Subscribe To Our YouTube Channel

Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Habiib Giyoorgis eenyudha? | Kutaa 1ffaa

«Bara Warqeetti Ilma Warqee»


Kutaa 1ffaa


Hangafa Diyaaqonootaa Qulqulluu Habiib Giyoorgis


«Maal jedhee jalqabu? maal jedhees dubbadhu? akka aadaa keenyaatti jedhi nama dhaabbiin ittiin galateeffannu hin ramadamne. Har'a garuu yeroon itti dubannu ni gahe, callisuuf yeroo qaba dubbachuufis yeroo qaba. Kanaafuu maal haa jennu laata? Barsiisaa hangafni kun iddoo afuuraan jirutti lallabuuf humni isaa na hanqata. Jechoota inni dubbate illee irra deebi'ee dubbachuuf nan sodaadha, onneen ittiin dubbadhus hin argadhu. Sababni isaas jechoota ciccimoo inni dubbatu sana gatiin dhabsiisa jedhee waanan sodaachuuf, inni garuu yeroo dubbatu baay'ee ciccimoo turan.»


¤ Habiib Giyoorgis kan dhalate Magaalaa gudditti Gibxii Kaayirootti bara 1876 dha. Abbaan isaa gara olii Gibxii «Teemaa» magaalaa jedhamtuu kan dhufedha. Yeroo abbaan isaa du'u daa'ima waggaa 4 ture. Barumsa fi jaalala mana kiristaanaatiin kan isa guddiste haadha isaati. Qeerloos 4ffaatiin kan baname Manni barumsaa Koophxii «Madiraset El-Aqibat- El Kubra» (Mana Barumsaa guddicha koophxi) tti erga baratee booda Qeerloos 5ffaatiin Diqunnaa fudhate. Paatiriyaarkii 112ffaa Gibxii Qeerloos 5ffaatiin Manni Kristaanaa karaa hundaan guddisanii baricha akka injifattu taasisuuf yeroo ka'anitti, karaa faallaa ammoo yaada Liberaalii kan qaban tokko tokko hawaasummaan Koophxi yaada Awurooppaa fi Ameerikaawwanii dhaabota Pirooteestaantii yaada isaanii qabachuun «Tahaddisoo» ta'uu qaba jechuun dhiibbaa isaanii bara dabalanitti, Manni Kiristaanaa Gibxii karaa tokko dhiibbaa Musiliimotaan, karaa biraa kolonii Ingilizootaatiin kan galan Pirooteestaantotaan hordoftoonni ishee yeroo hir'atanitti Gadaamoonni ykn Kawaalonni yeroo dhadhabanitti, Luboonni hiyyummaafi barnoota gahaa dhabuun tajaajila isaanii raawwachuu yeroo dhadhabanitti ture Habiib Giyoorgis gara Mana Kiristaanaatti kan waamame.

¤ Qeerloos 5ffaan Mana Kiristaanaa bara rakkoo irraa gadhisiisuuf hojii isaanii jalqabaa kan godhatan dhaabbachuu mana barumsaa Theology ture. Haa ta'u malee Mana Kiristaanaa hiyyummaa keessa jirtuuf hojiinsaa salphaa hin turre. Maallaqaa fi keessattuu Kiristaanota Gibxiif kan hin eeyyamamne qabiyyee lafaa kaayyichaaf rakkoo turan. Milkaa'ina Dhimma kanaatiif Paatriyaarkichi kan filatan kutataa Mana Kiristaanaaf kutatee kan ka'e Habiib Giyoorgis ture.

¤ Habiib yeroo sana mucaa waggaa 17 ture. Ajaja Paatriyaarkichaan ajajameen Kaabaa hanga Kibba Gibxitti kaayyoo isaa hubachiisuun qarshii mana barumsichaa ittiin ijaaran walitti qabuu eegale. Gara kutaa lallabaa, gara Mana Kiristaanotaa fi galmoota garaa garaatti deemee barbaachisummaa Mana barumsichaa hubachiisuun 11,000£ (pound) qabatee deebi'e. Magaalaa Kaayirootti «Shoobraa» ganda jedhamtu bukkee maqaa addaa isaa «Maahimashaa» jedhamtutti manni mooraa guddaa qabu ni bitame. Manni barumsaa Theology sunis hojii isaa ni eegale.

¤ Manni barumsichaa yeroo jalqabu Yooseef Maanqaariyoos Daarektara yoo ta'u, Habiib ammoo barattoota 12'n jalqabaa keessaa tokko ta'e. Yeroo kanas Manni barumsaa kun barsiisota gahaa waan hin qabneef Habiib barachaa barsiisa ture.

¤ Bitootessa 8 bara 1890 yeroo Manni barumsichaatti eebbifamu barsiisaa kitaabolee Qulqullootaa ta'ee ramadame. Habiib hojii isaa kana bukkeetti barsiisuun qaba jedhee Lallabaa wangeelaa ta'ee of ramaduun barsiisuu jalqabe. «Amantaa Kiristaanummaa» kan jedhu barnoota isaa jalqabaa galma Mana barnoota guddicha Koopxitti yeroo barsiisetti yeroo sana kan ture qopheessaa gaazexaa «Kan Misir 'YeMisr'» kan ta'e Shinoda El Mankaabaadii barnoota isaatiin booji'amuu isaatiin barnooticha qarshii ofii isaatiin maxxansuun ummata hedduu biraan gaheera.

¤ Mana barumsaa Theology kanatti osoo barsiisuu, yeroo haftee ykn yeroo boqonnaa qabutti guutummaa Gibxitti naanna'uun ni lallaba ture. Innis kennaa Sagalee cimaa, beekumsa waa hundaa fi dandeettii uummata booji'uu akka qabu har'a iddoo gurguddaa kan gahan barattoonni isaa yeroo sanaa ni dubbatu ragaas ni bahuuf. Lallabaan Wangeelaa Luba Paawuloos Baasiilii jedhaman waa'ee Habiib yeroo dubbatan «Ani akkan amanutti Habiib yeroo dhalatuu kaasee warra kaaniif fakkeenya akka ta'uuf lallabaa uumamedha» jedhaniiru.

¤ Lallabni Habiib hangam onnee namaa cabsuu fi tuquu akka danda'u fakkenya tokko fudhachuun barbaachisaadha :- Yeroo tokko Ahimad Paashaa El Manshaawwii kan jedhamu falmaa bilisummaa Gibxii kan ta'e mana hidhaa Ingiliizotaatii ni gadhiifame. Habiibis yeroo kana mana isaa dhaqee «Baga Gammadde» jedheen haasawaan Habiib kunis namticha waan booji'eef gammadee pound 250 check barreesse kenneef, Habiibis maallaqa kana mana barumsaa Koolleejjii Theology ittiin haaromsuuf itti fayyadame.

¤ Yeroodhaa yerootti qarshii sassaabaa fi walitti qabaa bakka bitee mooraa Theology sana baldhina isaa Meetir Iskuweerii 5000 dhaan gahe ture. Yeroo tokko mana barumsichaa bukkee namicha jiraatu amansiisuun mana barumsaa sanaaf lafa Meetir Iskuweerii 24,000 akka kennu godhee ture. Kanaan alas Gibxii gara olii keessatti magaalaa El Maniya jedhamtu keessaa lafa heektaara 148 bituu danda'eera.

¤ Tajaajila Habiib kanatti kan gammadan Paatriyaarkiin Gibxii Qeerloos 5ffaan «Hangafa Diyaaqonootaa» jedhanii moggaasaniif. Pound 550'n mana barumsichaa bukkeedhaa bakka itti jiraatu ni bitaniif.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments