Subscribe To Our YouTube Channel

𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐡𝐢𝐧 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐝𝐮𝐮??? | 𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐁𝐚𝐫𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚 | 𝗞𝘂𝘁𝗮𝗮 2𝗳𝗳𝗮𝗮

𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐁𝐚𝐫𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐭𝐨𝐝𝐨𝐤𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨 𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚

Kutaa 2ffaa

Kutaa 1ffaa barreeffama kanaa osoo hin dubbisiin gara kutaa kanaatti hin darbiinaa! Kutaa 1ffaa keessatti gaaffii «Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Iyyesuus Kiristoos hin Lallabdu» jedhanii yeroo baay'ee kaasaniif deebii isaanii ilaalleerra, isaan keessaas; Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa:

• Kabajamaa Fannoo isaatiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka Lallabdu,
• Fakkiiwwan Qulqullaa'ootiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka Lallabdu,
• Tsillaatiidhaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka Lallabdu,
• Meeshaalee Qulqullaa'oo isheetiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka Lallabdu,
• Qulqulluu Qurbaanaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka Lallabdu fi k.k.f akkasumas Iyyesuus Kiristoos Lallabuu jechuun maal jechuu akka ta'e ilaalleerra.

Kutaa 2ffaa kana keessatti ammoo kan itti fufe ni ilaalla; qabxiiwwan gurguddoon nuti kutaa kana keessatti ilaallus; Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoon Itoophiyaa Iyyesuus Kiristoos:-

→ Galatoo isheetiin akka Lallabdu
→ Tsoomiiwwan isheetiin akka Lallabdu
→ Ayyaanota Afuurawaa isheetiin akka Lallabdu
→ Aadaadhaan akka Lallabdu fi k.k.f ni ilaalla! Dubbisa gaarii!


6. Galatoo isheetiin ni Lallabdi

Manni Kiristaanaa waggaadhaa hanga waggaatti galatoo adda hin cinneen halkaniinis guyyaadhaanis Waaqayyoof galata ni dhiyeessiti.

• Kidaaniidhaan,
• Faaruudhaan,
Qiddaasee dhaan fi
• Maahileetii dhaan Waaqayyo ni galateeffatti. 

Galatoon kunis Kitaabolee Kakuu Moofaa fi Kitaabolee Kakuu Haaraa, Kitaabolee Abbootii keessaas kan walitti ba'e dha. Fakkeenyaaf bu'uura Kitaaba Gitsaaweetiin Qiddaasee guyyaa guyyaan Qaddasamu irratti Qulqulluu Wangeela fi Ergaawwan Qulqulloota Duuka Bu'ootaa keessaa kan lamaa ni dubbifama. Dhuma irrattis (Qiddaasee booda) ni hiikama, gara jireenyaatti jijjiiramee ni Lallabama. Kanaanis dubbisni isaas ta'e hiikni isaa akkasumas iccitiin isaa kan Lallabu ykn kan dubbatu ykn kan barsiisu waa'ee Iyyesuus Kiristoosidha.

7. Tsoomiiwwan isheetiin ni Lallabdi

Akka Sirna Mana Kiristaanaatti Tsoomiiwwan dhaabbatoo torba ni jiru. Isaan kunis kan Lallaban Iyyesuus Kiristoosidha.

7.1. Tsoomii Guddaa

Tsoomii Guddaa kan Tsoomnuuf matumti isaa Iyyesuus Kiristoos Gadaama ykn lafa onaa Qoronxoositti guyyaa Afurtamaa fi halkan afurtama Tsoomuu isaatiin eebbiseefi qulqulleessee waan nuuf kenneefi. Dhuma irrattis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Diyaabiloos injifateera. Kunis yoo Tsoomtan diina keessan kan ta'e durii kaasee Diyaabiloos ni injifattu jedhee fakkeenya nuuf ta'uufi.

7.2. Tsooma Fayyinaa (Roobii fi Jimaata) 

Tsoomii kana kan Tsoomnuuf Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Roobiitti Shangoo Ayihuudiin duuti waan irratti murteeffameefi guyyaa Jimaataatti ammoo fayyina keenya Fannoo irratti guyyaa itti raawwate waan ta'eefi. 

7.3. Tsoomii Raajotaa

Tsooma Raajotaa kan Tsoomnu Qulqulloonni Raajonni gooftaan ni bu'a, ni dhalata jedhanii abdiidhaan maqaa isaatiin Tsoomii isaan Tsooman waan ta'eefi. Nutis kana yaadachuudhaan Qulqulloota irraa eebba argachuudhaaf guyyaa Ayyaana dhaloota Gooftaa dura maqaa isaatiin ni tsoomna. Sababni isaas Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Wangeela irratti «Isin kan simatu ana simata, ana kan simatu ammoo kan na erge simata. Raajii maqaa raajiitiin kan simatu gatii Raajii ni argata, Qulqulluu maqaa Qulqulluutiin kan simatus gatii Qulqulluu sanaa argata» jedheera waan ta'eef. Maat. 10:40-41.


7.4. Tsoomii Duuka Bu'ootaa

Tsooma Duuka Bu'ootaa kan Tsoomnu Qulqulloonni Duuka Bu'oonni kennaa Afuura Qulqulluu fudhatanii «Maqaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Qoricha jireenyaati» jedhanii Lallabuudhaaf ba'uu isaatiin dura maqaa isaatiin Tsoomii isaan Tsooman waan ta'eefi.

7.5. Tsoomii Gahaadii

Tsooma Gahaadii kan Tsoomnu Cuuphaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Roobii ykn Jimaata irra yeroo oolutti, guyyaan isaa jijjiiramee ykn jijjiirraan guyyaa taasifamee jala bultii isaatti Kibxata ykn Kamisa ta'a. Kunis Raajiin Raajotaa kan itti raawwatame, Iccitiin Sillaasee kan itti ibsame, kennaan mucummaa kan itti deebi'e, Xalayaan du'aa Yordaanoositti dhokatee ture kan itti haqame, Samiiwwan banamanii iccitiin kan itti mul'ate, Cuuphaan keenya kan itti eebbifamteefi kan itti qulqulleeffamte Ayyaana Cuuphaa gammachuu guddaadhaan kabajuufi.

7.6. Tsoomii Filsataa

Tsoomii Filsataa kan Tsoomnu Qulqulloonni Duuka Bu'oonni haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga boqotte booda Qulqulloonni Ergamoonni ol ishee baasanii waan turaniif foon ishee argachuuf isa kadhatanii fedha isaatiin foon haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Tsoomii itti argatan waan ta'eefi.

7.7. Tsoomii Nannawee

Tsoomii Nannawee kan Tsoomnu namoonni Nannawee guyyaa sadii fi halkan sadi tsoomanii araara Gooftaa irraa kan itti argatan, innis Tsoomii inni jaallate waan ta'eefidha. Kanaanis Tsoomii araaraafi dhiifamaa kana yoo tsoomne Gooftaan nuuf dhiisa jennee amanuudhaanidha kan Tsoomnu.

8. Ayyaanotaan ni Lallabdi

Ayyaanota Afuurawaas eebbiseefi qulqulleessee ijoollee namaaf kan kenne Waaqayyodha. Kunis jalqabuma irraa guyyaa Sanbataa (Qidaamee) kabajuu isaa fi qulqulleessuu isaatiin beekameera. Ba'uu. 20:11. Sababa kanaanis Sanbata kabajuu dhiisuun adabbii guddaa geessisa ture. Lakk. 15:32-26. Israa'eel warri Foonii guyyicha seeraan kabajuu dhiisuu isaaniitiin Raajotaan komatamaniiru. Hizq. 20:12-16, Amots. 8:6. Kakuu Haaraa keessattis Gooftaa keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Guyyaa Sanbataa kabajeera. Luq. 4:16. Gooftaan kan Fariisota morme Sirna kabaja Sanbataa malee kabajamuu guyyaa Sanbataa miti. Maat. 12:1-4. Sanbataan alas Ayihuudonni ajaja Waaqayyootiin Ayyaanota akka Faasikaa, Ayyaana Makaraa, Daasii, Malakatii kan itti afuufan, Yaadannoo Manni Qulqullummaa kan itti haareffamu fi k.k.f Ayyaanota akkasii Yaadannoo Sirna Afuurawaatiin ni kabaju ture.

Kakuu Haaraa keessatti ammoo Manni Kiristaanaa Maahileetii fi Qiddaasee dhaan kan kabajju Ayyaanonni gurguddoo Gooftaa sagali fi Ayyaanonni xixiqqoo Gooftaa sagal ni jiru. Ayyaanonni kun maal maal fa'i? Dubbisaa! →  Ayyaanota Gurguddoo fi Xixiqqoo Gooftaa Saglan fi kanneen biroo

Akkasumas Ayyaanonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kanneen biroos ni jiru. Guyyoota Kabajamoo fi Qulqullaa'oo kanneenittis hundumaanuu jechuunis Qiddaaseedhaan, Maahileetii dhaanis, Barumsaanis kan lallabamu Iyyesuus Kiristoosidha. Isaan kana waliinis Mana Kiristaanaatti Ayyaanonni Yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi kan Qulqullootaa Sirna Afuurawaa guddaadhaan ni kabajamu ykn ni kabajji. Kanas kan taasistu maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiini. Sababni isaas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam uumamtoota hundaa ol kan itti taatee fi kennaa fi kabaja kan itti argatte haadhummaa gooftaatiif filatamuu isheetiini waan ta'eef.

Kanaafidha Waaqayyo irraa kan ergame Qulqulluun Gabri'eel «Gammadi! Kennaan kan guutamte, gooftaan si waliin jira, Dubartoota hunda keessaa ati kan eebbifamte dha ..... Yaa Maariyaam Waaqayyo biratti Kabaja argatteerta waan ta'eef....» jedhee kan ishee galateeffate. Luq. 1:28-40. Afuurri Qulqulluu kan isheerra bule Elsaabeetis «Ati Dubartoota keessaa kan eebbifamtedha. Firiin garaa keetiis kan eebbifamedha. Haati Gooftaa kootii gara kootti kan dhuftu ani eenyu? ...........» jechuudhaan ishee galateeffatte. Luq. 1:43-45. Isheenis ykn haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Kunoo har'aa jalqabee dhaloonni hundi Qulqulleettii naan jedhu» jetteerti. Luq. 1:48. Ergamoonni Qulqulloonnis fayyuudhaaf kan filataman kan gargaaran maqaa isaatiini waan ta'eef. Waa'ee kanaas Raajichi Waaqayyoo Qulqulluun Daawwit «Ergamoonni Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyo sodaatanii ni buufatu, isaan ni fayyisus» jedheera. Faaruu. 33:7, Ibr. 1:10. Qulqulloonni Raajonnis raajii kan dubbatan waa'ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waan ta'eef.


Kanaafidha Filiiphoos «Museen seera keessatti, Raajonnis waa'ee isaa kan barreessan ........ Iyyesuus arganneerra» kan jedhe. Yoh. 1:46. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis ka'umsa isaa booda daandii Eemaahuus irratti kan isaan arge Luqaas fi Qaliyoophaa dhaan «Isin kan hin hubanne, Raajonnis kan dubbatan hunda lapheen keessan amanuu irraa kan ture, Kiristoos gidiraa kana akka fudhatuufi gara kabaja isaatti seenuun isaaf ni ta'a mitii?» erga jedheeniin booda waa'ee isaa Musee fi Raajota irraa eegalee Kitaabolee irratti kan barreeffaman isaaniif hiikeera. Luq. 24:25-26. Duuka Bu'ootaafis hiikeera. Luq. 24:44-47. Qulqulloonni Duuka Bu'oonnis gidiraa hunda osoo hin dhiphatiin hanga qarqara Addunyaatti kan Lallaban Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. HDB. 2:36, 8:35, 9:27, 16:31.

Gooftaanis dursee «Afuurri Qulqulluu yeroo isiniif bu'eetti humna ni fudhattu, Iyyerusaaleemittis, Yihudaa hundattis, Samaariyaattis hanga qarqara Addunyaatti ragaawwan koo taatu» jedheeniira. HDB. 1:8. Qulqulloonnis Addunyaa irra adda ba'aanii, Gadaamii ykn Kawaala keessatti murta'aanii, qorra isaa, aduu isaa, qorumsa Seexanaa osoo hin dhiphatiin ykn osoo hin sodaatiin Qabsuuraan qoramaa kan jiraatan maqaa Iyyesuus Kiristoosiini. Qulqulloonni Wareegamtoonnis magaazii dhaan kan tatarsa'aan, Sayifiidhaan kan rukutaman, Ibiddaan kan gubatan maqaa Iyyesuus Kiristoosiini. Raajiiwwaniifi dinqiiwwan gurguddoo kan taasisanis maqaa Iyyesuus Kiristoosiini. HDB. 3:6. Kanaanis Qulqulloonni Qabsuuraan kan qoraman, Raajiiwwan kan taasisan, kan araarsanis maqaa isaatiin waan ta'eef kuni hundi kan itti himamu Ayyaanni Yaadannoo isaanii kan Lallabu Iyyesuus Kiristoosidha. Walumaa galatti jireenyi Qulqullootaa kan Lallabu Iyyesuus Kiristoosidha. Sababni isaas isa fakkaatanii argamaniiru waan ta'eef. 1 Qor. 11:1.

9. Aadaa isheetiin ni Lallabdi

Manni Kiristaanaa hiika Afuurawaa kan qabu Aadaan ishees ykn hiika Afuurawaa kan qabu Aadaa isheetiinis kan Lallabdu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Kanaafis jireenya Amantootaa ykn jireenya Kiristaanotaa ilaaluu qofti gahaadha. Fakkeenyaaf :- Haadholiin keenya bifti ykn bocni Fannoo uffata isaanii fi Balee ykn Naxalaa isaanii irratti argamu kan Lallabu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Guyyoota kabaja Ayyaanotaa kan uffannu uffanni keenya Adiinis, Ergamoonni Waaqayyoo kan uffatan fi Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo ka'umsa isaa kan ittiin mul'ate dha akkasumas Ergamoonni Waaqayyoo yeroo ka'umsaa fi ol ba'iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos uffatanii kan muldhatanidha. Yoh. 20:12, HDB. 1:10. Qulqulloonni Addunyaa kana irraa boqotanis uffanni isaanii Adii dha. Mul. 6:11. Uffanni Gooftaas Darba Taaboor ykn Tulluu Taabor irratti akka ifaatti Adii ta'eera. Maat. 17:2. Jijjiirraa bara haaraaf, Ayyaana Fannoodhaaf, akkasumas Ayyaana Buhee ykn Ayyaana Dabra Taaboriif Daamotiin ibsamu kan Lallabu waa'ee Ifummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments