Subscribe To Our YouTube Channel

Hintsataa Mana Kiristaanaa | Waxabajjii 20 fi 21

Hintsataa Mana Kiristaanaa


Waxabajjii 20 fi 21



Kitaaba Sinkisaaraa irratti akkuma galmeeffamee ykn barreeffamee argamu Waxabajjii 20, Biyya Qisaariyaa, Ganda Keelqeedoonitti Manni Kiristaanaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam muka malee, dhoqqee fi bishaan malee dhagaa sadi irraa ilma ishee jaallatamaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin guyyaa itti ijaaramedha. Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyatti waggaa waggaadhaan ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajaman keessaa isa tokko yoo ta'u, seenaa isaas kanaa gaditti gabaabsinee ni ilaalla. 

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba'e booda waggaa saddeettaffaa isaatti Qulqulluun Phaawuloos fi Qulqulluun Barnaabaas gara Filiiphisiyuusitti seenanii barsiisanii maqaa Kiristoosiin amansiisanii Ormoota hedduu erga Cuuphan booda Mana Kiristaanaa isaaniif ijaaruuf hawwan ykn barbaadan. Yeroo kanattis Hangafni Duuka Bu'ootaa osoo jiruu nuti hojjechuun nurraa hin eegamu jedhanii Hangafa Duuka Bu'ootaa Qulqulluu Pheexiroosiif xalayaa ergan. Innis Qulqulluu Yohaannis waliin dhufee Qulqulluu Phaawuloos fi Barnaabaas waliin Iyyerusaaleemitti wal argan.

Sana boodas tokkummaadhaan Subaa'ee qabatanii erga turan booda Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos warreen du'an kaasee, warreen jiran waamee Qulqulloota Duuka Bu'oota biyya Filiiphisiyuusitti walitti qabee «Maqaa haadha koo Dubroo Maariyaamiitiin qarqaraa Addunyaatii hanga qarqaraatti Mana Kiristaanaa hojjetamu isinittin agarsiisa, Sirna kanas isin barsiisuuf walitti isin qabeera» jedhee gara Bahaatti isaan qabatee bahe. Iddoo sanattis kan turan dhagaawwan sadi iddoo wal irraa fagaatanii jiranii walitti dhiyeessee, isaan xixiqqoo guddisee hojjaa isaa 24, gadee isaa ciqilee 12 safaree Qulqulloota Duuka Bu'ootaaf kenne.

Kana boodas Qulqulloonni Duuka Bu'oonni Ibidda yeroo argatu akka lalisuuf, Dhagaan sun harka isaanii irratti bocamaa gamoo Mana Kiristaanaa ijaaranii raawwataniiru. Gamoon Mana Kiristaanaa kunis kan ijaarame Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba'e booda waggaa 14ffaa isaatti, Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga ol baate booda waggaa 4ffaa isaatti Waxabajjii 20 yoo ta'u, guyyaa 21 ffaatti (Mootummaa isaatti) ykn gaafa Waxabajjii 21 Habistii Samii irraa fi Xoofoon Samii irraa gara Mana Kiristaanaa kanaatti bu'e. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin Samii Samii irraa dhufee Taabota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Duuka Bu'oota taajajiltoota taasisee, inni akka Luba tokkooffaatti ta'ee Qaddasee ykn Qulqulleessee erga isaan qorrobsiise booda «እምይእዜሰ አንትሙኒ ከመዝ ግበሩ» ykn «Har'a irraa kaasee isinis akkas taasisaa!» jedhee isaan ajajee kabajaa fi galataan gara Samiitti ol ba'eera.

Seenaan kun fakkeenyota hedduu qaba.

Kunis :- hojjaan ykn dheerinni gamoo Mana Kiristaanaa sanaa fakkeenya Raajota bara Moototaa turan 24 ti, tokkos fakkeenya Luboota digdami Arfan Samii yoo ta'u, gadeen isaa ammoo fakkeenya Duuka Bu'oota kudha lamaaniiti.

Dhagaawwan sun sadeen fakkeenya Sadummaa Sillaasee yoo ta'an, jalaa haalli taa'imsa isaanii sadi, gubbaa irraa Gamoon isaanii tokko ta'uun isaa ammoo Sadummaa fi Tokkummaa Sillaasee agarsiisa. Gamoo kana kan hojjetanis ykn kan ijaaranis kutaa sadi taasisanii yoo ta'u, kunis inni jalqabaa fakkeenya Taabota Addaam, inni lammaffaa fakkeenya Taabota Musee fi inni sadaffaan ammoo fakkeenya Taabota Iyyesuus Kiristoosidha. Lammaffaas fakkeenya Addunyaawwan sadanii jechuunis inni jalqabaa Tsirhaa Ariyaam, inni lammaffaa Iyyoor fi inni sadaffaan fakkeenya Hawaati.

Tokkos inni jalqabaa fakkeenya Erer, inni lammaffaa fakkeenya Raamaa fi inni sadaffaan fakkeenya Iyyooridha. 

→ Ereritti :- Ergamoonni, Aanga'oonni, Abbootiin (Liqaanaat) 
→ Raamaatti :- Silxaanaatiin, Manaabirt, Arbaab 
→ Iyyooritti :- Hayilaat, Kiruubeel, Suraafeel ni jiraatu.

Qomoowwan Ergamootaa kunneen saglan fakkeenya aangoowwan Mana Kiristaanaa saglan yoo ta'aan (Aangoowwan Lubummaa) kunneenis;

• Ergamoonni fakkeenya Faarfattootaa
• Mekwaanintoonni fakkeenya Anaagunisxiinoosotaa
• Liqaanaat fakkeenya Diyaaqonii lammaffaa
• Silxaanaat fakkeenya Diyaaqonootaa
• Manaabirt fakkeenya Lubootaa
• Arbaab fakkeenya Qomoosootaa
• Hayilaat fakkeenya Ephis Qophoosotaa
• Suraafeel fakkeenya Phaaphaasotaa
• Kiruubeel fakkeenya Hangafa Phaaphaasotaati.

Kunis lafa irratti kan jiraatan ijoolleen Addaam Qulqullootaan ala gara oliitti ykn gara Samiitti ba'uun kan isaaniif akka hin danda'aamne, Faarfattoota irraa kaasee hanga Phaaphaasotaati Luboonni jiranis aangoowwan isaanii ol jiran hojjechuu ykn raawwachuun akka isaaniif hin danda'aamne ni gaafata ykn ni ibsa. Akkuma kana Ergamoonni Samii irra jiraatan gadi bu'uun akkuma isaaniif danda'aamu Hangafoonni Phaaphaasotaas ergama Luboota isaanii gadi jiranii raawwachuun ykn hojjechuun akka isaaniif danda'aamu ibsa ykn hubachiisa.

Tsirhaa Ariyaamitti Teessoon ykn Manbariin Ifaa, Taabonni Ifaa, Golgi Ifaa akkasumas teessoo isaa kan baatan Bineensonni Arfan, Teessoo isaa kan ulan Luboonni Digdami Arfan Samii Ergamoonni ni jiru.

• Tsirhaa Ariyaam fakkeenya Maqdasii
Teessoon ykn Manbariin Ifaa fakkeenya Teessoo ykn Manbarii

• Golgi Mana Qulqullummaa sanaa, Tsewerte Manbariin Arfan fakkeenya Hangafoota Phaaphaasotaa Arfan ykn miila teessoo ykn Manbarii 

• Teessoo isaa kan ulan Digdami Arfan fakkeenya Phaaphaasotaa ykn fakkeenya Ephis Qophoosotaati.

Araarsummaa fi Eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments