Subscribe To Our YouTube Channel

Iddoo Aarsaa Baroota Arfanitti | Kutaa 1ffaa

Iddoo Aarsaa itti Aarsan Baroota Arfanitti


Kutaa 1ffaa



Afaan Amaariffaa ykn Afaan Gi'iiziitiin «መካነ ምሥዋዕ» jechuun «Iddoo ykn bakka itti aarsaa dhiyeessan, bultoo aarsaa, iddoo aarsaan ka'aamu, iddoo aarsaan itti kuufamu ykn iddoo aarsaan itti walitti qabamu» jechuudha. Abbootiin bara Kakuu Moofaa Waaqayyoof aarsaa kan dhiyeessan, maqaa Waaqayyoo kan itti waaman, isa irraa jecha kan itti dhageeffatanii fi eebba kan itti argatan bakka addaa jechuudha. Yaa'iqoobis hirriba isaatii ka'ee «Dhugumatti Waaqayyo iddoo kana jira ani si hin beekun ture» jedhe ni sodaate, akkasis jedhe «Bakki kun akkam nama sodaachisa? kunimmaa mandara Samiiti!» Uma. 28:16-17. Kakuu Moofaa yeroo jennus bara Dhaloota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dura jiru jechuu keenya yoo ta'u barri kunis iddoo afuritti qoodama, isaanis;

   ★ Bara Abbootii
   ★ Bara Abbootii Firdii 
   ★ Bara Moototaa
   ★ Bara Lubootaa jedhamu. 

Baroota kanatti aarsaan namoota garaa garaatiin, yeroo garaa garaatti, bakka garaa garaatti ni dhiyaata ture.

1. Bara Abbootii (ዘመነ አበው)


Bara Abbootii keessa namoonni turan ykn Abbootiin turan seera barreeffamee lafa jiruun osoo hin taane seera lapheetiin durfamu ture. Kana jechuunis Tiwufiitiidhaan abbootii isaanii irraa kan dhaga'aanii fi wanta gaarii ykn qajeelaa laphee isaanii irraa maddisiisaniin ykn burqisiisaniin Waaqayyo Waaqeffatu ture. Barri kun Addaam irraa kaasee hanga Museetti ykn hanga seerri itti hojjetameetti kan jiru ykn bara kana gidduu jiru yoo ta'u, barri isaas hanga bara Addunyaa 3878 tti kan turedha. Yeroo kanattis namni aarsaa Waaqayyoof nan dhiyeessa yeroo jedhetti bakka filatee ykn Waaqayyo filatee aarsaa isaa dhiyeessa ture. 

Abbootii kanneen keessaas adda dureen ykn warreen dursa irratti caqasaman;

✓ Nooh tulluu Araaraat irratti,
✓ Abrahaam Seekeemitti, Keebroonitti, Mooriyaatti,
✓ Yisihaaq «Azeqta Mahallaatti»
✓ Yaa'iqoob Seeloomitti, Beeteelitti iddoo aarsaa hojjetanii aarsaa akka dhiyeessan ni hubanna. Uma. 8:7-20, 12:6-7, 13:18, 22:9, 26:25, 33:20, 35:1. Barri Abbootii kunis seerri barreeffame ykn qajeelfamni kan keessa hin jirre ykn kan hin qabne (Hangamiyyuu Kitaaboleen Heenook bara Addunyaa 1486 tti fi Kitaabni Iyyoob bara Addunyaa 3650 tti barreeffamaniyyuu seera ta'aanii hanga hin hojjetamnetti) namoonni Waaqayyo seera uumamaatiin qofa beekanii kan isa Waaqeffatanii fi bara itti isa tajaajilan ture.

Seera Uumamaa 15:9-12 irratti «Sa'a waggaa sadii, Re'ee waggaa sadiis, Hoolaa waggaa sadiis Gugees fidi! isaan kana hunda fidiitii iddoo lama lamatti muri! Simbirroota garuu hin muriin!» kan jedhu hiikoon isaa :- 

→ Saawwan Abbootii fi Raajota duriitiin fakkeeffamu, waggoota sadi kan jedhaman ;
    Addaam irraa kaasee hanga Noohitti, 
    Nooh irraa kaasee hanga Museetti,
    Musee irraa kaasee dhufaatii Kiristoositti bara jirudha.

→ Hoolonni Duuka Bu'ootaan fakkeeffamu, Re'oonni ammoo Wareegamootaan fakkeeffamu. Akkuma isaan muraman wareegamtoonnis Sayifiidhaan muramu waan ta'eef, 

→Bullaallaa fi Gugeen ammoo Yooseef fi Niqoodimoosiin fakkeeffamu, isaan akkuma gargar hin baane Yooseef fi Niqoodimoosis araara Waaqayyoo irraa adda hin baane waan ta'eef.

→ Abrahaam fakkeenya Kiristoosidha. «Aduun yeroo lixxetti Abrahaam naasuun itti dhufe» kan jedhe guyyaa Kamisaa naasuu Kiristoos irratti dhufeen hiikama. «Ni sodaate, deebisees ni kadhate, dafqi isaas lafa irratti akka copha dhiigaa bu'uu ta'e!» akkuma jedhu Luq. 22:44.

2. Bara Abbootii Firdii (ዘመነ መሳፍንት)


Barri Abbootii Firdii kun ammoo bara Musee irraa kaasee hanga bara Saa'oolitti kan jiru yoo ta'u, Israa'eelitti mootiin moo'uu isaatiin dura biyyattii fi uummata weerara diinaa irraa eeguuf afuurri Waaqayyoo kan irra bule ykn namni afuurri Waaqayyoo irra bule Abbaa Firdii ykn «መስፍን» ta'ee ka'a ture. Iyyaasuun erga du'e booda Israa'eeloonni Waaqayyo Waaqeffachuu irraa gara Xaa'otii Waaqeffachuutti, hojii gaarii ykn hojii qajeelaa hojjechuu irraa gara cubbuu hojjechuutti deemanii yeroo argaman Waaqayyo fuulduratti hojii badaa yeroo hojjetan Ahizaabota naannoo isaanii jiraniif dabarsee isaan kenne ykn harka Ahizaabota naannawaa isaanii jiraniitti dabarsee isaan kenna ture. Kanas kan taasisuuf isaan jibbeef haaloo isaan irratti ba'uuf fi dachee irraa isaan balleessuuf osoo hin taane araarri isaa baay'ee, obsi isaa hedduu ta'uu isaa irraa kan ka'e waa'ee cimina jaalala isaatiifi. Dursee karaa Museetiin «Ahizaabonni naannoo keessan jiran kan Waaqeffatan Waaqolii biroo hin hordofiinaa! Waaqni gidduu keessan jiru Waaqa inaafaadha waan ta'eef, dheekkamsi Waaqa keetii akka sirratti hin buuneef lafa irraas akka si hin balleessineef of eeggadhu!» Seera Keessa Deebii 6:14 jedhee akkuma dubbate seera isaa, ajaja isaa keessaa yeroo ba'an baay'ina diinota isaanii, cimina gidiraa sanaa sodaatanii, rifatanii, gaabbanii akka deebi'aniif abbaan mucaa isaatti akkuma dheekkamu, akkuma gorsu, Ahizaabota itti kaasaa isaanitti dheekkama ykn isaan gorsa.

Abbootii Firdii ciccimoo kanneen akka Baarq, Yooftaahee, Geedewoon, Soomsoon fa'a kaasee diinota isaanii balleessee mana garbummaa ykn Ahizaabotaan bitamuu jalaa bilisa isaan baasee isa bulcha ture. Barri kun Musee irraa kaasee hanga Daawwititti kan jiru yoo ta'u, walitti qabamee yeroo lakka'aamus waggaa 569 ta'a. Bara Addunyaa 3878 irraa kaasee hanga Bara Addunyaa 4447 tti kan jiru jechuu dha. 

Bara kana keessatti hangamiyyuu seerri Oriitii hojjetamtuyyuu, Dunkaana Oriitii malee Manni Qulqullummaa ganaa hin ijaaramne waan tureef Seeraan ala kan jiru jechuunis galataaf, gammachuudhaaf, abdiidhaaf kan dhiyeessan akka bara Abbootiitti Waaqayyo fi Ergamoonni Waaqayyoo ibsamanii ykn iddoo isaan itti ibsaman hundatti Aarsaa ni dhiyeessu ture. Isaan kana keessaas;

♣ Uummanni Israa'eel Qalaawutimoonoositti, Abbootii Firdii 2:5
♣ Geedewoon Efraataa keessatti kan argamtu muka jalatti, Abbootii Firdii 6:24
♣ Abbaan Soomsoon Maanuheen Sooraah fi Istaaheel keessatti bakka qonnaa argamtutti, Abbootii Firdii 13:19
♣ Uummanni Israa'eel Beeteelitti, 
♣ Saamu'eel Maseefaatti, 1 Saam. 7:9
♣ Namoonni Beetsaamiis Beeta Saamiisitti, 1 Saam. 6:15
♣ Uummanni Israa'eel lafa ol ka'aa Baamaatti, Geelgelaatti aarsaa ni dhiyeessu ture. 1 Saam. 11:14, 9:12, 11:14.

Akkasumas «Bara sanatti Israa'eel biratti ykn Israa'eel irratti Mootiin hin turre, namni hundi fuuldura isaatti wanta gaarii ta'ee isatti mul'ate ni taasisa ture» Abbootii Firdii 21:25.

Kutaa itti aanutti iddoo aarsaa Bara Moototaa fi Bara Lubootaatti ni ilaalla!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Kitaaba «ኅብረ ሥርዓት ዘቤተ ክርስቲያን ኦርቶዶክሳዊት»

Post a Comment

0 Comments