Subscribe To Our YouTube Channel

Lubni Malka Tsedeeq eenyudha | Kutaa 1ffaa

Luba Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos


Kutaa 1ffaa


Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Boqonnaa 7:1-10 irratti «Mootiin Saaleem fi Luba Waaqayyo Gooftaa kan ta'e Malka Tsedeeq kunis Abrahaam Mootota injifatee yeroo deebi'u isa waliin wal argee isas ni eebbise, isaafis ammoo Abrahaam wanta hunda irraa Kurnoo kenneef. Hiikni maqaa isaas 'Mootii qajeelaa jalqabaa' ti, booda ammoo Mootii Saaleem jechuun ammoo Mootii nagaa jechuudha. Abbaa fi haadha, lakkoofsa hidda ykn sanyiis hin qabu, jireenya ykn bara isaatiifis jalqabaa fi dhuma hin qabu, garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta'ee jiraata....»

Ibsa suuraa :- Luba Malka Tsedeeq

Qulqulluun Phaawuloos maalif isa caqase?


Hayyuu cimaa ykn hangafa warra Ayihuudotaa jedhamee kan beekamu miila Gamaaliyaal jala taa'ee kan barate Hayyuun Kakuu Moofaa Qulqulluun Phaawuloos magaalaa Damaasqootti waamamee, Seera Wangeelaa fudhatee, Seera Wangeelaatiin cimee dhaabbatee qomoo isaa Ibrootaaf ergaa dabarseen ykn ergaa isaa gara warra Ibrootaatti ergeen kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonni, Duuka Bu'aa Amantaa keenyaa fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa (Ibr. 3:1)

«ወብነ ሊቀ ካህናት ዐቢይ ኢየሱስ ክርስቶስ ወልደ እግዚአብሔር፤ ዘተለዓለ እምሰማያት» jechuunis «Egaa Samii irratti kan darbe Hangafni Lubootaa guddaan ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos waan nuuf jiruuf, cimnee Amantaa keenya haa eegnu. Cubbuudhaan ala wanta hundaan akka keenyaatti kan qoramedha malee, dhadhabbii keenyaan nuuf gadduun kan hin dandeenya le Hangafa Lubootaa hin qabnu» Ibr. 4:14 jedheeniira.

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos kana sababa malee isaaniif hin barreessine. Ibroonni «Gidiraa yoo simanne eenyutu duree nuuf ta'a?» akka hin jenneefi gara duubaatti akka hin harkifanneef gidiraa kan simate Iyyesuus Kiristoos duree taasifatanii, gidiraa fi rakkoo isaanirra gahu obsaa daandii Kiristaanummaa irra akka deemaniifi. Akkasumas «Ayihuudummaa irraa gara Kiristaanummaatti yeroo deebinu eenyutu nu araarsa?» akka hin jenneef ammoo yeroo deebi'an, seera Wangeelaatti amananii yoo Cuuphaman, Fooniifi dhiiga isaa yoo fudhatan, Kiristoos araara du'a isaatiin al tokko Fannoo irratti kan raawwate ta'uu isaa sirriitti akka beekaniifi.


«Kanaafuu waamicha Samii irraa hirmaattoota kan taatan Qulqulloonni obboloonn, Duuka Bu'aa Amantaa keessanii fi Hangafa Lubootaa Iyyesuus Kiristoos ilaalaa!» Ibr. 3:1. Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa gara Ibrootaa kana irratti kan xiyyeeffate Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos hunda irra kan caalu ta'uu isaa ibsuufi. Kanas kan hubachiisu ammoo wal bira qabduudhaani. Raajota irra waa'ee caaluu isaa dubbii isaanii fi dubbii isaa wal bira qabuun ni hubachiise. Saba booda ammoo Ergamoota irra akka caalu hubachiiseera. Amma ammoo Luboota irra akka caalu hubachiisuuf ni dhufa ykn gara hubachiisuutti ni dhufa. Luboota irra caaluu isaas yeroo hubachiisu sababoonni ijoon ;

1. Lubummaa isaatiin
2. Aarsaa isaatiin
3. Dunkaana Aarsaan itti dhiyaateen ta'uu isaa ni hubachiisa.

Waa'ee Lubummaa isaas Ibr. 5:1-10, 6:20, 7:1-28, 8:1-3 irratti hubachiiseera.

Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fi Lubummaa Malka Tsedeeq


Lubummaan maalidha?


Lubummaan tajaajila yoo ta'u muudamuus, filatamuus ni agarsiisa. Kitaaba Qulqulluu keessattis Addaam irraa eegalee namoonni garaa garaa Lubummaa kanaan namootaanis ta'e Waaqayyo dhaan yeroo filataman nutti agarsiisa.

Hojiin Hangafa Lubootaa maal ture?


Oriitiidhaan hojiin Hangafa Lubootaa Mana Qulqullummaa bulchuu fi Luboota to'achuu, Shangoo irrattis duree ta'uu ture (1 Sam. 3:12, 2 Mot. 12:7, 22:4, Maat. 26:57-65) kanaan alattis Hangafni Lubootaa guyyaa dhiifamaatti waa'ee isaa fi waa'ee uummataaf kadhatee Aarsaa adda ta'e ni dhiyeessa. Guyyaa kanattis waggaatti guyyaa tokko qofaa gara Qulqulleettii Qulqullootaatti seenee Taabota irratti aarsaa ni dhiyeessa. Seera Leewwotaa 16:34

Uummanni Israa'eel ji'a torbaffaatti, guyyaa kurnaffaattis (naannoo Onkoloolessa guyyaa kudhan) Cubbuu isaanii ni himatu ture. Hangafni Lubootaas uffata Lubummaa isaa baafatee (gadi of qabiinsaan) uffata kan biraa uffachuudhaan jalqaba ofii isaa fi Lubootaaf itti aansee ammoo uummataaf aarsaa ni dhiyeessa. 

Malka Tsedeeq eenyudha?


«Abbaa fi haadha, hidda dhalootaas him qabu, bara isaatiifis jalqabaa fi xumura hin qabu, dhumni isaa garuu ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta'ee ni jiraata» Ibr. 7:3

Malka Tsedeeq Mootii Saaleem ture. Kunis Mootii nagaa jechuudha. Saaleem Heenoon qarqaratti kan argamu Magaalaa Malka Tsedeeqidha (Uma. 14:18, Yoh. 3:23). Malka Tsedeeq sababni inni itti Mootii nagaa itti jedhameef namoonni biyya isaa deemanii Mootii nuuf ta'i! yeroo jedhaniin inni ammoo Lafee ykn Ekeraa Addaam Golgootaa jiru eega waan tureef kan na eegsise dhiisee hin ta'u isaaniin jedheera. Ta'us garuu wal lolanii gara isaatti yeroo dhufan isaan araarsa, yeroo wal mormanis dhugaa isaa ni murteessaaf ture. Kanarraa kan ka'es «ንጉሠ ሰላም ወጽድቅ» ykn Mootii nagaa fi qajeelaa jedhameera. 

Malka Tsedeeqiif Abbaan isaa ebeluudha, haati isaa ammoo kanadha jedhamee hin dubbatameef. «ወአልቦ ጥንት ለመዋዕሊሁ ወኢማኀለቅ ለሕይወቱ» guyyaa kanatti dhalate, guyyaa kanatti ammoo boqote jedhamee Kitaaba Qulqulluu irratti kan barreeffame hin jiru. Maali Kitaaba Sinkisaar irratti barreeffamee jira mitii hoo? yoo jettan Kitaaba Leewwotaa irratti waan hin barreeffamneefi. «በአምሳሊሁ ለወልደ እግዚአብሔር ይነብር ክህነቱ ለዝሉፉ» ykn «Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa ilma Waaqayyootiif fakkeenyummaa isaatiin bara baraan cimee kan jiraatudha»

Abrahaam Kooloodoogoomr fi Mootota isa waliin turan waraanee injifatee yeroo deebi'etti fakkeenya isaa akka arguuf eeyyamameefii waan tureef Yordaanoos ce'ee gara Malka Tsedeeqitti deeme. Malka Tsedeeqis Afuuraan hubatee Sulula Leewwiitti isa simachuuf ba'e. 


Kana jechuun garuu Malka Tsedeeq nama miti jechuu miti, sanyiin isaa Sanyii Kaam irraa waan tureef Kitaaba Musee irratti hin barreeffamne, hin ibsamne jechuufi. Namni filatamaan kun Ekeraa Addaam akka eeguuf kan ajajame jireenya Baahitaawwii kan jiraatu dha. Lubummaan Malka Tsedeeqis akka Museen aarsaa dhiyeessee Aroon muudetti osoo hin taane Lubummaa Malka Tsedeeq kana namni isa muude hin jiru. Inumaayyuu Waaqayyo isa filate, Ogummaa isaa ajaa'ibaatiinis isa muude malee. Aroon fi ijoolleen isaa harka Museetiin, Museenis harka Ergamaatiin akkuma muudaman (HDB. 6:6) Malka Tsedeeq garuu muudamni isaa Waaqayyo irraa waan tureef kanaafis Qulqulluun Phaawuloos «Dhumni isaa garuu Ilma Waaqayyootiin fakkeeffamee bara baraaf Luba ta'ee ni jiraata» kan jedheef kanaafi. «Bara baraaf» jechuun isaa hanga xumura jireenya isaatti jechuu isaati. Sababa kanaanis Lubummaan isaa Lubummaa warra Leewwii irraa gonka adda ta'uu isaa ni hubachiisa. Akka Lubummaa warra Leewwotaattis Aarsaa Bineeldotaa hin aarsu, Aarsaan isaa Qamadii Qulqulluu fi Wayiiniidha malee. Kanarraa ka'ees Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:11 irratti «Egaa uummanni Lubummaa Leewwiitiin gonkummaan kan argame osoo ta'ee, akka muudama Aroonitti kan hin lakka'aamne, akka muudama Malka Tsedeeqitti kan ta'e garuu Lubni kan biraa ka'uuf gara fuulduraatti maalif barbaachisa?» jedhee isa caqasa.

Waa'ee Malka Tsedeeq Ibroota irratti


1. Lubummaa dhaan Luboota Leewwotaa ni dursa, inni Abrahaam dura waan tureef :- Uma. 14:18-21

2. Lubummaan isaa kan bara baraati :- Ibr. 7:3. Baroota hedduudhaaf kophummaa ykn Baahitaawwii dhaan akka jiraateefi Lubummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti kan hin dabarre waan ta'eef kuni caqasameera. Lubummaan Leewwotaa garuu du'a yeroodhaa yerootti qabu waan ta'eef «Isaanis akka hin jirannee duuti waan isaan dhorkeef Luboota kan ta'aan hedduudha» akkuma jedhu (Ibr. 7:23)

3. Leewwota Kurnoo baasiseera :- Leewwoonni uummata irraa Kurnoo fuudhuuf seera qabu. Ta'us garuu Malka Tsedeeq Abrahaam harkaa Kurnoo yeroo fuudhetti Lubummaa isaa irra Lubummaan isaa akka caalu ni beekame.

4. Leewwota Eebbiseera :- harka isaanii diriirsanii uummata kan eebbisan Luboonni Leewwotaa karaa Abrahaam Malka Tsedeeqiin eebbifamaniiru. Waa'ee kanaas Qulqulluun Phaawuloos Ibr. 7:6-7 irratti «Hiddi dhaloota isaa isaan irraa kan hin lakka'aamne garuu Abrahaam irraa Kurnoo baaseera, jecha abdii kan qabus Eebbiseera! inni xiqqaanis hangafa isaatiin akka eebbifamu wanta mormii hin qabnedha!» akkuma jedhu.

5. Aarsaan isaa Bineeldota du'an miti :- Luboonni Leewwotaa aarsaan isaanii Bineeldota irraa kan qophaa'u yoo ta'u, Aarsaan Malka Tsedeeq garuu Qamadii Qulqulluu fi Wayiinii irraa kan qophaa'u dha. Kunis Fooniifi dhiiga Kiristoos kan nutti agarsiisudha.

Qulqulluun Phaawuloos hundumayyuu Boqonnaa kana keessatti walitti qabee akkuma kaa'e Lubummaan Malka Tsedeeq Lubummaa Leewwotaa ni caala. Lubummaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ammoo Lubummaa Malka Tsedeeq irra ni caala. Malka Tsedeeq fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ture waan ta'eef. Kanaafuu dubbiin Qulqulluu Phaawuloos Abbaan keessan Abrahaam Abrahaamaawwii kan hin taane Malka Tsedeeqii gadi yoo ta'e, inumaayyuu Waaqa Malka Tsedeeq gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa ammoo hangam gadi haa ta'uree?

Lubummaan Gooftaa keenya maaliin kan adda ta'e ta'e?


1. Kan Amalummaa isaa waan ta'eef :-

Kiristoos wanta hunda kan taasise aangoo isaatiini : du'aa kan kaase, dhukkubsattoota kan fayyise, kan barsiise, kan du'e, kan ka'e, kan ol ba'e .... hundumayyuu aangoo isaatiini. Tajaajilli Lubummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos inni guddaan ofii isaa Fannoo irratti Aarsaa taasisee dhiyeessuu isaati. Kunis Foon isaa muree, dhiiga isaa dhangalaasee Addunyaa qulqulleessuufi. Kanadha kan Gooftaa keenyaa nuuf kan taasifame tajaajilli Lubummaa. Duuti isaa ammoo Aangoo isaatiin akkuma ta'e du'a isaa aangoo isaatiin raawwate jedhamuun isaa ammoo Lubummaan isaa kan Amalummaa isaa ta'uu ibsuufi. Eenyu irraayyuu hin fudhanne, eenyuyyuu isarraa hin fudhatu. Kanaafuu inni akka Malka Tsedeeq dhoksaadhaan, akka Aroon ifatti kan muudame miti. Inni kennaa malee fudhataa miti waan ta'eef. Yoh. 1:3 irratti «Wanti hundi isaan ta'e!» akkuma jedhu. Ibr. 5:5 irratti ammoo «Akkasuma Kiristoos ammoo Hangafa Lubootaa ta'uudhaaf ofii isaa hin kabajne, ta'us garuu ati ilma kooti, Ani hardha si dhalcheera kan jedhe isadha» jedhee fooniin dhalachuu sagalee ykn jechaa Duuka Bu'ichi dubbateera. Kunis fedhii Isaatiin qofaa osoo hin taane fedhii Abbaa isaatiinis ta'uu isaa dubbachuufi.

2. Kan Bara baraati :-

«Bara baraan» jechi jedhu uumaa fi uumamaaf yeroo fayyadamnu tokko ta'uu dhiisuu isaa hubachuu qabna. Kanaafuu Lubummaan Malka Tsedeeq hanga lubbuun isaa darbutti ta'uu isaa ni hubanna. Lubummaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan bara baraa ta'uun isaa inni du'aa fi aangoon harkaa fuudhamuun waan irra hin jirreefi ykn inni Waaqayyo waan ta'eefi. Fooniin du'e kan jennus Lubbuun isaa Foon isaa irraa adda baate jechuudhaafi malee Tawaahidoo booda Waaqummaa ykn Malakootii fi Tisbi'iitiin gargar bahaan jechuuf miti ykn yeroon itti isaan gargar bahaan gonkumayyuu hin jiru. Kanaafuu aangoo Lubummaa isaa kan isa harkaa fuudhu isa hin barbaachisu. Lubummaa Amalummaas isaan ala kan mindaa isaa taasifachuu kan danda'u hin jiru waan ta'eef. Ibr. 7:24.

3. Gonka dha :- 

Lubummaan Leewwotaa Gonka miti, kan Malka Tsedeeqis kan bara baraati malee gonka hin turre. Eenyuyyuu gara Jannataatti deebisuun isaaf hin danda'aamne waan ta'eef. Isaanis mataan isaanii Addaamiin Cubbuu jalqabaa tiin qabamaniiru waan ta'eef. «Inni mataan isaa ammoo dhadhabaa waan uffatuuf» Ibr. 7:28, 5:2 isaaniif jedhameera waan ta'eef. Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif garuu inni Cubbuu akka hin qabne himameera. 1 Yoh. 3:5. 

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- D/n Melaku Ezezew

Post a Comment

0 Comments