Subscribe To Our YouTube Channel

Sirna Mana Kiristaanaa | Kutaa 1ffaa | Akkaataa Ijaarsa Mana Kiristaanaa

Sirna Mana Kiristaanaa


Kutaa 1ffaa


Seensa :- Mata duree «Sirna Mana Kiristaanaa» ykn «ስርዓተ ቤተ ክርስቲያን» jedhu kana jalatti waa'ee Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kan waliin ilaallu ni ta'a, isinis Koorsii kutaa kutaa dhiyaatu kana dubbisaa, akkasumas guyyaa guyyaadhaan kan kutaa kutaadhaan gadhiifamu ta'a, hiriyoota keessaniifis qoodaa!


Akkaataa Ijaarsaa fi hundeeffama Mana Kiristaanaa


1. Eeyyama Hojii Mana Kiristaanaa


Mana Kiristaanaa ijaaruuf yeroo barbaadamu Ephis Qophoosii ykn Phaaphaasii kutaa lallabaa sana eyyamsiisuun barbaachisaadha. Eeyyama Ephis Qophoosii ykn Phaaphaasiin ala Manni Kiristaanaa hin ijaaramu. (Fitihaa Negest Keeyyata 1, lakk. 3.)

2. Karoora Hojii Mana Kiristaanaa ykn Pilaanii


Manni Kiristaanaa yeroo ijaaramu kutaalee sadi jechuunis :- Maqdasii, Qulqulleettii fi Qinee Maahileet kan qabu ta'eetu, akkaataan ijaarsa Mana Kiristaanaa ykn gamoo Mana Kiristaanaa bu'uura Sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin sadidha.

♦ Isaan kana keessaas inni tokko akka boca Mana Qulqullummaa ykn Mikuraabii Kakuu Moofaatti boca «molaalaa» ykn «ሰቀላ» kan qabudha. Manni Kiristaanaa Boca kanaa kan dhaalame ykn kan irraa fudhatame Mana Qulqullummaa Solomoon irraa fi boodarras bara Kiristaanummaan babal'achuu jalqabetti Mootiin Qosxanxiinoos fi haati isaa Mootittii Illeeniin Manneen Kiristaanaa Iyyerusaaleemitti fi Beetaliheemitti hojjechiisan irraa kan fudhatamedha. 

Fakkeenyaaf :- Atsee Yohaannis 4ffaan kan ijaarsisan Manni Kiristaanaa Dabra Libaanoos Boca saqalaa kan qabu ta'ee Gullilaatii 18 kan qabu akka ture ni himama. Manni Kiristaanaa boca saqalaa tiin ijaaramu baay'inni balbala isaa kan murtaa'e miti, jechuunis sadi ykn afur ykn isaa olis ta'uu danda'a.

♦ Bocni Mana Kiristaanaa inni lammaffaan ammoo naannawaan isaa geengoodha. Kunis maqaa biraa «ቤተንጉሥ ቅርፅ» jedhamuunis ni waamama. Keenyaadhaan iddoo saditti qoodama, isaanis naannawaan inni jalqabaa Qinee Maahileetii jedhama, moggaasni isaas hojii ykn tajaajila inni kennu irraa kan argamedha. Faarfattoonni ykn Margeetonni fa'a galata Waaqayyoo, Maahileetii kan keessatti dhiyeessanidha. Kutaa Inni lammaffaan ammoo Qiddist ykn Qulqulleettii kan jedhamu yoo ta'u, Teessoon ykn Manbariin Ephis Qophoosii kana keessadha, Kiristaanonni Foonii fi dhiiga isaatiif ykn Qurbaanaaf qopha'aan iddoo dhaabbatanii Qaddasiinanidha. Kutaa inni sadaffaan ammoo Maqdasii kan jedhamu yoo ta'u kunis iddoo Foonii fi dhiigni isaa itti taa'u, Teessoon Taabotaa fi Meeshaaleen Qulqullaa'oo kanneen biroon iddoo ta'aanidha.

♦ Bocni Manni Kiristaanaa ittiin ijaaramu inni sadaffaan ammoo Holqa ykn «ዋሻ» jedhamuun beekama. Manni Kiristaanaa boca kanaa balballi isaa tokko qofa, Mana Kiristaanaa boca akkasii qabu keessatti Maqdasiin, Qinee Maahileetii fi Qulqulleettiin kan ittiin gargar ba'aan golgaadhaani. Manneen Kiristaanaa Laalibalaan ijaarsise keessaa isaan tokko tokko boca kana qabu. Manni Kiristaanaa boca holqaa qabu Gullilaatii kan hin qabnee fi balbala tokko tokko qofaa kan qabudha.

Amma ammoo hojii ykn akkaataa ijaarsa Mana Kiristaanaatiif fakkeenya kan ta'aan fi hiika isaan kennan haa ilaallu. 

→ Balbaloonni Mana Kiristaanaa sadi ta'uun isaanii fakkeenya Sillaaseeti, akkasumas kutaalee sadi ta'uun isaa ammoo fakkeenya Samiiwwan sadanii (magaalaa Ergamootaa) ti. Magaalaa Ergamootaa kan jedhaman Iyyoor, Raamaa fi Erer dha. 

→ Inni lammaffaan ammoo fakkeenya aangoowwan Lubummaa sadaniiti, isaanis Diqunnaa, Lubummaa fi Ephis Qophoosummaadha. 

Manni Kiristaanaa yeroo ijaaramtu utubaawwan hedduu kan qabdu ta'ee ijaarama. Utubaawwan Mana Kiristaanaa keessaa fi alatti argaman fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti. Manni Kiristaanaa luboota qabdi, Luboonni kunneenis fakkeenya Ergamoota Waaqayyooti. 

3. Qiddaasee Mana Kiristaanaa


Ephis Qophoosiin Qiddaasee Mana Kiristaanaa yeroo taasisutti isa waliin akka tajaajilan ykn akka gargaaran Luboonni akka argaman ajajamaniiru. 

Ephis Qophoosiin Mana Kiristaanaa fi Taaboota yeroo eebbisu mallattoo ykn chaappaa Waaqayyoo kan ta'e dibata Meeroonii isa diba. 

Manni Kiristaanaa guyyaa itti eebbifametti keessa isaatti ni Qaddasama ykn Sirni Qiddaasee keessatti ni gaggeeffama. Manni Kiristaanaa yeroo eebbifamu Wangeelli Yohaannis Taabota irratti ykn Taabota bukkee ykn Taabota cinaatti ni dubbifama. 

Ephis Qophoosiin osoo hin dhufiin, Lubootaa fi Diyaaqonoonni osoo walitti hin qabamiin Qiddaaseen Mana Kiristaanaa hin gaggeeffamu. (Fitihaa Negest Keeyyata 1)

4. Akkaataa Qophii Tsillaatii


Seera Oriitii ykn bara Oriitii keessatti Taabota jedhamuun kan beekamu ykn jedhamee kan waamamu bultoo Tsillaatiiti. Ba'uu. 40:20-21, Faaruu. 131:8, 2 Qor. 6:16, Ibr. 9:4, Mul. 11:19.

Tsillaatii kan jedhamu ammoo Waaqayyo Museedhaaf dursee Abboommiiwwan kurnan irratti barreessee harka isaatiin kan itti kenne jechi isaa irratti barreeffamee kan argamu ibna baradii irraa kan bocamedha. Ba'uu.  31:18, 24:12-25, 10:22. Kuni sirna Kakuu Moofaa keessa turedha.

Kana boodas Tsillaatii irratti «አልፋ ወኦ ፥ ቤጣ የውጣ » kan jedhu maqaan gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irratti barreeffama ykn irratti bocama, gubbaa irraa Si'iliin Sillaasee, itti aansee Si'iliin Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos itti haammattee jirtu ykn «ምስለ ፍቁረ ወልዳ», Si'ilii Yohaannis Wangeelaawwii akkasumas Si'iliin Qulqulluu ykn Wareegamaa yaadannoo Manni Qulqullummaa sun ittiin moggaafamee irra ni ka'aama, maqaan isaa ni barreeffama.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda :- Kitaaba «ሥርዓተ ቤተ ክርስቲያን» Hangafa Lubootaa Kinfa Gabri'eel Altaayyeetiin

Post a Comment

0 Comments