Subscribe To Our YouTube Channel

Guyyaan dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 moo December 25 dha?

Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Guyyaan dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 moo December 25 dha?

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan maalif guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabajji?

Warreen Lixaa hoo maalif dhaloota Gooftaa gaafa December 25 kabaju?

Yaadannoon dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yoom jalqabame?

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate hoo ni beekamaa?

Guyyaan Ayyaanni Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos itti kabajamu ykn yaadatamu warra Lixaa biratti fi nu biratti ykn Mana Kiristaanaa keenyatti maalif gargar ta'e?

Barreeffama hardhaa keessatti waa'ee Gaaffilee armaan olii kana sirriitti ni ilaalla! Dubbisa gaarii!


Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaan inni itti dhalate Kitaaba Qulqulluu irratti kallattiidhaan ibsamuu dhiisuu isaatiin guyyaa isa sirrii inni itti dhalate argachuuf ykn beekuuf Seenaa hordofanii baay'ee kan dhadhaban hedduun ni jiru. 

Kanarraa kan ka'es guyyaa dhaloota isaa ilaalchisee garaagarummaan guyyootaa uumamaniiru. Ta'us garuu hangamiyyuu Kitaabni Qulqulluun guyyaan isaa kanadha jedhee ifatti dubbachuu dhiisuyyuu wantoota agarsiistuu ta'aan tokko tokko garuu osoo hin caqasamiin hin darbamne. 

Kanas hubachuudhaaf Wangeela Qulqulluu Luqaas Boqonnaa 1 lakk. 8-14 irratti kan barreeffame ilaaluun barbaachisaadha.

«Mootii Yihudaa bara Heeroodsitti kutaa Abiyaatii Luba Zakkaariyaas jedhamutu ture. Haati manaa isaas Qomoo warra Aroon irraa turte. Maqaan ishees Elsaabeet ture. ....... innis yeroo dabaree isaatti Waaqayyo fuulduratti tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti seenee Uludhaaf Ixaanni isa gahe. Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture. Ergamaan Waaqayyoos karaa mirga Aarsa Ixaanaa dhaabbatee itti muldhate. Zakkaariyaasis yeroo Ergamaa Waaqayyo argetti ni nahe, sodaanis itti dhufe, Ergamichis akkas jedheen 'Yaa Zakkaariyaas Kadhannaan kee dhaga'aameera waan ta'eef hin sodaatiin! Niitiin kee Elsaabeet ilma ni deessi maqaa isaas Yohaannis jettee ni moggaafti! gammachuus siif ni ta'a, dhalachuu isaatiinis baay'eewwan ni gammadu'» Luq. 1:5-, 8:14


Dubbisni Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessatti argamu garmalee barbaachisaa kan ta'e qabatee ni arganna. Ta'us yaada kana sirriitti hubachuuf ykn argachuuf jechaa fi yaada Kitaabolee Qulqullaa'oo waliin firoomee ibsamuu fi hiikamuun isa barbaachisa waan ta'eef dubbicha of eeggannoo fi hubachuu dhaan hordofuun barbaachisaadha.  

Agarsiistuu inni guddaan Ergamichi Qulqulluun Gabri'eel Zakkaariyaasiif waa'ee dhalachuu Yohaannis Cuuphaa guyyaa itti Missiraachoo himetti ykn guyyaan Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri'eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime Ibroota biratti «በዓለ ሥርየት» ykn «Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet» jedhamee guyyaa itti kabajamaa ture ta'uu isaati. 

Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet Ayyaanni jedhamu akka lakkaawwii Ibrootaatti Ji'a isa torbaffaatti jechuunis «Taasriin» ykn «Onkoloolessa» guyyaa kurnaffaa irra kan oolu Ayyaana guddaa ture. 

Ayyaanni kunis Seera Oriitiitiin «Ji'a torbaffaatti, Waaqayyo fuulduratti Cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu. Sanbata guddaas isiniif ta'a.......» jedhamee kan ajajame Ayyaana guddaa ture. Leeww. 16:29-30, 23:27, Lakk. 29:7-11.

Guyyaa Ayyaana kanatti Hangafni Lubootaa uffata Lubummaa Qulqulla'aa uffatee gara Maqdasiitti ni seenu. 

Aarsaa Waaqayyo fuuldura jirutti Mukukkula Ibiddaa «የእሳት ፍህም» fidee Tsinaa ykn Ultuu Ixaanaa ni guuta. Duumessi aara isaas Dunkaana sana irratti kan jiru golga isaa akka uffisuuf Waaqayyo fuulduratti Ixaana sana Ibidda irra ni ka'a. Akkasumas Lubichi tajaajilaaf gara Mana Qulqullummaatti ykn gara Maqdasiitti yeroo seenutti jalqaba ofii isaatiif, sana boodas uummata hundaaf kadhatee ykn dhiisisee hanga ba'utti Dunkaana sana keessatti kan biraa namni kamiyyuu hin jiraatu ture. Leeww. 16:17.

Egaa Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti yeroo seenetti taateewwan kunneen raawwatamuu isaanii Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa keessatti ibseera. «Innis (Zakkaariyaas) Waaqayyo fuulduratti yeroo tajaajiluuf gara Mana Qulqullummaatti seenee carraan Ixaana uluu isa dhaqqabe. Yeroo Ixaanaattis uummanni hundi ala dhaabbatanii ni kadhatu ture» jedha. Kanaafuu Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti guyyaan itti seene Sirni caqasame guyyaa itti raawwatamu guyyaa Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet yoo ta'u akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti dha. 

Kanaafuu Qulqulluun Luqaas guyyaa kana bifa addaatiin guyyaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos itti dhalateef ka'umsa seenaatiif dhagaa bu'uuraa ta'uu isaa caqasee ibseera jechuudha.

Guyyaan itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri'eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime kunis Ayyaanni Dhiifamaa Ayihuudotaa guyyaa irra oole akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kurnaffaa irratti ta'uu isaa Abbootii fi Beektonni Mana Kiristaanaa durii hedduun hiikoo irratti ibsanii ni arganna.

Fakkeenyaafis Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee fi Maar Yohaannis Wangeela Luqaas Boqonnaa 1 yeroo hiikan ibsa bal'aa ta'een ibsanii ni argina.

Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu Mana Kiristaanaa Itoophiyaas hiikoo Andimtaa Abbootii irraa dhufeen «Zakkaariyaas gara Mana Qulqullummaatti seene» kan jedhu irratti Seenaadhaan yeroo ibsan «Addeessi Onkoloolessaa 'sereq' yeroo taasistetti guyyaa kudhanitti, guyyaan isaas guyyaa Yooseef (Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet) dha. . walitti qabamanii ni kadhatu 'ወበይእቲ ዕለት አሕምምዋ ለነፍስክሙ' ykn guyyaa sanatti ofii keessan gadi qabdu.» jedhanii hubachiisaniiru. (Hiikoo Wangeelaa :- Fuula 324).


Hanga kanaatti Zakkaariyaas Yohaannis akka argatu Missiraachoon hanga itti himametti Ayyaana dhiifamaa ykn Siriyet kan jedhamuun akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Taasriin ykn Onkoloolessa guyyaa kudhan ta'uu isaatiif kan itti hubate karaa barumsawaa fi Kitaaba Qulqulluu argineerra. 

Amma ammoo akkaataan lakkaawwii kun akkaataa lakkaawwii guyyaa Itoophiyaa waliin walitti dhufeenyi inni qabu akkam akka ta'eefi lakkaawwii Itoophiyaanotaatti yoom akka oolu haa ilaallu. 

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ayyaanni Dhiifamaa kan oole akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan waan tureef, kana gara akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti deebisnee guyyaa isaa argachuuf gara lakkaawwii baraatti senuun dirqama ta'a. Ta'us garuu gara lakkaawwii guyyaa kanatti yeroo seennu guyyaa itti dhimmi qabaanne irra oolu qofa haa ilaallu. 

Akkaataa lakkaawwii Ibrootaatti Ji'i ykn Baatiin Taasriin ykn Onkoloolessi guyyaan kudhan akkaataa lakkaawwii Itoophiyaanotaatti kan oolu, ykn akka lakkaawwii Ibrootaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan oolu akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti ammoo Fulbaana 27 ture. Kunis lakkaawwiin guyyaa Addeessaan lakka'aamu jijjiiramaa kan jiraatu waan ta'eef. Kana jechuunis akkaataa lakkaawwii Addeessaatti Onkoloolessa guyyaa kudhan kan ture Ayyaanni Serq akkaataa lakkaawwii Aduutti ammoo Fulbaana 27 ture jechuudha. 

Kanaafuu guyyaa itti Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri'eel Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo hime akka lakkoofsa Itoophiyaanonni Fulbaana 27 ta'ee arganna jechuudha. Lubni Zakkaariyaasis tajaajila isaa akkuma xumureen ykn raawwateen ykn Ayyaanni sun akkuma xumureen hoggasuma gara Mana isaatti gale, Yohaannis Cuuphaanis garaatti baatame. Wangeelli Qulqulluun «Yeroon tajaajila isaa yeroo raawwatame gara manaatti gale, haati manaa isaa Elsaabeetis ni ulfoofte.» jechuun ni hubachiisa. 

Qulqulluun Yaareed kana bu'uura taasifachuu dhaan «ወእምድኅረ
ክልዔ መዋዕል ፀንሠት ኤልሳቤጥ ብእሲቱ» ykn «Guyyaa lama boodas ni ulfoofte» jedheera. Kanaafuu Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan kan garaatti baatame akka lakkaawwii Itoophiyaanotaatti Fulbaana 29 dha jechuudha. 

Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii kan qulqulleessu fi fuuldura isaa kan deemu ergamaa ta'uun isaa Raajotaan raajiin dubbatamee tureera. Isa. 40:3-5, Milk. 3:1.

Akka raajiin dubbatamettis Yohaannis guyyaa garaatti baatamuu isaa irraa kaasee daandii barbaadameen Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif daandii isaa qajeelchaa ergamaa fuuldura isaa deemu ta'ee argameera. Luq. 1:76-79.

Yohaannis Cuuphaan guyyaan inni itti garaatti baatame fi guyyaa inni itti dhalate armaan olitti akkuma ilaalle ka'umsaa fi bu'uura ta'ee ni argama jechuudha. Egaa walitti dhufeenyaa fi walitti hidhamuu seenaa kana irratti ykn bu'uura kanaatiin Elsaabeet ulfooftee ji'a jahaffaa isaatti Luba Zakkaariyaasitti Missiraachoo kan hime Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ergamuun «Ni ulfoofta! Ilmas ni deessa!» jechuudhaan fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka garaatti baattuu fi akka deessu itti hime.

Kunis Yohaannis Cuuphaan guyyaa itti garaatti baatame jechuunis Fulbaana 29 irraa kaasee yeroo lakka'aamu ji'a jaha jechuun Bitootessa 29 (መጋቢት 29) ta'a. 


Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri'eel haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti Missiraachoo yeroo himu «Dhabduu jedhamaa kan turte Elsaabeetiif kunoo ji'a jaha » jedhee kan dubbate guyyaa itti garaatti baatte kan agarsiisu mitii? Luq. 1:36-38. Kanaafuu guyyaa Bitootessa 29, jechi Foon kan itti ta'eefi gadameessa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessatti guyyaa itti garaatti baatamedha jechuudha. Kanaafuu Bitootessa 29 irraa kaasee dhiirri garaa haadha isaa guyyoonni inni itti turu Ji'a Sagaliifi guyyoota Shan (guyyoota 275) yeroo lakkoofnu Qaammee dabalatee guyyaan dhaloota isaa Mudde 29 irra oola jechuudha  

Kanaafuu guyyaa Bitootessa 29 kan garaatti baatame Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Cubbuudhaan ala hojii namaa ykn hojii namummaa hunda raawwateera waan ta'eef Ji'a Sagaliifi guyyoota Shan gadameessa haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa turee Mudde 29 Beetaliheem Yihudaatti ni dhalate. Kanaafis Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ragaawwan Tiwuufiitii fi Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu bu'uura godhachuun guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kabaja guddaadhaan ni kabajji. 

Kana waan ta'eefis Manni Kiristaanaa Itoophiyaa fi Manneen Kiristaanaa kanneen biroo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mudde 29 kan kabajan ragaa fi bu'uura irratti hundaa'uunidha malee akkasumaan miti. 

Dhugaan isaa kana ta'ee osoo jiruu guyyaan Yaadannoo dhaloota kan warra Lixaa biratti maalif December 25 ta'e? Manni Kiristaanaa keenya maalif Mudde 29 kabajji? warreen Lixaa hoo guyyaa Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenyaa maalif December 25 kabaju?

Warreen Lixaa guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos maalif gaafa December 25 akka kabajan yaadonni, ilaalchonni fi sababoonni garaa garaa ni caqasamu. Isaan kana keessaas sababoonni caalaatti dhaga'aaman isaan armaan gadiiti;

• Inni tokkoffaan :- Akkaataa lakkaawwii isaanii waliin walitti firoomsuuf kan taasifamedha kan jedhudha. Kunis Monokseen Roomee Diyoonaasiyoos Eksijas jedhame bara 525 tti kaka'umsa Phaaphaasii Vaatikaaniitiin lakkaawwii baraa haaraa qopheessee dhiyeesse. «Seenaa hordofee qorannoo ani taasiseen Kiristoos kan dhalate bara 1 dura waggaa torba dursee (Bara Addunyaa 5493) tti dha» yaada jedhu dhiyeesse. Bara Addunyaa Kiristaanummaa guutummaatti hojii irra oola kan ture 5025 irratti waggoota 7 dabalee Al tokkoon 5032 geessise. 

Ta'us garuu herreegni lakkaawwii yaadaa kun dogoggora ture. Kanaafis Manneen Kiristaanaa warreen bahaa lakkaawwii baraa haaraa kuffisuun lakkaawwii baraa isa durii itti fayyadamuu isaanii itti fufan. 

Lakkaawwiin baraa inni haaraan garuu Bara haaraa kan jijjiiruu Ji'a Amajjii irratti ta'e. Kanaafis sababni inni tokkichii fi inni guddaan Awuroppaatti Waqtiin ulfaataan jiidhinsaa ykn qorraa dhumaa kan jiruu fi ho'i Aduu dhufaa jiraachuu isaa ykn ho'i Aduu dhufaa kan itti deemu waan ta'eef Ji'a Amajjii kanatti ykn Qorri badaa kan deemuu fi ho'i Aduu dhufaa kan deemu Baatii Amajjiitti akka ta'e ni himama waan ta'eef, kana waan ta'eefis Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos jalqaba bara Haaraa wakiin tokko taasisuuf jedhanii guyyaa dhaloota Gooftaa December 25 taasisan kan jedhudha sababni inni tokkoffaan.  


• Yaadni inni kan biraa fi Beektota hedduu biratti kan amanamu ammoo December 25 sababni inni itti filatameef Awuroppaanonni Kiristaanummaa fudhachuu isaaniitiin dura kabajaa kan turan guyyaa Ayyaana Xaa'otii isaanitti argame kan jedhudha.

Roomaanonni Qeesaar Oreeliyaan (Bara 275) irraa kaasee guyyaa Waaqessummaa Ayyaana Yaadannoo «Aduu Jabduu» ykn «Sol
Invictus” the Unconquered Sun» guyyaa kanatti ni kabaju ture.

December 25 guyyaa dhaloota Aduu jedhamee waamama waan tureef guyyaa kanattis guutummaa bulchiinsa Roomitti Sirna Ahizaabotaa fi Waaqessummaa Xaa'otii guddaadhaan ni kabajama ture. Boodarra garuu uummanni Kiristaanummaa fudhachaa yeroo deemu Waaqummaa uumamaa ykn Aduu Waaqessuu fi kabajuu irraa gara Aduu dhugaa (ፀሐየ ጽድቅ) ykn Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqessuutti akka deebi'anii fi guyyaa Yaadannoo dhaloota isaas (kan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos) akka kabajaniif taasisuuf guyyaa kana filataniiru. 

Yaadni ykn ilaalchi kun barreessitoota bara sana turaniin ilaalameera (W.P. Dawson,
“Christmas: Its Origins and Associations,” London,
1902)

Waaqessummaa fi bartee Aduu keessattu guyyaa kanatti uummataaf taasifamaa kan ture akkaataan kabaja Ayyaana Xaa'otii barteen isaa baay'eewwan akka salphaatti gadhiisuu waan hin dandeenyeef guyyuma kanatti ykn guyyaa kana irratti Yaadannoo guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos kabajuun warra dhadhaboo bartee Xaa'otii Waaqessuu irraa bilisa isaan baasuuf ni fayyada jedhanii yaaduudhaan kan taasisan ture.

Egaa akka lakkaawwii Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga dhalatee kunoo gaafa Mudde 29 waggaa 2014 (kan bara kanaatiin) ni ta'a.

Maalif barri haaraan keenya Dhaloota Gooftaa booda hin jalqabu? Awuroppaanonni akkaataa lakkaawwii baraa Goorgooriyos kan hordofan yoo ta'u akkaataan lakkaawwii kun Bara Araaraa (የዓመተ ምሕረት መለወጫ) kan ittiin jijjiiran malee akka keenyaa walumaa galatti barri kan ittiin jijjiiramu miti. Barri haaraan keenya garuu Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos durayyuu kan itti fayyadamaa turredha. Awuroppaanonni Bara Araaraa kan ittiin jijjiiran jedhaniyyuu garuu akka amala isaatti, akka waamama isaatti fi akka isaan barbaadanitti dhaloota Gooftaa keenyaan hin jalqabne (Dhaloota kan kabajan December 25, Barri haaraa isaanii garuu January 1 dha) Ayyaana Yaadannoo dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akka lakkaawwii baraa isaaniitti erga kabajan booda, irra deebiin guyyaa saddeettaffaa isaatti jijjiirraa bara haaraa jedhanii kabaju. 

Akkaataan lakkaawwii baraa Goorgooriyos kunis dhaloota Kiristoos irratti hundaa'uu dhiisuu isaa, amala biraa ykn Sirni nam-tolchee kan itti makame ta'uu isaa agarsiisa. 

Osoo Kiristaanummaa bu'uura godhatee ka'e ta'ee guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ka'umsa taasifatee osoo ka'ee ture. Kana ta'uu dhiisuu isaatiin garuu ammas ta'u guyyaa dhaloota Gooftaa kophaatti kabajanii, irra deebiin ammoo torbee booda Ayyaana jijjiirraa bara haaraa kabaju.

Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa kan keenya garuu Seera laphee irraa barannee, Oriitii dhaan bu'uura Kitaabaa isaaf arginee Wangeelaanis isa jabeessinee qabannee kan jiraanne, baroota gurguddoo sadi kan darbee fi as kan gahedha. Jijjiirraa bara haaraa kan keenya (Fulbaana 1) jennee Aadaa biyya keenyaatiin kan kabajnu, Aduunyaan jiraachuu dhabuu irraa gara jiraachuu kan itti argameetti, ifni, yeroo, guyyaa, sa'aatiin kan itti uumaman ifaaf, yeroodhaaf, guyyaadhaaf, ji'aaf Waggaa dhaaf guyyaa durii kaasee bu'uura ta'edha. Kana hunda argamsiisuuf Waaqayyo mataa isaa kan itti ibse, Addunyaa uumuudhaan guyyaa itti of ibsedha jenneetu kan kabajnu. Kanarraa kan ka'es Fulbaana 1 «ርእሰ ዐውደ
ዓመት» ykn «Mataa jijjiirraa baraa» jennee waamna, kabajna.

Guduunfaa :- Egaa hardha waa'ee Kabaja Guyyaa Ayyaana dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yoo akka ta'e, Manni Kiristaanaa keenya maalif Mudde 29 akka yaadattu ilaalleerra, isiniis dubbistanii erga xumurtaniin booda ijoollee Tawaahidoo hundaaf Share, akkasumas Blog kana mallattoo bilbilaa ykn 🔔🔔🔔 dhuma Blog kanaa karaa harka bitaa jiru tuquun Subscribe taasisaa!




Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

3 Comments

  1. Thanks very well God bless you ever that you teach us in oromic language continue it God be with you with Saint Mary ever!!!

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)