Subscribe To Our YouTube Channel

Wangeela Qulqulluu Yohaannis

Wangeela Qulqulluu Yohaannis



Wangeelota Arfan keessaa Wangeela isa arfaffaa kan barreesse Qulqulluu Yohaannisidha. Kan barreesses naannoo bara 96 Dh.K.B dha. Wangeelli Yohaannis Wangeelota hunda irraa dhuma irratti kan barreeffame yoo ta'u;

Wangeelli Maarqoos jalqaba irratti barreeffame
Wangeelli Maatewoos lammaffaa irratti barreeffame
Wangeelli Luqaas sadaaffaa irratti fi
• Wangeelli Yohaannis ammoo arfaffaa ykn dhuma irratti barreeffame.

Wangeelli Yohaannis baay'ina Boqonnaawwanii fi lakkoofsota isaatiin sadarkaa sadaffaa irratti argama. Kunis Boqonnaalee 21 fi Lakkoofsota 866 qaba.

Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti Qulqulluun Yohaannis Wangeela isaa kan barreesse qarqara Galaana Ejiyaan taa'ee ture. Bara sanattis ilaalcha Loogoos Heraaqiliixas (500 Dh.K.D) fa'a ilaalcha Ayihuudotaa waliin walitti makanii kan barsiisan Istoo'iikoonni Isiyaa xiqqoo waan turaniif Qulqulluun Yohaannis hiikni dhugaa Loogoos ykn Sagalee ykn jechaa «Jecha ykn Sagalee Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo» jedhee barreessuuf ni ka'e. Kanumaanis iccitii Waaqummaa baldhisee, gadi fageessee hubachiisuu barbaadee yaadaan fudhatamee osoo jiruu Ergamaan Waaqayyoo Galaana Ejiyaan cabaa Hanqaaquutiin bishaan isaa waraabaa gara dachee gogaatti yeroo dhangalaasu Qulqulluun Yohaannis ni arge. Qulqulluun Yohaannisis «Akkamitti Galaana hamma kan ma gahu cabaa Hanqaaquutiin waraabdee fixuuf yaalta» jedhee ergamicha yeroo gaafatu Ergamichis «Kan koo illee uumamadha, ati qoratamee kan bira hin ga'aamne, Amalummaa Waaqayyoo ykn Waaqummaa nan qoradha jettee barreessaa jirta mitii?» jedhee deebiseef. Yeroo sanattis Qulqulluun Yohaannis Iccitii Sillaasee gadi fageessee ibsuu dhiisee «Waaqayyo irraa kan ergame maqaan isaa Yohaannis nama jedhamutu ture.....» jechuudhaan seenaa biraa barreessuu jalqabe.

Duuka bu'ichi Qulqulluun Yohaannis Kakuu Haaraa keessaatti Kitaabolee Shan akka barreesse ni beekama. Isaanis Wangeela tokko, ergaawwan sadi fi Kitaaba Mul'ataa ykn Kitaaba Raajii tokko. Kakuu Haaraa keessatti kophaa isaa Kitaaba Raajii ykn Mul'ataa kan ta'e Kitaaba «Mul'ata Yohaannis» jedhu kan barreesse Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannisidha. 

Wangeelota Arfan keessaa Wangeelli Yohaannis Waqtii Bonaatiin fakkeeffama. Waqtiin Bonaa waqtii gogaati. Waqtiin Bonaa Waqtii Makaraati. Wangeelli Yohaannisis waa'ee jireenya bara baraa kan dubbatudha. Waqtiin Bonaa ho'a isaa irraa kan ka'e kan uffanne akka baafannu nu taasisa, Wangeelli Yohaannisis yaada mataa keenyaa akka dhiisnu nu taasisa. Waqtiin Bonaa waqtii qonna ykn oomisha Arfaasaatiif itti qophaa'aanidha, Wangeelli Yohaannisis humna ragaa ba'iinsaati. Waqtiin Bonaa waqtii Cidhi itti baay'atudha ykn Waqtii cidhaati, Wangeelli Yohaannisis Cidha Hoolichaatiif kan qopheessudha. Waqtiin Bonaa Ilbiisota sanyii miidhuu danda'aan kan ajjeesudha, Waqtiin Bonaas barumsa sobaa, wanta sirrii kan jallisan kan injifatudha.

Wangeelli Qulqulluu Yohaannis Bineensota Arfan ykn Kiruubeel (Mul. 4:7) keessaa fuula Risaatiin fakkeeffama. Risaan iddoo baay'ee ol fagoo irra taa'ee wanta garmalee gadi fagoo ta'e ni arga. Qulqulluun Yohaannisis dursa Addunyaa ykn Addunyaa dura kan ture waa'ee Ilmaa ni ibsa. (Yoh. 1:1)

Daa'imman akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti dubbisa ergaa Yohaannis ykn «መልእክተ ዮሐንስ» kan jedhamee beekamu Wangeela Yohaannis kana akka barataniif filatamuun isaa baay'ee ajaa'ibsiisaadha. Abbootii bara durii irraa kaasee hanga hardhaatti Wangeela Yohaannis guyyaa guyyaan dubbisuu irra darbee ni kadhatus. Wangeelli Yohaannis matumti isaa iccitiiwwan kabajuuf teessoo ta'ee ni tajaajila. Kana yeroo ilaallu Wangeelli Yohaannis biyya keenya keessatti kabaja guddaa akka qabu ni hubanna. 

Wangeelli Qulqulluu Yohaannis Wangeelota kaan irraa wanti adda isa taasisu barumsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos baldhinaan qabachuu isaati. Fakkeenyota fi Raajiiwwan ykn Dinqiiwwan Gooftaan keenya hojjete baay'inaan hin barreessu. Barumsa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos barsiise kallattiidhaan dabarsa. Wangeelonni sadan ykn Wangeelonni Sinooptikii waa'ee dhaloota Foonii ykn Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo barreessan, Qulqulluun Yohaannis garuu Abbaa irra kan ittiin dhalate dhaloota isaa hin qoratamne ibsuudhaan jalqaba. Wangeelli Yohaannis waa'ee dhugaa fi jireenyaa ifatti ni dubbata.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Ayihuudotaan yeroo qabametti Wangeelaawwiiwwan kaan taatee sana malee barumsa isaa baay'inaan hin barreessine. Qulqulluun Yohaannis garuu Boqonnaa 13 kaasee hanga xumuraatti kan barreesse guyyaa Kamisa galgalaa kaasee hanga ol ba'iinsa Gooftaatti kan jirudha. Qulqulluun Yohaannis Gooftaa waliin hanga Fannootti deemeera. Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara mana isaatti qabatee yeroo deebi'us Ayihuud fi Roomaanonni, Addunyaan hundi jechuun ni danda'aama kan walii galanii fannisan Haadha Iyyesuus Kiristoos qabatee galuudhaan ykn galuu isaatiin dhiibbaa isa irratti dhufu hin sodaanne.

Barreessaan Kitaaba Wangeela Yohaannis eenyudha?

Barreessaan Wangeela Yohaannis Duuka Bu'icha Qulqulluu Yohaannisidha. Kakuu Haaraa keessatti maqaa «Yohaannis» jedhamuun Kitaaba Qulqulluu keessatti kan waamaman namoonni sadi ni jiru. Isaanis;

1. Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa
3. Qulqulluu Maarqoos kan jedhame Yohaannisidha.

Barreessaan Wangeelichaa sababa Wangeela barreesseef ykn Wangeela inni barreesseen Wangeelaawwii Yohaannis jedhameera. (Guutummaa Qabsuuraa fi Seenaa Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii dubbisuuf Link kana tuqaa!)

Kitaabni Wangeela Yohaannis eenyuuf barreeffame?

Qulqulluun Yohaannis Wangeela isaa kan barreesse fooniin kan ibsame Iyyesuus Kiristoos Waaqayyoo Amalummaa ta'uu isaa ibsuufi. Wangeelota sadan ykn Wangeelota Sinooptikii irraa wanti adda isa taasisu Wangeelli Yohaannis kan jalqabu garaatti baatamuu Gooftaa, hidda dhalootaa, dhalachuu Gooftaa, cuuphamuu Gooftaa irraa osoo hin taane dhaloota isaa bara baraa ykn Uumama Addunyaa dura Abbaa irraa haadha malee dhalachuu isaa irraa waan jalqabuufi. Wangeelli Yohaannis kan barreeffameef namoota Waaqummaa Iyyesuus Kiristoositti amanuun isaanirraa eegamu hundaafi. 

• Wangeelli Maatewoos - Ayihuudotaaf barreeffame
Wangeelli Maarqoos - Roomaanotaaf barreeffame
Wangeelli Luqaas - Tewoofiloosiif barreeffame.

Wangeelli Yohaannis garuu Ayihuudota, Ahizaabotaaf, Waaqummaa Amalummaa Iyyesuus Kiristoositti akka amananiif barreeffameera. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama Seenaa keessa ture tokko taasisanii amanuun namoota hedduu hin rakkisu. Waa'ee gidiraatiif du'uu isaa fi waa'ee arjummaa ykn gaarii ta'uu isaas amanuu danda'u. Kana galmeen seenaas hin ganne. Fayyuudhaaf garuu Iyyesuus Kiristoos Waaqa ta'uu isaa amanuun barbaachisaadha. Fannoo irra kan oole nama qofa yoo ta'e du'i ykn duuti isaa Wareegamummaa malee fayyina miti ykn kan fayyisu ykn Aarsaa ta'uu hin danda'u. Osuma ta'eeyyuu ammoo Addunyaan uumaadhaan malee uumamaan fayyuu hin danda'u. Fannoo irratti kan du'e Waaqummaa ykn Waaqayyo qofa akka hin jenne Waaqummaa ykn Waaqayyo Amalummaa isaatiin hin du'u, inni garuu Gonka nama, Gonka Waaqadha. Inni osoo Waaqayyo miti ta'ee du'uu isaatiin ykn du'a isaatiin Jaalalli Waaqayyoo ni ibsame jedhamuu hin danda'u ture. 

Wangeelaawwiin Yohaannis Waaqummaa Amalummaa Iyyesuus Kiristoos ibsuuf kan itti fayyadame jecha Ayihuudonni fi Ahizaabonni beekaniini. «Jalqaba irratti Sagalee ykn jechatu ture» jechuudhaan jalqaba (Yoh. 1:1). Jechi kun kan jedhame Giriikii Loogoos jedhameeni. Loogoos jecha waggoota hedduuf hojiirra ooledha. Loogoos Sirna barreeffamaa Ayihuudotaa fi Ahizaabotaa durii keessatti kan beekamedha. Beekaa ykn Hayyuun Ortodoksii tokkos «Dhaloota Kiristoos dura waggaa 500 tti kan ture Hiraakiliitus Falaasfaan jedhamu 'Loogoos Waaqayyo ibsuudhaan Addunyaa kan bituufi kan beeksisu sababa isa olii'» jechuudhaan barreessee ture. Isaan boodas sirriitti kaaniif kan beeksisan Istooyik kan jedhaman bara 335-263 Dh.K.D tti kan turan Falaasfootadha. Falaasfoonni kunneen Ateensitti Mana Barumsaa hundeessanii waa'ee Loogoos barsiisu turan. Hiikoon yaada ka'umsaa kanaa Ayihuudota Afaan Giriikii dubbatan biratti caalaatti bal'achaa deemuun isaa Ogummaa ykn «Wisdom» kan jedhu waliin hiikaan walitti dhufeenya argate. Iskindiriyaatti bara Addunyaa 30 hanga bara 50 Dh.K.B kan ture Falaasfaan Ayihuudaawwii Faayiloo jedhamu Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii firoomsuun Loogoos Addunyaa mul'atuufi hin mul'anne tokko kan taasise humna Waaqummaati jechuudhaan ibsa. Kitaaba Faayiloo kan dubbisan Ayihuudonni Afaan Giriikii dubbatanis Waaqayyo ofii isaa Addunyaaf ibsuuf kan ture karaa jechaa ykn sagaleetiini. Yaahiwwee Abrahaamiif, Aggaariif, Yisihaaqiif, Yaa'iqoobiif, Museedhaaf ofii isaa kan isaaniif ibse bifa ykn karaa jechaa ykn sagaleetiini.... jechuun seenessu. Kanaafuu Wangeelaawwiin Yohaannis Kitaaba isaa Afaan Giriikiin yeroo barreessu Ayihuudotaa fi Ahizaabonni bifa isaan baraniin «Loogoos» jecha jedhu caqasuudhaan «Abbootii keenyaafi Raajotaaf Foon uffachuu isaatiin dura kan ibsame jechi ykn sagaleen Yaahiwwee har'a Fooniin kan ibsame Kiristoos malee kan biraa miti jechuudhaan boqonnaa isa jalqabaa fi lakkoofsa isa jalqabaa irratti ni ibsa» jedhaniiru.

Jechi kun ykn Loogoos uumamtootaaf sababa ol aanaa, Ogummaa bara baraa, ifa Waaqayyo ibse, Abbootii kan durse, ilma Abbaati. Yohaannisis «Iyyesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amantaniis maqaa isaatiin jireenya akka isiniif ta'uuf kuni isiniif barreeffameera» jedha. Yoh. 20:31.

Wangeelli Yohaannis yoomiifi eessatti barreeffame?

Qulqulluun Yohaannis Wangeela isaa kan barreesse Fixmoo kan jedhamtu Eddoola ho'aa fi kattaa qabdu keessatti hidhameetu. Mul. 1:9. Qulqulluun Yohaannis yeroo hidhamu dursaa Mana Kiristaanaa Efeesoon ture. Manni Kiristaanaa Efeesoon kun Qulqulluu Phaawuloosiin hundooftee Ximootewoos ishee tajaajileera. Yohaannisis hanga hidhamuu isaatti ykn hanga yeroo hidhameetti Mana Kiristaanaa kanatti tajaajileera. Manni Kiristaanaa Efeesoon Mana Kiristaanaa Abbootiin gurguddoo ishee tajaajilanidha. Manni Kiristaanaa kun Addunyaa hamaa irratti gaarummaa ishee kan eegde Mana Kiristaanaa ajaa'ibaati. Ergaa Efeesoon irraa akka hubannutti Manni Kiristaanaa kun iddoo ishee kan beekte turte. Efe. 1:21, 2:6. Mana Kiristaanaa kan dursaa osoo jiruu Qulqulluun Yohaannis gara hidhaatti geeffame. Manni Kiristaanaa kun har'a Mana Kiristaanaa ishee mitiitii handhuurri isheeyyuu hin jiru. Magaalaa Cirrachaan awwaalamte taateerti. Sababni isaas Mul'ata Yohaannis irratti akkuma ibsame «Jaalala ishee durii dhiistee» Mul. 2:4.

Kaayyoo Wangeelli Yohaannis itti barreeffameef

Kitaaboleen Qulqulluu Yohaannis shananuu yaada wal fakkaataa fi walitti fufaa qabu. Wal fakkeenyi isaanii hundi isaaniiyyuu waa'ee «Jalqabaa» ni dubbatu.

• Wangeelli isaa waa'ee Sagalee dursaa
• Ergaawwan isaa ammoo waa'ee Duuka Bu'oota Gooftaa dursanii ykn jalqaba arganii
• Muldhanni isaa ammoo waa'ee jalqabbii Bara bara baraa (የዘላለም ዘመን መነሻ) ni dubbatu. 

Wal duraa duubni ykn walitti fufiinsi isaanii ammoo Jaalala bu'uura kan godhatedha.

• Wangeelli isaa waa'ee Jaalala Waaqayyoo
• Ergaawwan isaa waa'ee Jaalala Waaqayyoo tokkummaa gidduutti waa'ee ibsuu
• Muldhanni isaa ammoo Addunyaa jaalalaatti (Mootummaa Waaqayyoo) bara baraaf waa'ee hammatamuu dubbatu.

Wangeelli Yohaannis waa'ee jireenyaafi dhugaa ni dubbata. Jireenyaa fi dhugaas ifaan fakkeessa. 

Wangeelli Qulqulluu Yohaannis Wangeelota sadan ykn Wangeelota Sinooptikii irraa wantoota armaan gadiitiin adda dha. Isaanis;

1. Seenaawwan garaa garaa barreesseera; 

• Waa'ee ka'umsa Gooftaa
• Magdalaawwitti Maariyaamitti muldhachuu isaa
• Haala isaa fi haala Qulqulluu Pheexiroos ibseera. Yoh. 20

2. Raajiiwwan ykn Dinqiiwwan garaa garaa barreesseera;

→ Qaanaa ZaGaliilaatti raajii Gooftaa keenyaa isa jalqabaa - Boq. 2.
→ Waa'ee fayyuu Matsaaguu - Boq. 5
→ Waa'ee fayyuu nama Iji isaa hin arginee - Boq. 9
→ Waa'ee Ka'umsa Alaazaar - Boq. 11.
→ Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mana cufamaatti seenee Duuka Bu'oota isaatiif ibsamuu isaa - Boq. 20:19, 26 
→ Qulqulluun Pheexiroos Qurxummii hedduu qabuu isaa - Boq. 21

3. Barumsa garaa garaa qabateera;

† Barumsa Naatnaa'eeliif kenname - Yoh. 1:47-51
† Niqoodimoosiif kan dubbatame ykn himame - Yoh. 3
† Yohaannis Cuuphaan waa'ee Gooftaa keenyaa kan inni dubbate - Yoh. 3:27-36.
† Barumsa Dubartii Saamraawwii dhaaf kenname - Yoh. 4
† Barumsa Ayihuudotaaf ibsame - Boq. 5
† Waa'ee iccitii Qurbaanaa - Yoh. 6:30-70.
† Waa'ee barumsa Ayihuudiif kennamee - Yoh. 8
† Keeyyata Hoolotaa (አንቀፀ አባግዕ) - Yoh. 10.
† Guyyaa Kamisaa yeroo miila dhiqetti barumsa kennamee fi waa'ee Afuura Qulqulluu - Yoh. 13-16.
† Waa'ee Waaqayyo Abbaa - Yoh. 17
† Barumsa Maariyaam Magdalaawwit fi Toomaasiif kennamaniifi waa'ee aangoo Lubummaa - Yoh. 20.
† Keeyyata Noolaawwii ykn Keeyyata Tiksee (አንቀፀ ኖላዊ) - Yoh. 21

4. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ilma Waaqayyo Abbaa tokkicha ta'uu isaa ibsuu (Yoh. 3:16, 3:18, 1:18, 1:14) kunis ijoollee kennaa Waaqayyoo kan jedhaman Qulqulloota irraa adda baasuuf kan itti fayyadamedha.

5. Gooftaan keenya «Anadha» jedhee kan dubbate torban;

1. «Biddeen jireenyaa anadha» Yoh. 6:35.

2. «Ani ifa Addunyaati» Yoh. 8:12.

3. «Balballi anadha» Yoh. 10:9

4. «Tiksee gaariin anadha» Yoh. 10:11

5. «Ka'umsaa fi Jireenyi anadha» Yoh. 11:25.

6. «Ani daandii fi dhugaa jireenyadhas» Yoh. 14:6

7. «Hundeen Wayinii inni dhugaan anadha» Yoh. 15:1

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)