Subscribe To Our YouTube Channel

Meeshaalee Qulqullaa'oo | Kutaa 4ffaa

Meeshaalee Qulqullaa'oo

Kutaa 4ffaa

Kutaa jalqabaa ykn Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe akka seensaatti wantoota tokko tokko ilaallee turre. Isaan keessaas;

• Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Iccitii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa'oo fi k.k.f ilaalleerra duubatti deebi'uun dubbisaa!

Kutaa 2ffaa keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaalle;

• Waa'ee Taabotaa
• Waa'ee Manbarii ykn Teessoo Taabotaa fi
• Waa'ee Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha. Dubbisa gaarii!

Akkasumas kutaa 3ffaa keessatti yeroo darbe;

• Aarsaa (መሥዋዕት
• Kan Aarsaan itti dhiyaatu (መሥዋዕ)
• Tsaahilii (ጻሕል)
• Irfe Meskel (እርፈ መስቀል)
• Tsiwwaa ykn Xoofoo (ጽዋ)
• Masooba Warqii (መሶበ ወርቅ)
• Mahaafadaat (ማኅፈዳት) fi k.k.f maalummaa isaanii fi fakkeenyummaa isaanii ni ilaalleerra! Dubbisaa!

Kutaan itti aanu ammoo kunooti;



Meeshaalee Qulqullaa'oo tajaajilaaf itti fayyadamnu kanneen biroo

Meeshaalee Qulqullaa'oo tajaajila kennan jechuun Mana Kiristaanaa keenyatti yeroo Sirna Qiddaasee tajaajilaaf kan ta'aan fi Sirna Qiddaasee dhaan alas tajaajiluu kan danda'aanidha. 

1. Sahaanii fi Sibiila (ሰንና ብርት)

Nahaasa, Madaaba, Sibiila irraa hojjetamuu danda'u ta'ee wanta akka Moqorqoraa (ማንቆርቆርያ) ta'ee kan ittiin dhiqatanidha. Yeroo tokko tokkos Maqurariit (መቁረሪት) ykn Kuskusat (ኩስኩስት) ni jedhama.

A). San ykn (ሰን) bishaan kan ittiin qabatan yoo ta'u,
B). Birt ykn (ብርት) ammoo kan irratti dhiqachiisanidha.

Iccitiin isaaniis :- Sanii fi Birtiin Philaaxoos «Dhiiga nama kanaa irraa ani Qulqulluudha....» jedhee harka isaa fakkeenya ittiin dhiqateeti. 1 Mot. 7:38-39, Maat. 27:24, Yoh. 13:5.

2. Meeroonii :- Meerooniin Phaaphaasonni mukkeen Ixaanaa fi Bilasaan, Asphaadaatoos fi kanneen biroo gosoota mukaa garaa garaa irraa Shittoo kan itti baasan dibatadha. Mul. 18:13. Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa torban keessaa lammaffaa irratti kan argamu Iccitii Meerooniiti. Meerooniin Cuuphaatti aansee dibata dibamudha. Kunis iccitiiwwan irra hin deebi'amne keessaa isa tokkodha.

Iccitii isaa :- Bara Kakuu Moofaatti Meeshaalee Qulqullaa'oon kan ittiin kabajaman, Luboonni yeroo muudaman, Mootonni yeroo muudaman kan dibatan ture. Ba'uu. 28:41, 1 Saam. 9:16.

Kakuu Haaraattis yeroo Cuuphaa Kiristinnaatti Meerooniin akka itti godhamu, Manni Kiristaanaa haaraa yeroo ijaaramtu, Meeshaalee Qulqullaa'oo haaraa, Taabotnis kan ittiin kabajamu dibata Meerooniidhaani.

3. Qandilii ykn Dibata Qulqulluu

Qandiliin kan argamu firii muka Wayiraa irraa dha. Wayiraan biyya keenya Itoophiyaatti, Israa'eelitti fi Kibba Awuroppaatti baay'inaan ni argama. Zayitiin isaa qorichummaaf ni fayyada, kunis Lubootaan irratti kadhatameefi eebbifamee dhukkubsattootaaf ni kennama ykn ni dibama. 

Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa torban keessaa Qandiliin isa tokkodha. Qandiliin nama dhukkubsataaf kan dibamu dha. Kunis irra deebi'amuu kan danda'aamudha

Iccitii isaa :- Mukti Wayiraa dhaabbii isaatiin fakkeenya misoomaa fi badhaadhinaati. SKD. 24:20, Faaruu. 128:3, Roomee. 11:17-24. Dibatni kun fakkeenya Afuura Qulqulluuti. 1 Yoh. 2:20-27.

4. Ixaana :- Ixaanni muka gammoojjiitti biqilu irraa kan funaanamu yoo ta'u, kunis Mana Qulqullummaatiif kan qophaa'e Aarsaa ta'ee kan aarsamuu fi kan ulamu, Kadhannaa kan ittiin ol baasanidha. Bifti Ixaanaa kunis Adii kan ta'e yoo ta'u kunis Luboonni Digdami Arfan Samii ykn Suraafeel Maa'ixentii ykn meeshaa ittiin ulan Warqee fi kan Samii irraa kan ta'een teessoo Waaqayyoo fuulduratti sagadaa fayyina Addunyaatiif kan ittiin kadhatanidha. Mul. 5:8-8, 8:3-5.

Luboonni halkan qixxee fi gara bariitti, yeroo Sirna Qiddaaseetti ni ulu. Kadhannaa fi Qiddaasee sanas gara Samiitti ittiin ol baasu. Maat. 2:11, Faaruu. 140:2.

Iccitii isaa :- 

- Mukukkulli isaa fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta'u,
- Ixaanni isaa fakkeenya Qulqullootaati
- Aarri isaa ammoo kan Galatoo fi Kadhannaati
- Fooliin bareedaa isaa naannoo sanatti babaldhachuun isaa ammoo fakkeenya bu'aa hojii gaarii
- Aarri Ixaanaa ol ba'uun isaa ammoo fakkeenya ol ba'uu Kadhannaa Qulqullootaati
- Aarri Ixaanaa sanaa Kiristaanota gidduutti akka Duumessaatti naanna'uun isaa ykn marsuun isaa ammoo Waaqayyo nu waliin ta'uu isaa yeroo Kadhannaatti akka dhiyaatu agarsiisa.

5. Tsinihaa ykn Maa'ixentii (ጽንሐሐ /ማዕጠንት)

Tsinihaa ykn Maa'ixentii ykn Ultuun meeshaa ittiin Ixaana ulanidha. Tsinihaa ykn Maa'ixentii ykn Ultuunis kan hojjetamu Warqee, Meetii, Nahaasa ykn Sibiila irraa ta'ee bocaafi bareedina akka qabaatu ta'ee, qabannoon isaa fi wantoonni irra jiran tokkoon tokkoon isaanii lakkoofsi isaanii akka hin daballe akka hin hirdhanne ta'ee kan qophaa'udha. Sababni isaas hundumti isaayyuu Iccitii mataa isaa qaba waan ta'eef.

Iccitii isaa:-

- Mukukkulli ykn (ፍህም) isaa fakkeenya Waaqummaa
- Utubaan Habliiwwan sadan gidduu jiru ammoo fakkeenya ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos;

→ Gadi bu'uun isaa ilmi Samii Samii irraa ba'ee Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu isaatiif,
→ Ol ba'uun isaa ammoo Du'aa ka'umsaa fi ol ba'iinsa isaa yoo ta'u
→ Irra deebiin gadi bu'uun isaa ammoo dhufaatii isaa lammaffaatiif fakkeenya.

- Qabannoon isaa tokko ta'uun ammoo fakkeenya tokkummaa isaa yoo ta'u
- Shaakuraawwan ykn wantoonni xixiqqoon Habliiwwan ykn utubaawwan sana irra jiran baay'inni isaanii yoo xiqqaate 12, yoo baay'ate ammoo 24 ta'u kanaa gadi hin ta'aan, kanaa olis hin ta'aan. 

→ 12 yoo ta'aan fakkeenya Duuka Bu'ootaa,
→ 24 yoo ta'aan ammoo fakkeenya Luboota Digdami Arfan Samiiti.

- Sagaleen Shaakuraawwan ykn wantoota xixiqqoo kanneeniis fakkeenya sagalee Qulqulloota Ergamoota «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii galateeffatanii,
- Meeshaan Qulqulluun Ixaanaa fi Ibiddi itti tokko ta'aan ammoo fakkeenya gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiiti
- Fannoon qabannoo ykn qadaada isaa irra jiru fakkeenya Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Qaraaniyootti ittiin fannifamee, Habliiwwan ykn utubaawwan sadan Mukukkulaa fi Ixaana kan qabate waliin wal qabachuun isaanii Waaqayyo ilmi qaama isaa adda ta'een garaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa yeroo bulu hundumti isaaniiyyuu buluu isaaniitiif fakkeenya.

6. Mudaay (ሙዳይ)

Meeshaa ittiin waa qabatan ykn meeshaa wantoota garaa garaa keessa ka'aan yoo ta'u keessattuu Ixaanaaf (Mudaaye Ixaanaa) ykn (ሙዳይ ዕጣን) kan qophaa'u migira irraa yoo ta'u, tajaajilli isaas Ixaana keessa kaa'uufi. Yeroo Sirna Qiddaaseetti Mudaay keessa Ixaana «Qoqor» ykn «ቆቆር» shantu ka'aama.


Iccitii isaa :- Mudaay fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha, Mudaay keessa Ixaanni mataa ykn «Qoqor» shan ka'aamuun isaa fakkeenya Kakuuwwan Shananiiti. 

A). Kan Qurbaana Abeel
B). Kan Aarsaa Nooh, kan Abrahaam
C). Kennaa Yisihaaq
D). Ergama Musee fi Aroon
E). Aarsaa Malka Tsedeq dha.

7. Tsuwaafii fi Shaamaa ykn Dungoo

Isaan kunneen ammoo Jirbii irraa kan qophaa'aan ta'aanii waan akka Zayitii (ሰም)qabu ifa kennuuf kan tajaajilanidha. 

Iccitii isaanii :- Tsuwaafii fi Shaamaan fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti. Ifti Addunyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos fakkeenyaan «Ani ifa Addunyaati» Yoh. 8:12 jedheera.

8. Maqrazii ykn Baattuu Ibsaa (መቅረዝ) 

Sibiila irraa kan qophaa'u yoo ta'u, yeroo durii Mukaa fi Gaanfa irraa ni hojjetama ture. Ibsaa kan irratti fannisan ykn Baattuu Ibsaas ni jedhama. Tsuwaafii, Shaamaa fi Zayitiinis irratti ni ibsama, Zayitiin itti naqamee kan ibsamu Qandilii jedhama.

Akka Mana Kiristaanaa keenyaatti ykn Mana Kiristaanaa keessatti ibsaan hedduun akka ibsamu ajajameera, Kitaabolee Qulqullaa'oon yeroo dubbisamanitti ifti sirriitti akka jiraatu ni barbaadama. Keessattuu Wangeelli yeroo dubbifamu hangi ifaa ol ka'aa ta'uu akka qabu ajajameera.

Iccitii isaa :- Maqraziin fakkeenya qaama Fooniiti. Ibsaan fakkeenya Ija Fooniiti, ifti isaa ammoo fakkeenya hojii gaarii fi Amantaati (Ija Afuuraa). 

9. Maqqosatariyaa (መኮሰተርያ)

Sibiila irraa kan hojjetamu ta'ee, fiixee ibsaa kan ittiin sirreessan ykn yeroo ibsaan bitaa mirgatti jal'atu kan ittiin soroorsanidha ykn Kirriin isaa gubatee karaa tokkoon yeroo jal'atu kan ittiin sirreessanidha. Ba'uu. 25:38.

Iccitii isaa :- Ibsaan fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta'u, Kirriin ammoo fakkeenya Qaama Foonii, Maqqosatariyaan yeroo qajeelchu ykn soroorsu Burrusa Wangeelaatiin, Barsiisonni fi warreen Lallaban kanneen dogoggoran yeroo deebisan ykn yeroo isaan dhiyeessan dha.

10. Atroons (Teessoo Kitaabolee)

Gogaa irraa, Shamboqqoo irraa, Xaawulaa irraa, Sibiila irraa akkasumas Utubaan isaa Sibiila ykn muka ta'ee hojjetamuu danda'a.

Meeshaa Kitaabolee irra ka'aan, Wangeela kan Lallaban Kitaabolee isaanii irra ka'aanii kan barsiisan dha. 

Atroons yeroo hojjetamu hojjaan isaa olii fi gadi ta'ee kan hojjetamu ykn nama dheeraaf akka hojjaa isaatti fi nama gabaabaafis akka hojjaa isaatti hojjetamu danda'a ykn namni dheeraan ol harkisee ykn ol dheeressee, namni gabaabaan ammoo gadi gabaabsee akka itti fayyadamutti kan hojjetamudha. Yeroo baay'ee garuu hojjaa nama giddu galeessaatiin kan hojjetamudha. 

Ta'us garuu Lallaba yeroo Sirna Qiddaasee gaggeeffamu irratti Barsiisichi gonkumayyuu Atroons irra bahuu hin qabu.


Iccitii isaa :- Atroons fakkeenya gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yoo
ta'u, Kitaabni gubbaa ykn isaa irra jiru ammoo fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha.

11. Mudaay Mitsiwaat (ሙዳይ ምጽዋት) 

Muka ykn Sibiila irraa kan hojjetamu ta'ee Saanduqa qarshiin keessa ka'aamudha. Kunis meeshaa Amantoonni ykn Kiristaanonni kennaa isaanii Mana Waaqayyoof fidan keessa ka'aanidha. 2 Seenaa. 24:11, Marq. 12:41.

12. Qaacilii (ቃጭል)

Meetii, Nahaasa ykn Sibiila irraa kan hojjetamu yoo ta'u tajaajilli isaas Sirna Qiddaasee irratti ykn yeroo Qiddaasee seenan, yeroo Sirna Qiddaasee irratti «ጻኡ ንዑስ ክርስቲያን......» yeroo jedhamu, yeroo Sirna Qurbaanaa fi yeroo Igzi'ootaa irratti ni rukutama.

Iccitii isaa :- «Mootummaan Waaqayyoo dhiyaatteerti waan ta'eef Gaabbii galaa» jedhee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan Iyyi inni Gammoojjiitti iyye ykn lallabni isaa yeroo gidiraatti sagalee gaddaa hadha'aa inni dhageessiseef fakkeenya. Maat. 3:1-2.

13. Dawulii (Bilbila)

Sibiila cimaa fi jabaataa ykn dhagaa Sibiila fakkaatu irraa hojjetama. Tajaajilli isaas halkan Sa'aataatii fi Maahileetii dura, guyyaa Qiddaaseetti sa'aatii jaha (6) yeroo ta'u ni bilbilama. Akkasumas Qiddaasee dura Kiristaanota kaasuuf yeroo shan ni bilbilama, Igzi'ootaa irratti ammoo si'a kudha lama ni bilbilama.

Iccitii haala fayyadama isaa irra jiru

→ Qiddaasee dura yeroo shan bilbilamuun isaa fakkeenya iccitiiwwan Shananiiti.
→ Firee Qiddaaseen eegalamuu isaatiin dura Diyaaqoniin «ፃኡ» yeroo jedhu si'a Sadi bilbilamuun isaa fakkeenya Iccitii Sillaaseeti.
→ Igzi'ootaa irratti si'a kudha lama bilbilamuun isaa ammoo Duuka Bu'oota kudha lamaaniin Wangeelli guutummaa Addunyaatti gahuu isaatiif fakkeenya.

Ibsa Suuraa:- Suuraan karaa Bitaa jiru kan agarsiisu Maqoomaa yoo ta'u, Suuraan karaa Mirgaa jiru ammoo Tsinihaa ykn Ultuu ittiin Ixaana ulan ykn Maa'ixentii dha

14. Maqoomaa (መቋሚያ)

Maqoomaan yeroo baay'ee muka irraa kan hojjetamu ta'ee, waan akka Ulee mataa isaa irratti boca bifa Fannoo qabudha. Maqoomaan baay'inaan boca «T» kan qabu yoo ta'u, wanti gubbaa isaa irratti rukutamu sun ammoo Warqee irraa, Meetii irraa, Nahaasa irraa, Sibiila irraa, Gaanfa irraa ykn Muka irraa hojjetamuu danda'a.

Tajaajilli isaas itti hirkachuuf, akkasumas Kabaroo fi Tsenaatsilii waliin yeroo Maahileetiitti Zimaamee fi Shibshaaboof ni tajaajila.

Iccitii isaa :- Maqoomaan fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Akkasumas Maqoomaan fakkeenya Ulee bifa mallattoo Fannoo qabuu Yaa'iqoob of fuuldura dhaabee sagadaafii tureeti.

Luboonni Maqoomaa gateettii isaanii irratti baatanii asii fi achi jechuun isaanii Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa Jimaataatti Fannoo baachisanii gara Qaraaniyootti geessuu isaaniif, Luboonni Maqoomaa Zeemaa ykn Yeedaloo waliin wal simsiisanii lafa irratti gatuun isaanii fi lafa rukutuun isaanii Ayihuudonni Gooftaa keenya «Eenyutu si rukute?» jechaanii dabaree dabaree dhaan isa rukutuu isaaniitiif fakkeenya ykn isa yaadachuufi.

Akkasumas Maqoomaa sana akka mallattoo Fannootti gateettii isaanii irraa kaasanii gara lafaatti buusuun isaanii, namni biraas fudhachuun isaa akkasumas ol kaa'uun isaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo baatee gara Qaraaniyootti yeroo deemu dhadhabee waan tureef Fannoo isaa nama biraa baachisuu isaaniitiif fakkeenya.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments