Subscribe To Our YouTube Channel

𝐌𝐞𝐞𝐬𝐡𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚'𝐨𝐨; 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢, 𝐅𝐚𝐚𝐲𝐢𝐝𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢, 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐪𝐨𝐩𝐡𝐢𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢, 𝐅𝐚𝐤𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢, 𝐈𝐜𝐜𝐢𝐭𝐢𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐓𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 | 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 1𝐟𝐟𝐚𝐚

Meeshaalee Qulqullaa'oo (ንዋየ ቅዱሳት)

Kutaa 1ffaa

Kutaa jalqabaa kana keessatti akka seensaatti wantoota tokko tokko kan ilaallu ta'a. Isaan keessaas;

• Maalummaa Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa Qophii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Iccitii Meeshaalee Qulqullaa'oo
• Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa'oo fi k.k.f dubbisaa!


Meeshaalee Qulqullaa'oo ykn (ንዋየ ቅዱሳት) jechuun kan filataman keessaa kan filatame, kan adda ta'aan keessaa kan adda ta'e bara baraaf maqaan isaa kan irra jiraatu qodaa filatamaa ykn qodaa gaarii jechuudha. 

Kana waan ta'eefidha meeshaa ykn qodaan kun gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenu eebbifamee fi irratti kadhatamee kan seenuuf, eebba booda garuu meeshaa kaaniin tokko kan ture ykn (ተራ ዕቃ) kan ture Meeshaalee Qulqullaa'oo ta'ee Mana Qulqullummaatiif Sirna Waaqessummaa raawwachiisuuf ykn ittiin raawwachuuf meeshaalee ykn qodaawwan kabajamoo ta'uudhaan eenyuniyyuu kan hin tuqamne ni ta'a. 

«Kan Qulqullaa'aan Meeshaalee Qulqullaa'oo irratti, mazaagibtii irrattis muudamanii turan» 1 Seenaa Baraa 26:26. 

«Addabaabaayiiwwan Mana Waaqayyootiifi naannawaa isaaniitti gola argamaniif, Mana Waaqayyootiifis kan ta'an Manneen galmee ykn Mazaagibtii, Meeshaalee Qulqullaa'oofis» 1 Seenaa Baraa. 28:12.

Meeshaalee Qulqullaa'oon walumaa galatti tajaajila Mana Qulqullummaatiif kan oolan ykn kan tajaajilan maqaa meeshaaleen kun ittiin waamamanidha.

Qophii Meeshaalee Qulqullaa'oo

Tajaajila Mana Kiristaanaatiif kan oolan meeshaaleen tajaajilaaf oolan qopheessuuf dursa irratti wanta irraa hojjetaman beekuu fi filachuun barbaachisaadha. 


Meeshaalee Qulqullaa'oo hunda keessaa kan kabajame (የከበረ) Taabotadha. Taabotnis ajaja Waaqayyootiin muka hin nyaatamne irraa akka hojjetamu ajajame. Ba'uu. 25:1-9.

«Waaqayyo Museetti akkas jedhee itti dubbate, kennaa akka naaf fidaniif ijoollee Israa'eelitti dubbadhu. Nama kennaa kennuu barbaadu hunda harkaa kennaa isaa fuudhaa, kennaan isaan harkaa fuutanis isaan kana :- Warqee, Meetii, Nahaasa, Gimjaa Cuquliisa ykn Hamraawwii, ............» (Ba'uu 25:1-9) erga jedheeniin booda Ba'uu 25:10 irratti ammoo muka hin nyaatamne irraa Taabotni akka hojjetamu yeroo itti agarsiisu :- «Muka Laaftoo irraa Taabota haa hojjetan, dheerinni ciqilee lamaafi walakkaa, gadeen isaas ciqilee tokkoofi walakkaa, hojjaan isaas ciqilee tokkoofi walakkaa haa ta'u.» Ba'uu 25:10 jechuudhaan ajaje. 

Egaa Meeshaalee Qulqullaa'oo yeroo qooheessinutti wanti irraa qooheessinu wanta hin nyaatamneefi wanta cimaa irraa ta'uu qaba. 

Meeshaalee Qulqullaa'oo kanneenis akkaataa qophii isaanii, tajaajila isaanii fi fakkeenya isaanii arglmaan gaditti kutaa kutaan qoodnee kan ilaallu ta'a!

Akkaataa itti Fayyadama Meeshaalee Qulqullaa'oo

Akkuma dursinee ilaalletti fi jecha isaa irraa akkuma hubanutti Meeshaaleen Qulqullaa'oo Tajaajila Sirna Waaqessummaa Waaqayyoo Mana Waaqayyootti taasifamuuf yeroo hunda kan itti fayyadamnu Meeshaalee Qulqulla'aanidha. Kana waan ta'eefis kan itti fayyadamnu Mana Qulqullummaatti ta'uu qaba. Sanarra darbee garuu Mana jireenyaa keenyatti, iddoo hundatti kan fayyadamnu yoo ta'e wanti Qulqulla'aa Waaqayyoof tajaajila Mana Waaqayyoof oolu iddoo isaa malee ta'a jechuudha. Kanaaf of eeggannoo barbaachisa.

Ixaana tajaajila Mana Waaqayyoo keessaa kanneen akka Kadhannaa ittiin ol baasuu, Fakkiiwwan Qulqullaa'oo ittiin uluuf itti fayyadamuu dhiisnee mana keenyatti ykn iddoo biraatti Bunaaf kan aarsinu yoo ta'e wanta Qulqulla'aa sana ykn wanta Qulqulla'aa ta'e Seexanaaf ykn wanta hin taaneef oolchine jechuudha, Baganaa fi Kabaroo akkasumas Meeshaaleen Waaqayyo ittiin galateeffannu kanneen biroo Waaqayyo ittiin galateeffachuu dhiisnee Sirbaaf kan itti fayyadamnu yoo ta'e ammas hojii cubbuutiif fayyadamaa jirra waan ta'eef of eeggachuu qabna. Akkaataa itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa'oo kanneenii kutaalee itti aananitti tokko tokkoon ni ilaalla.

Kadhannaa Meeshaalee Qulqullaa'oo irratti taasifamu

Meeshaalee Qulqullaa'oo hunda irratti Kadhannaa taasisuun barbaachisaadha. Kanas Luboonni Kadhannaa «እግዚአብሔር አምላክነ ኄር ወመኃሪ ወቅዱስ.....» ykn «Waaqayyo Gooftaan keenya arjaan, dhiifama kan taasisu, Qulqulluun.......» jedhu kadhatu.


Akkasumas kadhannaawwan akka Maahifadaatii irratti, Tsaahilii irratti, Tsiwwaa irratti, Irfe Meskel irratti, Masooba Warqii irratti kadhannaawwan jedhaman jiru isaan kanneen hunda Meeshaalee Qulqullaa'oo irratti dabaree dabaree dhaan ni kadhatu. 

Meeshaalee Qulqullaa'oon sunis Kadhannaa irratti taasifameen ni ulfaatu ykn ni kabajamu ykn «ይከብራሉ». Luboonnis kana kadhatanii erga raawwatan ykn kana kadhatanii erga xumuran booda Meeshaalee Qulqullaa'oo sana bifa bifa isaaniitiin ni kaa'u, Manbarii ykn Teessoo, Tsaahilii fi Tsiwwaa ykn Xoofoo ni uffisu. Meeshaalee Qulqullaa'oo kanneen yeroo ka'aanis Kadhannaa «እግዚአብሔር ማዕመረ ልብ ዘኩሉ ለአሐዱ ........» jedhu ni kadhatu. Akkasumas Luboonni Meeshaalee Qulqullaa'oo sana yeroo uffisan ykn ofii isaanii uffata Lubummaa yeroo uffatan Kadhannaan isaan kadhatan. Kadhannaan Meeshaalee Qulqullaa'oo tokkoon tokkoon isaanii irratti kadhatamu erga raawwatame ykn kadhatame booda Meeshaalee Qulqullaa'oo sana ol kaa'u. Qopheessanii erga xumuran boodas eebbisanii, Faaruu Daawwit keessaa iddoowwan garaa garaa ykn faaruu Daawwit keessaa Faaruuwwan garaa garaa kan Aarsaa isaa agarsiisan itti dabalamanii dhiyaataniiru. Fakkeenyaaf «ሃሌ ሉያ ወአንሰ በብዙኃም ሕረትክ እበውዕ ቤትከ» kan jedhuufii kanneen kana fakkaatan ni kadhatu. Firee Qiddaaseen isaa yeroo dhaa yerootti kan jijjiiramu yoo ta'u, Gibi'aate Menxolaa'it kan jedhame kutaan Kadhannaa kun garuu guyyaa fi sa'aatii kamittiyyuu hin jijjiiramu. 

Iccitii Meeshaalee Qulqullaa'oo

Iccitii jechuun namni osoo hin beekiin karaa Waaqayyo qofti beekuun kan raawwatamu hojii dhokataadha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos lafa kana irra yeroo deddebi'etti barsiisaa kan ture fakkeenyaani. Kunis hundumaa akka galutti, wanta isaan beekaniin fakkeessee barsiisa ture, akkuma kana Meeshaaleen Qulqullaa'oos iccitiidhaan kan kabajaman, fakkeenyaan kan dubbatamanidha. Iccitiin Meeshaalee Qulqullaa'oo ykn Fakkeenyali Meeshaalee Qulqullaa'oo iddoo baay'eetti barreeffameera, nutis kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta'a.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

4 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)