Subscribe To Our YouTube Channel

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Qoronxoositti erge

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Qoronxoositti erge



Qoronxoos magaalaa Giriikii keessatti argamtudha. Magaalaa Ateenaa irraas 75 Km fagaattee argamti. Bara Kakuu Haaraatti magaalaa guddoo uummanni naannoo kuma dhibba jaha ykn 600,000 keessa jiraatu turte. Haalli teessuma ishees daandiiwwan gurguddoo Giriikii lamaan Maqedooniyaa fi Akaayiyaa gidduutti kan argamu afaan lafaa irra ture. Magaalittiin kan hundoofte wal gahiinsa Galaanaa irratti ta'uu isaatiin Dooniiwwan karaa Bahaa fi Lixaa dhufaniif iddoo mijattuu turte. Kanarraanis kan ka'e daldalli keessatti babaldhachaa deemee magaalittiinis garmalee Soorettii taate. Jiraattonni magaalittii Waaqa jaalalaa kan jedhamtu «Afrooditee» Waaqessu ture. «Qoronxoosaawwii!» jedhamuun maqaa arrabsoo hanga ta'uutti Cubbuun ejjaa magaalittiitti baay'ate. Jiraattonni hedduun isaanii Giriikota yoo ta'an, Ayihuudotaa fi Roomaanonni hedduunis keessa turan. 

Mana Kiristaanaa Qoronxoos

Manni Kiristaanaa kun jechuunis Manni Kiristaanaa Qoronxoos kan hundeeffamte Qulqulluun Phaawuloos Wangeela Lallabuuf yeroo lammaffaaf ba'ee osoo jiruu gara biyya Giriikiitti yeroo gahudha. HDB. 15:36, 16:6-13. Duuka bu'ichi Ateenaa irraa gara Qoronxoositti darbee waggaa tokkoofi walakkaadhaa ol barsiisaa achi taa'e. Yeroo kanattis Aqilaa fi Phirsiqilaan isa waliin ta'aanii hojjatu ture, HDB. 18:1-18. Manni Kiristaanaa kunis yeroo isa gaddisiistuufi isa rakkistu, Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos yeroo lama deemee Kiristaanota gaafateera ykn kan gaafate ni fakkaata. 2 Qor. 13:1.

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Qoronxoositti erge isa jalqabaa

Qoronxoos Akaayiyaatti magaalaa lammaffaa yoo taatu kan argamtus Giriikii keessatti. Qulqulluun Phaawuloos deemsa isaa lammaffaatiin naannoo bara 50 Dh.K.B tti gara magaalittiitti seenee barsiiseera. Deemsa isaa sadaffaatiin bara 54 Dh.K.B tti ammoo Efeesoon osoo jiruu ilma isaa Afuuraa Ximootewoos Mana Kiristaanittii ilaalee akka deebi'u ergeera.

Ximootewoos Qoronxoos osoo jiruu qomoowwan Qaliyoophaa kan ta'an namoonni Qoronxoos gara Efeesoonitti dhufanii waan tureef waa'ee haala Mana Kiristaanittii Qulqulluu Phaawuloositti himan. Amantoota gidduuttis gargar bahuun ykn wal qooduun ka'ee ture. Sababoonni gurguddoo gargar ba'uu ykn walqooduu sunis;

1. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos barsiisee erga deeme booda Iskindiriyaa irraa kan dhufe Aphooloos kan barate hayyuu waan tureef namoonni hedduun gara Mana Kiristaanaatti dhufuu eegalan.

Karaa biraatiin ammoo bara gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti gara Iyyerusaaleemitti bahanii carraa barumsa isaa argachuu fi Raajiiwwan isaa arguu kan argatan, akkasumas Ayyaana guyyaa shantammaffaatti Iyyerusaaleem osoo jiranii Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin amananii kan cuuphamanis jiru ture.

Kiristaanonni sababoota garaa garaatiin amanan kunneen yaada yeroo walii galuu dhadhaban «Ani kan Phaawuloosidha, Ani kan Pheexiroosidha, Ani kan Aphooloosidha» jechuudhaan wal qoodiinsa fidan. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos rakkoo kana maatiiwwan Qaliyoophaa irraa yeroo dhaga'u ergaa isaa jalqabaa isaaniif barreesse. 

2. Namoonni Qoronxoos ejjaan kan beekaman turan. Bara sanattis «Qoronxoosaawwii» jechuun hiika «Ejjituu» jedhu qabatee ture. Abbaan isaanii osoo lubbuun jiruu haadha biddeenaa isaanii hanga fuudhuutti gahaanii turan. Hojii isaanii badaa kana dhiisanii gaabbiidhaan akka deebi'aniif Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa isaaniif barreesseera.

3. Dubartoonni Qoronxoos gara Shangoo firdii ykn murtiitti seenanii (osoo hin haguuggatiin) aadaa isaanii malee, dhiirsa ykn abbootii manaa isaanii gargaaraa mormuu ykn murtii fuulduratti Abbaa manaa isaanii gargaaruun mormuu bartee haaraa taasisanii ture. Dhimmi kun gara Mana Kiristaanaatti yeroo deebi'anis isaa duukaa dhufe. Iddoo abbootiin manaa ykn dhirsi isaanii hin jirretti akka waan sagantichi maatiidhaaf qabamee ykn akka waan sagantichi maatiidhaan qabamee ani bakka bu'ee Lallabu malee, barsiisu malee jechuu jalqaban. Qiddaasee seennu malee jechuudhaanis rakkisuu jalqaban. Kanarraa kan ka'es Manni Kiristaanittii Dubartoonni amala badaa qaban kan itti walitti qabamanidha jedhamuudhaan Ahizaabota biratti waan dhiibamteef ykn tuffatamteef Qulqulluun Phaawuloos rifeensa isaanii akka haguuggatan, sirnaanis akka jiraatan, sirnaanis akka durfaman ykn sirnaanis akka bulan, sirnaanis akka baratan isaan gorse.


4. Namoonni Qoronxoos aadaa Xaa'otii Waaqessuu isaanii gara sirna Mana Kiristaanaatti galchuudhaan rakkisuu jalqaban. Gara Qulqulluu Qurbaanaa ykn Gara Sirna Qiddaaseetti yeroo dhufan hundumtuu dhuunfaa dhuunfaa isaatti Wayinii fi Habistii qabatanii dhufanii hanga quufanitti nyaatanii, hanga macha'aanitti dhuganii wal loluu fi wal rukutuu jalqaban. Inumaayyuu kanaan isaan gahuu didee hiyyeesonni Wayinii fi Habistii akka isaaniitti manaa fidatanii hin dhufne akka isaan hin qorrobne ni dhorku turan. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Sirna Qurbaanaa kan isaan barsiise amala isaanii badaa kana sirreessuufi.

5. Kan biraa ammoo namoonni Qoronxoos rakkoon isaanii kennaawwan Afuura Qulqulluutiin walitti inaafuu isaanii ture. «Ani eenyuu gadidha?» jechuudhaan hundumtuu Raajota, kan hiikan ykn hiiktota, Lallabdoota, afaaniin kan dubbatan waan ta'aaniif namni dhageeffatu ni dhabame. Hundumti isaaniiyyuu mataa mataa isaanii ol kaasuu isaaniitiin walii galteen dhabamee hookkarri ka'e.

Rakkoowwan kana hundaaf deebiiwwan Kiristaanawaa barreessee harka Ximootewoos fi Isxifaanoos, Fardoonaaxis fi Akaayaaqoosiin isaaniif erge. 1 Qor. 15:32-58, 16:1-24. Kan isaaniif ergames naannoo bara 54 Dh.K.B dha.

Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Qoronxoositti erge isa jalqabaa

1. Seensa, nagaa fi galata :- 1:1-9 
2. Deemsa badaa Manni Kiristaanittii irra turte 1:10-6:20.

A). Gargar ba'uu :- 1:19-4:21

Kunis waa'ee Ogummaa Filoosoofiin Giriikii ka'ee ture. Filoosoofiin Addunyaawaa barumsa Fannoo waliin gonkumayyuu akka wal hin argine erga agarsiise booda (1:17-2:16), hojii tajaajiltoota Waaqayyoo ni ibsa (3:1-4:5), deemsa isa Mana Kiristaanaa Qoronxoos waliin qabu ni ibsa. 4:6-21.

B). Ejja :- 5:1-13, 6:12-20

Haadha manaa ykn niitii Abbaa isaa ykn haadha biddeenaa isaa niitii kan taasifate ykn kan fuudhe ykn namni kan raawwate Mana Kiristaanaa keessaa dkorkamuu qaba, sababni isaas «Irshoo muraasni Bukoo hunda bukeessa» 5:1-8. Qulqulluun Phaawuloos waa'ee Ejjaa xalayaa dursee barreesse ibsa (5:9-13), akkasumas waa'ee nyaataa aadaa garaa garaatiin fi Ejja gidduutti garaagarummaa jiru agaraiisuun akka barbaachisu ni ibsa. 6:12-20.

C). Mormii (ሙግት) :- 6:1-11

Amantoota gidduutti waldhabdeen yeroo uumamu, Mana Kiristaanaa malee daanyaan Addunyaawaa murteessuun akka isa irra hin eegamne ni agarsiisa.

3. Gaaffilee Mana Kiristaanaatiif deebiiwwan :- 7:1-15:58.

A). Waa'ee Bultii :- Boq. 7. Bultii bara rakkisaatti akkamitti kabajanii qabachuun akka danda'aamu ni barsiisa.

B). Waa'ee Foon Xaa'otiiwwaniif aarsamee :- 8:1-11:1. «Beekumsa» kan jedhe Kiristaanni foon Xaa'otiif aarsame yoo nyaate ofii isaa miidhuu baatuyyuu, sammuu nama dhadhabaa madeesssuu danda'a waan ta'eef nyaachuu dhiisuu isaaf wayya. Boq. 8. Duuka bu'ichi bilisummaa osoo qabuu Amantoota biratti mirgi isaa hin eegamne, warra kaan barsiisaa jireenya isaa akka «Ispoortanyaatti» dursa ture, Boq. 9. Kiristaanni, iddoo foon Xaa'otiif aarsame nyaatamutti affeerraawwan Ahizaabotaa irratti hirmaachuu hin qabu, inni kaan haa hafuutii namni Maaddii gooftaa irraa fi maaddii Seexanaa irraa qooddachuu hin danda'u. Boq. 10


C). Waa'ee Waaqessummaa akka namarraa eegamutti raawwachuu :- 11:2-34.

• Dhiironnis Dubartoonnis bilisummaa qabaataniyyuu aadaa barichaa hubatanii kabaja isaaniis yeroo Waaqessummaatti eeguun isaanirraa eegama. 11:2-16.

• Amanaan Qulqulluu Qurbaana yeroo fudhatu, Iccitii Qulqulluu waan ta'eef wanta raawwatu hubatee Qorrobuu qaba. 11:17-34.

D). Waa'ee kennaawwan Afuura Qulqulluu :- Boq. 12-14.

Manni Kiristaanaa kennaawwan Afuurawaatiin yeroo fayyadamtu tokkummaa cimsuun (Boq. 12), jaalala ibsuun (Boq. 13), fi Sirna akka nurra eegamutti eegsisuu ykn kabachiisuu qabna (Boq. 14). 

E). Waa'ee Ka'umsaa :- Boq. 15

Ka'umsi Kiristoos dhugaadha. (15:1-11) fi isaan ala Amantaan keenya kantuu yoo ta'u (15:12-19), Kiristoos ofii isaatiin hundumayyuu bichisiisuun isaafi ka'umsi qaama amanaas qaama du'u yoo ta'u, humna guddaa fi kabaja ni qabaata (15:35-50), dhufaatii Kiristoos isa lammaffaatiin ni ibsama (15:51-58).

4. Guduunfaa :- Boq. 16

Qulqulluun Phaawuloos Amantoota Iyyerusaaleemiif waa'ee buusii qarshii, waa'ee ofii isaa fi waa'ee tajaajila namoota biroo karoora garaa garaa erga ibse booda gorsaa fi eebba isa dhumaa kenne.

Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Qoronxoositti erge isa lammaffaa

Ilmi isaa Afuuraa Ximootewoos ergaa Qulqulluu Phaawuloos isa jalqabaa geessisee erga deebi'e booda, ergaan Qulqullichi Phaawuloos isa erge Kiristaanota Qoronxoos biratti hangam hojiirra akka oole beekuuf Titoo erge. Innis gara Maqedooniyaatti ce'uudhaaf yaadee waan tureef, Xiroo'aadaatti wal arguuf wal beellaman. Ta'us garuu Qulqulluun Phaawuloos Tiitoo Xiroo'aadaatti arguu hin dandeenye. Kanaafis gara Maqedooniyaatti darbe, Titoos achitti arge.

Titoon Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Qoronxoosiif ergaa isa erge baay'eewwan hojii isaanii gadhee irraa akka gaabbanii deebi'an, gaabbiis akka galan taasisuu isaa itti hime, niitii Abbaa isaa kan fuudhes Waldaa ykn Mahaabara Amantootaa ykn Kiristaanotaa keessaa baasaniiru. Qarshii kennaa sanas walitti buusanii eegaa jiru.

Kana hunda gidduutti garuu karaa warra Ayihuudotaa kan ta'an Barsiisonni sobaa gara aadaa fi bartee isaaniitti uummata deebisuuf ykn jijjiiruuf yaaluu isaaniitiin baay'eewwan gawwoomfamanii gara barumsa isaaniitti harkifamaniiru. Warreen kaanis ammoo ajaja Duuka bu'ichaatiin nahuun ykn rifachuun gaddi isaanii garmalee ta'eera.

Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa lammaffaa kan ergeef Gaabbii galanii deebi'uu isaaniitiin isaan galateeffachuuf, warreen rifatan ammoo tasgabbeessuuf, Barsiisota sobaa irraas akka of eeggatan taasisuufi. Ergaan isaa lammaffa kunis naannoo bara 55 Dh.K.B barreeffamtee harka Titoo fi Luqaasiin ergamte.

Akka Kitaaboleen tokko tokko jedhanitti ykn akka «dhugaa» isaatti yoo ta'e ergaan kun ykn ergaan Qulqulluun Phaawuloos ergeef kun ishee lammaffaa osoo hin taane ishee arfaffaati. Qulqulluun Phaawuloos 1 Qor. 5:9 irratti kan caqasu ishee jalqabaa taati, itti aansees nuti «Ishee jalqabaa» kan jennu barreesseera, isheenis ishee lammaffaati. Ergaa ishee jabduu kan qabatte ishee sadaffaati, ammas isheen kun nuti «Ergaa ishee lammaffaa» kan jennuun ergaa isa Arfaffaati. Jalqaba irratti kan barreeffamtee fi dabalataanis ergaa cimaa kan qabatte ergaa isheen sun badaniiru, barsiisonni tokko tokko garuu 2 Qor. Boq. 10-13 irratti ajajni cimaan nuti argannu kutaa ergaa isa sadaffaati jedhu, kunis ta'uu danda'a.

Mana Kiristaanaa Qoronxoositti waa'ee tajaajilaa fi waa'ee aangoo isaa duuka bu'ummaa Gaaffilee hedduun waan isaaf ka'aaniif, Qulqulluun Phaawuloos gorsa Afuurawaa hedduu waliin kaayyoo ykn karoora isaa, wanta taasisee fi taasisuuf jedhu ni ibse.

Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Qoronxoositti erge isa lammaffaa

1. Seensa :- Nagaa Qulqulluu Phaawuloos fi jajjabina Waaqayyo irraa rakkoo waliin argate. 1:1-11.

2. Tajaajila Phaawuloos :- 1:12-7:16

A). Kaayyoowwan isaa sababa inni itti jijjiireef :- 1:12-2:17.

B). Tajaajilli isaa kan Kakuu Haaraa ta'uu isaa (Boq. 3), ergama ykn hojii cimaa akka of-irraa qabu (4:1-5), teessoo murtii Kiristoos fuul duraatti akka madaalamu (4:6-5:10), araara akka labsu (5:11-6:2), gidiraa hedduu akka fidu (6:3-13), namoota gara Qulqullummaatti akka waamu (6:14-7:1)

C). Oduu Tiitoo irraa fudhateen gammaduu isaa :- 7:2-16.

3. Waa'ee gumaacha Amantoota Iyyerusaaleemiif qophaa'u :- Boq. 8-9

4. Duuka Bu'ummaa dhugaa Phaawuloos :- Boq. 10-12.

Qulqulluun Phaawuloos jalqaba Qoronxoositti Lallabuu isaatiin (Boq. 10), warreen kaan caalaa gidiraa sababa Wangeelaatiin arguu ykn fudhachuu isaatiin (Boq. 11) fi ibsamuu olaanaan isaaf kennamuu Isaatiin (12:1-13) Duuka Bu'ummaa isaa mirkaneesse.

5. Guduunfaa, akekkachiisota dhumaa fi nageenya :- 12:14-13:14.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)