Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii: Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwii eenyudha? «Nagaa ta'aa! ani gara Gooftaa kootti deebi'uu kooti waan ta'eef»

Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii

Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin eenyudha?


Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Yohaannis jedhuun kan waamaman Qulqulloonni sadi jiru. Isaanis;

1. Qulqulluu Yohaannis isa Cuuphaa
2. Qulqulluu Maarqoos Wangeelaawwii:- Qulqulluun Maarqoos Wangeelaawwiin Yohaannis jedhamuunis ni beekama 
3. Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii

Duuka bu'ichi Qulqulluun Yohaannis Duuka bu'aa maqaawwan hedduu qabudha. Maqaawwan isaa keessaas;

1. Fiqura Igzi'i (Gooftaa isa kan jaallatu) 

Qulqulluun Yohaannis jireenya isaa hunda keessatti Gooftaa fakkaachuuf ni dhama'a waan tureef gooftaan isa jaallata ture. Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti akka dubbatamuttis gaaf tokko gooftaan keenya hidhaa isaa hiikee yeroo kaa'u kaasee hidhachuu isaatiin fedhii Foonii hundi ni badeefii jireenyi isaa akka ergamootaa ta'eefiira.


2. Ilma Zabdewoos 

Quxisuu Yaa'iqoob waan ta'eefi Abbaan isaa Zabdewoos waan jedhamuuf «Yohaannis ilma Zabdewoos» jedhamee waamama.

3. Ilma Qaqawweessaa (Wolde Negodguad)

Inaaffaan cimaa gooftaan keenyaafi qabuun fi obboleessa isaa waliin ta'uun hojii cimaa agarsiisaniin gooftaan keenya ilmaan Qaqawweessaa ykn Boo'eeneergees jedheeniira. Marq. 3:17, Luq. 9:49-54. Dabalataanis gadi fageenya barumsa isaatiin, humnaafi Waaqummaa Iyyesuus Kiristoos ibsuu isaatiin ilma Qaqawweessaa jedhameera.

4. Nebabe Melekoot (Taa'oogooloos)

Dubbii Waaqummaa warreen kaanirraa caalaatti baldhisee barsiisuu isaatiin Nebabe Melekoot jedhameera.

5. Abuqalamsiis 

Jechi kun jecha Giriikii irraa kan dhufe yoo ta'u «Abbaa Mul'ataa» jechuudha. Kanneen darbanii fi kan fuulduratti dhufu raajii ykn mul'ata isaatiin waan ibseef «Yohaannis Abuqalamsiis» jedhameera. 

6. Fuula hidhamaa (ቅጽረ ገጽ)

Guyyaa jimaataatti Fannoo Gooftaa jalatti argamee gidiraa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo arguu isaatiin guyyaa sana irraa eegalee fuulli isaa gaddaan hidhamee jiraata ture waan ta'eef maqaan kun kennameefiira.

Qulqulluun Yohaannis biyyi isaa naannoo Galiilaadha. Obboleessa isaa Qulqulluu Yaa'iqoobiifi Abbaa isaa Zabdewoos waliin Qurxummii kiyyeessaa jiraatu ture. Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaaanaatti haati isaa Maariyaam akka jedhamtuufi Qulqulloota Dubartoota 36'n keessaa tokko akka turte ni himama. Maat. 27:56.

Qulqulluun Yohaannis yeroo gidiraatti gooftaatti osoo hin baqatiin hanga Fannoo irratti gooftaan fannifamutti Duuka Gooftaa duuka bu'edha. Inumaayyuu guyyaa Jimaataa sanatti gidiraa gooftaa arge sana yaadachaa umurii isaa hafetti jireenya isaa kan raawwate imimmaaniini. Kan waamame umurii isaa ijoollummaatti yoo ta'u, dachee kanarra naannoo waggoota 99 tiif jiraateera.

Qulqulluu Yohaannis fi Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Duuka bu'ichi Qulqulluun Yohaannis Gooftaa hanga Fannootti Duuka bu'uu isaatiin Kiristaanota bakka bu'ee haadhummaa ykn Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka haadhaatti fudhateera. Yoh. 19:25-27. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Yohaannis waliin waggoota 15'f jiraattee bara 49 tti boqotteerti. Sana boodas guyyaa sadaffaatti akka ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti kaatee ol baateerti. Qulqulluun Yohaannisis fagaatee kan hin deemneefis adaraa ishee eeguu waan qabuuf ture. 


Qulqulluu Yohaannis fi Si'ilii Gooftaa

Fakkii Qulqulla'aa ykn Si'ilii Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif madda kan ta'aan keessaa tokko Qulqulluu Yohaannisidha. Bara gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fannifametti Mootiin Roomee ture Xibaariyoos Qeesaar (Bara 14-37 Dh.K.B) ilmi isaa dhukkubsataa waan tureef, hojii fayyisuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dhaga'aa xalayaa Philaaxoos fa'a barreessaafii turan ilaalaa, «Awwaala nama eebbifamaa sanaa bira ilma koo geessee eenyutu naaf fayyisa» jedhee hawwa ture. Dhuma irrattis ilma isaa geessanii awwaala Gooftaa irratti yeroo ka'an dhukkuba isaa irraatti waan fayyeef jaalala gooftaaf qabu ibsuuf nama Si'ilii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kaasuuf yeroo barbaadu Qulqulluu Yohaannis arge, Qulqulluun Yohaannisis Si'ilii Gooftaa keenya gidiraa gaafa Jimaataa ture fakkeessee kaasee kenneef.

Yohaannis Wangeelaawwiin Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga boqotte booda gara Isiyaa xiqqootti deemee barsiiseera. Teessoo ykn Manbarii isaa Efeesoon taasifatee, keessattuu bara sana daandii Awuroppaa irraa gara Baha Giddu galeessaatti geessu qarqaratti magaalota hundeeffaman keessa naanna'ee Manneen Kiristaaanaa dhaabsisuun, Phaaphaasota muuduun ifa Wangeelaa isaaniif ibseera.

Dhuma irrattis hammeenya isaatiin kan beekamu bara Mooticha Dimixiyaanoos (Bara 81-96 Dh.K.B) Wangeela barsiisuu isaatiin Waaqessitoota Xaa'otiidhaan himatamee Mana Murtiitti erga dhiyaate booda bishaan ho'aadhaan gidirfamee, Eddoola Fixmootti hidhaan itti murteeffame. Mul'ata isaa kan argee fi kan barreesse iddoo sanattidha. Qulqulluun Yohaannis bara 96 tti Dimixiyaanoos yeroo ajjeefamu hidhaa isaa irraa deebi'ee ergaawwan isaa sadanii fi Wangeela isaa akka barreesse ni himama.

Qulqulluun Yohaannis Duuka bu'oota hunda caalaa umurii dheeraa ykn naannoo waggaa 99 dachee irra Duuka bu'aa jiraatedha. Duuka bu'oota keessaa dursee kan boqote obboleessa isaa Qulqulluu Yaa'iqoob yoo ta'u, Duuka Bu'oota keessaa dhuma irratti Dachee kana irraa kan adda bahe obboleessa Qulqulluu Yaa'iqoob kan ta'e Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwiidha. 

Dursee gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos bu'uura waadaa Qulqulluu Yohaannisiif galeen (Yoh. 21:22) Yohaannis du'a hin argine. Ta'us garuu akka Eliyaas fi Heenookitti du'a osoo hin argiin Waaqayyo gara dachee jiraattotaatti isa geesseera.

Qulqulluu Yohaannis fi Shiftaa rakkisaa sana

Guyyaa tokko Qulqulluun Yohaannis magaalaa Efeesoonii ka'ee Kiristaanota barsiisuuf yeroo naanna'u gara magaalaa guddaa tokkootti seene. Magaalaa sanatti kan argamtu Amantoonni Mana Kiristaanaa sanaa, waa'ee dargaggeessa umurii naannoo waggaa kudhanii keessa jiruufi maqaan isaas Giils jedhamuu itti himan. Abbaa fi haati Giils du'aniiru. Ta'us garuu amala isaatiin, amantii isaatiin, cimina isaatiin Kiristaanonni hundi isa jaallatu ture waan ta'eef kan isa kunuunsu, kan isa barsiisu yoo dhabe baduu danda'a jedhanii waan sodaataniif dubbicha Qulqulluu Yohaannisitti himan.

Qulqulluun Yohaannis kana yeroo dhaga'u dargaggeessicha Giils gara Phaaphaasii magaalittiitti geessee «Akka mucaa keetti isa kunuunsi, Kiristaana dhugaa isa taasisiitii guddisi!» jedhee kenneef. Phaaphaasiin magaalittiis gara laafessa waan turaniif Giils gammachuudhaan fudhatanii jecha Qulqulluu Yohaannisis eeguudhaaf waadaa seenaniif.

Dhugumayyuu Phaaphaasiin magaalittii Giils kunuunsuu jalqaban. Yeroo hunda isa barsiisu, nyaataafis kan dhiyaatu isaan waliini. Dhuma irrattis Giils Amantoonni naannoo sanaa iddoo itti walitti qabamanitti ni cuuphame. 

Yeroo kana booda garuu wantoonni garaa garaa jijjiiramuu jalqaban. Abbaan ykn Phaaphaasiin sunis hojiin garmalee waan itti baay'ateef akkasumas Giils maalis ta'u kanarra cuuphameera jechuudhaan akka duraatti isa to'achuu fi isa barsiisuu dhiisan. Giilsis jaalala Abbaa isa bare sana dhabuu isaatiin ykn yeroo dhabu gara magaalaatti bahee hiriyoota isaa waliin walitti siquu jalqabe. Hiriyoonni isaa gaarii hin turre, kan dhugan, qumaara kan taphatan fi kan namaan lolan ykn kan nama reeban turan.

Gaaf tokko galgala mana dhugaatii tokko keessatti Giils fi hiriyoonni isaa dhugaa bulan. Hundumti isaaniiyyuu macha'aanii iddoo jiranitti yeroo kufan Giils qofti hafe. Dhuma irrattis herrega dhugaatii kan hunduma isaanii kaffalee qarshii qabu fixe. Borumtaa isaas Giils hiriyoota isaatiin «Isiniif jedheen qarshii koo hunda nan qisaasesse, amma borsaa duwwaatti hafeera» jedhee itti hime.

Hundumti isaanii itti kolfanii «Giils gowwicha! nuti qarshii eessaa kan argannu sitti fakkaata? haala mijataa argatte hundatti hati!» jedhaniin. 

Bu'uuruma kanaanis Giils fi hiriyoonni isaa lama mana nama tokkoo cabsanii seenuun qarshii isaa fi faaya isaa jalaa saaman. Kanarraa kan ka'es Giils hatuu jechuun hojii salphaadha jedhee amane. Sana boodas Giils fi hiriyoonni isaa saamtota beekamoo ta'an. Karaa isaan jiran namni fayyaa ta'e kamiyyuu darbuu hin danda'u ture. Gaaf tokko nama osoo reebanii lubbuun isaa isaan harkatti waan darbeef Giils fi hiriyoonni isaa magaalittii dhiisanii badan. 

Read Also :- Qulqulluu Luqaas

Yeroo muraasa booda maqaan Giils naannoo sanatti beekamaa ta'e. Namni hundiyyuu isa sodaachuu jalqabe. Isaafii hiriyoonni isaa naannoo sanaan nama dabarsuu didan. Karaa deemtonni hundi nagaadhaan deemuu fi daldaltoonnis nagaadhaan socho'uu hin dandeenye ture. Giils alaqaa isaanii ture. Ajjeesuufi saamuun hojii isaanii dhaabbataa ta'e. 

Waggoota muraasa booda Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin irra deebiin gara magaalittii kanaatti dhufe. Phaaphaasii sanas waa'ee Giils isaan gaafate. Isaanis ni qaana'aan, ni gaddan «Kan naan jette hin dhageenye, kan na ajajje hin raawwanne, Giils har'a nama hamaa namni hundi isa sodaatu ta'eera. Hardha inni Daandii irratti nama hin dabarsu, kuni hundi dogoggora kooti» jechuudhaan Qulqulluu Yohaannis fuulduratti boo'an. 

Qulqulluun Yohaannisis kan yeroo dhaga'u garmalee gadde. Yeruma sana iddoo Giils jiru gaafachuudhaan gara sanatti Fardaan deeme. Namoonni naannoo sanaa «Isaan hamoodha si ajjeesu» yeroo isaan jedhanis inni garuu duubatti hin deebine. Iddo jedhame yeroo gahuudhaaf jedhu Saamtonni lama isa argan, hoggasuma Cuubee isaanii baasanii fuuldura isaa dhaabbatan. Qulqulluun Yohaannisis haasawaa jaalalli itti guutameen «Na ajjeesuu keessaniin dura maaloo gara Alaqaa keessaniitti na geessaa? inni hiriyaa koo duriiti» jedheen.

Saamtonni sunis kolfaa gara Alaqaa isaaniitti isa geessan. Giilsis ni dhufe. Qulqulluun Yohaannisis gammachuu fi jaalalaan isa ilaale. Giilsis isa bare, ni nahe. Gara duubaattis garagalee fiiguu jalqabee, namni guddaa jedhame sun Qulqulluu Yohaannis sodaate.

«Mucaa koo maalif baqatta? ani Abbaan kee meeshaa si miidhu tokkoyyuu hin qabanne» jedheen Qulqulluun Yohaannis. Giils sunis hirqiffatee boo'e, imimmaan buuse. Meeshaalee isaa hunda darbatee gate. Hiriyoota isaatiinis «Nagaa ta'aa! ani gara Gooftaa kootti deebi'uu kooti waan ta'eef» jedhee Qulqulluu Yohaannis waliin gara iddoo isaa duriitti deebi'e. Mana Kiristaanaa dhiisee deemee turettis deebi'uun umurii isaa guutuu Waaqayyo tajaajilaa jiraate.

Eebbi Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii nurraa haa buli!

Kutaa itti aanutti Kitaabolee Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin barreesse waliin ilaalla!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments