Subscribe To Our YouTube Channel

𝐇𝐢𝐢𝐤𝐨𝐨 𝐒𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐐𝐢𝐝𝐝𝐚𝐚𝐬𝐞𝐞 | 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 5𝐟𝐟𝐚𝐚

𝐇𝐢𝐢𝐤𝐨𝐨 𝐒𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐐𝐢𝐝𝐝𝐚𝐚𝐬𝐞𝐞

𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 5𝐟𝐟𝐚𝐚

Hub:- Kutaalee darban osoo hin dubbisiin kutaa kanatti hin darbiinaa!


Galatoo Galata hunda irra caalu ykn Galatoo galata hunda irra Kabajamaa ta'e

1. 𝐀𝐡𝐚𝐚𝐝𝐮𝐮 «አሐዱ» 𝐲𝐤𝐧 «𝐓𝐨𝐤𝐤𝐨»

Akkuma beekamu keessas ta'e ala kan jiru hundi tokkummaa dhaan kan irratti hirmaatu galatoon galata hunda irra caalu, jalqaba galatoo kan ta'e galata kanadha:

Kunis;

Lubichi :- «አሐዱ አብ ቅዱስ
                 አሐዱ ወልድ ቅዱስ
                 አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha
        Ilmi tokkichi Qulqulluudha
        Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha»

jedhee yeedaloodhaan dubbisa erga dhageessise booda

Uummannis :- «በአማን አብ ቅዱስ
                           በአማን ወልድ ቅዱስ
                           በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn «Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha
         Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha
         Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jechuudhaan Uumaa isaanii Waaqayyo tokkummaa fi sadummaa isaatiin isa galateeffatu, galateffachuunis isaanirraa eegama.

A). Hiikoo Galatoo kanaa

♦ «አሐዱ አብ ቅዱስ» ykn «Abbaan tokkichi Qulqulluudha» jechuun :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Ilma fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta'u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta'u Abbaan kan Afuurri Qulqulluu irraa bahudha, Abbaa ilmaati jechuudha.

♦ «አሐዱ ወልድ ቅዱስ» ykn «Ilmi tokkichi Qulqulluudha» jechuun ammoo :- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Afuura Qulqulluu waliin adda kan ta'u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta'u ilmi kan dhalatedha jechuudha.

♦ «አሐዱ መንፈስ ቅዱስ ቅዱስ» ykn «Afuurri Qulqulluu tokkochis Qulqulluudha» jechuun ammoo:- maqaaadhaan, qaamaan, hojiidhaan Abbaa fi Ilma waliin kan adda kan ta'u, garuu Amalummaa dhaan, jireenyaan, aangoodhaan, bituudhaan tokko kan ta'u Afuurri Qulqulluu kan Abbaa irraa bahudha jechuudha.

B). Hiikoo Galatoo kana irratti deebii Uummataa

Yeroo Galatoo kanattis namoonni Sirna Qiddaasee sana hirmaatan ykn Asqaddasan ykn uummanni;

       «በአማን አብ ቅዱስ
        በአማን ወልድ ቅዱስ
        በአማን ውእቱ መንፈስ ቅዱስ» ykn
       «Dhugumatti Abbaan tokkichi Qulqulluudha
        Dhugumatti Ilmi tokkichi Qulqulluudha
         Dhugumatti Afuurri Qulqulluus Qulqulludha!»

jedhanii jecha Galatoo Lubichaa fudhatanii, deebii deebisuun barbaachisaa waan ta'eef akkas jedhanii galateeffatu. 

Hiikni Sagalichaas :- Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta'u Abbaan dhugumatti Abbaadha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta'u Ilmi dhugumatti kan dhalatedha, Qulqulluu fi kabajamaa, adda kan ta'u Afuurri Qulqulluu dhugumatti Abbaa irraa kan bahedha jechuudha. 

Galatoo keenya kanaanis Raajichi Hizqi'eel fi Raajichi Isaayyaas kan isaan argan, teessoo isaatti marsanii, Teessoo isaa baatanii osoo adda hin kutiin Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu jedhanii Tokkummaa fi Sadummaa isaatiin kan isa galateeffatan Suraafeel fi Kiruubeel waan fakkaannuuf, galanni keenya galata isaanii, Ixaanni keenya Ixaana isaanii waliin Teessoo Sillaasee irra nuuf gaha. Isa. 6:3. Ergamoota Qulqulloota waliin akka Qulqulloota Ergamootaatti akka isa galateeffannuuf kan nu waame, kan nu filate Waaqayyoof galanni haa ta'u! Ameen!


2. 𝐋𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢 𝐃𝐢𝐲𝐚𝐚𝐪𝐨𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐐𝐢𝐝𝐝𝐚𝐚𝐬𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢

Diyaaqoniin uummanni ykn Asqaddashiin akka hin mukoofneef, kabajaa fi sodaadhaan ta'ee labsii Mootii Samii Kiristoos dabarsa.

Labsiiwwan kanneen keessaas isaan hangafoonni ykn isaa ijoon;

1. «ተንስኡ ለጸሎት»
2. «ጸልዩ በእንተ እገሌ»
3. «ስገዱ ለእግዚአብሔር» dha.

2.1. «ተንስኡ ለጸሎት» 𝐲𝐤𝐧 «𝐊𝐚𝐝𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐟 𝐤𝐚'𝐚𝐚!»

Diyaaqoniin Kadhannaadhaaf ka'aa yeroo jedhu ykn labsii Kadhannaadhaaf ka'aa jedhu Diyaaqoniin yeroo labsu «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee Yeedaloodhaan ykn dubbisaan kennaa sana deebisuu qabna.

Kadhannaadhaaf ka'aa isa jalqabaa irratti ykn Jalqaba irratti «Kadhannaadhaaf ka'aa!» yeroo jedhamnu labsii sana dursinee sagadneerra yoo ta'e, akkasumas teenyee jirras yoo ta'e ka'uu keenya ykn akka kaanu agarsiisa.

Karaa isa lammaffaatiin ammoo Waaqayyo dagachuu ykn Irraanfachuu irraa gara Waaqayyo yaaduutti deebi'aa ykn laphee keessan gara Waaqayyo yaaduutti deebisaa, Waaqayyo galateeffachuuf laphee keessan kakaasaa jedhee ka'umsa laphee agarsiisa.

2.1.1. Hiikoo «እግዚኦ ተሰሃለነ» ykn «Maaloo nuuf dhiisi!» :- nutis Maaloo nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ ተሰሃለነ» yeroo jennu, Maaloo garaa laafi! nuuf dhiisi! jechuu keenya.

2.1.2. Hiikoo «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta'u!» :- Lubichis «Maaloo nuuf dhiisi!» jennee kadhannaa kadhanne sana hubatee bakka Gooftaa bu'ee ykn akka Gooftaatti «ሰላም ለኩልኩሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta'u!» Luq. 24:36 isin araarseera, akkam jirtu? jechuudhaan sagalee isaa nu dhageessisa. 

2.1.3. «ምስለ መንፈስከ» ykn «Afuura kee waliin» :- «Afuura kee waliin» jechuun akka jecha keetti nuuf haa ta'u, akka arjummaa keetti nuuf dhiisi jechuudhaan ifni Addunyaa Qulqulluun Phaawuloos «Faaruu fi faarsaadhaan, Qinee Afuurawaatiin walii walii keessan dudubbadhaa, Gooftaadhaaf laphee keessan irraa faarfadhaa» Efe. 5:19 waan nuun jedheef faaruudhaan uumaa keenya kennaa isaa fudhachuun fi deebisuun isa galateeffanna.

Bu'uurri Kadhannaa Qiddaasee eebbifamaa fi Kabajamaa kanaas Abbaa keenya Addaam, lubbuuwwan lubbuu isaatiin Si'ool keessatti turanii fi Gooftaa keenyadha.

• Kadhannaadhaaf ni kaana jedhee kan dubbate Addamidha :- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waggaan kuma 5 fi dhibbi 5 yeroo raawwatamu dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa kan jedheen qabatee lakka'aa tureera Addaam. Boodas guyyaa Jimaataatti Yaa Abbaa lubbuu koo harka keettin adaraa kenna yeroo jedhetti raajiin inni dubbate ni gahe, Subaa'een lakka'aames ni raawwate. Sin fayyisa naan jedhee ture ni hafee laata? jedhee osoo baasuu osoo buusuu;

Read Also :- Qulqulluu Yaareed

• Addaam Kadhannaadhaaf ka'aa jedhe.

• Lubbuuwwanis Maaloo nuuf dhiisi! garaa nuuf laafi jedhan.

• Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis qaama lubbuutiin bu'ee «Nagaan isiniif haa ta'u», isin araarse, akkam jirtu? jedheenii lubbuuwwan Si'ool jiraniif ifa Waaqummaa isaa ni ibseef.

• Lubbuuwwanis «Afuura kee waliin» akka jecha keetti nuuf haa ta'u, akka dhiifama keetti nuuf dhiisi jedhanii bahaaniiru.

2.2. «ጸልዩ በእንተ እገሌ» 𝐲𝐤𝐧 «𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐄𝐛𝐞𝐥𝐮𝐮𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐤𝐚𝐝𝐡𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!»

Waa'ee Ebeluutiif kadhadhaa kan jedhu labsii isa lammaffaati. Labsiin kun yeroo nuuf labsamu ykn yeroo nuuf darbu kan kadhannu waa'ee nageenyaa, waa'ee tokkummaa Waldaa keenyaa, waa'ee biyyaas, waa'ee Mana Kiristaanaas, waa'ee uummataas, waa'ee aanga'ootaa fi akkasumas waa'ee raayyaa isaas waa'ee namoota rakkataniis ..... ta'uu danda'a. Yeroo kanatti kennaan yoo hin jirre sammuu keenya keessatti ykn sagalee gadi qabuudhaan Kadhannaa «Yaa Abbaa keenyaa» jechuun nurraa eegama.

2.3. «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሃት» 𝐲𝐤𝐧 «𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚𝐟 𝐬𝐨𝐝𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚!»

Labsii inni sadaffaan kanadha. Laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluun Daawwit «Iddoo Qulqullummaa isaatti Waaqayyoof Sagadaa!» Faaruu. 28:2 jedhee akkuma faarfate, Nutis yeroo Diyaaqoniin Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa, Waaqayyo sodaachuudhaan, kabajuudhaan, Waaqeffachuudhaan Waaqayyoof sagadaa jedhee yeroo Yeedaloodhaan labsii isaa dhageessisetti sagaduun nurraa eegama. Ta'us garuu si fuulduratti ni sagadna taa'uudhaan kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu sirrii ta'uu dhiisuu isaa hubachuu qabna ykn hubachuun barbaachisaadha. Sababni isaas uumaa keenya fuulduratti maal jennee waadaa akka galle haas yaadannu.


2.3.1 «ቅድሜከ እግዚኦ ንሰግድ ወንሴብሐከ» ykn «Maaloo fuuldura keetti siif sagadaa si galateeffanna, siif bitamna» jechuudhaan Waaqayyo fuulduratti waadaa galuu waliin kennaa isaas ni deebisna. Duuka bu'ichis «Samii fi lafa irratti, lafaa gadittis kan jiran hundi maqaa Iyyesuusiin akka jilbeeffataniif» nuun jedheera waan ta'eef. Filp. 2:10. Akkasumas Lubichi, Diyaaqoniin ajaja isaa yeroo dubbisan uummanni kufanii lafa dhungachuu qabu. (Sirna Qiddaasee)

Ta'us garuu Labsii Diyaaqonii hubachuu dhabuudhaan;

• Kadhannaadhaaf ka'aa yeroo jedhamnu gara manaatti deemuuf qophaa'uun,

• Nagaan isiiniif haa ta'u yeroo jedhamnu deebi'uuf deemsa jalqabuun sirrii miti.

• Amantoonni ykn Kiristaanonni tokko tokko «Waaqayyoof sodaadhaan sagadaa» yeroo jedhamu, «Maaloo si fuulduratti ni sagadna» erga jenne booda teessoo qopheeffannee taa'uudhaan, dabalataanis kan sagadne fakkaannee boqonnaa kan hawwinu yoo jiraanne dogoggorreerra. Ajajichi kan nutti agarsiisu jilba keenya lafatti tuqsiisnee, adda keenyaan lafa tuqnee akka sagadnuuf malee akka teenyuuf ykn warri dhadhabdan boqonnaa fudhadhaa jechuu miti. 

• Ta'us garuu sababa dhukkubaan, dullumaan yoo ta'e akka qaamni isaanii isaaniif bitametti ni sagadu ykn haa sagadan.

2.3.2. Yeroo Qiddaaseetti yeroo meeqa sagadna?

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sagaduun kan nurraa eegamu yeroowwan afur (4) dha. Isaan kana keessaas Diyaaqoniin «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» labsii jedhu kan itti lama qofa. 

Yeroowwan nuti itti sagadnu;

1. Sirna Qiddaasee irratti ykn Qiddaasee isa jalqabaa irratti yeroo Lubni Kadhannaa Gaabbii nuuf kadhatu

2. Lammaffaa irratti Qiddaasee irratti Diyaaqoniin fuula isaa gara Lixaa ykn Dhihaatti deebisee «Waaqayyoof sodaadhaan Sagadaa!» jedhee yeroo nu ajaju.

3. Sadaffaa irratti Qiddaasee irratti yeroo Kadhannaa Gaabbii isa lammaffaa Diyaaqoniin namoonni dhaabbattan mataa keessan gadi qabaa sagadaa jedhee yeroo nu ajaju.

4. Yeroo Qulqulluu Qurbaanni raawwatamu ykn kennamu sagaduun barbaachisaadha.

Mataa gadi qabuun nagaa kennuu ykn mataa gadi qabuun harka fuudhuu


Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti mataa gadi qabuun eebba argachuu waliin nagaa kennuun barbaachisaadha. Yeroowwan nuti mataa keenya gadi itti qabnus yeroowwan beekamoodha;

♥ Abbootiin Kadhannaa Qiddaasee gidduutti eebba rogaa 21 yeroo eebbisanitti mataa keenya gadi qabuun eebicha fudhachuu qabna. Kan hin baramnes yoo ta'e baruun nurraa eegama.

♥ Diyaaqoniin «Gaabbii keessa ka jirtan mataa keessan gadi qabaa!» yeroo nuun jedhu ykn labsii akkas jedhu yeroo dhageessisu morma keenya cabsinee Kadhannaa Gaabbii sana fudhachuu qabna.

♥ Diyaaqoniin nagaa Duuka Bu'ootootiin nagaa waliif kennaa jedhee labsii isaa yeroo dhageessisu Dubartoonni Dubartoota gama Dubartootaatiin, Dhiironni ammoo Dhiirota gama dhiirotaatiin hunduu akka Saala isaatti nagaa wal gaafachuu ykn nagaa waliif kennuun ni barbaachisa.

♥ Sirna Qulqulluu Qurbaanaa yeroo deebi'u ykn Fooniifi dhiigni isaa yeroo deebi'u sorooranii nagaa kennuun ni barbaachisa.

♥ «Oo! Silluus Qidduus» yeroo dubbifamu morma keenya cabsinee ykn mataa keenya gadi qabnee Kadhannaa sana of kennuun dhageeffachuu qabna malee ajaja ykn labsii Sagadaa jedhu osoo hin dhaga'iin sagaduun nurraa hin eegamu. Yeroo baay'ee yeroo kanatti kan sagadnu seeraan ala waan ta'eef sirraa'uu qaba.

♥ Dhuma irratti yeroo gargar bahuuf jedhan Diyaaqoniin «አድንኑ አርእስቲክሙ ቅድመ እግዚአብሔር አምላክነ በእደ ግብሩ ካህን ከመይባርክሙ» ykn «Tajaajilaa isaa harka Lubichaatiin akka eebbifamtaniif mataa keessan gadi gadi qabaa!» jedhee yeroo ajajudha.

Sagada isa dhumaatiin Kadhannaa Qiddaasee irrattis haa ta'u yeroo kamittiyyuu xumura Kadhannaa keenyaa irratti sagadnee nagaa kenninee ykn harka fuunee Yaa Abbaa keenyaa jennee Kadhannaa guyyichaaf qabnu xumurra. Fitihaa Negest. 14:536.

3. 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐐𝐢𝐝𝐝𝐚𝐚𝐬𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐒𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐖𝐚𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚𝐚

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti sodaadhaan, callisaan wal dhageeffachuudhaan, kennaa isaa fudhachaa Asqaddasuun nurraa eegama. Keessattuu jechi ykn Sagaleen Mootii Samii jechi Waaqayyoo yeroo dubbifamu hanga xumuramutti;

→ Sorooranii dhaabbachuun nurraa eegama
→ Dubbisicha callisaan dhageeffachuun nurraa eegama
→ Wangeelli erga dubbifame booda Barsiisaan Wangeelaa hiikoo isaa beeku hiikee ni barsiisa ykn ni dhageessisa. Fitihaa Negest. 12:486.
→ Kana boodas «ነአምን በቃለ ወንጌልከ ቅዱስ» ykn «Qulqulluu kan ta'e jecha Wangeela keetti ni amanna!» jechuudhaan harka fuudhuun haguuggii of irraa buusaa dhungachuun nurraa eegama. (Sirna Qiddaasee)

→ Wangeelli erga dubbifame booda hojii cinqiitiin yoo ta'een ala bahuun sirrii miti. (Sirna Qiddaasee)
→ Lubni Wangeela dubbisus fuula isaa gara Bahaatti deebisee dubbisuun isarraa eegama.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments