Subscribe To Our YouTube Channel

«Biddeen Ergamootaa Ijoolleen namaa nyaatan!» Sirna Qiddaasee

Sirna Qiddaasee

«Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan!»


Biddeen Ergamootaa :- Raajichi Daawwit Baganaa rukutaa akkas jedhe «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan» Biddeen Ergamootaa maalidha laata?

Ergamoonni nyaata hin qaban, Nyaanni isaanii galata isaanii, galanni isaanii nyaata isaaniiti, boqonnaas hin qaban boqonnaan isaanii galata isaanii, galanni isaanii ammoo boqonnaa isaaniiti. Sa'aatii itti boqotan. Ergamoonni sa'aatii itti boqotan sakandii ykn maaykiroo sakandii muraasa illee hin qaban sa'aatii 24 guutuu «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii Waaqayyo galateeffatu. Nutis Sirna Qiddaasee irratti Mana Kiristaanaatti akka ergamoota Waaqayyootti «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jennee Waaqayyo galateeffanna «Nyaata Ergamootaa waan nyaanneef»

Laphee Waaqayyoo kan jedhame Mootichi Daawwit Baganaa rukutaa ykn Baganaa daraddaraa «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa ni nyaatan» jedhee Faarfate. Faaruu. 77/78:25.

Sirna Qiddaasee ajaa'iba ta'e kan Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti gaggeeffamu mee haa ilaallu.

Qiddaasee Ergamootaa



Qiddaasee eenyutu eegale?

Sirna Qiddaasee yeroo jalqabaatiif kan jalqaban Ergamoota Samiiti. Kitaaba Raajicha Isaayyaas Boqonnaa 6 irratti Ergamoonni «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu!» jedhanii Waaqayyo akkuma galateeffatan. Yeedaloo kanas Sirna Qiddaasee irratti kan dhageenyudha. Sirni Samii lafa irrattis hojjetamee ykn diriiree Sirni Mana Qulqullummaa ishee Samii irra jiru Mana Qulqullummaa ishee lafa irra jirtuttis akka ta'uuf Waaqayyo eeyyame, nutis Sirna Samii irraa kana Mana Qulqullummaa ishee lafa jirtuutti diriirfame kanaan Waaqayyo ni galateeffanna.

Lafa irrattis yeroo jalqabaatiif Yeedaloo Qiddaasee kan dhageessisan Ergamootadha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Eefraataa Beetaliheemitti yeroo dhalatetti Ergamoonni Waaqayyoo tiksoota waliin ta'uun «ሥብሐት
ለእግዚአብሔር በሰማያት ወሰላም በምድር ስምረቱ ለሰብ»
ykn «Galanni Waaqayyoof haa ta'u Samii irratti, namaafis lafa irratti nageenyi haa ta'u!» jedhanii akkuma faarfatan nutis Sirna Qiddaasee irratti kan galateeffannu Galatoo Ergamootaa kanadha, Ergamoonni Beetaliheemitti akkuma faarfatan nutis Mana Qulqullummaatti ni faarfanna.

Beetaliheem irraa gara Mana Qulqullummaatti

Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Diyaaqonii inni lammaffaan Habistii Masooba Warqiidhaan baatee, Diyaaqonii inni tokkoffaan ammoo Wayiniin Tsiwwaadhaan baatee Beetaliheemii gara Mana Qulqullummaatti deemu. Beetaliheem Mana Qulqullummaa irraa karaa Bahaatti argamti, Manni Qulqullummaa ammoo fakkeenya Qaraaniyooti. Tokkos fakkeenya Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Galiilaa irraa gara Iyyerusaaleemitti deemuu isaati.

Afuurri Qulqulluu Samii Samii irraa kan itti bu'udha :- Sirni Qiddaasee yeroo jalqabu Lubichi «Guyyaan kun hangam kan nama sodaachistudha, Afuurri Qulqulluu Samii Samii irraa kan itti bu'udha» jedha. Mootiin ni  dhufa yeroo jedhamu qophii guddaa akkuma taasisnu, nutis qophii guddaa akka taasisnu Lubicha kana nuuf labsa!

Meeshaalee Qulqullaa'oo Sirna Qiddaasee irratti itti fayyadamnu

• Mahaafadaat (ማሕፈዳት) :-

Mahaafadaat jechuun Fooniifi dhiigni isaa kan ittiin uffifamu ykn haguugamudha, Tokkos haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos deessee uffataan haguuguu ykn uffata itti uffisuu isheetiif fakkeenya. Tokkos fakkeenya uffata Yooseef fi Niqoodimoos Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ittiin gannazaniiti.

• Tsaahilii (ጻሕል) :-

Tsaahiliin kan Habistiin irra ka'aamu ykn kan Habistiin irra taa'u yoo ta'u, gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni fakkeeffama, tokkos fakkeenya mooraa Loonii gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti dhalateeti, Tokkos fakkeenya awwaala Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Wayinii ammoo Diyaaqoniin Tsiwwaadhaan ni baata.

Tsiwwaa ykn Xoofoo, Irfe Meskel


• Irfe Meskel :-

Diyaaqoniin dhiiga kabajamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Kiristaanotaaf ykn warra Qorrobaniif kan ittiin kennu waan akka Fal'aanaa ta'uyyuu kan waamamu garuu Irfe Meskel (እርፈ መስቀል) jedhameetu. Kunis sababa mataa isaa qaba, Irfe Meskeliin Kiristoos nuuf jedhee cinaacha isaa kan ittiin waraaname Eeboo Langinoosiin fakkeeffama. Loltuun ykn Wattaadarri Langiinoos jedhamu cinaacha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Eeboodhaan yeroo waraanetti dhiiga isaa Qulqulluutiin Mana Qulqullummaa isaatti Meeshaalee Qulqullaa'oo keessaa isa tokkodha.

«Yaa Waaqa koo! Lamtsii koo ilaaltee na hin dhiisiin!» Kitaaba Raajicha Isaayyaas Boqonnaa 6 irratti Raajichi Waaqayyoo Isaayyaas Lamtsiin rukutamee ture ykn Lamtsii qaba ture, Ergamaan Waaqayyoos dhufee qabduudhaan (በጉጠት) Mukukkula Ibidda sanaatiin hidhii isaa tuttuqe, Raajichi Isaayyaasis Lamtsii isaa irraa ni qulqullaa'e,

  • → Ergamichi fakkeenya Lubootaa fi Diyaaqonootaati
  • → Qabduun sun fakkeenya Irfe Meskeliiti
  • → Mukukkulli Ibidda sanaa fakkeenya Foonii fi dhiiga Gooftaa yoo ta'u,
  • → Lamtsiin ammoo fakkeenya Cubbuuti

Akkuma Mukukkulli Ibidda sanaa hidhii isaa yeroo tuqu akkuma Lamtsii isaa irraa fayye, namnis Fooniifi dhiiga Gooftaa yeroo fudhatu Cubbuu isaa irraa ni fayya waan ta'eef. Raajichi Isaayyaas lamtsii isaa irraa akkuma qulqullaa'e, Foonii fi dhiiga Gooftaa yoo fudhattan ni Qulqullooftu yeroo nuun jedhudha. 1 Yoh. 1:7.

• Dibaabee (ጥላ) :-

Sirna Qiddaasee irratti Wangeelli yeroo dubbifamu Dibaabeen ykn (ጥላ) ni diriirfama. Aduun hoo hin jiru maalif diriirfama? yoo jedhame; fakkeenyummaan isaa akkasidha :- Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Maaloo gaaddidduu koochoowwan keetiin na golgi!» fakkeenya kanaati. Tokkos Israa'eeloonni Aduun gammoojjii akka isaan hin dhadhabsiisneef fakkeenya Duumessa isa golgeeti. Tokkos fakkeenya Duumessa Dunkaana Oriitii fi Mana Qulqullummaa Solomoon keessa guuteeti.

• Tsuwaafii (ጧፍ) :-

Lubichi Wangeela yeroo dubbisu Tsuwaafii ni qabata, hin dukkanoofne hoo, ifti jira maalif ibsa? yoo jedhame; Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Seerri kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifadha» waan jedhuufi. Faaruu. 118:105. Wangeela Qulqulluu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoostu dubbifama waan ta'eef, Wangeelli isaas miila keenyaaf ibsaa, daandii keenyaaf ammoo ifa waan ta'eefidha.

Mana Kiristaanaa keenya keessatti baay'inaan Shaamaan jira, kunis Waaqayyo Amalummaa isaatiin ifaa waan ta'eefidha, Shaamaan ykn Dungoon sunis osoo baquu ifa kenna kunis Qulqulloonni waa'ee Mana Kiristaanaatiif akka Shaamaatti baqaa Addunyaaf ifa ta'uu isaaniif fakkeenya.

• Fakkeenyummaa Diyaaqonootaa :-

Lubicha fuuldura Diyaaqoniin ibsaa qabatee deemu fakkeenya Yohaannis Cuuphaati. «Ifichi isadha malee ana miti, Cubbuu Addunyaa kan dhiisisu Hoolichi Waaqayyoo» akkuma jedhe.

Akkasumas Fannoo baatee Lubicha duuba Diyaaqoniin deemu ammoo fakkeenya Diyaaqonii ykn fakkeenya Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoosidha. Gooftaatti aanee «Yaa Abbaa kan hojjetan hin beekan dhiisiif!» akkuma jedhe.

Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa sirni isheen qabdu (ሥርዓቷ) gubbaadhaa hanga jalaatti fakkeenyummaa kan qabanii fi kan nama barsiisanidha, Galaanni Ogummaa Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa dubbachaa nu barsiisti, osoo hin dubbatiinis callistee ni barsiisti.

• Kadhannaadhaaf ka'aa! (ተንሥኡ ለፀሎት) :-

Sirna Qiddaasee irratti «Kadhannaadhaaf ka'aa!» kan jedhu yeroo baay'ee ni jedhama, maalif irra deddeebiin jedhama? yoo jedhame; eenyudha yaadni isaa osoo hin hatamiin hanga dhumaatti kan Sirna Qiddaasee kan hirmaatu? ykn hanga dhumaatti kan Qaddasiisu? kanaafuu yaada keenyaan yoo deemne ta'e akka deebinuufidha yeroo hedduu  «Kadhannaadhaaf ka'aa!» kan jedhamuuf.

Tokkos hiikoo ajaa'iba ta'e ni qaba «Kadhannaadhaaf ka'aa!» kan jedhu kun, Addaam uumamtootaan «Kadhannaadhaaf ka'aa!» ykn «ተንሥኡ ለፀሎት» jedheen isaanis «Maaloo nuuf dhiisi!» ykn «እግዚኦ ተሣሃለነ» jedhanii deebisaniif, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Lubbuuwwan Si'ool jiraniin «Nagaan isiniif haa ta'u!» ykn «ሠላም ለኩልክሙ» jedheen, isaanis «Afuura kee waliin» ykn «ምስለ መንፈስከ» jedhanii Dukkana Si'ool keessaa ba'aanii ifa argan.

Sirna Qiddaasee irrattis Lubichi «ሠላም ለኩልክሙ» ykn «Nagaan isiniif haa ta'u!» yeroo jedhu Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos mana cufamaatti Duuka Bu'oota isaatiif «Nagaan isiniif haa ta'u!» kan jedhedha ykn fakkeenya isaati. Nutis Sirna Qiddaasee irratti kana yeroo deebifnu kana yaadachaa ta'uu qaba.

• Waaqayyoof Sodaadhaan Sagadaa! ykn «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሐት» :-

Diyaaqoniin «Waaqayyoof Sodaadhaan Sagadaa!» ykn «ስገዱ ለእግዚአብሔር በፍርሐት» yeroo jedhu ni sagadna, kunis Mootichi Daawwit «Iddoo Qulqullummaa isaatti Waaqayyoof Sagadaa!» akkuma jedhedha. Faaruu. 28:2. Tokkos Mootichi Solomoon Mana Qulqullummaa hojjetee erga xumure booda sa'aatii dheeraadhaaf jilbeeffatee Kadhachuu isaa nu yaadachiisa. 1 Mot. 6:54.

• Kennaan kan guutamtee ykn «ኦ ምልዕተ ፀጋ» :-

Sirna Qiddaasee irratti tokkoon tokkoon uumamtootaatiif kennaa murta'aan akka kennameef Yeedaloodhaan ni jenna ykn ni dhageenya. Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eeliif Araarri akka kenname, Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eeliif kennaan Missiraachoo himuu, Museedhaaf Seera, Arooniif Lubummaa ...... haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif garuu kennaan ishee kan qofaadha jedhamee kan dubbatamu miti sababni isaas Kennaan kan guutamtee waan taateef «ተፈሥሂ ፍሥህት ኦ ምልዕተ ፀጋ» ykn «Kennaan kan guutamte gammadi!» jennee Sirna Qiddaasee irratti kan ishee galateeffannus Kennaan kan guutamte waan taateefi. Ergamoonni Waaqayyoo Mukukkula Ibidda sanaa kan tuqan qabduudhaan ture, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam garuu Ibidda kan jedhame ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos deessee, Ibiddicha haammatteerti. Kanaafis «ኦ ምልዕተ ፀጋ» ykn «Kennaan kan guutamtee» jechaa ni faarfanna, ishees ni galateeffanna.

• Misbaaka ykn «ምስባክ» :-

Misbaakiin fakkeenya abdii isaa Kakuu Moofaa keessaati, Raajonni kan raajan, Waaqni nama kan itti ta'e, raajiiwwan dubbataman hundi fakkeenya raawwatamuu isaati. Diyaaqoniin Misbaakii dubbisu fakkeenya Raajotaati ykn fakkeenya Raajota Kakuu Moofaa keessa turaniiti jechuudha. Misbaakiin kan dubbifamu Kitaabaa Faarsaa Daawwit keessaadha. Sababni Misbaakiin yeroo hunda Faaruu Daawwit keessaa itti dubbifamuufis  Raajonni kennaan isaanii kenname kan murtaa'e ture, Raajichi Daawwit garuu Dhaloota Kiristoosii hanga ol ba'uu Kiristoositti kennaan raajuu waan isaaf kennameef akkasumas Kitaabni Faarsaa Daawwit Yeedaloodhaaf waan mijatuufi.

• Wangeela :-

Ergaan inni jalqabaa yeroo dubbifamu Diyaaqoniin fuula isaa gara Lixaatti naannessee dubbisa, Diyaaqonii inni lammaffaan ammoo fuula isaa gara Kaabaatti naannessee dubbisa, Lubni inni lammaffaan ammoo fuula isaa gara Kibbaatti naannessee Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa dubbisa, Lubni inni tokkoffaan ammoo fuula isaa gara Bahaatti naannessee Wangeela Qulqulluu dubbisa.

Kunis Iccitii fi fakkeenyummaa ajaa'ibaa qaba, tokkos Wangeelli kallattiiwwan arfanittiyyuu Lallabamuu isaaf fakkeenya isa Wangeelli Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kallattii hundattiyyuu Lallabamuu isaa agarsiisuufi.

Tokkos Jannata kan obaasan Lageen afur ni jiru, isaanis :- Efraaxas, Giyoon (Abbaay), Efeesoon fi Xeegroosidha. Lageen kunneen arfan Jannata obaasanii akkuma lalisummaa fi magariisummaatti jijjiiran, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis kan dheebote yoo jiraate Bishaan jireenyaa dhugee jireenya haa argatu akkuma jedhe Wangeelli Qulqulluunis akkuma kanatti ni lalisiisa yeroo jedhanidha.

Wal harkaa fuudhiinsa Sirna Galatoo Sirna Qiddaasee irratti ykn «ሐዋርያዊ ቅብብሎሽ በቅዳሴ»

Lubni inni tokkoffaan «ዘአወፈየኒ
አወፈይኩከ» ykn «Kan naaf kenname siif kenne»
jedhee Wangeela sana Luba isa lammaffaaf ni kenna, Lubni inni lammaffaanis Diyaaqoniitti ni kenna kanadha Wal harkaa fuudhiinsi Duuka Bu'ummaa «Apostolic Succession» kan jedhamu.

→ Lubni inni tokkoffaan fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo ta'u;
→ Lubni inni lammaffaanis ammoo fakkeenya Qulqulluu Pheexiroos;
→ Diyaaqoniin ammoo fakkeenya amantoota ykn Kiristaanota hundaati.

• Wangeela Dhungachuu :-

Sababni hundi keenya Wangeela itti dhungannuuf jecha Waaqayyooti, mudoo tokkoyyuu hin qabu itti ni amanna jenneetu, tokkos Oriitiin seerota 622 qabdi, Seerri hundiyyuu jaalalaan ni hidhama waan ta'eef nutis kan walitti qabamneef bu'uura Wangeela isaatiin Jaalalaanidha, nuti tokkodha yeroo jennudha.

• Fakkeenyummaa Galata ykn Sibhaatii Lubootaa ykn «የካህናቱ ሥብሐት ምሳሌ» :-

Luboonni «Galanni Abbaaf! Galanni Ilmaaf! Galanni Afuura Qulqulluuf!» ykn «ሥብሐት ለአብ ሥብሐት ለወልድ ሥብሐት ለመንፈስ ቅዱስ» jechaa ni naanna'u. Kunis Israa'eeloonni gamoo ykn dallaa Iyyaarikoo guyyaa torba (7) naanna'aanii, guyyaa torbaffaatti yeroo torba yeroo naanna'aan gamoon ykn dallaan Iyyaarikoo diigamuu isaatiif fakkeenya. Lubichi Ixaana ulaa (ዕጣን እያጠነ) uummata keessa ni naanna'a, kunis Israa'eeloota diina isaanii irraa akkuma eegde, uummatas diina Diyaabiloos irraa eegi yeroo jedhudha. Lubichi Ixaana yeroo ulutti Kadhannaan nuti kadhannu Ixaana sana waliin gara Waaqayyootti ol ba'a. «Aarri Ixaanichaas Kadhannaa Qulqullootaa waliin harka Ergamichaatiin gara dura Waaqayyootti ol ba'e» Mul. 8:4

• Gara Bahaatti ilaalaa! «ወደ ምሥራቅ ተመልከቱ»

Diyaaqoniin gara Bahaatti ilaalaa ni jedha, Raajichi Hizqi'eel raajii isaatiin akkas akkuma jedhe «Gara Bahaatti balbala cufamen arge, balballi kun cufamtee jiraatti malee hin banamtu, namnis keessa hin seenu, Qulqullichi Israa'eel garuu osoo hin baniin seenee baheera» Hizq. 44:1. Balbala Baha kan jedhamte haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Baha irraa ykn karaa Bahaa Aduun akkuma bahu, baha kan jedhamte haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Aduu dhugaa kan jedhame Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos deesseerti waan ta'eef, tokkos balballi kun cufamtee jiraatti malee hin banamtu jedhe, kunis waa'ee Dubrummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ibsudha, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam osoo hin da'iin dura, yeroo deesse fi erga deesse boodas Dubroodha waan taateef, Namni keessa hin seenu jedhe ilma ishee tokkicha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos qofa Dubrummaadhaan deesseerti waan ta'eef.

• Luboota Harka keessan Kaasaa ykn «አንሥኡ እደዊክሙ ቀሳውስ» :-

Diyaaqoniin kana yeroo jedhutti Lubni inni lammaffaani Maahifadaatii sana Tsaahilii irraa ol kaasa, kunis Ergamaan Waaqayyoo dhagaa Awwaala irra ture sana kaasuu ykn gadi garagalchuu isaatiif fakkeenya. Kana boodas Gooftaan keenya Kadhannaa guyyaa Kamisaatti Habistii akkuma qabate, Lubichi inni tokkoffaanis Habistii sana ol kaasee qabata, kunis fakkeenya ka'umsa Gooftaati.

• Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ» :-

Igzi'ootaa irratti Lubichi Habistii sana caalaatti ol kaasee qabata, kunis fakkeenya ol ba'iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Lubicha waliin taanee yeroo ykn si'a Afurtami tokko (41) Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ» ni jenna, kunis Igzi'ootaan Afurtamni (40) Ayihuudonni Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo Afurtama (40) garafna jedhanii baay'isanii garmalee isa reebuu ykn garafuu isaaniitiif fakkeenya yoo ta'u, dhuma irratti Igzi'ootaan Lubichi kophaa isaa jedhu tokkittiin ammoo fakkeenya Gaabbii Addaam fi Heewaanidha. Yeroo kudha lama (12) Maaloo Yaa Kiristoos nuuf dhiisi! ykn «እግዚኦ መሐርነ ክርስቶስ» yeroo jennu ammoo waa'ee maqaa keetiif nuuf dhiisi yeroo jennudha, «አብ ወልድ መንፈስ ቅዱስ» kan jedhu qubee tokkoon tokkoon isaa yeroo lakkoofnu 12 ta'a waan ta'eef.

• Sagalee Qaacilii ykn Dawulii xiqqoo Igzi'ootaa irratti dhageenyu :-

Sagaleen Qaacilii Igzi'ootaa irratti dhageenyu fakkeenya gaddaa fi boo'icha haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Qaraaniyootti Fannoo irratti fuula dura isheetti yeroo fannisan argitee boosse ykn gadditeeti. Jaarsichi Simi'oon «Lubbuu kee irratti Sayifiitu darba» Luq. 2:35 akkuma isheedhaan jedhe gaddi ishee inni kun gadda cimaa fi ulfaataa waan ta'eef.

• Harka Lubichaa Dhungachuu ykn Harka Lubichaatiin Eebbifamuu :-

Namoonni tokko tokko Lubichi maalif harka isaatiin nu eebbisa ykn maalif harka isaa dhunganna jedhanii ni gaafatu, harki Lubichaa garuu Ergamoonni Waaqayyoo tuquun kan hin dandeenye Qulqulluu Foon isaa kan ittiin tuqe waan ta'eefi. Sirna Qiddaasee irratti Qulqulluu Foon isaa tuquu kan danda'u Luba isa tokkoffaa qofaadha, Lubni inni lammaffaaniyyuu tuquu hin danda'u. Lubni inni tokkoffaanis Qulqulluu Foon isaa kan ittiin tuqe waan ta'eef harka isaatiin nu eebbisa ykn harka isaa ni dhunganna.

• Golgaa ykn «መንጠላኦት/ መጋረጃ» :-

Golgi erga golgame booda karaa alaa ykn Golgaan ala kan jiran Lubni inni lammaffaan fi Diyaaqoniin fakkeenya Raajotaa yoo ta'an, sababni isaan karaa alaa ykn golgaan ala ta'aaniifis barri Raajotaa bara itti girgiddaan lolaa ykn «የጥል ግድግዳ» bara itti turedha waan ta'eefi. Karaa keessaa ykn golga keessa kan jiran Lubni inni tokkoffaa fi Diyaaqoniin ammoo fakkeenya Duuka Bu'ootaati kunis girgiddaan lolaa ykn «የጥል ግድግዳ» diigamee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu'oota isaa waliin ta'uu isaa kan agarsiisudha. Itti aansuudhaanis Diyaaqoniin «Luboota Balbala banaa!» ykn «ቀሳውስት ደጆቹን ክፈቱ» Faaruu. 24:7 jedha, kunis Anaaguunisxiisiidhaafi «አናጉንስጢስ» Anaaguunisxiisi jechuun sagalee isaanii ol kaasanii Kitaabolee kan dubbisaniifi ibsaa qabuudhaan kan tajaajilan gargaartotadha. Anaaguunisxiis sunis yeroo sanatti golga sana ni bana sanas Raajotaan kan fakkeeffaman Lubni lammaffaa fi Diyaaqoniin alaan jiran, Duuka Bu'ootaan kan fakkeeffaman Luba tokkoffaa fi Diyaaqonii keessa jiran waliin wal argu. Raajotaa fi Duuka Bu'oonni iddoon itti tokko ta'aan kun hoo eessa laata? Eliyaas, Musee fi Qulqulluun Pheexiroos iddoon itti wal argan Tulluu Taaboritti, Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keenyas Tulluu Taaboriin waan fakkeeffamtuuf Sirni bareedaa fi ajaa'ibaa kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti ni argama.

• Qulqulluu Fooniifi Kabajamaa dhiiga Gooftaa keenyaa «የአምላካችን ቅዱስ ሥጋው ወክቡር ደሙ» :-

Qulqulluun Foon isaa fi Kabajamaan dhiiga Gooftaa guyyaa Kamisaatti mana haadha Qulqulluu Maarqoos Maariyaam Baawufiliyaatti gamoo isa gubbaa ykn gamoo isa lammaffaa irratti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu'oota isaatiif akkas jedhee kenne «Kuni Foon kooti hoodhaa nyaadhaa! kuni dhiiga kooti hoodhaa dhugaa! » Luq. 22:19. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kuni kuni foon koo fakkaata kan Yaadannoo kooti hin jenne, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Duuka Bu'oota isaatiin kan jedhe «Kana yeroo taasistanitti Yaadannoo koos taasisaa!». Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos «Yaadannoo koo taasisaa!» jechuunis maal jechuudha laata? Kunis yeroo Foonii fi dhiiga koo fudhattanitti gidiraa koo yaadachaa, Qaraaniyootti, Golgootaatti jaalala koo yaadachaa fudhadhaa jechuudha malee akka Shakkitoonni jedhan miti.

Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos «Osoo isaaf hin maliin ykn osoo hin ga'iin Fooniifi dhiiga isaa kan fudhate bakka Araaraa firdiitu irratti ta'a» jedhe. 1 Qor. 11:29. Namoonni Qoronxoos akka Shakkitootaa maal nadhibdeedhaan gara Fooniifi dhiiga Gooftaatti waan  dhiyaataniif baay'eewwan isaanii ni du'an, akkuma beekamu namni nyaata nyaatee hin du'u ture garuu Fooniifi dhiiga isaatti osoo hin gahiin waan dhiyaataniif ni du'an. 1 Qor 11:29-32. Nutis akka arjummaa keetti malee akka balleessaa keenyaatti hin ta'iin jechaa gara Foon fi dhiiga isaatti dhiyaanna.

Akkasumas Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos itti dabaluudhaan Shakkitoota Fooniifi dhiigni Gooftaa Yaadannoodha jedhaniin of jaja ykn difratiidhaan itti hin dhiyaatiinaa jedha. Lubichi harka isaa dhiqachaa «.....Gaabbii galaatii itti dhiyaadhaa» jedha. 1 Qor. 11:29.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Ortodoksii Tawaahidoon bara baraan haa jiraattu!

D/n Yonaas Zakkaariyaasiin

Post a Comment

2 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)