Subscribe To Our YouTube Channel

Matsaaguu | Torbee Arfaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Torbee Arfaffaa Tsoomii Guddaa


Matsaaguu 



Qulqulluun Yaareed bu'uura inni torbeewwan Tsoomii Guddaa moggaaseetiin Torbeen Arfaffaa Tsoomii Guddaa «Matsaaguu» jedhamuudhaan beekama ykn waamama. «Matsaaguu» jechuun hiikni isaa dhaabbiittii yeroo hiikamu «ጐባጣ» jechuu akka ta'e Alaqaa Kidaana Wald Kiflee Kitaaba isaanii «መጽሐፈ ሰዋሰው ወግስ ወመዝገበ ቃላት ሐዲስ» irratti hiikaniiru.

Matsaaguu seenaan guddaan moggaasa isaa, Iyyerusaaleemittis balbala Hoolotaa biratti Afaan Ibraayisxii dhaan «Beeta Sayidaa» kan jedhamtu fi karaa itti deddeebi'an shanis kan qabdu iddoo Cuuphaa tokkotti waggaa 38 irraa eegalee ykn waggaa 38'f waa'ee nama dhukkubsatee kan seenessu dha. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gara iddoo kanaatti kan dhufe guyyaa Sanbataatti. Achittis iddoo Cuuphaa sanatti bishaan sana iddoo Cuuphaa sanaa Ergamaan Waaqayyoo yeroo sochoosetti dursanii seenanii fayyuudhaaf gara bishaan sanaatti ni deemu ture.

Seenaan guutuun isaas Wangeela Qulqulluu Yohaannis Boqonnaa 5 lakk. 1-15 irratti kan argamu yoo ta'u innis akkas jedha;

Kana boodas Ayyaana Ayihuud ture, Iyyesuusis gara Iyyerusaaleemitti dhufe. Iyyerusaaleemittis balbala Hoolotaa qarqara Ibraayisxii dhaan «Beeta Sayidaa» kan jedhamtu iddoon Cuuphaa tokko jirti ture, iddoon kunis iddoo ittiin deddeebi'an shan qaba ture. Kana keessattis socha'uu bishaan sanaa eeggatanii dhukkubsattoonni fi namoonni Iji isaanii hin argine, qaama miidhamtoonni namoonni hedduun achitti ni argamu ture. Yeroo tokko tokko Ergamaan Waaqayyoo gara iddoo Cuuphaa sanaatti bu'ee bishaan sana ni sochoosa waan tureef, egaa socho'uu bishaan sanaa booda jalqaba irratti kan seene dhukkuba qabu hunda irraa fayyee bilisa ni ta'a ture. Sana boodas waggaa 38 irraa eegalee ykn waggaa 38'f kan dhukkubsate nama tokkotu jira ture. Iyyesuus Kiristoosis namichi kun ciisee yeroo isa argetti, hanga ammaatti baroota hedduudhaaf akkas akka ture baree, «Deemuu ni barbaaddaa?» jedheen. Namichi waggoota 38'f dhukkubsate sunis «Yaa Gooftaa! bishaanichi yeroo socho'etti nama iddoo Cuuphaa sana keessa na galchu hin qabu, anis yeroon dhufu ammoo namoonni kaan dursanii seenu!» jedhee deebiseef. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «Ka'iitii siree kee baadhuu deemi!» jedheen, yeruma sanas namichi fayyee siree isaas baatee deeme. Guyyaan sunis Sanbata ture. Kanaafis Ayihuudonni nama fayye sanaan Sanbata dha Siree kee baachuuf siif hin eyyamamu jedhaniin. Inni garuu «Kan na fayyise namni sun! Siree kee baadhuutii deemi naan jedhe» jedhee deebiseef. Isaanis ykn Ayihuudonnis «Siree kee baadhuutii deemi! namni siin jedhe eenyudha?» jedhanii isa gaafatan. Ta'us garuu iddoo sanatti namoonni hedduun walitti qabamanii waan turaniif, Iyyesuusis isaanirraa siqee waan tureef namni fayye sun eenyu akka ta'e hin barre. Kana boodas Iyyesuus Mana Qulqullummaatti isa argee, kunoo fayyiteerta kanarra kan caalu akka sirra hin geenyeef gara fuulduraatti Cubbuu hin hojjetiin jedheen. Namichis deemee kan isa fayyise akka ta'e Ayihuudotatti dubbate ykn hime.

Akkasumas Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu Maatewoos Boqonnaa 9 irratti ammoo bifa kanaan hiika;

Waa'ee fayyuu Matsaaguu. (Maat. 9:1-8)

👉 Kutaa kana keessatti gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara magaalaatti bidiruudhaan yeroo ce'etti Matsaaguu nama jedhamu sireedhaan baatanii akka fidaniif, gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis amantii isaa ilaalee "Yaa mucaa koo cubbuun kee siif dhiifameera" akka jedheen, yeroo kanas warreen barreessitootaa dhaga'aanii "kuni ni arrabsa" akka jedhaniin, gooftaan keenyas irratti beekee "laphee keessanitti maalif waan hamaa yaaddu? cubbuun kee siif dhiiifame jechuu fi ka'iitii deemi jechuu irraa kamtu salphata? ilmi namaa lafa irratti cubbuu haquudhaaf aangoo akka akka beektan" erga jedheen booda Matsaaguudhaan, "Ka'i! siree kee baadhuutii gara mana kee deemi" akka jedheen Matsaaguunis akkuma jedhame siree isaa baatee akka deeme akkasumas uummanni arganii akka ajaa'ibsiifataniifi aangoo akkasii Waaqayyo namaaf kennes akka ajaa'ibsiifatan barreeffamee jira. Maat. 9:1-8.

Ibsa 👇

✔ Ilma namaa Kiristoosiif cubbuu Addunyaa kanaa haquun akka danda'amu akka beektaniif :- cubbuu dhiisuu irra dhukkubsataa fayyisuu caalchisuu Isaati. Maali hundi isaayyuu hojii gooftaa mitiihoo yoo jedhame, cubbuun yeroo dhiifamu ykn haqamu hin mul'atu waan ta'eef, dhukkubsataan yeroo fayyu garuu ni mul'ata waan ta'eef. Namnis k an hin argine irra kan arge ajaa'ibsiifachuun bartee waan ta'eef. Waan namni dinqisiifatuun dubbate. Tokkos cubbuun siif dhiifame jechuufi ka'ii siree kee baadhuu deemi jechuu irraa kamtu salphata, dhukkubsataa yeroo fayyisu argitanii cubbuu ni dhiisa ykn ni haqa hin jettanii jedheen, duuti foonii du'a lubbuuf mallattoo akkuma ta'e, fayyinni fooniis fayyina lubbuuf mallattoo waan ta'eef. Ka'iitii siree kee baadhuu gara mana keetti deemi jedheen, dhukkuba biraa hin qabu waan ta'eef, osoo Namoota kaaniitii haa oolu, haa bulu jedhu inni garuu dhukkuba biraa waan hin qabneef ni gaggeesse. Uummannis arganii ajaa'ibsiifatan namaaf aangoo akkasii kan kenne jechuunis hin amanne yoo jedhame,raajii akkasii kan nuuf kaase jedhaniiru, amananiiru yoo jedhame fayyina ilma namaaf Samii irraa kan buute jedhaniiru Waaqayyoo galateeffatan.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments