Subscribe To Our YouTube Channel

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 1ffaa

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Kutaa 1ffaa

Seensa :- Mata duree haaraa «Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu» jedhu hardha ni eegalla. Mata duree kana keessatti Qo'annaa Kitaabolee Qulqullaa'oo bifa gaaffii fi deebiitiin Seera Uumamaa irraa kaasee hanga dhumaatti ni ilaalla. Kanaafuu isinis dubbisaa! akkasumas erga dubbistanii xumurtan booda hiriyoota keessaniif qoodaa akkasumas kutaaleen itti aanan akkuma maxxanfamaniin akka isin bira gahaaniif Blog keenya kana Subscribe taasisaa! ykn dhuma Blog kanaa karaa harka bitaa irra kan jiru mallattoo bilbilaa ykn 🔔🔔🔔 tuquun Subscribe taasisaa! Dubbisa gaarii! 


Gaaffilee Kakuu Moofaa

Seera Uumamaa

1. Sirna Uumamaa keessatti Waaqayyo uumamtoota meeqa uume?

Deebii :- Uumamtoonni 22 Sirna Uumamaa keessa jiru, jahan isaanii (Dachee, Bishaan, Qilleensa, Ibidda, Dukkana, Samiiwwan fi Ergamoonni) yaadaan qofa, warreen hafan kudha arfan ammoo (nama osoo hin dabalatiin) dubbiidhaan erga uume booda uumamni Waaqayyo harka isaatiin hojjete ammoo nama qofaadha.

2. Abaarsi Jaarsolii si hin argatiin! jedhama, yeroo tokko Raajicha Elsaa dhaan «Moluu! Moluu!» jedhanii kan arrabsan daa'imman Beeteel waan turaniif, Raajichi Elsaa yeroo isaan abaaru Bineensonni bosonaa bahanii daa'imman Afurtami lama caccabsan, egaa akka daa'imman kanaatti biyya keenya keessattis hangafoota isaanii kan arrabsanii fi kan abaaraman manni haa lakkaa'u!. Karaa biraatiin ammoo Eebbi Abbootii laga nama ceesisa! Yaa'iqoob ykn Israa'eel ijoollee ilma isaa Efreem fi Minaasee maal jedhee eebbise? 

Deebii :- Seera Uumamaa 48:15.

«Daa'imummaa koo irraa eegalee kan na soore Waaqayyo, wanta hamaa hunda irraa kan na eege Ergamaan ijoollee kana ha eebbisu» Uma. 48:15.

3. Abrahaam mana Abbaa fi haadha isaatii yeroo waamamu iddoo inni itti ka'e Kaaraan jedhamti, (Uma. 11:32) hardha Kaaraan kan jedhamtu kun eessa laata? hardha Kaaraan Turkii karaa bahaati.

4. Israa'eeloonni fi Amaaleeqonni yeroo wal lolan Museen harka isaa yeroo ol kaasu Israa'eeloonni ni injifatu ture, akkasumas Museen dhadhabee harka isaa yeroo gadi deebisu ammoo Israa'eeloonni ni injifatamu ture. Harka Musee Bitaa fi Mirgaan qabanii kan turan namoonni lamaan eenyu fa'i?

Deebii :- Aroon fi Hoorm - Seera Ba'uu 17:10.

5. Oriitii keessatti Lubummaan kan isaaniif eeyyamamu sanyii ykn qomoo tokko kan ta'aan warra Leewwiitiif qofa ture, namni Waadaa Lubummaa kana fudhate eenyu jedhama? maalifi laata nama kanaaf Waadaan kun kan kennameef? 

Deebii :- Obboleessa Musee Aroon yoo ta'u, Ilmi Aroon ammoo Alaazaaridha, ilmi ilma isaas «Fiinihaas» jedhama. Fiinihaas waadaa Lubummaa sana akkamitti akka argate Seera Lakkoofsaa 25:1-14 ilaalaa!
 
6. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif Tsoomii kan Tsoome eenyudha?

Deebii :- Akka Kitaaba Qulqulluutti yeroo jalqabaatiif Tsoomii kan Tsoome Musee yoo ta'u, nyaataa fi dhugaatii tokko malee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tureera. Museenis Tsoomii kana kan Tsoome yeroo lama ture. Seera Ba'uu. 34:28 fi Seeraa Keessa Deebii. 9:25.

7. Ani eenyu? Haati koo Ogummaa dhaan, jaalala uummataa fi jaalala biyyaatiin kan na guddiste, anis Israa'eeloota Gibtsiidhaa kanan baase Raajicha guddaan ta'e, kanaafuu ani eenyudha?

Deebii :- Museedha. Ogummaa kan isa barsiiste haadha isaa Tarmuut jedhamtudha. Haati isaa kunis jaalala biyyaa fi jaalala uummataatin fi Ogummaa Waaqayyootiin kan isa guddiste waan ta'eef Tarmuut haati isaa nama guddoodha! Raajichi guddaan Israa'eeloonni akkamitti Gibtsiidhaa akka bahan, Galaana Ertiraa akkamitti akka ce'an Arjummaa Waaqayyoo yeroo isaan barsiisu, daa'imman ykn ijoollee isaaniitiif ammoo Seera Waaqayyoo deebisee isaan barsiise, kitaabni kunis «Seera Keessa Deebii» jedhamte. Seera Keessa Deebii jechuun kan irra deebi'ame akka jechuuti. 

8. Raajichi Musee Waaqayyoodhaan fuula kee natti agarsiisi! jedhee kadhatee ture, Waaqayyos fuula koo osoo hin taane dugda koo argita jedheen. Museen garuu Kadhannaa kadhatee ture irraanfatee Tulluu Naabaa irratti ni muge ykn ni rafe, Waaqayyo waadaa galee ture diigeera jechuudhaaree ??? ykn Waaqayyo waadaa Museedhaaf galee ture diigeera jechuu dandeenyaaree? Museen hoo fuula Waaqayyoo ykn dugda Waaqayyoo kan arge yoomidha laata?

«Fuula kee natti agarsiisi!»

Raajonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo arguu ni hawwu waan tureef fuula kee nutti agarsiisi jedhanii ni kadhatu ture, isaan kan keessaas Raajichi Musee isa tokko dha. Museen Waaqayyoodhaan Kabaja kee natti agarsiisi! jedhee kadhate, Waaqayyos eenyuyyuu fuula koo argee kan dhaabbatu hin jiru siif hin danda'aamu, fuula koo osoo hin taane dugda koo argita jedheen. Ba'uu. 33:17. 

Museenis abdii guddaa kana laphee isaatti qabatee eeggata ture ykn eeggachuu jalqabe, yeroon garmalee deemuu isaa irraa kan ka'e garuu ni irraanfate, inumaayyuu Tulluu Naabaa irratti mugee ykn hirribni isa qabee ni boqote. 

Iddoo kanatti gaaffii haa kaasnu; Waaqayyo waadaa Museedhaaf gale ni irraanfate jechuudhaa? Museen akkamitti osoo dugda Waaqayyoo waadaa galameefii ture hin argiin du'e? kan isa kadhatan kan nama hin dhoowwanne, kan kufan kan hin ganne Waaqayyo Gooftaan akka namaa wanta waadaa gale hin ganu, ykn adaraa hin nyaatu. Namni kan ganama dubbate galgala ni gana, namni kaleessa si waliinan jira jedhee hardha si gana. Waaqayyo waadaa dugda koo ni argita jedhee Museedhaaf Kakuu Moofaa keessatti galeefii ture Kakuu Haaraa keessatti raawwateefiira.

Seenaan isaa kunooti :- Hangafni Raajotaa Museen fuuldura ta'ee uummata Israa'eel dursaa gara biyya Dammaa fi Aannan burqisiistuu Kana'aanitti isaan dursa ture. Israa'eeloonni tikseedhaaf garmalee rakkisoo turan waan ta'eef dheebuu bishaaniitiin ni ajjeesuufi Gibtsiidhaa kan ni baaste? jedhanii Musee irratti gumguman, Museenis gara Waaqayyootti kadhate, Waaqayyos isa dhaga'e, Ulee isaa kaasee dhagaa ykn kattaa rukute. Kattaa sana irraas bishaan ni burqe bishaan kanaanis «Bishaan Mariibaa» jedheen. Sana boodas Museen bishaan Mariibaa kan burqisiise anadha jedhe. Kattaa irraa bishaan kan burqisiise eenyu ture? Waaqayyo ture. hangamiyyuu Museen sababa ta'uyyuu kattaa sana irraa bishaan kan burqisiise garuu Waaqayyo dha. Museen garuu bishaan bishaan Mariibaa kan burqisiise anadha jedhe. Nutis hunda kan raawwate Waaqayyo dha haa jennu, eeyyama Waaqayyoo malee dhaabbachuuniyyuu hin danda'aamu, mataa keenyaan tarkaanfii tokkoyyuu tarkaanfachuu hin dandeenyu. Anadha kan jedhan namoonni hedduun kufaniiru waan ta'eef. Museenis ani bishaan Mariibaa nan burqisiise waan jedheef qofa Iyyerusaaleem ni argee malee qaama fooniitiin keessa hin seenne. Tulluu Naabaa irra taa'ee fagoo irra taa'ee Iyyerusaaleem argee, nagaa gaafatee Tulluu Naabaa irratti boqote. Fagoo irra ta'aanii harka fuudhan akkuma jedhe. Ibr. 11:13

Museen Tulluu Naabaa irratti boqotuyyuu kan isa kadhatan kan hin irraanfanne Waaqayyo Gooftaan Musee awwaala Tulluu Naabaa keessaa isa kaasee Tulluu Taaboor irra isa dhaabe, gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Raajicha Eliyaasiif akkasumas Duuka Bu'oota Utubaa sadaniif ykn Qulqulluu, Qulqulluu Yaa'iqoob fi Qulqulluu Yohaannisiif Tulluu Taaboor irratti yeroo ibsametti Museen waggoota hedduu dura Kadhannaa isa kadhatee ture ykn Kadhannaa Museen Waaqayyo waggoota hedduu dura fuula kee natti agarsiisi jedhee kadhatee ture akka arguuf Tulluu Taaboor irratti argame.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «Yaa Musee! kunoo dugda koo ni argita siin jedheen guyyaan ani itti waadaa siif galee ture kanadha, kadhattee turte waan ta'eef ilaali!» jedheen. Museenis argee ni gammade, qaama fooniitiin kan keessa hin seenne Iyyerusaaleem qaama lubbuutiin ni arge (Tulluun Taaboor Iyyerusaaleemitti argama waan ta'eef) dugda koo ni argita jechuun isaa Tawaahidoo dhaan Waaqa fi nama ta'ee na argita jechuu isaati.

Museen fuula kee natti agarsiisi jedhee Waaqayyo kadhatee akkuma ture, Abrahaamis akkasuma kadhatee ture. Abrahaam Loox namoota isa booji'an harkaa bilisa erga isa baase booda garmalee gammadee, Waaqa Musee fa'a fuula Waaqayyoo arguu hawwe.

Kadhadhaa isiniif kennama, akkuma jedhame Abrahaam ni kadhate, Waaqayyos kana osoo hin taane fakkeenya isaa ni argita jedheenii Yordaanoos akka ce'u itti hime. Abrahaamis Yordaanoos yeroo ce'u akka Kitaaba Qulqulluutti Luba isa jalqabaa kan ta'eefi Lubummaa ykn muudamni isaa bara baraaf kan ta'e Malka Tsedeeq argee kurnoo isaa baasee kenneef. Malka Tsedeeqis Wayinii fi Habistii baasee Abrahaamiif kenne.

Abrahaamis fakkeenyi sun galeefii garmalee gammade. Abrahaamiif Wayinii fi Habistii akkuma kenne haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Foon ishee irraa foon, Lubbuu ishee irraa Lubbuu fudhatee Addunyaa akka fayyisu hubatee ni gammade «Abrahaam guyyaa koo arguuf ni hawwe, ni arge ni gammade!» akkuma jedhu. Yoh. 8:56.

Egaa fuula Waaqayyoo arguu kan hin hawwine eenyu? Raajota qofa osoo hin taane Raajotaaf raajii sana qabaatanii kan dhufan Ergamoonnis ni hawwu ture. Dubri Dubrummaa dhaan ni ulfoofti, Ilmaa ni deessi, maqaa isaas Anaanu'eel jettee ni moggaafti. Isa. 7:14. Raajii jedhu Ergamoonni Raajicha Isaayyaasitti yeroo geessisanitti ykn yeroo himanitti, Raajiin kun raawwatamee yoom argina jedhanii ni hawwu ture. Raajichi yeroo raawwatetti ammoo «ሥብሐት ለእግዚአብሔር በሰማያት» ykn «Galanni Waaqayyoof haa ta'u Samii irratti» jechaa tiksoota waliin gammachuudhaan Beetaliheemitti faarfatan.

Kabajamaa Uumama guyyaa Jimaataa kan taate yaa namaa! Waaqayyo arguuf ni hawwite maalif, Waaqayyo arguu jechuun obboleessa kee si bira jiru ija jaalalaatiin ilaaluu jechuudha. 

Duuka bu'ichi Qulqulluun Yohaannis ergaa isaa irratti (1 Yoh. 1:18) «Yoomiyyuu ta'u Waaqayyo kan arge hin jiru, tokkoyyuu» akkuma jedhu, ati fakkeenya Waaqayyoo waan taateef namoonni si keessatti isa ilaalu.

9. Kitaaba Qulqulluu keessatti namni waggaa hedduu jiraate eenyudha?

Deebii :- Matusaalaa dha, waggaa 969 jiraate.

10. Obboleewwan Shamarrannii Abeel fi Qaayeel eenyu fa'i?

Deebii :- Aqileemaa fi Luud.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu kutaan itti aanu itti fufa!

Faaruu kana dhageeffadhaa!




Galanni Waaqayyoof haa ta'u!




Post a Comment

0 Comments