Subscribe To Our YouTube Channel

Mikuraab | Torbee Sadaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos

Torbee Sadaffaa Tsoomii Guddaa


Mikuraab


Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti torbee sadaffaan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Mikuraab «ምኩራብ» jedhamuu dhaan beekama ykn jedhamuu dhaan waamama. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gara Mikuraabitti  kan itti seene fi kan itti barsiise waan ta'eef. 

Mikuraab jechuunis hiikni isaa kallattii «Lafa ol ka'aa» ykn «ኮረብታ», «Gamoo guddaa hamma Tulluu gahu» jechuudha. Kanarraa kan ka'es Mana Kadhannaa Ayihuudotaa ykn Mana Qulqullummaa jedhamuu danda'a. Akka Sirnaa fi bu'uura Tiwufiitii Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keenyaatti Torbeewwan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos keessatti faarfatamuuf kan qophaa'e Faaruu ykn Faarfannaa Tsooma Digguwaati. Dubbisoonni Kitaaba Qulqulluu Sanbata Sanbata dubbifaman, Faaruun Daawwit faarfatamu ykn Misbaakiin moggaasa Sanbata ykn torbee Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos sana waliin kan wal qabatan ykn kan walitti dhufanidha.

Sanbata ykn torbeewwan Tsoomii Guddaa kana keessatti Faaruuwwan faarfatamanii fi dubbisoonni dubbifaman Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bara Lallabaa isaatti kan barsiise fi hojiiwwan raajii ykn dinqii gurguddoo inni hojjete irratti kan xiyyeeffatanidha. Tsoomiin kun Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waan ta'eef Faaruuwwan fi dubbisoonni hundi hojiiwwan raajii fi barumsa ykn Lallaba Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin kan wal qabatanidha. Bu'uuruma kanaanis Torbeen sadaffaan Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus «Mikuuraab» jedhamee moggaafameera. 

 «ቦአ ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ» kan jedhuu fi barumsa akkasii gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Mikuraabitti barsiisuu isaa kan itti yaadannu fi kan itti barannu torbee sadaffaa Tsoomii Guddaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dha Mikuraab. Bara Kakuu Moofaatti Iyyerusaaleemitti Mana Qulqullummaa Ayihuud qabu turan. Naabukadanatsoor yeroo Iyyerusaaleem weeraretti ykn yeroo Iyyerusaaleem waraanetti Mana Qulqullummaa sana ni diige, uummatas gara Baabiloonitti booji'ee fudhatee deeme. Yeroo kana irraa eegalee Ayihuudonni iddoowwan isaan itti jiraatan hunda irratti ykn bakkeewwan isaan jiraatan hundatti ykn bakkeewwan isaan deeman hundatti Kadhannaa dhaaf Mana ni ijaaru ture. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Iyyerusaaleem keessa naanna'ee yeroo barsiisutti garuu Mikuraabota hedduutu ture. Yeroo Duuka Bu'oonni Gooftaa barsiisanitti iddoowwan tokko tokkoon alatti Mikuraabotatti seenanii Wangeela barsiisaniiru.

Kakuu Moofaa keessatti yoo xiqqaate namoonni maanguddoowwan kudhan (maatii kan bulchan) naannoo sanatti yoo argaman Mikuraabota ykn Mikuraab akka hojjetaniif isaaniif ni eeyyamama ture. Mikuraab keessattis Kitaabolee seeraa fi Barreeffamoota ykn Kitaaboleen Raajotaan barreeffaman Biraannaa dhaan maramanii ni argamu. Anantoonni ykn namoonni achitti walitti qabaman akka isaan dhaga'aaniifis bakka ykn iddoo akka madrakii irra Luboonni fi Barsiisonni dhaabbatanii Kitaabolee ni dubbisu, Sagalee Waaqayyoos ni barsiisu ture. 

 Alaqoonni Mikuraab dursan ykn hooggananis namni balleessaa hojjete yeroo argamu reebuu ykn garafuudhaan ykn Mikuraab keessaa baasuudhaan adabuudhaaf aangoo qabu turan. Tajaajilaa ykn dargaggoonni gargaartonnis ijoollee barsiisuudhaan, maraawwan Kitaabolee dhiyeessuudhaan dabalataanis ajaja Alaqootaa hojiirra oolchuu ykn raawwachuu dhaan ni tajaajila ture.

 Guyyaa Sanbataa uummanni hundi Mikuraabitti walitti qabamanii Waaqessummaa ykn Sirna Waaqeffannaa ni raawwatu ture. Sirna Waaqeffannaa isaanii keessaas Kadhannaa, dubbisa Kitaabolee Seeraa fi Kitaabolee ykn Barreeffamoota Raajotaa, Lallaba fi Eebbi ni jira ture.

Mikuraab kana keessatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos argamee uummata barsiiseera. 

«Gara iddoo itti guddatee Naazireetitti dhufe, akka bartee isaattis guyyaa Sanbataa Mikuraab seene, dubbisuufis ni ka'e!» Luq. 4:16

«Gara biyya isaattis dhufee hanga isaan ajaa'ibsiifatanitti sirriitti isaan barsiisa ture» Maat. 13:52.

«Sanbatas yeroo ta'etti Mikuraabitti barsiisuu jalqabe» Marq. 6:1. 

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus gara Mikuraaba Ayihuuditti seene, Sagalee jireenyaas ni barsiise, aarsaa irra araaran jalladha, Gooftaan Sanbataa anadha, ilmi namaas Sanbataaf Gooftaa isheeti. Mana abbaa kootii iddoo daldalaa hin taasisiinaa! Manni koo mana Kadhannaa jedhama.» jedhee isaan barsiise. Gara Mikuraaba isaanitti seenee akka callisaniif isaanitti dubbate, isaanis barumsa isaa, haala dubbii isaa arganii ni ajaa'ibsiifatan.

 Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments