Subscribe To Our YouTube Channel

Tsooma Tsiggee | Kutaa 5ffaa : Godaansa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam biyyoota garaa garaatti

Tsooma Tsiggee

Kutaa 5ffaa

Biyyoota Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam godaansaan keessa darbite


1. Gadaama Geeraaral ykn Bosona Geeraaral 

Ergamaan Waaqayyoo Yooseefitti muldhatee haadha fi daa'imicha qabadhuutii gara Gibtsiitti baqadhu erga jedheen booda haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, eegaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Yooseef akkasumas Soloomeen Arfan isaanii deemsa jalqabaniiru. Gara Gibtsiitti akka godaanan itti himamuyyuu gara Gibtsiitti deemuu isaaniitiin duratti biyyoota hedduu keessa naanna'aaniiru. Mana isaaniitii akkuma ba'aaniin gara Bosona Geeraaral jedhamuutti ture kan deeman. Yooseef fa'a Gadaama Geeraaralitti ergamoonni Waaqayyoo dhufanii isaan jajjabeessaa guyyaa afurtama turaniiru. Guyyaa afurtama booda namni bineensa adamsu tokko isaan arge. Innis saffisaan deemee Maariyaam, Yooseef fi Soloomee kaleessa nan arge jedhee Heeroodsitti hime. Heeroodsis Bosona Geeraaral keessa jiraachuu isaanii yeroo dhaga'etti ni gammade. Nama oduu kana itti himettis Yooseef fa'a yoo natti agarsiiste walakkaa Mootummaa kootii siin kenna jedheenii Xaa'otiiwwan fuulduratti kakateef. Heeroodsis gara biyya hundumaatti ergaa ergee Mana Mootummaatti akka argamtan jechuudhaan labsii himsiise. Loltoonni isaas Mana Mootummaa Heeroodsitti walitti qabaman. Loltoonni Heeroodsis Bosona Geeraaralitti marsan ta'us garuu Yooseef fa'a argachuu hin dandeenye. Loltoonni kunneenis walii walii isaaniitiin akkas jedhan «Yooseef fa'a eessa deeman? Lafti isaan liqimsite moo?». Yooseef fa'a garuu Ergamaan Waaqayyoo bu'ee karaa Loltoonni Heeroods hin beekneen isaan gaggeesse.

2. Xibriyaadoos :- Kana booda firri haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam mootiin Keefaaz gara jirutti gara Xibriyaadoositti deeman. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis akka Heeroods ishee godaansisaa jiru itti himte. Mootichi kunis Heeroods sababa maaliitiin si godaansisa jedhee ishee gaafate. Isheenis ilma ishee jalaa ajjeesuu akka barbaadu itti himte. Mootichi kunis Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin mana kootti jiraadhu jedheen, maatii isaas Maariyaam mana isaa jiraachuu ishee eenyuttiyyuu akka hin himne isaan akeekkachiise. Heeroods garuu biyyoota hedduutti ishee barbaadaa ture garuu ishee argachuu hin dandeenye. Heeroodsis akkas jedha ture «Maariyaam lafatu liqimsee?» Heeroods Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf tattaaffii inni taasise, dhadhabbiin inni dhadhabe garmalee baay'eedha humna qabu hunda fayyadameera kan barbaadu argachuu dhabuun isaa ammoo dhadhabbii isaa bu'aa malee hambiseera. Guyyoota hedduu booda Heeroods biyya Xibriyaadoos jedhamutti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam jiraachuu ishee dhaga'e. Heeroodsis gara Mootii biyya Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam jirtuutti xalayaa barreessee erge. Xalayaan Heeroods barreessee erges akkas jedha ture «Yaa Mootii nagaan siif haa ta'u! Maariyaam mucaa ishee waliin naaf qabi! Warqee fi qarshii hedduu siin kenna, anaa fi si gidduutti jaalala cimaatu ta'a» Mootichis xalayaa Heeroods erge dubbisee baay'ee ajaa'isiifatame, akkasis jedhe «Maariyaam Mana koo jiraachuu ishee Heeroodsitti eenyutu hime? Seexana ta'aa malee kan itti hime nama miti» Mootichi kunis xalayaa Mootichi Heeroods barreessee isaaf erge kana haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti itti hime. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis baay'ee rifatte ykn naate. Mootichis «Ani yoon du'e ni duuta, ani yoon oole ni oolta hin sodaatiin! Heeroodsiif dabarsee si hin kennu!» jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Akka eeyyama Waaqa Israa'eelitti haa ta'u!» jette. Halkan sanattis Ergamaan Waaqayyoo dhufee yeroo bari'uudhaaf jedhu «Biyya kana gadhiisiitii gara Adibaara Libaanoositti deemi!» jedheen. Yeroo bari'ettis wanta Ergamaan Waaqayyoo itti hime sana Mootichatti himte. Mootichis gammadee daandii guyyaa sadiitiin hanga Zaabiloon fi Niftaaleemitti isaan geggeessee gara biyya isaatti deebi'e.

3. Adibaara Libaanoos ykn Tulluu Libaanoos :- Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Yooseef fi Soloomee waliin qarqara Dabra Taaboriin darbitee gara iddoo dhaloota ishee Dabra Libaanoositti ykn gara Tulluu Libaanoositti baate. Muka «Kookuh» jedhamu jala teessee boosse, akkasis jette «Hanga yoomiitti biyya tokkoo gara biyya biraatti naanna'aa jiraadha, lubbuun koo hangam cimte» kana boodas iddoo isheen jirtu akka namni hin beekneef gara bosonaatti seente, guyyoota kudhaniifis osoo namni ishee hin argiin achi turte. Kana booda namni bineensa adamsu tokko fagoo irraa ishee arge. Namichi bineensa adamsu sunis Saroota qaba ture, Saroonni sunis Gooftaa isaanii dhiisanii deemanii miila haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii gaditti sagadan. Lafa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam miila isheetiin irra ejjettes ni arraabu ture. Namichi bineensa adamsu sunis fageenya irraa Saroota isaa waame, isaan garuu ni didan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis wanta Saroonni sunneen namicha sanaan jedhan dhageessee ni ajaa'ibsiifatte. Uumaa uumamtoonni hundi si sodaataniif galanni siif ni ta'a jettee galateeffatte. Saroonni sunis miila haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam jalatti rafan. Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti Ergamaan Waaqayyoo Bala'aamiif osoo hin ibsamiin Harree inni irra taa'ee tureef akkuma ibsame. Seera Lakkoofsaa 22:23-30. Seenaan Bala'aam sunis namicha bineensa adamsu kana irratti irra deebi'ameera. Namichi bineensa adamsu sunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee waliin bosona keessatti yeroo ibsitu argee garmalee Ajaa'ibsiifate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis maal barbaadaa jirta? jetteen. Namichi bineensa adamsu sunis Saroota koon barbaada jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Saroonni maal siif godhu? jetteen. Innis bineensan ittiin adamsa, ani ammoo bineensa isaan naaf ajjeesan sana nan nyaadha, gogaa bineensotaa sanas nan gurguradha jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hardha bineensota ittiin adamsite caalaa wanta guddaa argataniiru, Masi'icha Waaqayyo argiteerta waan ta'eef gara biyya keetti gali, bosona kana keessa jiraachuu koo eenyuttiyyuu hin himiin jetteen. Saroota sanaanis gara gooftaa keessaniitti deemaa jetteen. Namichi bineensa adamsu sunis ajaa'ibsiifachaa Saroota isaa waliin ni deeme. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu bosona keessa turte. Bara Eliyaasitti Xaa'otii kan Waaqessaa turte Elzaabeel Raajotaa fi Luboota yeroo ajjesistetti Waaqayyo ija Elzaabeel jalaa kan isaan dhokse Qulqulloonni bosona keessa jiraatan dhufanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni eebbifamu ture.


Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi Mootii Damaatiyaanoos

Namichi bineensa adamsu sunis guyyoota torba booda Mootii Damaatiyaanoos jedhamutti wanta arge hunda itti hime. Damaatiyaanoosis wanti namichi bineensa adamsu sun itti hime dhugaa ta'uu isaa mirkaneeffachuuf namoota Mana Mootummaa kudhan namicha bineensa adamsu sana waliin erge. Namoonni ergaman sunis yeroo gahanitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin ishee argan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu namicha bineensa adamsu sanaan eenyuttiyyuu hin himiin jetteenii waan himeef ni aarte. Namichi bineensa adamsu sunis dhagaa Ashaboo ta'e. Seenaan niitii ykn Haadha manaa Loox namicha bineensa adamsu kanaan irra deebi'ameera. Uma. 19:26. Namoonni Mana Mootummaatii ergaman sunis raajii haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam taasiste arganii baay'ee rifatan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ani akkuma keessanii nama waanan ta'eef hin sodaatiinaa jettee isaan tasgabbeessite. Namoonni sunis Mootiin Damaatiyaanoos akka isaan erge itti himan. Kan boodas gara  mana isaaniitti deebi'anii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin akka arganii fi namichi bineensa adamsu sunis dhagaa Ashaboo akka ta'e Mootii Damaatiyaanoositti himan. Borumtaa isaas Mootichi Damaatiyaanoos Loltoota hedduu qabatee gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti deeme. Loltoota hedduus Tulluu sana jalatti dhiisee isaan keessaa namoota torba waliin gara bosona haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam keessa jirtuutti seene. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis akka urjiitti yeroo iftu ishee arge. Mootichi Damaatiyaanoosis erga sagadeef booda ati qomaa kami? eessaas dhufte jedhee ishee gaafate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ani Israa'eelittiidha, kutaa Yihudaa kan taatu Beetaliheemiin dhufe jetteen. Akkasumas Mootii Heeroods baqattee akka dhufte itti himte. Innis Heeroods maalif si jibba? jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis wanta hunda itti himte. Akkasumas kana dura Abbaa fi haati koo iddoo kana jiraatu ture jetteen. Damaatiyaanoosis maqaa Abbaa fi haadha ishee gaafate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis itti himte. Damaatiyaanoosis namoota kana ykn haadhaa fi Abbaa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka beeku itti hime. Damaatiyaanoos Mootii raayyaa waraanaa hedduu fi cimaa qabu waan tureef kana booda asitti  Mootota kudhaniyyuu yoo ta'an si argachuu hin danda'aan hin sodaatiin jedheen. Gara duubaatti yeroo deebi'us nama dhagaa Ashaboo ta'e argee, namni kun maalif dhagaa Ashaboo ta'e? jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Cubbuu isaatiini jetteen. Kana boodas Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam gara Waaqayyootti kadhatte. Nama dhagaa Ashaboo ta'e sanas erga kaaste booda eenyuttiyyuu hin himiin siin jedheen ture maalif himte? jetteen, innis Cubbuu isaa amanee dhiifama gaafate. Mootichi garuu raajii kana yeroo argetti garmalee rifate. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hin sodaatiin jetteen, naasuun isaas isa gadhiise. Kana boodas Mootichi sagadeefii «Yeroo ijoollummaa kootti Abbaa fi haati koo maqaa isaa waamaa kan turan Mikaa'eel, Gabri'eel, Rufaa'eel kan jedhaman keessaa tokko si'idhaa?» jedheen garmalee ajaa'ibsiifachuu isaarraa kan ka'e. Isheenis ani garbittii Gooftaati jetteen. Mootichis kennaawwam hedduu fideefii fudhadhu jedheen m, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam hangamiyyuu godaantuu taatuyyuu hin fudhanne, Hiyyeessotaaf kenni galmee Samii irraa argatta jetteen. Kana boodas Mootichi gara Mana isaatti deebi'e. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Tulluu Libaanoositti naannoo ji'oota sadiif teesse. Kana boodas Heeroods Tulluu Libaanoos jedhamu irratti Yooseef fa'a jiraachuu isaanii dhaga'ee loltootaan itti marsee isaan qabuuf yaale.

Giigaar Mootii Sooriyaa

Bitaa ykn mootii Sooriyaa kan ta'e Giigaar namni jedhamu tokko gorsa hamaa Heeroods waan dhaga'eef gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamtoota erge. Namoonni Giigaar erge Fardaan gulubsiisaa saffisaan gahanii Tulluu Libaanoos loltoonni Heeroods marsuufi waan ta'eef Libaanoos gadhiisaatii baqadhaa jedhaniin. Ergamichis dhufee Libaanoosii ba'aa jedheen. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos, Yooseef fi Soloomeen Tulluu Libaanoos gadhiisanii deeman. Kana boodas Giigaar ergamtoota isaa ergee Yooseef fa'a Libaanoosii akka baasise Heeroods ni dhaga'e. Namoota nuti barbaadaa jirru akka nu baqatan ykn akka nu jalaa miliqan kan taasiste si'idha jechuudhaan Giigaar waliin wal lole. Heeroods Loltoota isaa ergee Mootii ykn Bitaa Sooriyaa Giigaar qabsiisuun Sayifiidhaan isa ajjeesise. Giigaaris Wareegamummaan boqote. Kitaaba Sinkisaaraa Hagayya 16 dubbifamu irratti seenaa Giigaar kana ni arganna.

4. Dabra Toonaa ykn Tulluu Toonaa :- Kana boodas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, ilmi ishee, Yooseef fi Soloomeen gara Tulluu Toonaatti deeman. Tulluu Toonaatti biyyoonni ykn naannoowwan Yihudaa ni muldhatu. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam daandii hedduu deemuudhaan dhadhabdee waan turteef muka Alsiis jedhamu jala teesse. Baay'ees waan dhadhabdeef mukicha jala ciiste. Ergamoonnis lubbuu ishee mul'ataan gara Tsirhaa Ariyaamitti geessan. Golgaawwan ibiddaa bitaafi mirgaan ni banaman. Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos iji namaa kan hin argine, gurri namaa kan hin dhageenye, laphee namaatti kan hin yaadamne Mootummaa Waaqayyootti kan argamu iccitii hedduu itti hime. Ijoolleen namaa bara baraaf kan dhaalan Addunyaa garmalee nama gammachiisu argite. Kana boodas lubbuun ishee gara foon isheetti deebitee, hirribaa kaate. Ilmi ishee Iyyesuus Kiristoosis akkas jedheen «Gidiraadhaan alatti ykn gidiraa malee ykn gidiraa argan ykn gidiraa darban malee kennaan hin argamu, Addunyaa kanatti maqaa kootiin gidiraa kan argan Addunyaa sanatti ni gammadu, atis Addunyaa isa sanatti akka gammadduuf Addunyaa isa kanatti gidiraa keessa darbuu qabda». Kana boodas Tulluu ykn Dabra Toonaadhaa ba'aanii gara Siidoonaatti deeman, Siidoonaadhaas ba'aanii gara Dabra Zayititti deeman.

5. Beetaliheem :- Dabra Zayitiis bahanii gara Beetaliheemitti deeman. Beetaliheemis osoo jiranii Loltoota Heeroods keessaa inni tokko isaan arge. Innis Fardaan fiigsisaa saffisaan Mana Mootummaa Heeroods gahee Maariyaam, Yooseef fi Soloomeen Beetaliheem jiru jechuudhaan Heeroodsitti hime. Heeroodsis nama oduu kana itti himeef wanti ati natti himte dhugaa yoo ta'e walakkaa Mootummaa kootii siin kenna, yoo soba ta'e garuu sin ajjeesa jedheen. Yeroo baay'ee Yooseef fa'a iddoo akkasii jiru jedhamee Tulluuwwan, Hallayyaawwan, Holqawwan garaa garaa Loltoota isaatiin marsee yoo barbaadu osoo hin argatiin hafeera. Barbaadee argachuu dhabuun isaas aarii irratti aarii waan isatti dabaleef amma garuu barbaadee yoo hin arganne nama nan arge jedhee hime sana ajjeesuuf kutatee ka'e. Halkan sanattis Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri'eel bu'ee Yooseefiin akkas jedheen «Raajidhaan mucaa koo Gibtsiidhaan waammadhe kan jedhu akka raawwatamuuf gara Gibtsiitti baqadhu» jedheen. Hoosee'i 11:1. Yooseef fa'as halkan sanatti Beetaliheem gadhiisanii bahan. Yeroo bari'ettis Heeroods Loltoota isaatiin Beetaliheemitti marse. Namoota naannoo Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam itti muldhattees dhiirotas, dubartootas hundumayyuu ni ajjeesise, namoota erga fixe booda Bineeldota Handaaqqoodhaa hanga Sareetti jiran hunda ni ajjeesise. Samiinis akka dhiigaatti diimaa ta'ee dhiiga fakkaate.

Read Also :- Dabra Mixmaaq

Namoota Heeroods ajjeesiseefis Samii irra Goonfoon ni bu'eef. Loltoonni Heeroods bu'uu Goonfoo sanaa arganis ilma Dubroo Maariyaam Iyyesuus Kiristoositti ni amanna jedhan. Jaalala aangootiin keessi isaa kan dukkanaa'e Heeroods garuu ilma Dubroo Maariyaam Iyyesuus Kiristoositti ni amanna Loltoota jedhan Sayifiidhaan isaan mursiise. Nama Maariyaam Beetaliheemittin arge jedhee itti himee ture sanas ni ajjeesise. Dhiiga namootaa dhangalaasuudhaan kan itti tolu kan isatti fakkaate Heeroods Suusiin dhiiga dhangalaasuu isa qabe. Dhuma irrattis Heeroods farda irra taa'ee osoo deemuu Ergamaan Waaqayyoo bu'ee funyaan fardichaa rukute. Fardichis yeroo ol utaalu gubbaa ykn irra kan ture Heeroods jala ta'e, jala kan ture Fardichis gubbaa ta'e. Heeroodsis ni burkutaa'e. Lafeen isaa ni caccabe, foon isaa ni ciccite, ni kukkutame. Dachee dhiiga baay'eewwanii dhangalaase irratti dhiigni isaas ni dhangala'e. Loltoonni isaas baatanii manaan isa gahan.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)