Subscribe To Our YouTube Channel

Meeshaalee Qulqullaa'oo | Kutaa 6ffaa

Meeshaalee Qulqullaa'oo


Kutaa 6ffaa


Seensa :- akkuma yeroo darbe ilaalle, Koorsii «Meeshaalee Qulqullaa'oo» jedhu kana jalatti :- maalummaa, hiikoo, fakkeenya fi iccitii Meeshaalee Qulqullaa'oo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti tajaajila garaa garaatiif itti fayyadamnuu ilaallaa turreerra. Ammas kutaa 6ffaa isaa isiniif qabannee dhiyaanneerra, kutaalee darban shanan dubbisuun gara kutaa kanaatti darbaa, dubbisa gaarii!


2. Uffata Taabotaa


Uffanni Taabotaa uffata bareedaa irraa kan hojjetamu fi faaya kan qabudha. Taabonni kan ittiin kabajamu fi Taabotatti kan uffifamudha.

2.1 Maggonaatsafiyaa «መጎናጸፊያ»

Kuni ammoo Manbariin kan uffatu ta'ee, yeroo kabaja Ayyaana waggaa yeroo Taabonni bahu kan uffatudha.

2.2 Qatsalaa «ቀጸላ»

Taabonni sun Maggonaatsafiyaa erga uffate booda uffata gubbaa irraan itti uffifamudha.

3. Golgaa «መጋረጃ» ykn «መንጦላዕት»


Uffata gaarii irraa bifa faaya qabuun kan hojjetamu ykn qophaa'u yoo ta'u, karaa balbala Maqdasii sadan irrattiyyuu kan fannifamudha. Tajaajilli isaaniis kabaja Maqdasii sanaaf kan kennanidha.

Akkaataa fayyadama isaa :- yeroo sirna Qiddaaseetti Aarsaa Beetaliheem irraa gara Maqdasiitti qabatanii erga seenan booda ni cuufama, «አሐዱ አብ» akkuma jedhameen, Diyaaqoniin «ስገዱ» jedhee «ፍትሐት ዘወልድ» dursee ni banama. Diyaaqonii inni tokkoffaan «Jecha Lubaa kanaa kan salphise, kan tuffate.....» yeroo jedhu ni cufama. Diyaaqonii inni lammaffaan «መኳንንት በሩን ከፈቱ» yeroo jedhu ni banama. Diyaaqoniin «Gaabbii keessa kan jirtan mataa keessan gadi qabaa» jedhee sana boodas «Kadhannaadhaaf ka'aa!» erga jedheen booda Lubichi «Nagaan hunda keesaniif haa ta'u» akkuma jedheen ni cufama. 

 Akkasumas «ጸልዩ በእንቲአነ» jechuuf yeroo ba'u ni banama, Lubichi «ኃዳፌ ነፍስ» kadhannaa jedhu yeroo xumuru ni cufama. Diyaaqoniin «አድንኑ» jechuu isaatiin dura ni banama. 

Iccitii isaa :- Golgaan fakkeenya Kiruubeel dha. Golgaan iddoo lamatti kan qoodame ta'uun isaa Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo fannifametti Golgaan Mana Qulqullummaa gubbaa irraa hanga jalaatti iddoo lamatti qoodamuu isaatiif fakkeenya. Akkasumas fakkeenya foonii fi lubbuuti.

Ba'uu 26:7-10, 26:31-34, 36:35-38, Ibr. 6:19, 10:20, HDB. 10:11, 11:5

4. Afaa «ምንጣፍ»


Afaan uffata ykn kirrii irraa kan qophaa'u yoo ta'u, Afaan kun kan lafa irratti afamu yoo ta'e si'ilii ykn fakkii kamiyyuu ofirraa qabaachuu hin qabu. Tarii fakkii qulqulla'aa Qulqullootaa yoo ofirraa qabaate keenyaa ykn girgiddaa Mana Qulqullummaa irratti kabajaan akka ka'aamu malee lafa irratti afamee irra ejjetamuu hin qabu. 

Iccitii isaa :- guyyaa Hoosaa'inaatti Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Harree irra taa'ee yeroo deemu baala Meexxii ykn Zanbaabaa fi uffata isaanii baasanii kan isaaf hafan yaadachuufi. 

Inni kan biraa ammoo Israa'eeloonni gufuu fi qoreen akka isaan hin arganneef Duumessa ifaa isaaniif hafee isaan dursuu isaa kan yaadachiisudha.

5. Dibaabee ykn Dibaab «ጥላ ፥ ጸለላ»


Utubaan isaa sibiila ykn muka irraa hojjetamuu kan danda'u yoo ta'u, uffanni inni irraa hojjetamu ammoo kabajamaa fi bifa warqee kan qabudha.

Yeroo Taabonni Waaqayyoo bahutti ykn yeroo kabajamutti Dibaabeen ykn Xilaan ni diriirfama. Yeroo sirna Qiddaaseetti Dibaabeen ykn Xilaan tajaajila qaba. Kunis Wangeelli yeroo dubbifamu, Qulqulluu Qurbaannii Beetaliheemii gara Maqdasiitti yeroo dhufu, Fannoo qabatanii Maa'ixantiidhaaf yeroo ba'an ni fayyadamu, akkasumas wanti kana fakkaataniif ni fayyadamu.

Iccitii isaa :- Museen Taabota Kakuu Waaqayyoo yeroo fudhatu fakkeenya Duumessa isa golgeeti.

6. Gimjaa «ግምጃ»


Warqazaboo fi Harrii garaa garaa irraa kan hojjetamu yoo ta'u, tajaajilli isaas Kitaabolee Qulqullaa'oo ittiin uffisuuf, akkasumas Meeshaalee Qulqullaa'oo kanneen birootti uffisuuf fayyada. 

7. Mahaadarii «ማህደር»


Gogaa irraa kan hojjetamu ta'ee Kitaabolee Qulqullaa'oon kan keessa ka'aamanidha. Yeroo qophaa'us qaamni isaa guutuun fi rarraatoon isaa gogaa irraa ta'uu qaba. 

Iccitii isaa :- Mahaadariin fakkeenya haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments