Subscribe To Our YouTube Channel

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 4ffaa

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Kutaa 4ffaa

Seensa :- Gara Kutaa kanaatti osoo hin darbiin dura kutaalee darban jechuunis Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 1ffaa, Kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffaa dubbisaa! yeroo darbe kutaa 1ffaa, Kutaa 2ffaa fi Kutaa 3ffa keessatti Qo'annaa Kitaabolee Qulqullaa'oo ykn Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu bifa gaaffii fi deebiitiin ilaalaa turreerra, kanaanis Seera Uumamaa irraa eegallee kan ilaalle yoo ta'u Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 20 ilaalleerra. Kanaanis kutaa 1ffaa keessatti Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu 10 jechuunis 1 irraa kaasee hanga 10 fi Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 2ffaa keessattis Gaaffilee 10 jechuunis 11 irraa kaasee hanga 20 tti ilaalleerra. Kutaa 3ffaa keessatti ammoo gaaffilee 21-32 tti jiran ilaalleerra. Kutaan itti aanu ammoo kunooti dubbisaa!

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 4ffaa

33. Ani eenyu? Iyyaasuun namoonni lama Iyyaarikoo akka ilaalaniif yeroo gara magaalaa sanaatti isaan ergetti Loltoonni magaalittii namoota ergaman sana ajjeesuuf yeroo barbaadan ani garuu galabaa Mana koo keessa jiru keessa isaan dhoksee, Loltootaan ammoo kallattii biraatiinin isaan erge yeroo kanas namoonni lamaan sun Loltoota sana harkaa ba'aan, anis akkuma Dubartii Israa'eelitti waanan isaan tajaajileef namoonni sun magaalaa sana yeroo ta'annu akka si barruuf ykn akka si beeknuuf mallattoo akka nuuf ta'uuf carqii diimaa foddaa kee irratti hidhi naan jedhan, anis Iyyaasuun fa'a Iyyaarikoo yeroo to'atanitti carqii diimaa sana foddaa koo irratti hidhee waanan tureef namoonni magaalittii yeroo badan ani garuu nan oole, Qulqulluun Phaawuloosis «Dubartiin sun namoota sana nagaadhaan waan simatteef warreen hin ajajamne waliin kan hin banne Amantii isheetiini» (Ibr. 11:31) jedhee Ergaa isaa gara warra Ibrootaa irratti kan naaf dubbate ani eenyu?

Deebii :- Ra'aab ykn Raakeeb jedhamti. Iyyaasuu 2:1

34. Nuti eenyu? Iyyaasuun Iyyaarikoo fi Gaay magaalota jedhaman humna guddaadhaan akka balleesse dhageenye, itti aansees gara keenya akka dhufu waan beekneef «Bofti miila hin qabu, gowwaan tooftaa hin qabu!» akka hin jedhamneef ykn akka nuun hin jenneef tooftaa ykn mala malanne, uffata moofaa uffanne, nyaanni ykn galaan nuti qabannes kan samee fi Biddeen gogaa ture! gara Iyyaasuutti dhiyaannee «Yaa Gooftaa keenya! nuti waa'ee keessan dhageenyee biyya fagoodhaa kan dhufne keessummootadha waan ta'eef akka nu hin miine maqaa Waaqayyootiin waadaa nuuf seenaa!» jenneen. Israa'eeloonnis waadaa nuuf seenan, ta'us garuu guyyaa sadi booda nuti jiraattota magaalaa sanaa akka taaneefi akka isaan gowwoomsines nurratti baran, waadaa waan nuuf seenaniif garuu nu hin miine, nuti eenyu fa'i?

Deebii :- Nuti uffata moofaa kan uffanne, nyaata samaa fi Biddeen gogaa kan qabanne, Iyyaasuuttis dhiyaanne nu hin miidhiinaa kan jenne nuti «Namoota Gabaa'oon» yoo taanu, sababa kanaanis Iyyaasuun bishaan kan waraaban fi qoraan kan cabsan nu taasiseera. Iyyaasuu 9:2

Kitaaba Abbootii Firdii

35. Abbaan Murtii tokko «Gara waraanaatti bahee injifannoon yoon deebi'e nama na simachuuf dhufe kamiyyuu aarsaa taasisee nan dhiyeessa!» jedhe, akkuma jedhes waraana sana irraa injifannoon yeroo deebi'u intala durbaa tokkottii qofa qaba ture waan ta'eef, isheenis Dibbee rukutaa isa simachuuf baate, namichi sun garuu fageenya irraa ishee argee ni gadde! mucaan isaas Aarsaa akka taatuuf dursee waadaa galee waan tureef isa gube! namichi kadhannaa fi wareega itti hin beekne kun eenyu jedhama?

Deebii :- Yooftaahee dha. Egaa Kadhannaa wallaaluun kana fida, wanti kadhatamuu ykn wareegamuu danda'u hedduun osoo jiruu Yooftaaheen garuu wareega hin taane wareege, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «Wanta kadhatan hin beektan» (Maat. 20:22) kan jedhe waregaa fi Kadhannaa kana fakkaatuufi. Kitaaba Abbootii Firdii 11:31

36. Mootichi Siisaaraan Israa'eel ukkaamsee waggoota 20'f bitee ture, raajiittiin dubartiin tokkos Baarq waamsistee «Ka'i! Waaqayyo Siisaaraa harka kee irratti siif kaa'eera waan ta'eef» jetteen. Baarqis «Ati ana waliin yoo deemte malee hin ka'u!» jedhe. Dubartiin raajiittiin sunis Baarq of duubaa buustee Tulluu Taaboor baatee Siisaaraa injifatan. Dubartiin raajiittiin kun eenyu jedhamti?

Deebii :- Dubartiin raajiittiin kun maqaan ishee Diibooraa yoo ta'u, hiikni maqaa ishees Kanniisa jechuudha. Kitaaba Abbootii Firdii 4:4

37. Kitaaba Qulqulluu keessatti Abbootiin Firdii 6'n eenyu fa'i?

Deebii :- Gitooniyaal, Naa'ood, Yooftaahee, Geedi'oon, Soomsoon fa'a yoo ta'an isaan keessaa Dubartiin ammoo Diibooraa dha.

38. Ani eenyu? Midiyaamonni Israa'eeloota yeroo weeraran akkan hin argamneef iddoo Wayiniitti Qamadiin calleessa ture, Ergamaan Waaqayyoo naaf ibsamee «Yaa nama cimaa nana! Waaqayyo si waliin jira!» naan jedhe. Ergamichi «Waaqayyo si waliin jira!» waan naan jedheefis warreen Miidiyaamota Daamotii 3000'n isaanin injifadhe. Seenaa kana hunda kanan qabu ani eenyudha?

Deebii :- Geedi'oon

39. Humni Soomsoon rifeensa isaa irra akka ta'e Dubartiin iccitii baaste eenyu jedhamti?

Deebii :- Daliilaa

40. Yordaanoos to'atanii namoota karaa sana darbaniin «Ati nama Efreemii? ykn ati Efreemaawwiidhaa?» jedhuun, «Lakki miti» yoo jedhe «Mee 'Shibooleet' jedhi!» jedhuun, «Sibooleet» yeroo jedhu achumatti isa ajjeesu. Namoonni kun eenyu fa'i? ykn eenyu jedhamu?

Deebii :- Namoonni Gala'aadaawota ykn Gala'aadaawwiyaan jedhamu, (Kitaaba Abbootii Firdii 12:5) Yordaanoos irraa karaa Bahaatti kan argaman Israa'eeloonni ka'umsa isaa jabeessanii «Shibooleet» jedhu, hiikni isaas «Lolaa» jechuudha. Biyya godaansaa Kana'aan Israa'eeloonni jiran garuu qooqni isaanii waan itti cimeef «Sibooleet» jedhu ture, sababa kanaanis beekamanii ykn salphaatti adda ba'aanii ni ajjeefamu ture.

41. Ergamaan Waaqayyoo Maanuhee fi haadha manaa isaatiif ibsamee «Ilmi isin argattan Mootii guddaadha, Naazraawwiis ni jedhama» jedheen. Maanuheenis «Kan nutti dubbatte yeroo gahu akka si kabajnuuf maqaan kee eenyu jedhama?» jedhee gaafate, Ergamichis «Maqaan koo ajaa'ibadha!» jedheen. Maanuheenis aarsaa waaqayyoodhaaf dhiyeesse, Ergamichis Aarsaa isaa ol baaseef, Abiddawaa ta'uu isaa yeroo hubachiisus labooba sana keessa ol bahe. Akkuma Yohaannis Cuuphaa Missiraachoo Ergamaatiin kan dhalate namni kun eenyu jedhama?

Deebii :- Maqaan isaa Soomsoon jedhama, hiikni maqaa isaas Aduu jechuudha. Kitaaba Abbootii Firdii 13:24.

42. Abboota Murtii keessaa inni tokko ciqilee isaatiin Leenca ajjeese, mangaagaa isaa keessaas damma argatee nyaatee «Isa nyaatu keessaa wanta nyaatamutu ba'e, isa jabaa keessaa wanta miyaa'utu ba'e» jedhee Filisxeemota Hibboo gaafate, Dubartiin Daliilaa jedhamtu garuu humni isaa kun Rifeensa isaa irra akka jiru diinota isaatti himte, rifeensi isaas ni haadame, humna isaas ni dhabe, mucaan ykn ilmi Maanuhee kun eenyu jedhama?
  
Deebii :- Soomsoon jedhama hiikni isaas Aduu jechuudha. Kitaaba Abbootii Firdii 14:14

Kitaaba Ruut

43. Bara Abbootiin Firdii bulchanitti lafa sana irratti beela hamaatu ta'e, sababa kanaanis namni Abemeeleek jedhamu tokko ijoollee lamaafi haadha manaa isaa Nuhaamiin jedhamtu qabatee godaane. Yeroo muraasa booda garuu Nuhaamiin Abbaan manaa ishee fi ijoolleen ishee du'anii kophaa ishee hafte, gara biyya isheetti yeroo deebitus «Uummanni kee uummata koo, Waaqni kees Waaqa kooti!» jettee hanga dhumaatti sirraa adda hin ba'u Dubartiin isheen jetteen eenyudha?

Deebii :- Dubartiin amanamtuun kun Ruut yoo taatu hiikni maqaa ishees kan jaallatu jechuudha.

Kitaaba Saamu'eel isa 1ffaa

Raajichi guddaan Saamu'eel, Saamu'eel jedhamee waamame.

44. Mootota gara jalqabaa Israa'eel bulchan lamaan (Saa'ool fi Daawwit) Raajichi dibe eenyudha?

Deebii :- Raajicha Saamu'eelidha, hiikni maqaa isaas Waaqayyo amanamaadha jechuudha.

45. Haadhaa fi Abbaa Qulqulluu Yohaannis Cuuphaaf Luba Zakkaariyaas fi Qulqulleettii Elsaabeet yoo jenne Raajicha Saamu'eeliif hoo eenyu jenna?

Deebii :- Haatii fi Abbaan Raajicha Saamu'eel Haannaa fi Hilqaanaa jedhamu. 1 Sam. 1:1

46. Saa'ool Daawwit yeroo baay'ee yeroo ari'u, Daawwit garuu «Kan Waaqayyo dibe hanga Waaqayyo kaasutti hin ajjeesu» jechuudhaan osoo ajjeesuu danda'uu bira darbeera, yeroo tokko holqa keessa osoo jiruu Daawwit gara isaatti dhiyaatee wanta ajaa'ibaa tokko taasisee ture, maal ture kan inni taasise? 

Deebii :- Uffata Saa'ool fakkeenyaaf muree itti agarsiise, Sayifii isa bukkee tures fakkeenyaaf geessee itti agarsiise. 1 Sam. 24:1, 1 Sam. 26:8

47. Ani eenyu? yeroon Saa'ool irraa baqadhetti waanan beela'eef gara Luba Abemeeleek deemeen Biddeen nyaatamu naaf kennin jedheen, Waaqayyo nyaata guyyaa guyyaa akka kennu fakkeenya ykn mallattoo akka ta'uuf Biddeen eebbifamaatu ture waan ta'eef Lubichi Habistii kana naaf kenne, anis namoota na waliin turan waliinan nyaadhe. Abbaan Bagaanaa Mootichi Ani eenyudha?

Deebii :- Mooticha Daawwit dha 

48. Haati Saamu'eel Haannaan kan deesse ijoollee jaha (6) qofa ture, 1 Saam. 2:5 irratti garuu «Dubartiin sun ijoollee torba deesse!» jettee kan faarfatte maalifi laata? 

Deebii :- Raajichi Saamu'eel akka ijoollee lamaatti waan lakkaa'aamuufi Haannaan ijoollee jaha deessee osoo jirtuu Dubartittiin torba deesse jettee kan faarfatteef. 1 Saam. 2:21.

49. Mootichi Daawwit «Laphee Waaqayyoo Daawwit» akka jedhame yeroo baay'ee ni dhageenya, Daawwitiin yeroo jalqabaatiif «Laphee Waaqayyoo!» jedhee Raajichi waame eenyudha? yeroo lammaffaaf «Laphee Waaqayyoo Daawwit» jedhee Duuka bu'ichi waame hoo eenyu jedhama? 

Deebii :- Laphee Waaqayyoo jedhee yeroo jalqabaatiif kan waame Raajicha Saamu'eel yoo ta'u (1 Saam. 13:14)
Laphee Waaqayyoo Daawwit jedhee yeroo lammaffaaf Duuka Bu'ichi waame ammoo Qulqulluu Phaawuloosidha. (HDB. 13:22

50. Ani eenyu? Abbaan koo Mooticha Saa'oolidha, hangamiyyuu abbaa kootti aansee iddoo Mootummaa kanan dhaalu ta'uu koo beekuyyuu Mootii akka ta'u kan isaaf dubbatame Daawwit waliin garmalee wal jaallanna turre, jaalala koo fi Daawwit gidduutti Mootii ta'uuniyyuu bakka hin qabu ture, abbaan koo Daawwit ajjeesuuf yeroo fiigu ani garuu Daawwit akka baqatun taasise, Daawwit waliin akkasitti kan wal jaallannu ani eenyu?

Deebii :- Yonaataan yoo ta'u, hiikni maqaa isaas «Waaqayyo ni kenna!» jechuudha.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 4ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! Blog kana Subscribe taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments