Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 6ffaa

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Kutaa 6ffaa

Kutaa kanatti osoo hin darbiin dura Kutaa darban hin dubbisne yoo ta'e dursa Kutaalee darban dubbisaa!


1. «ጻኡ ንኡስ ክርስቲያን ጻኡ ንኡሳነ ክርስቲያን» ykn «Quxisuuwwan Kiristaanotaa ba'aa»

Quxisuuwwan Kiristaanotaa kan jedhaman Kiristoositti kan amanan, Barumsa Wangeelaa barachuun Cuuphaa fi Fooniifi dhiiga isaatiif qopha'aa kan jiranidha. Ajajichis kan ilaallatu isaaniini.

Ta'us garuu yeroo baay'ee kan ilaallu ykn yeroo ilaallu akka ilaalcha namoota baay'eetti ajajichi namoota deemuu barbaadan hundaaf kan ajajameef itti fakkaatee Qiddaasee adda kutanii kan ba'aan hin dhabaman waan ta'eef kuni sirrii miti.

Keessattuu guyyaa Sanbataatti Sirna Qiddaaseetiin Barumsa Wangeelaa dhageeffannee Qiddaasee hirmaachuun eebba guutuu argachuu osoo dandeenyuu, «kanumayyuu eebbaaf haa jedhu!», «hanga walakkeessa Qiddaaseetti yeroon ture yoom na hanqate!», «yeroo hin qabu!», sababoota jedhaniin sababeeffannee manas deemnee hojiin hojjennu osoo hin jiraatiin, yeroo labsii kanatti Qiddaasee adda kunnee osoo deemuu baannee gaariidha. Inumaayyuu yeroo yaannu guyyaa Sanbataatti Sagalee Waaqayyoo dhageeffachuu fi Sirna Qiddaasee hirmaachuuf yeroo hin qabnu yoo ta'e yoomi laata kan yeroo argannu? kanaafuu Qiddaasee adda kunnee osoo gara manaatti deemuu dhiisnee gaariidha.

Wangeelli erga dubbifame booda hojii ariifachiisaa yoo ta'een ala namni tokkoyyuu Mana Kiristaanaatii hin ba'iin!, Sirni Qurbaanaa osoo hi raawwaamiin, Lubichi osoo eebba hin kenniin fi osoo hin gaggeessiin bahuun sirrii miti.

2. Firee Qiddaasee

Yeroon inni Sadaffaan Sirna Kadhannaa Qiddaasee ykn Kadhannaa Qurbaanaa Firee Qiddaasee jedhamuun beekama. Duuka bu'ichi «Kan badu ykn badaa kan ta'e Foon keenya kana irratti jireenyi Kiristoos irratti akka beekamuuf (akka ibsamuuf) gidiraa Kiristoos fudhate ykn arge yeroo hunda foon keenyaan ni baanna» akkuma jedhe. 2 Qor. 4:8. Yeroo Kadhannaa kanatti waa'ee dubbii Fannoo Gooftaa sirriitti kan itti yaadatamu yoo ta'u, Sirna Kadhannaa Qurbaanaatiinis yeroo hundaa olitti namoonni Sirna Qiddaasee raawwatanis (Luboota fi Diyaaqonoota) ta'e warreen Qorroban fi warreen Sirna Qiddaasee hirmaatan waa'ee dubbii Fannoo Gooftaa yaadachuudhaan gidiraawwan gooftaan arge, isaan keessaa muraasa kan ta'aan bu'uura kan jedhaman dhukkubbiiwwan Fannoo irraa kudha sadan Galatoo ykn galata waliin akka yaadatan fi Gidiraan gooftaa isaanitti yaadatamaa gadduun isaanirraa eegama. Isaan kunis;

1. «አክሊለ ሦኽ» ykn Goonfoo Qoree uffachuu isaa
2. «ተኰርዖተ ርእስ» ykn Mataa isaa uleen reebamuu isaa
3. «ተጸፍዖ መልታሕት» ykn Fuula isaa kaballaan rukutamuu
4. «ሰትየ ሐሞት» ykn Hadhooftuu hadha'aa dhuguu isaa
5. «ወሪቀ ምራቅ» ykn Ayihuudonni ancufa itti tufuu isaanii
6. «፭ ቱ ቅንዋት» ykn Mismaarota shananiin rukutamuu isaa
11. «ተቀስፎ ዘባን» ykn Dugda isaa qanceen rukutamuu
12. «ተዐሥሮ ድኅሪት» ykn gara duubaatti hidhamuu isaa
13. «ጸዊረ መስቀል» ykn Fannoo baatee deemuu isaa

• «ርግዘተ ገቦ» ykn Cinaacha isaa Eeboo Langinoosiin waraanamuu isaa
• «ወሪደ መቃብር» ykn gara Awwaalaatti bu'uu isaati.

3. Fitihaata ZeWold «ፍትሐተ ዘወልድ»

Kadhannaan kun Kadhannaa Gaabbiiti. Kadhannaan kun yeroo nuuf kadhatamu kufnee sagadnee Kadhannaa Gaabbii fudhachuu qabna. Kadhannaa Gaabbii kana dursee Diyaaqoniin akka sagadnuuf yeroo nu dhageessisetti ykn akka sagadnu yeroo labsii labsetti sagaduun nurraa eegama. Ta'us garuu sa'aatii ykn yeroon kun;

Baay'ee dhaabbachuu, qaamni keenya dhadhabaan kun yeroo boqonnaa hawwutti waan ta'eef dhadhabbii keenya waliin ykn dhadhabbii keenyaan «Maaloo fuuldura keetti ni sagadna, sagadnee siif bitamna» jennee Waaqayyoof Waaqayyo fuulduratti waadaa erga galle booda;

→ Kan sagadne fakkaannee rafuun ykn muguun,
→ Taa'uudhaaf iddoo mijataa barbaaduun,
→ Naannoo roga fi bukkee barbaaduun boqochuun «hanga ammaatti kanan dhaabbadhe na gaha, ammuma illee xiqqoo taa'een asqaddasa» jennee achiin hirribni nu qabee fi namni nu kaasee gara manaatti deemuuf namni kan nu kaasu yoo ta'e ykn namoonni bartee akkasii qabnu waan hin dhabamneef yeroo sanatti ykn yeroon sun dhadhabaa cimaa osoo hin jedhiin hundayyuu kan qoru fi dhadhabbii keenya hundaaf eebba kan itti argannu waan ta'eef dammaqnee cimnee Kadhannaa kana osoo hordofnee gaariidha.

Dabalataanis sinfinnaa irraa fagaannee yeroo Kadhannaa Gaabbii kanatti dubbisa Kadhannaa Gaabbiitiin Lubichi akkas jedhee Kadhannaa nuuf kadhatu dhageeffachuun nurraa eegama.

A). Kadhannaan Lubichaas

«Maaloo! yoo balleessine yoo si mufachiisne beekuudhaanis ta'e wallaaluudhaan, dabaanis ta'e hammeenya lapheetiin, hanqina beekumsaatiinis yoo dhadhabbii ykn hanqina namaa ati ni beekta, Yaa arjaa nama kan jaallattu gooftaa uumama hundaa Maaloo Cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf kenni, nu eebbisi, nu kabaji, nu qulqulleessi, kan hiikamnes nu taasisi, uummata hundas hiiki!» akkas jedheetu kan kadhatu, Lubichis kan isaaf kenname Luboota Leewwii, Mootota lafaa irraa adda kan ta'een aangoo lafarraa fi samiirraatiin «Waaqayyo isin haa hiiku!» jedhee araara yeroo nuuf kadhatu boqochuu ykn rafuu hawwuu hin qabnu. Kennaan Waaqayyoo fi Mootummaan Waaqayyoo dhadhabbii baay'eedhaan akka argaman Wangeelaawwiin akkas jedhee nu barsiiseera «Gara Mootummaa Waaqayyootti dhadhabbii baay'eedhaan ni seenna!» HDB. 14:22.

Waaqayyoodhaaf galanni fi ulfinni haa ta'uutii ciminaan akka isa galateeffannuuf, akka kadhannuuf Duuka bu'oota isaa yeroo qorumsaatti Kadhannaadhaaf akka ciman ykn kadhannaadhaan akka ciman «Akkamitti ana waliin sa'aatii tokkoof dhaabbattanii Kadhachuu dhadhabdu» jedhee isaan jecha ittiin cimseen nutis yeroo Kadhannaatti dammaqinaa fi ciminaan akka isa tajaajilluuf nu gorsa. Maat. 26:40.

4. «ተዘከረነ እግዚኦ በውስተ መንግሥትከ» ykn «Yeroo Mootummaa keetiin dhuftetti na yaadadhu!»

Yaa Gooftaa Mootummaa keetiin yeroo dhuftetti na yaadadhu. Luq. 23:42. Kadhannaan kun Beektonni ykn Abbootiin Mana Kiristaanaa yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti akka Kadhatamuuf taasisaniiru.

Kadhannaa kana kan kadhate Fannoo Gooftaa irraa gara Mirgaatti namicha fannifame yoo ta'u, Cubbuu isaa amanuudhaan Kadhannaa inni kadhate ture. Nutis «በከመ ተዘከርኮ ለፊያታዊ ዘይማን» ykn «Namichi isa karaa mirgaa fannifame arjummaa kee fi dhiifama keetiin Mootummaa Waaqayyootiif akkuma geessiste, nuunis rifeensa mataa keenyaa caalaa kan baay'ate Cubbuu keenya irraa akkuma kana isiniif dhiiseera nuun jedhi!, Isaan 'Hardha ana waliin Jannata keessa jirta' akkuma jetteen Qulqulluu Foon kee fi kabajamaa dhiiga kee fudhannee Jannata Mootummaa Waaqayyoo ni seenna abdii jedhu irraa nu hin fageessiin!» jechaa Kadhanna.

Yeroo Kadhannaa kanaatti;

1. Araara Gooftaa fi balleessaa keenya yaadachaa baay'ee yoo gaddinee fi yoo boonye gaariidha. Badii fi Cubbuu keenya yaadachuuf yeroon isaa waa'ee Mooticha Daawwit guddaa fi nama beekamaa 
ta'ee ofii isaa Waaqayyo fuulduratti gadi kan qabe «Cubbuu koo yaadachaa siree koo imimmaaniinan jiise, ijoonni koos imimmaan irraa kan ka'e ni dhadhaban» jedhe. Faaruu. 6:6. Gooftaanis Wangeela isaa keessatti «Hardha kan boo'an, kan gaddan eebbifamoodha» jedheera waan ta'eef. Maat. 5:4. Kitaaba Monoksootaa irratti «Nama ta'ee kan hin balleessine, muka ta'ee kan hin aarre hin jiru waan ta'eef balleesseera jedhanii boo'uun» Aarsaa addaa akka dhiyeessuutti ta'uu isaa yeroo agarsiisu «Aarsaan tolootaa ykn qajeelotaa imimmaan isaaniiti» jechuun caqaseera. (Maar Yisihaaq 48). Imimmaan nuti buusnu ibidda Si'ool jiru dhaamsuufi qaama keenya cubbuudhan xuraa'e qulqulleessuufi. Namni cubbuudhaan awwaala keessa yoo jiraate garuu mallattoon isaa imimmaan dhabuudha. (Maar Yisihaaq 48).

2. Dhukkubbii isaa fi gidiraa xoofoo inni fudhatee akka yaadannuuf ija sammuu ykn ija yaada keenyaatiin gara Qaraaniyootti imallee dhiigaan kan guutame fi Mismaarota shananiin Fannoo irratti kan fannifame qaama Gooftaa haa ilaallu, Jaalala isaafi olmaa isaa haa yaadannu.

3. Foon isaa Qulqulluu fi dhiiga isaa kabajamaa kan nuuf kenne yaadachaa yoomi laata kanaan kan na geessu? jechaa abdii haa godhannu.

4. Ka'umsa isaa haa yaadannu.

5. Dhufaatii isaa lammaffaa haa yaadannu (1 Qor. 11:26).

«በከመ ምሕረትከ» ykn «Akka Araara keetti»

Yeroo Kadhannaa Qiddaasee keenyatti Kadhannaan filatame inni kan biraa isa kanadha. Duuka bu'ichi «Kan nu fayyise, waamicha Qulqulluu isaatiinis kan nu waame Waaqayyodha, kunis akka yaada isaatti fi akka kennaa isaattidha malee, akka hojii keenyaatti miti» akkuma jedhe. 2 Xim. 1:9.

Kadhannaan kunis osoo dhiifamaa fi arjummaa isaa miti ta'ee; mataa keenya gadi qabuudhaan fuuldura isaatti dhaabbachuufi kan Qulqullaa'e maqaa isaa waamuudhaaf nuuf hin danda'aamu ture kan jedhu yaada bu'uuraa irraa ka'uuni. Qulqulluun Daawwit «Abbaa mucaa isaatiif akkuma garaa laafu, akkuma kana Waaqayyos warra isa sodaataniif garaa laafa» Faaruu. 92:13 akkuma jedhe Kadhannaa Kadhachuun nurraa eegamudha.

«በከመ ምሕረትከ አምላክነ ወአኮ በከመ አበሳነ» ykn «Uumaa keenya akka dhiifama kee, akka arjummaa keetti dha malee akka balleessaa keenyaatti hin ta'iin»

Hiikni isaa qeenxee ykn hiikni qeenxee kan Afaan Gi'iiziin jiru kanaa «Uumaa keenya akka dhiifama kee, akka arjummaa keetti dha malee akka balleessaa keenyaatti hin ta'iin» yoo ta'u, 

Hiikni isaa lammaffaan ammoo :- Bonaa fi Ganna, Guyyaa fi Halkan kan wal jala jijjiirtu akka dhiifama keetti, akka arjummaa keetti malee akka balleessaa keenyaatti osoo ta'ee nuuf hin ta'u ture ykn nuuf osoo hin taane ture.

Hiikni isaa Sadaffaan :- Qulqulluu Foon kee, Kabajamaa dhiiga kee nyaachuu fi dhufuudhaaf fuuldura keetti kan dhaabbanne akka dhiifama keetti, akka arjummaa keetti malee akka balleessaa keenyaatti, akka Cubbuu keenyaatti osoo ta'ee nuuf hin ta'u ture jechaa Arjummaa fi Araara Waaqa keenyaa yaadachuun Cubbuu keenya amanuudhaan gara isaatti dhiyaachuuf Kadhannaa nuti kadhannu dha.

«እግዚኦ ክርስቶስ መሐረነ» ykn «Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi!»

Kadhannaan kunis Kadhannaa hunda irraa kabajamaa fi jaallatamaa kan ta'e Kadhannaa isa lammaffaa yoo ta'u yaada keenya sassaabbannee Waaqayyo gonkumaa sodaachuun miila keenya lamaaniin dhaabbannee Cubbuu keenyaaf dhiifama kan itti kadhannu Kadhannaa adda ta'edha. Yeroo kanatti callisuun nurraa eegama. Sirna Qiddaasee kan hirmaatanis, Lubni Qurbaanicha dursus «እግዚኦ ክርስቶስ መሐረነ» ykn «Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi» jedhee Yeedaloodhaan yeroo dhageessisu tokkummaa dhaan taanee kennaa isaa fudhachuun, Lubicha hordofnee Uumaa keenya irraa arjummaa fi araara isaa Kadhachuu fi gaafachuu qabna.

Nu kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan nu xumursiise, Galanni fi ulfinni haa ta'u Waaqa tokko kan ta'aan Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf!

Ameen!











Post a Comment

0 Comments