Subscribe To Our YouTube Channel

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti | Kutaa 1ffaa

Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti


Kutaa 1ffaa

Seensa :- Baga nagaan dhuftan! guyyaa hardhaa mata duree haaraa qabannee kan dhiyaanne yoo ta'u, mata dureen Afuurawaa kunis «Akkaataa Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti» jedha. Mata duree kana keessatti waa'ee guyyoota Tsoomiiwwan dhaabbatoo hin taane irra oolanii baldhinaan kan ilaallu ta'a. Dubbisa gaarii!


Abushaahir ykn Lakkoofsi Baraa maalidha?


Koorsii ykn barnoonni kun wanta Kiristaanota hundaaf barbaachisaa ta'edha waan ta'eef, hundi keessan dubbisaa share godhaa!

Lakkaawwii baraa ykn akkaataa lakkoofsa baraa kan jedhamu afaan Gi'iziitiin (ባሕረ ሓሳብ) afaan Arabiffaan ammoo Abushaakir kan jedhamu yoo ta'u afaan Amaariffaan ammoo (የዘመን አቆጣጠር) jedhama. Akkaataa lakkaawwii baraa kanas kan herreegee qopheesse Hangafa Phaaphaasii Iskindiriyaa 12ffaa kan ta'e Qulqulluu Dimeexiroosidha. Qulqulluun Dimeexiroos;

፨ Nannawween, seensi Tsooma guddaa, Tsoomni duuka bu'ootaa => Wiixata

፨ Dabra Zayit, Hoosaa'inaa, Du'aa ka'umsaafi ayyaanni guyyaa shantammaffaa ykn Paaraaqiliixoos ammoo => Dilbata

፨ Rikbe Kaahinaat fi tsoomni fayyinaa ammoo => Roobii

፨ Ol ba'iinsi gooftaa ykn Irgatiin ammoo => Kamisa

፨ Fannoon ykn Siqlatiin ammoo osoo => Jimaata ta'aanii yeroo hunda osoo kana irraa jijjiiramuu baatanii jedhee ni hawwa ture. Ergamaan Waaqayyo irraa ajajames dhufee «Kuni hundi yaadaan raawwataaree? yoo hojjatanidha malee, Subaa'ee gali!» jedheeniira. Qulqulluun Dimeexiroosiinis yeroo kadhannaa isaa tokkotti Yaa Abbaa keenyaa torba jedhi, guyyaa keessatti Subaa'ee torba, halkanii ammoo Subaa'ee 23 gali jedheeniira. Maalif isa guyyaa xiqqeesse ykn torba qofa taasise yoo jedhame guyyaa barsiisuudhaan, nama walitti araarsuudhaan oola waan ta'eef. Galgala garuu kana irraa bilisa waan ta'eef Subaa'ee isa galgalaa baay'ise. Subaa'ee guyyaa irraa Yaa Abbaa keenyaa 49 ni jedha 7×7=49. Kanas yeroo 30'f hiru haftee isaa ykn 19'n Maxqi'i durii jedheeniira. Kan halkanii irraa ammoo 23×7=161, yeroo 161 Yaa Abbaa keenyaa jedha. Kanas 30'f yeroo hiru haftee isaa ykn 11'n Abaqtee durii jedheeniira. Maxqi'iin guyyaaf, Abaqteen ammoo halkaniif tajaajilu.

👉 Kana booda Qulqulluun Dimeexiroos guyyootni tsoomiiwwanii fi ayyaanonni irra oolan kanaa ol hin ba'u, kanaa gadi hin bu'u kan jedhu ibsameefii Hangafoota Phaaphaasotaa Sooriyaa, Antsookiyaa, Room jiran sadaniif, arfaffaa ammoo Ephisqophoosii Iyyerusaaleemitti argamuuf barreessee ergeera. Isaanis simatanii ykn harkaa fuudhanii Duuka bu'oonni Didilisqiyaatti kan barsiisan waliin tokko ta'ee yeroo argan gammadanii fudhachuun akkaataa lakkoofsicha baraa barsiisaniiru.

👉 Lakkaawwii Baraa kana Lubnis, Kiristiyaannis barachuu qaba. Kana yoo ta'e ykn yoo barate biyya isaatii booji'amee yoo biyya Ahizaabotaa deeme illee Ayyaana hin diigu, tsoomii hin shaaru, sababni isaas yeroo itti tsoomiin galu, guyyaa ayyaanni irra oolu barateera waan ta'eef. Lubni akkaataa lakkaawwii baraa kana hin baranne Luba jedhamuuf, Monokseen akkaataa lakkaawwii baraa kana hin baranne Monoksee jedhamuuf ni ulfaata.

👉 Addunyaan erga uumamtee kaasee hanga dhaloota Kiristoositti barri jiru bara Kakuu Moofaa ykn bara gidiraa (ዓመተ ኩነኔ፣ ዓመተ ፍዳ) jedhama. Dhaloota Kiristoosii kaasee kan jiru ammoo bara Kakuu Haaraa ykn bara araaraa jedhama. Walumatti ammoo bara Addunyaa jedhama. Akkaataa lakkaawwii Dimeexiroositti lakkooftuun isaa wantoota torba qaba ture; isaanis.

፨ Lakkaawwii guyyaa
፨ Lakkaawwii ji'aa
፨ Lakkaawwii waggaa
፨ Lakkaawwii Abaqtee
፨ Lakkaawwii Aduu
፨ Lakkaawwii Mallattoo ykn Mahaatam
፨ Lakkaawwii Qamar

👉 Baroota lakkaa'uudhaaf kan nu gargaaran Qamar, waggaa, ji'a, torbee, guyyaa, sa'aatii, daqiiqaa, sakandii dha. Afran Isaanii jechuunis Lakkaawwiin Qamarii, Lakkaawwiin Mahaatamii, Lakkaawwiin Aduu fi Lakkaawwiin Abaqtee waggaadhaan kan lakka'aamanidha. Waggaa kan jedhame aduudhaan guyyaa 365, Adeessaan ammoo guyyaa 354 dha.

👉 Guyyaa kan jedhame sa'aatii 24 dha kanaanis deddeebi'aa jiraatu.

✔ Naanna'iinsa ykn lakkaawwii guyyaa (ዐውደ ዕለት) :- guyyoota Dilbataa hanga Sanbataa jiran torbanidha. Isaanii kunis naanna'iinsa ji'aanii argamsiisuuf torba ta'aaniif deddeebi'aa jiraatu.


✔ Naanna'iinsa ykn lakkaawwii ji'aa (ዐውደ ወርሃ) ፦ Aduudhaan yeroo hunda guyyaa 30 dha. Addeessaan garuu yeroo yeroo 30 yeroo yeroo ammoo 29 ta'a. Isaan kunis waggaa argamsiisudhaaf 30, 30'n deddeebi'aa jiraatu.

✔ Naanna'iinsa ykn lakkaawwii waggaa (ዐውደ ዓመት) ፦ Aduudhaan guyyaa 365, Addeessaan guyyaa 354, Urjiidhaan ammoo guyyaa 364 dha.

✔ Naanna'iinsa ykn lakkaawwii Abaqtee (ዐውደ አበቅቴ /ንዑስ ቀመር/ ፦ Waggaa 19 dha. Kunis waggaa 19'n deddeebi'ee dhufuu jechuudha.

✔ Naanna'iinsa ykn lakkaawwii Aduu (ዐውደ ፀሐይ) ፦ Waggaa 28 dha. Naanna'iinsi Aduudhaanii tokko yeroo 19 yeroo deddeebi'u Qamarii guddaa tokko kenna. (28×19=532).

✔ Naanna'iinsa ykn lakkaawwii Mallattoo ykn Mahaatam (ዐውደ መኅተም) ፦ Waggaa 76 dha. Kunis yeroo torbaan yeroi deddeebi'u Qamarii guddaa tokko ta'a. (76×7=532).

✔ Naanna'iinsa ykn lakkaawwii Qamarii (ዐውደ ቀመር /ዐቢይ ቀመር/) ፦ kuni ammoo waggaa 532 dha.

Guduunfaa :- Akkaataan Lakkaawwii Baraa Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ykn Abushaahir kutaa 1ffaan kana fakkaata. Kutaa itti 2ffaa yeroo itti aanutti ni ilaalla.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

4 Comments

  1. Itti nuf fufaa. Jabaadha

    ReplyDelete
  2. Senaa qulqullulotaa kanaa akamii tii gadii bufata mmfee natii himaa dhiifamawaliin karaa teregiramanaa

    ReplyDelete
  3. wa’ee iccitti utubaa shani akkamiittin argadha maati waaqayyoo dhifamaa waalin karaa Telegram naafi debisa

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)