Subscribe To Our YouTube Channel

𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐡𝐢𝐧 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐝𝐮𝐮??? | 𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐁𝐚𝐫𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚 | 𝗞𝘂𝘁𝗮𝗮 1𝗳𝗳𝗮𝗮

𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐁𝐚𝐫𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚

𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 1𝐟𝐟𝐚𝐚


Manni Kiristaanaa tokkottiidha, sababni isaas qaama Kiristoos isa tokkichaa waan taateef. Qaama Kiristoos isa tokkichaa kan taate Manni Kiristaanaa kun hundeen ishees Gullilaatiin ishees Iyyesuus Kiristoosidha. Kanas Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos «Innis (Kiristoos) hunda duradha (bara isaatiif dura kan hin qabne dursaadha).... Innis qaama isaa jechuunis mataa Mana Kiristaanaati. Isheenis qaama isaa fi hunda hundaan kan guutu isaaf guutuu isaati» jechuudhaan ibseera. Efe. 1:23, Qol. 1:18. Dabalataanis ergaa isa gara warra Qoronxoos irratti «Akka kennaan Waaqayyoo naaf kennametti akka muka soofaa gamnaatti bu'uura nan bu'uuresse, kan biraas irratti ijaara. Tokkoon tokkoon isaa garuu isa irratti akkamitti akka ijaaru of haa eeggatu. Kan bu'uureffameen ala eenyuyyuu kan biraa bu'uuressuu hin danda'u waan ta'eef, innis Iyyesuus Kiristoosidha» jedheera. 1 Qor. 3:10-11.

Dhiiga Kiristoos irratti kan hundoofte Manni Kiristaanaa Duuka bu'eettii fi Ortodoksii Tawaahidoon kun Mana Kiristaanaa ishee jalqabaati. HDB. 20:28, Ibr. 3:14. Kana ta'uu isaatiinis waa'ee Iyyesuus Kiristoos barumsi barsiistu hundi dhugaadha. Sababni isaas dhugaan Amalummaa mindaa isaa kan ta'e burqaa dhugaa irraa kan waraabame waan ta'eef. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos «Isiniif ammoo dabarsee kanan kenne ani Gooftaa irraa fudhadheera» jedhee akkuma dubbate Manni Kiristaanaas nuuf kan dabarsite ykn dabarsitu Gooftaa irraa kan fudhatte barumsa Qulqulluudha. 1 Qor. 11:23. Kunis ija isheetiin kan argite, gurra isheetiin kan dhageesse, harka isheetiin kan tuqxe dha. Kanaafidha Duuka Bu'ichi Qulqulluun Yohaannis «Waa'ee sagalee jireenyaa jalqaba isaa irraa kan tureefi kan dhageenye, ija keenyaan kan argine, kan ilaalles, harki keenya kan isaan xuxxuqes ni dubbanna, jireenyis ni ibsame, ilaalleerras, ragaa ni baanas, Abbaa bira kan ture (Abbaa fi Afuura Qulqulluu waliin dursummaan kan ture, uumees kan bitu) nuufis kan ibsame (Waaqummaa ykn Malakootii dhaan Abbaa fi Afuura Qulqulluu irraa osoo adda hin bahiin qaama isaa adda ta'een Samii samii irraa bu'uudhaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaam foon ishee irraa foon, lubbuu ishee irraas lubbuu fudhatee dhalachuudhaan nama ta'ee kan mul'ate) jireenya bara baraa isiniif himna ykn isinitti himna» kan jedhe. 1 Yoh. 1:1-3. Kana waan ta'eefis barumsa Qulqulloota Duuka Bu'ootaa qabachuu isheetiin, Mana Kiristaanaa Duuka bu'eettii kan jedhamtu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo, Iyyesuus Kiristoos ija Qulqulloota Duuka Bu'ootaatiin ilaalteerti, gurra isaatiin dhageeffatteerti, harka isaaniitiinis tuqxeerti. Kunis :- Manni Kiristaanaa Qulqulleettii ykn eebbifamtuu ishee jechisiisa. Sababni isaas Gooftaan Duuka Bu'oota isaatiin «Kan keessan garuu Iji keessan waan arganiif, gurri keessan waan dhaga'aaniif kan eebbifamtanidha» jedheera waan ta'eef. Maat. 13:16.

Eebbifamtuu fi Qulqulleettii kan taate Manni Kiristaanaa qaama Kiristoos ta'uu isheetiin wanti hundi ishee kan Lallabu waa'ee Iyyesuus Kiristoosidha. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos «Ayihuudonni mallattoo kadhatu, namootni Giriikiis Ogummaa hawwu ykn barbaadu, nuti garuu Kiristoos isa fannifame ni lallabna» jedhee akkuma dubbate, Manni Kiristaanaa yeroo itti hundeeffamtee kaasee hanga har'aatti Lallabaa kan jirtu dhiiga isaatiin kan ishee bite Iyyesuus Kiristoosidha. 1 Qor. 1:22-23, HDB. 20:28.

Namoonni hedduun Lallaba yeroo jedhamu «Iyyesuus Gooftaadha!» jedhanii akka warra Addunyaawaa dhaadhachuu, jireenya duwwaadhaan, iyya duwwaadhaan dhaadhachuu isaanitti fakkaata. Garuu miti, sababni isaas Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Wangeela isaa keessatti «Samii irra kan jiru fedhii Abbaa koo kan taasisu malee, Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! kan naan jedhu hundi Mootummaa Waaqayyoo kan galu miti. Guyyaa sanatti baay'eewwan :- Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! maqaa keetiin raajii hin dubbannee? maqaa keetiin dinqiiwwan hin taasisnee? naan jedhu. Yeroo sanattis isin anarraa fagaadhaan jedhaan!» jedheera waan ta'eef. Maat. 7:21-23.

Barumsa Kiristaanummaa irratti Iyyesuus Kiristoos kan lallabamu jireenyaani. Kana ta'uu isaatiinis Gooftaan keenya Wangeela isaa irratti «Hojii gaarii keessan ilaalanii Samii irra kan jiru Abbaa keessan akka kabajaniif, ifti keessan nama fuulduratti haa ifu» jedhee barsiiseera. Maat. 5:16. Kanaafidha Manni Kiristaanaa jireenya ishee hunda keessatti Iyyesuus Kiristoos kan lallabduuf. Kanaafuu Manni Kiristaanaa barumsi ishee gurraan kan dhaga'u qofa osoo hin taane ijaan kan mul'atu fi harkaanis kan tuqamudha. Haala kenniinsa Barumsaa kana fakkaatuunis Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa yeroo hunda Iyyesuus Kiristoos ni lallabdi.

1. 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐅𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐧𝐢 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐝𝐢 :-

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Abaarsa Foonii fi Abaarsa lubbuu balleessee fayyina Addunyaa kan raawwate Fannoo irratti. Gal. 3:13, Efe. 2:14-17, Filp. 2:8, Ibr. 12:1-2. Fannoon kunis humni Kiristoos kan irratti ibsame fi dhiiga isaatiinis kan kabajamedha. 1 Qor. 1:18. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo kanaan Diyaabiloos erga injifate booda nutis Diyaabiloos injifachaa akka jiraannuuf humna keenya kan ta'e Fannoo nu hidhachiiseera. Efe. 2:16. Kanaa ta'uu isaatiinis akka Duuka Bu'icha Qulqulluu Phaawuloositti Fannoo kanaan ni boonna. Gal. 6:14. Ittiin boonuu qofaas osoo hin taane miilli Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fayyina Addunyaatiif irra kan dhaabbatan, irra kan oolan, kabajamaa Fannoo isaatiif ni sagadna. Sababni isaas Raajichi Waaqayyoo Mootichi Daawwit «Iddoowwan miilli isaa dhaabbatanitti ni sagadna» jedheera waan ta'eef Faaruu. 131:7. Bu'uura kanaanis Manni Kiristaanaa ol kaastee Gullilaatii ishee irratti kan dhaabdee fi guyyaa guyyaadhaanis Luboonni maqaa Kiristoosiin amantoota kan ittiin eebbisan Qulqulluu Fannoon kan lallabuufi kan dubbatu waa'ee Iyyesuus Kiristoosidha.

2. 𝐅𝐚𝐤𝐤𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚'𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐧𝐢 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐝𝐢

Bara Kakuu Moofaatti fakkii Kiruub akka qopheessuuf Museetti kan hime Waaqayyo dha. Museenis kan ajajame raawwateera. Ba'uu. 25:21-22. Waaqayyos dursee akkuma dubbate Fakkii Qulqulluu sana irra bulee isatti dubbateera. Lakk. 7:89. Mootichi Solomoonis bara isaatti Mana Qulqullummaa Waaqayyoo ijaaree erga xumure booda naannawaa gamoo isaatti Fakkii Kiruub hojjechiisuu isaatiin Waaqayyo hojii isaa jaallateefiira. 1 Mot. 6:23-29, 2 Seen. 7:11-12. Kana irraas kan barannu Fakkiiwwan Qulqullaa'oo hojjechuun kan jalqabame ajaja Waaqayyootiin ta'uu isaati. Ajajni kun Kakuu Haaraa keessattis hin diigamne ykn hin shaaramne. Sababni isaas osoo diigame ykn shaarame ta'ee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos warra qarshii jijjiiranii fi warra Gugee gurguran teessoo isaanii garagalchee Mana Qulqullummaa keessaa yeroo baasetti, Si'ilii ykn Fakkii Qulqulluu hin baasne waan ta'eef. Maat. 21:1-13. Kanaafuu Manni Kiristaanaa bu'uura ajaja Waaqayyootiin Maqdasii, Qiddist fi Qinee Maahileetii ishee fi naannawaa isaatti Missiraachoo gooftaa keenyaa, dhaloota isaa, Cuuphaa isaa, godaansa isaa, Raajiiwwan isaa, dhiphina Fannoo isaa, ol ba'iinsa isaa fi dhufaatii isaa lammaffaa kan agarsiisan Fakkiiwwan Qulqullaa'oo kaasuudhaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni Lallabdi. Mana Kiristaanaatti Fakkiiwwan Qulqullaa'oon kan ittiin barsiisan qofaa miti. Akka Ulee Museetti, akka Haguuggii Eliyaasitti, akka citaa uffata Qulqulluu Phaawuloositti, akka gaaddidduu Qulqulluu Pheexiroositti ibsamoota humna Waaqayyoo fi iddoo argama eebbaati. Ba'uu. 4:12, 2 Mot. 2:8, 2 Mot. 2:21, 6:6, HDB. 5:15, 19:22. Kanaafuu Fakkiiwwan Qulqullaa'oof ni sagadama.


3. 𝐓𝐬𝐢𝐥𝐥𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐢 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐝𝐢

Seeraa fi ajajni isaa kan irratti bocame Tsillaatii dursee Museedhaaf kan kenne Waaqayyodha. Ba'uu. 31:18. Boodarras bakka Tsillaatii cabee Museen akka qopheessuuf kan eeyyame Waaqayyo dha. Ba'uu. 34:1. Bultoo Tsillaatii sanaa Taabota kan tuqe Azaanittis kan dheekkame Waaqayyo dha. Taaboticha kan kabaje Abiidaariifis eebba kan kenne ykn mana Abiidaaraa eebbaan kan guute Waaqayyo dha. 2 Sam. 6:6-12. Kakuu Haaraa keessattis «Ani seeraa fi Raajota diiguuf hin dhufne» kan jedhe Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Maat. 5:17. Duuka bu'ichi Qulqulluun Yohaannis ammoo «Manni Qulqullummaa inni Samii irra jiru ni baname, Taabotni Kakuus Mana Qulqullummaa sana keessatti mul'ate, balaqqee fi sagaleen Qaqawweessaas ni ta'e» jedheera. Mul. 11:19. Kanaafuu Manni Kiristaanaa Tsillaatii kabajjee qabatteerti. Tsillaatiiwwan kana irrattis maqaa dhaa ol kan ta'e maqaan Iyyesuus Kiristoos irratti bocameera. Kana waliinis «Samii fi lafa irratti, Lafaa gadi kan jiru hundi maqaa Iyyesuus Kiristoosiif haa jilbeeffatan!» kan jedhu jechi Qulqulluu Phaawuloos irratti ibsameera. Filp. 2:10. Kanaanis Tsillaatii fuulduratti kan sagadamu maqaa Iyyesuus Kiristoosiif. Kanaafidha Manni Kiristaanaa Iyyesuus Kiristoos Tsillaatii dhaan ni Lallabdi kan jenneef.

4. 𝐌𝐞𝐞𝐬𝐡𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚'𝐨𝐨 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐧𝐢 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐝𝐢

Meeshaaleen Qulqullaa'oo Mana Kiristaanaa keessatti tajaajilaaf oolan Meerooniidhaan akka kabajaman ykn akka dibaman kan taasise, dibamanii Qulqulleettii Qulqullootaa ta'u, kan isaan tuqes Qulqulluu ni ta'a kan jedhe Waaqayyo dha. Ba'uu. 30:22-33. Kanaanis meeshaaleen Mana Qulqullummaa keessa jiran kan Waaqayyo ittiin tajaajilamu hundi Meerooniidhaan kan dibaman ykn kan kabajamanidha. Meeshaaleen Qulqullaa'oo kabajamoo kunneenis tajaajila isaaniitiin dabalataatti tokkoon tokkoon isaanii ergaa Afuurawaa mataa isaa danda'e dabarsu. Kanaafis Maqoomaan, Tsinaatsiliin, Kaabbaan, Maratni mataa, Goonfoon, Qoobiin........ fi k.k.f hundi kan Lallaban Iyyesuus Kiristoosidha. 

5. 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐐𝐮𝐫𝐛𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐚 𝐧𝐢 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐝𝐢

Qurbaanni Kakuu Haaraa Fooniifi dhiiga Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Kanaanis Mana Kiristaanaatti Habistiin jijjiiramee Foon Waaqummaa, Wayiniinis jijjiiramee dhiiga Waaqummaa ni ta'u. Kanas «Kuni Foon kooti, kuni ammoo dhiiga kooti....... waa'ee dhiifama Cubbuu baay'eewwaniitiif kan dhangala'u dhiigni koo Kakuu Haaraa kanadha » jedhee kan kenne Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha. Maat. 26:26-27. Dabalataanis «Dhuguma dhuguman isiniin jedha, foon ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos yoo nyaattanii fi dhiiga isaa yoo dhugdan malee mataa keessaniin jireenya hin qabaattan, Foon koo kan nyaatamu, dhiigni koos kan dhugamu jireenya bara baraa qaba. Ani guyyaa dhumaatti isa nan kaasa, foon koo nyaata dhugaa, dhiigni koos dhugaatii dhugaa waan ta'eef. Foon koo kan nyaatu, dhiiga koo kan dhugu anaan ni jiraata, anis isa keessa nan jiraadha» jedheera. Yoh. 6:53-56. Kanaafidha Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Qulqullummaadhaanis ta'aanii fudhachuun akka nurraa eegamudha kan dubbate. 1 Qor. 11:27-29. Kanaafuu Manni Kiristaanaa kana bu'uura taasifachuun Qulqulluu Qurbaanaan jireenya ta'uu Kiristoos ni Lallabdi.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

3 Comments

  1. Baga nagaan dhuftani! barumsi keessan baay'ee bareeda. garuu wanti gadi fageenyaan ilaaluu qabdan ni jiraata/ kutalee macaafa qulqulluu otoo hin fudhatiin dura kutaa fudhannu sana lakkoofsa isa dursaa fi duuba isaa irra jiru dubbisuun irra deddeebine ilaaluun dirqama keenya sababiin isaa jecha dogongoraatti yoo hiikne dhaloota dogongorsuun firdii ofitti finna. mee ati barsiisuun dura luqisii fudhattu mara irra deddeebi'ii hubadhu.

    ReplyDelete
  2. This comment has been removed by a blog administrator.

    ReplyDelete
  3. itcicongshi-1982 Lisa Morgan click
    Awesome
    premmulgmentwhee

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)