulqulluun Maatewoos Wangeelaawwiin kaan irraa adda bahee Seenaa Sabi'aa Saggal ykn namoota ogeeyyii kan barreesse biyyoota kanatti barreessuu isaatiini. 

«Mootonni Xarsees fi Eddoolotaa kennaa ni fidu, Mootonni Arabaa fi Saabaa kennaa ni fidu» Faaruu 71(72):10.

Xarsees fi Eddoolota - Faars fi Baabiloon
Arabaa fi Saabaa - Yamanii fi Itoophiyaa dha.

Bara durii irraa kaasee kutaan ykn biyyi Itoophiyaa irraa gara bahaatti jiru hanga Hindiitti Baha jedhamee waamama. Maatewoos Wangeela isaa irratti «Baha irraa kan dhufan» kan jedhe kanumaafi.

Qabsuurri Duuka Bu'ootaa Qulqulluun Maatewoos Giriikiitti (iddoo Xaa'otiin Aphooloon jedhamu itti Waaqeffamaa ture) akka barsiise ni dubbata. Dhuma irratti garuu Filisxeemitti yeroo barsiisu barumsa Ayihuudotaa fi Ahizaabotaa yeroo mormu, dhukkubsattoota yeroo fayyisu, hafuurota hamoo yeroo baasu arguu isaatiin namoonni biyya sanaa gara Mana hidhaatti isa darbatan.


Qulqulluun Maatewoosis Mana hidhaa keessa osoo jiruu namni akkuma isaa hidhamee jiru tokko itti dhufe ykn wal argan. Namichi hidhame kunis yeroo hunda gadda baay'isa. Duuka Bu'ichi Qulqulluun Maatewoosis guyyaa tokko itti siqee isa jajjabeessee, maalif akka gaddus isa gaafate. «Gooftaan koo Sooressadha! Anis Doonii isaatiin deddeebi'een isaaf daldala ture. Tibba darbe garuu yeroon daldalaa deebi'u naaf hin taane, dambaliin ka'ee Dooniin koo meeshaalee ishee waliin ni dhidhimte, qarshii koos galaanni ni nyaate. Anis rakkoo meeqaan hafeen ykn ooleen  dhufe Gooftaa kootti wanta ta'e hunda ittin hime, inni garuu rakkoo narra gaheen naaf gadduu dhiisee, hafuu kootiin gammaduu dhiisee Doonii isaa anaan dhidhimuu isheetiin aaree Mana hidhaatiif na saaxile» jedheen.

Qulqulluun Maatewoosis «Hin gaddiin guyyoota muraasa booda si gadhiisa» jechuudhaan wanta eenyuyyuu itti himee hin beekne, innis wanta gonkumayyuu yaadee hin beekne itti dubbate. «Gooftaan kee si adabuu ni dhufa, yeroo kanatti 'maaloo Dooniin kee Galaana keessaa baheera waan ta'eef siin fida' jedhiin gara Galaanichaatti yeroo buutu Doonii kee ni argatta» jechuudhaan isa tasgabbeesse.

Wanti Qulqulluun Maatewoos itti dubbate hin hafnee guyyoota muraasa booda Sooressi sun isa adabuuf tajaajilaa isaa waame. Innis akka obsuufi akka yeroo kennuuf kadhate. Tajaajilichis gara Galaanaatti bu'e. Dooniin sun Galaana irra meeshaalee ishee hunda waliin deemaa jirti. Innis oofaa dhufee Sooressicha sanaaf wanta daldale hunda kenneef. Sooressi sunis wanta ta'e hunda akka itti himuuf tajaajilaa sana gaafate. Tajaajilaan sunis «Duuka Bu'aa Gooftaa Iyyesuus Kiristoos kan ta'e Maatewoos Doonii koo akkamitti akkan argadhu natti hime, akkuma inni naan jedhettis nan argadhe.» jechuun deebiseef. «Ofii inni eessatti argama?» jedhe gaafate Sooressichi «Mana hidhaa sana keessatti Wangeela Lallabaa jira» jedheen tajaajilichi.

Sooressi sunis Maatewoos waamsisee Kiristaanummaa barachuun amanee cuuphame. Maatiin isaas isa hordofan. Oduun sunis guutummaa Magalittiitti wal gahe. Aanga'oonni kana dhaga'aanis Maatewoos mootichatti himatan. Mootichis aanga'oota sanaan dursamee Maatewoos irratti du'a murteesse. Onkoloolessaa 12 mormi isaa Sayifiin muramee boqote. Sooressi sunis dhoksaadhaan fuudhee isa awwaale.


Wangeela Maatewoos

Barreessaan Wangeela Maateewoos Duuka Bu'aa Qulqullicha Maatewoosidha, Wangeelicha kan 
barreesses Yihudotaaf akka ta'e beekamaadha. Sababni isaas caqasoota hedduu hanga caqasoota 100 
olii Kakuu Moofaa keessaa caqaseera. Wangeelichas kan barreesse afaan Ibraayisxiin yoo ta'u, haalli 
barreeffama isaas sirna, seera Yihudotaa irratti kan hundaa'edha. Kana kan godheefis Yihuudonni sababa barbaaddota ta'uu isaanii waan beekuufi. Seera isaanii eegee barreessine osoo ta'ee seera keenya 
cabse Wangeela isaa hin fudhannu jedhu waan ta'eef.

Wangeelli Maateewoos kunis iddoowwan gurguddoo jaha /6/ tti qoodamee qo'atama. Isaanis;

1. Waa'ee dhalachuu, cuuphamuu fi qoramuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos. (Boqonnaa 1-4)

2. Lallabaa tulluu irraa /የተራራው ላይ ስብከት/ (Boqonnaa 5-7)

3. Waa'ee humna hojii isaa (Boqonnaa 8-12)

4. Duuka Bu'oota barsiisuu isaa (Boqonnaa 13-20)

5. Jibbamuu fi ajjeefamuu isaa (Boqonnaa 21-27)

6. Du'aa ka'uu isaa (Boqonnaa 28)


Gama biraatiin Wangeelli Maatewoos boqonnaa 28 kan qabu yoo ta'u baay'ina boqonnaalee isaatiin 
Wangeelota kaan yoo caalu, baay'ina lakkoofsota isaatiin ammoo Wangeela Luqaasitti aanee 
lakkoofsota 1068 qabachuun lammaffaadha. Wangeelli Maateewoos kan barreeffame naannoo bara 58 
B.A Wangeela Maarqoositti aanuni.

Sababni Wangeelli Maatewoos osoo Wangeela Maarqoos booda barreeffamee jiru jalqaba irra taa'eef 
qabiyyee isaatiin, kunis Caqasoota Kakuu Moofaa 150 ol waan caqasee fi hidda dhaloota gooftaan 
waan sirriitti barreesseefi kanaanis «Riqicha Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa» jedhamuun ni beekama. 
Wangeelli Maatewoos barnoota ykn barumsa gooftaa baay'inaan dhiyeessuun Wangeelota kaan ni 
caala. Kunis walii gala lakkoofsotaa 1068 keessaa 644 kan ta'anidha, Dhibbantaa 60 ykn 60% jechuu 
dha. Akkasumas Caqasoota Kakuu Moofaa baay'inaan caqasuun Wangeelota kaan ni caala, Gooftaan 
keenya Iyyesuus Kiristoos dursa raajotaan kan dubbatameef Maasihii ta'uu isaa hubachiisuufis seenaa 
tokko erga barreesseen booda «Kanaanis ..... jedhamee kan dubbatame (raajiidhaan kan barreeffame) 
ni raawwate, akka raawwatuuf» jechuun ragaa baha.

Qulqulluun Maatewoos Duuka Bu'aa Tiwufiitii baay'inaan fayyadamedha. Waa'ee afaan Qulqullichi 
Maatewoos Wangeela isaa ittiin barreessee irratti yaadonni garaa garaa sadi ni jiru; Isaanis;

1. Ibraayisxii dhaan :-

 Beektota Mana Kiristaanaa dabalatee hayyoonni hedduun kan irratti walii galan 
Qulqulluun Maateewoos Wangeela isaa afaan Ibraayisxiin barreesse yaada jedhudha. Garaa hanga 
ammaatti Waraabbiin isaa hangafni (original copy) hin argamne.

2. Aramaayikii dhaan :-

 Paapiyaas abbaan jedhamu jaarraa lammaffaa keessa akka ibsetti Qulqulluun 
Maatewoos dursee Barnoota ykn barumsoota gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos afaan Aramaayikiin 
Loojiyaa (Logia) kitaaba jedhamu irratti walitti qabee ture. Boodas Wangeela isaa yeroo barreessu 
barumsoota gooftaa kan gara galche kitaaba kana irraadha. Aramaayikiinis loqoda (dialect) Ibraayisxii 
keessaa tokko yoo ta'u,
naannoo jaarraa tokkoffaatti Baha Giddu galeessaa /keessattuu dachee Filisxeemitti/ afaan hojii ykn 
afaan hangafaa ture (lingua franca). Gooftaanis Wangeela kan lallabe afaan Aramaayikiin ta'uu isaatiin 
Maatewoos jecha bu'uura ka'umsaa Wangeelichaa afaan kanaan barreesseera. Wangeela isaa keessatti 
garuu jechoota garmalee xiqqoo ta'an jechuunis /Elohee Elohee Laamaa Sabaqtaanii. Maat. 27:46/ qofa fayyadamuun isaan ala jechootni Aramaayikii hiikamuun dhiyaataniiru malee haalli barreeffama isaa 
Aramaayikii hin hordofne.

3. Giriikii dhaan :- 

Kitaabolee ykn waraabbiiwwan durii hedduun isaanii afaan Giriikiin waan 
argamaniif, afaan Giriikiin barreeffame yaadni jedhu jira. Abbootiin warreen durii (apologists) 
Wangeela Maatewoos yeroo caqasan, kan fayyadamanis isa Girikiiti. Bu'uura Tiwufiitii Mana 
Kiristaanaatiin garuu Wangeela Maatewoos gara afaan Giriikiitti kan hiike Qulqulluu Yohaannis 
Wangeelaawwidha.

Akkasumas Qulqulluun Maatewoos Wangeela isaa kan barreesse dachee Yihudaa taa'ee akka ta'e ni 
himama.

Xumura irratti Qulqulluu Maatewoos sababni Wangeela kana barreesseef ykn kaayyoon Wangeelli 
Maatewoos barreeffameef gurguddoon;

1. Lakkoofsa ykn jaarraa, baroota dubbachuuf.

2. Iyyesuus Kiristoosii sanyii dhiiraan dhalate jedhaniinii turan waan ta'eef, sanyii dhiiraa malee 
Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Afuura Qulqulluun dhalachuu isaa barsiisuuf.

3. Yohaannis Cuuphaan gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ni caala jedhanii turan waan ta'eef, 
Gooftaan keenya akka caalu, Yohaannis ammoo gooftaadhaa gadi akka ta'e, "hidhaa kophee miila isaa 
illee hiikuun naaf hin ta'u" kan jedhe ibsuuf.

4. Gooftaa keenyaan Bi'eel Zebuuliidhaan Seexana baasa jedhaniinii turan waan ta'eef, Afuura 
Waaqayyootiin Seexana baasa kan jedhu ibsuuf.

5. Gooftaa keenyaan Raajota keessaa tokko dha jedhuun ture, Waaqa Raajotaa akka ta'e ibsuufi k.k.f

Eebbi Qulqulluu Maatewoos nurra haa bulu!

Hub:- Barreeffamni kun edit waan ta'uuf yeroo biraa deebi'aa dubbisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)