Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Kutaa 3ffaa

Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos


Kutaa 3ffaa


Kan itti fufe


📖 Maat. 1:9 «Ooziyaan Iyyo'aattam dhalche, Iyyo'aattamis Akaaz dhalche, Akaazis Hizqiyaas dhalche

👉 Ooziyaan mootii Yihudaa kan turedha. Bars raajicha Isaayyaas kan turedha. Bars aangoo isaa gara jalqabaatti bifa gaarii ta'een mo'e, mootummaan isaas ni cime, Waaqayyos is a ni gargaare, booda garuu of jajuun hojii Lubootaa waan hojjeteef Waaqayyo itti dheekkame. 2. Moot. 14:21-22, 15:1-7, 2 Seenaa baraa 26.

📖 «Iyyo'aattaamis Akaaz dhalche»

👉 Akaaz Yihudaatti waaqeffannaa Xaa'otii babaldhise. Sooriyaawwan mootummaa Israa'eel Yihudaa waraanaan waan rakkisaniif uummanni ni sodaate, Raajichi Isaayyaasis osoo amantanii ni fayyitu jedhee gorsa kenne. Akaaz garuu dhaga'uu dide. 2 Moot. 16., 2 Seenaa baraa 28.

📖 «Akaazis Hiizqiyaas dhalche»

👉 Hizqiyaas Mootii Yihudaa bara raajicha Isaayyaas turedha. Mootota Yihudaa turan hun da kan caaludha. 2 Moot. 18:5. Innis waaqeffannaa Xaa'otii balleesseera, Mana Qulqullummaas ni haaromse, diinota isaas kadhannaan morma ture. Innis umurii Isaa irratti waggaan kudha shan dabalameefiira. 2 Moot. 18-20, 2 Seenaa baraa 29-30, Isa. 36-39.

📖 Maat. 1:10 «Hizqiyaas Minaasee dhalche, Minaaseenis Amoots dhalche, Amootsis Iyyoosiyaas dhalche

📖 Maat . 1:11 «Iyyoosiyaasis yeroo booji'amiinsaatti Ikooniyaaniifi obboloota isaa dhalche»

Iyyoosiyaas ilma Amoots yoo ta'u mootota Yihudaa gaggaarii kessatti ramadama, isaan keessaas is a dhumaati. Yihudaadhaa eegalee hanga Galiilaatti waaqeffannaa Xaa'otii in dhorke, Mana Waaqayyoo yeroo haaressus kitaabni seeraa badee ture ni argame. Bara isaattis Ermiyaas raajummaaf ni waamame. Erm. 1:2, 22:15. 

Mootiin Gibtsii Niikaawu Iyyoosiyaas waraanuuf yeroo dhufetti Iyyoosiyaas ni ajjeefame. 2 Seenaa baraa 34, 35 , 2 Moot. 21:24, 23:30.

Namoonni biyya sanaas ilma Iyyoosiyaas kan ture Iyyoo'aakiiniin bakka Abbaa isaa bakka Iyyoosiyaas Iyyeerusaaleemitti mootii taasisanii muudan. Ji'a sadiis ni moo'e, booda garuu Mootiin Gibtsii dhufee Iyyerusaaleemii isa baase, bakka isaas obboleessa isaa Eeliyaaqeem (Iyyoo'aaqeem) mootii ta'e. 

👉 Iyyoo'aaksis gara Gibtsitti geesse, Iyyoo'aaqeemis waggaa 11 moo'e. Erm. 36. Naabukadantsooris gara Baabiloonitti isa geessee ture. Bakka isaas ilmi isaa Yo'aakiin ( Ikooniyaan) mootii ta'e. Ji'a sadi erga moo'e boodas Naabukadanatsoor gara Baabiloonitti is a geesse, bakka isaas obboleessa isaa Sed eqiyaas mootii taasise. Innis mootii Baabilooniin booji'amee iji isaas jaamee achitti ini du'e.

👉 Waaqayyos Israa'eloonni hojii isaanii badaa irraa akka deebi'aniif ergamtoota isaa Raajota ni erga ture. Uumanni garuu raajota Sanatti ni qoosu turan, sababa kanaanis waggaa torbaatama Baabiloon turan. Faar. 83:3, 89:10.

👆Kanaa olitti akkuma ilaalletti seenicha irraa akka hubannutti Ikooniyaan ilma ilma Iyyoosiyaasidha. Qulqulluun Maatewoos garuu akka ilma isaa ta'eetti barreesseera, gama biraatiinis obboloota Ikooniyaan kan jedhaman Iyyoo'aaksii fi Sedeeqiyaasidha. Isaanis wasiilota ykn eessumoota Isaa yoo ta'an akka obbolootaatti lakkaa'eera. Qulqulluun Maatewoos kana kan taasiseef bartee waan ta'eefi akkamitti yoo jettan 👇
Yaa'iqoob eessuma isaa Laabaa jalaa yeroo baqatetti Laabaan isa dhaqqabee maalif dhoksaan na jalaa deemte ....... ijoollee koo dhiirotaa fi dubartootaa akkan dhungadhuuf maalif naaf hin eyyemne. Uma. 31:28. jedheeniira. as irratti Warreen dhiiraa Dhala Dhala isaa yoo ta'an ijoollee koo jechuu isaa haa hubannu.
Akkuma kana Abraahaamis Looxiin obboleessa koo jedheera. Uma. 13:8

Akkasumas dhuma irratti waa'een Baabiloon maalif ka'e kan jedhuuf. barnootaaf, tokkos fakkeenyummaa waan qabuuf, fakkeenyummaan isaa maali kan jedhuuf👇
Sabni Israa'eel gara Baabilointti booji'amanii geeffamuun isaanii Addaamii fi Heewaan gara Si'oolitti bu'uu isaaniif fakkeenya too ta'u, Sabni Israa'eel Baabiloonii ba'uun isaanii ammoo Addaamii fi Heewaan Jannata seenuu isaaniif fakkeenya.

📖 Maat. 1:12 «Booji'amiinsa Baabilooniin boodas Ikooniyaan Salaatyaal dhalche, Salaatyaalis Zarubaabeel dhalche

👉 Namoonni Iyyerusaaleem gara Baabiloonitti erga fudhataman ykn booji'aman booda achitti jechuunis Baabiloonitti waggoota torbaatama garbummaan turaniiru. Achi erga bu'an boodas Ikooniyaan Salaatyaal dhalche. Salaatyaalis Zarubaabeel dhalche.

📖 Maat. 1:13 «Zarubaabeel Abiyuud dhalche, Abiyuudis Eeliyaaqeem dhalche, Eeliyaaqeemis Azaar dhalche.»

📖 Maat. 1:14 «Azaaris Saadooq dhalche, Saadooqis Akiim dhalche, Akiimis Eeliyuud dhalche.»

📖 Maat. 1:15 «Eliyuud Alaazaar dhalche, Alaazaaris Maatiyaan dhalche, Maatiyaanis Yaa'iqoob dhalche

📖 Maat. 1:16. «Yaa'iqoobis Kiristoos kan jedhame Iyyesuus kan deesse Maariyaam kaadhima ishee Yooseef dhalche

👉 Hiddi dhaloota Dubroo Maariyaamii fi kan Yooseef kan walitti dhufu Alaazaar irratti.
👉 Alaazaar Maatiyaanii fi Qisraa dhalche.
👉 Maatiyaan Yaa'iqoob, Yaa'iqoob ammoo Yooseef dhalche.
👉 Qisraan ammoo Iyyaaqeem, Iyyaaqeem ammoo Dubroo Maariyaam dhalche.
Akka seera biyya isaaniitti dubarri hidda dhalootaa keessatti him lakka'amtu waan ta'eef Dubroo Maariyaam caqasuu dhiisee Yooseef caqase, osoo karaa Maariyaamiin dhufee maqaa ishee caqasee Serra, bartee, aadaa keenya balleesse jedhama waan ta'eef.

📖 Maat.1:17 «Dhalootni kun hundi Abrahaamii hanga Daawwititti dhaloota kudha afur, Daawwitii kaasee hanga Booj'amuutti dhaloota kudha afur, Booji'amiinsaa hanga Kiristoositti dhaloota kudha afuridha, dhalootni hundi Abrahaamii hanga Kiristoositti dhaloota afurtami lamadha.»

👉 Abrahaamii kaasee dhalootni kun hundi isaanii yeroo lakka'aman afurtami lama ta'u.

Iddoo tokko tokkotti kudha afur, kudha torba, kudha lama kan jedhu jira walitti afurtami sadi ta'a. Kana kan jedhu sadan keessaa tokko galchee lama baasee,
Kudha afur, kudha torba, kudha afur kan jedhus jiraa kun ammoo afurtami shan ta'a, kun ammoo hunda isaanii galchee.
Akkasumas afurtama afur kan jedhu yoo ta'e lamaan jechuunis Iyyaaqeemiifi Maariyaam keessaa tokko galchee tokko baasee.

Afurtami lama irratti ammoo lamaan isaanii galchee mootota sadan baasee.
Ol kaasee afurtami ja'a gadi bu'ee ammoo afurtami tokko hin jenne sababni isaas akka seera Yihuudotaatti bittinsee kan lakkaa'e, ida'ee lakkaa'uun kan jiru waan ta'eef. Osoo Maatewoos afurtami jaha ykn afurtami tokko jedhee Yihuudonni Wangeelaawwiin bittinsee lakkaa'uu malee, ida'uu, ida'uu malee bittinsee lakkaa'uun isaaf hin ta'u jedhanii Wangeela hin fudhatan ture waan ta'eef.

👉 Tokkos bittinsanii ykn diddiiganii lakkaa'uun fakkeenya sadummaa, ida'anii lakkaa'uun ammoo fakkeenya tokkummaati.

Afurtami lama kan jedheen Solomooniif Atroonsii sadarkaa jaha qabdu qaba ture. Innis ishee ja'affaa irra taa'ee himata dhaggeeffachaa, murteessaa oola ture. Sadarkaawwan jahan Subaa'eedhaan yeroo galan afurtami lama ta'a (6×7=42) fakkeenya abbootii afurtami lamaaniiti, barri isaanii yeroo darbu gooftaan nama ta'uu isaaf fakkeenya. Solomon fakkeenya gooftaati, Atroonsiin fakkeenya Dubroo Maariyaamidha. 

👉 Afurtami sadi kan jedhe Dunkaana Oriitiif, utubaawwan afurtami sadi qabdi ture, utubaawwan ykn hiddi ilma Waaqayyoo afurtami sadi darbanii ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos dhalachuu isaaf fakkeenya.

👉 Afurtami afur kan jedheef Israa'eloonni imali afurtami afraffaatiin Saxiin qubatanii lafa dhaalaa isaanii ilaalanii bulaniiru, amantoonnis dhaloota afurtami afraffaa kan taate Dubroo Maariyaam irraa kan dhalate gooftaa isaanii arganiiru waan ta'eef. 

👉 Afurtami shan kan jedheef ammoo imala afurtami shanaffaa isaaniitiin lafa dhaalaa isaanii galaniiru, akkasuma amantoonnis dhaloota afurtami shanaffaa kan ta'u dhaala isaanii gooftaa ni dhaalu waan ta'eef.

Dhaloota Iyyesuus Kiristoos
Luq. 2:1-7

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!


Post a Comment

0 Comments