Subscribe To Our YouTube Channel

Meeshaalee Qulqullaa'oo | Kutaa 3ffaa

Meeshaalee Qulqullaa'oo

Kutaa 3ffaa

Kutaa jalqabaa ykn Kutaa 1ffaa keessatti yeroo darbe akka seensaatti wantoota tokko tokko ilaallee turre. Isaan keessaas;

• Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Iccitii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa'oo fi k.k.f ilaalleerra duubatti deebi'uun dubbisaa!

Kutaa 2ffaa keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaalle;

• Waa'ee Taabotaa
• Waa'ee Manbarii ykn Teessoo Taabotaa fi
• Waa'ee Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha. Dubbisa gaarii!

Akkasumas kutaa 3ffaa har'aa keessatti ammoo qabxiilee gurguddoon nuti ilaallu;

• Aarsaa (መሥዋዕት
• Kan Aarsaan itti dhiyaatu (መሥዋዕ)
• Tsaahilii (ጻሕል)
• Irfe Meskel (እርፈ መስቀል)
• Tsiwwaa ykn Xoofoo (ጽዋ)
• Masooba Warqii (መሶበ ወርቅ)
• Mahaafadaat (ማኅፈዳት) fi k.k.f maalummaa isaanii fi fakkeenyummaa isaanii ni ilaalla! Dubbisaa!

Ibsa Suuraa:- Bitaa irraa gara Mirgaatti;

1. Wayinii fi Qamadii
2. Tsaahilii fi Tsiwwaa ykn Xoofoo
3. Masooba Warqii

Aarsaa fi kan itti Aarsaa dhiyeessan (መሥዋዕትና መሥዋዕ)

1. Aarsaa (መሥዋዕት) :- 

Bara duriitti Aarsaadhaaf kan dhiyaatu Bineeldota ykn bu'aa Midhaanii ture. Sirni kunis Abbaa keenya Addaam irraa eegalee bara Nooh fa'a, bara Abrahaam fa'a, yeroo Yaa'iqoob fa'a, yeroo Musee fa'a akkasumas hanga Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalachuutti kan ittiin hojjetamaa turedha. Amma garuu Aarsaa Foonii fi dhiiga Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin namni hundi Qurbaana isa bara baraa argachuu danda'eera. Kunis Luboonni yeroo Sirna Qiddaaseetti Habistii fi Wayiniin dhiyeessan Iccitii Waaqummaatiin jijjiiramee Foon amanamaa fi dhiiga amanamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ta'uu isaatiini. «Ani Biddeen jireenyaati» Yoh. 6:35. 
«Foon koo kan hin nyaanne, dhiiga koo kan hin dhugne jireenya bara baraa hin qabu» Yoh. 6:53-54.

«Samii irraa kan bu'e Biddeen jireenyaa anadha. Kan Biddeen kana irraa nyaatu jireenya bara baraa ni qabaata,» «Dhuguma dhuguman isiiniin jedha foon ilma namaa yoo nyaattan dhiiga isaas yoo dhugdan malee jireenya bara baraa hin qabaattan .....» Yoh. 6:51-59.


A). Qamadii fi Wayinii

Hunda kan danda'u Waaqayyo Midhaan keessaa Qamadii fi Wayinii filatee Kadhannaadhaan eebbifamee Fooniifi dhiiga akka ta'uuf taasiseera.

«Laphee koo keessatti gammachuu nan dabale, firii Qamadii, Zayitii Wayinii irras ni baay'ate» Faaruu. 4:6

«Malkatsedeq Wayinii fi Qamadiidhaan ni galateeffata ture» Uma. 14:18. Ibr. 7:1-3.

Qurbaanaaf ykn Aarsaadhaaf kan dhiyaatu Qamadii fi Wayiniin waqtii sanatti kan gahe, Simbirroon kan hin nyaanne, Daana'oon kan isa nyaanne, waagiin kan isa hin rukunne ta'ee iddoo kuusaa ykn Gootaraa keessa kan hin turre ta'uu qaba.


Habistiin aarsaaf yeroo qophaa'u kan hin gubanne ta'ee gubbaa isaatti mallattoo Fannoo kudha sadi kan qabuun mallatteeffamee ni qopha'a, Wayiniin sunis Aarsaaf yeroo qophaa'u gara gogaatti kan siqe ta'ee Qulqulluu ta'uu qaba, Bishaan itti naqamus 1/3 caaluu hin qabu ykn 1/3 irra kan caale ta'uu hin qabu. 

Iccitii isaa :- Qamadiin Foon isaa fi Wayiniin ammoo dhiiga isaatiin fakkeeffamu. 

2. Kan Aarsaan itti dhiyaatu (መሥዋዕ)

Kana ykn «መሥዋዕ» jechuun ammoo Fooniifi dhiigni isaa kan itti dhiyaatu ykn Fooniifi dhiiga isaa kan ittiin dhiyeessanidha. Aarsaaf Waaqayyootiifis meeshaa ykn qodaa filatamaadha. 

A). Tsaahilii (ጻሕል) :-

 Warqee, Meetii, Nahaasa fi Sibiila irraa kan hojjetamu Saahinii gadi dhooqa ykn diriiraa dha. Tsaahiliin kan Habistiin irra ka'aamuufi ittiin kan kabajamu ta'ee kabajaa fi iccitii adda ta'e qaba.

Iccitii isaa :- Tsaahiliin fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos garaa isheetti baachuu isheeti. Mooraan Loonii gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti dhalate fakkeenya Tsaahiliiti, itti dhalatee keessa buleera waan ta'eef. 

- Iddoon itti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti awwaalames fakkeenya Tsaahiliiti, guyyaa sadiifi halkan sadi keessa buleera waan ta'eef. Fakk. 25:11, Maat. 14:8, 2 Seenaa Baraa 4:8, Maat. 23:25.

B). Tsiwwaa ykn Xoofoo (ጽዋ)  :-

Warqee, Meetii, Nahaasa fi Sibiila irraa hojjetama, ittiin dhuguuf kan ta'u yoo ta'u keessattuu yeroo Qurbaanaatti dhiiga kabajamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kan qabatu fi kan ittiin dhiyaatu meeshaa ykn qodaa kabajamaa fi filatamaadha.

Iccitii isaa :- Fakkeenya garaa ykn gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha, ergamaan Waaqayyoo Missiraachoo himu Qulqulluun Gabri'eel gara Dubroo Maariyaamitti yeroo dhufetti isheen ani dhiira osoo hin beekiin akkamitti naaf ta'a yeroo isaan jetteetti «Afuurri Qulqulluu sirra bula, humni Waaqayyoos si golga, sirraa kan dhalatu ilma Waaqayyoo Qulqulluu jedhama» Luq. 1:35 yeroo ittiin jedhetti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Akka jecha keetti naaf haa ta'u!» Luq. 1:38 yeroo isaan jettetti jecha ykn Sagalee kan jedhame Iyyesuus Kiristoos gadameessa ishee keessa bule, bultoon dhiiga Waaqayyoo ykn dhiiga Waaqummaa kan baatu Tsiwwaan ykn Xoofoonis fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ta'eera. Jecha ykn Sagalee kan jedhame Iyyesuus Kiristoos gadameessa isheetti baatame, kunis iccitii Tsiwwaa ykn Xoofoo sanaati.

Guyyaa Kamisaatti gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos «Kunis dhiiga koo fayyina Addunyaatiif dhangala'udha hundumti keessaniyyuu dhugaa» Maat. 26:27 jedhee kan Duuka Bu'oota isaatiif kenne waan ta'eefidha. Sababni Tsiwwaa dhaan dhiyaatuufis Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee Cubbuu keenyaatiif guyyaa Jimaataatti Fannoo irratti dhiiga isaa yeroo dhangalaasu Ergamoonni dhiiga isaa kabajamaa dhangala'u kan itti fudhatan Tsiwwaa waan ta'eefidha ykn yeroo Fannoo irratti dhiigni kabajamaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dhangala'u Ergamoonni Tsiwwaa dhaan waan waraabaniifidha.

C). Irfe Meskel (እርፈ መስቀል) :- 

Fal'aana ykn kan ittiin waraaban yoo ta'u karaa qabannoo isaa Fannoo qaba. Kan qophaa'us Warqee irraa, Meetii irraa, Nahaasa irraa ykn Sibiila irraadha. Ta'us garuu meeshaa Tsiwwaan irraa hojjattame irraa hojjetamuu qaba. 

Irfe Meskeliin tajaajilli isaa Kabajamaa dhiiga isaa warreen Qorroban ykn warreen Fooniifi dhiiga isaa fudhataniif kan ittin kennanidha. 

Iccitii isaa :- Raajichi Isaayyaas lamtsiidhaan yeroo rukutametti kan ittiin irraa fayye Qabduu mukukkula qabatedha. Isa. 6:6.
- Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cinaacha isaa kan ittiin waraaname fakkeenya Eeboo isaati ykn fakkeenya Eeboo gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos cinaacha isaa ittiin waraanameeti.
- Karaa qabannoo isaa kan jiru Fannoon ammoo Fannoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti dhiigni dhangala'u isaa agarsiisa.

D). Awud (ዐውድ) :- 

Yeroo Qurbaanaatti Tsaahiliin meeshaa irra taa'udha ykn meeshaa yeroo Qurbaanaatti Tsaahiliin irra taa'udha. Qulqulluun Foon isaa akka hin kufneef ykn akka lafatti hin harcaaneef kan taasisudha ykn kan haguugudha. Awudiin kan qophaa'u Nahaasa, Sibiila ykn muka irraati. 

Iccitii isaa :- Awud jechuun Addabaabaayii jechuudha. Fakkeenya Addabaabaayii Philaaxoositti Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti murteessaniiti. Yeroo Qiddaaseetti Awudiin uummata fuuldura dhaabbatus fakkeenya kanaati. 

E). Agoobara (አጎበር) :- 

Awudii irratti kan uffifamu muka irraa ykn Sibiila irraa kan hojjetamu ta'ee miila sadi kan qabu ta'ee tajaajilli isaas uffatni inni gubbaa irraa uffatu Foon isaa akka hin tuqne kan dhorkuufi kabaja kan kennudha. 

Iccitii isaa :- fakkeenya mallattoo awwaalaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos ittiin awwaalamee tureeti.

F). Mahaafadaat (ማኅፈዳት) :- uffata gosa shantu jira, fakkeenyummaan isaaniis;

1. Kan Awudiin uffatu fakkeenya Dubrummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam
2. Tsaahilii irra kan ka'aamu ykn uffatu fakkeenya haguuggii daa'ima gadameessa keessa jiruu
3. Habistii irra kan jiru, Agoobara irra kan jiran sadan fakkeenya Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluuti. 


G). Masooba Warqii (መሶበ ወርቅ)

Habistii Beetaliheem kan ittiin fidan yoo ta'u, haalli itti qophaa'us Waaqayyo Musee akkuma ajajetti muka hin nyaatamne irraa dha. Yeroo ammaatti garuu marga migiraa irraa miidhagfamee hojjetama. 

Iccitii isaa :- Masoobiin fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha.
- Warqa Zaboon Qulqullummaa fi Dubrummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif fakkeenya.
- Habistiin fakkeenya ilma Waaqayyooti.
- Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti Masooba Warqiidhaan deemuun Habistii, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Beetaliheemitti dhalatee erga guddate booda waggaa isaa soddomi saditti Qaraaniyootti Aarsaa ta'uuf ykn fannifamuuf deemuu isaaf fakkeenya.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!






Post a Comment

2 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)